< Zabura 27 >
1 Ta Dawuda. Ubangiji ne haskena da cetona, wa zan ji tsoro? Ubangiji ne mafakar raina, wane ne zan ji tsoro?
Faarfannaa Daawit. Waaqayyo ibsaa kootii fi fayyina koo ti; ani eenyunan sodaadha? Waaqayyo daʼoo jireenya kootii ti; eenyutu na sodaachisa?
2 Sa’ad da mugaye suka tasar mini don su cinye ni, sa’ad da abokan gābana da maƙiyina suka kawo mini hari, sun yi tuntuɓe suka fāɗi.
Namoonni hamoon yommuu foon koo nyaachuudhaaf natti dhufan, diinonni koo fi amajaajonni koo yommuu na miidhuuf natti kaʼan, gufatanii kufu.
3 Ko da yake mayaƙa sun kewaye ni, zuciyata ba za tă ji tsoro ba; ko da yake ya ɓarke a kaina, duk da haka zan ƙarfafa.
Yoo duulli na marse illee, garaan koo hin sodaatu; yoo waraanni natti baname illee ani hin raafamu.
4 Abu guda na roƙi Ubangiji, wannan shi ne na nema, cewa in zauna a gidan Ubangiji dukan kwanakin raina, in dubi kyan Ubangiji in kuma neme shi a cikin haikalinsa.
Ani waan tokko Waaqayyoon nan kadhadha; waan kanas nan barbaada: Kunis bara jireenya kootii guutuu mana Waaqayyoo keessa jiraachuu, miidhagina Waaqayyoo ilaaluu fi mana qulqullummaa isaa keessatti isa kadhachuu dha.
5 Gama a lokacin wahala, zai kiyaye ni lafiya a wurin zamansa; zai ɓoye ni cikin inuwar tabanakul nasa ya kuma sa ni can a bisa dutse.
Inni guyyaa rakkinaa iddoo ofii jiraatu na kaaʼataatii; daʼoo dunkaana isaa jala na dhoksa; kattaa gubbaattis ol na baasa.
6 Sa’an nan kaina zai ɗaukaka a bisa abokan gābana waɗanda suka kewaye ni; a tabanakul nasa zan miƙa hadaya da sowa ta farin ciki; zan rera in kuma yi kiɗi ga Ubangiji.
Yommus diinota na marsanii olitti mataan koo ol jedha; dunkaana isaa keessatti illee ililleedhaan aarsaa nan dhiʼeessa; Waaqayyoof nan faarfadha; nan weeddisas.
7 Ka ji muryata sa’ad da na yi kira, ya Ubangiji; ka yi mini jinƙai ka kuma amsa mini.
Yaa Waaqayyo, yommuu ani si waammadhu, sagalee koo dhagaʼi; naaf araarami; deebiis naaf kenni.
8 Zuciyata kan faɗa game da kai, “Nemi fuskarsa!” Fuskarka, Ubangiji, zan nema.
Yommuu ati, “Fuula koo barbaadaa!” jettetti, garaan koo, “Yaa Waaqayyo, ani fuula kee nan barbaada” siin jedha.
9 Kada ka ɓoye fuskarka daga gare ni, kada ka kore bawanka daga gare ka cikin fushi; kai ne ka kasance mai taimakona. Kada ka ƙi ni ko ka yashe ni, Ya Allah Mai cetona.
Fuula kee na duraa hin dhoksin; aartee tajaajilaa kee of irraa hin deebisin; ati gargaaraa koo taateerta. Yaa Waaqayyo, Fayyisaa ko, na hin gatin; na hin dhiisinis.
10 Ko da mahaifina da mahaifiyata sun yashe ni, Ubangiji zai karɓe ni.
Yoo abbaan kootii fi haati koo na dhiisan illee, Waaqayyo na simata.
11 Ka koya mini hanyarka, ya Ubangiji; ka bi da ni a miƙaƙƙiyar hanya saboda masu danne ni.
Yaa Waaqayyo, karaa kee na barsiisi; sababii ani diinota baayʼee qabuuf daandii qajeelaa irra na buusi.
12 Kada ka ba da ni da sha’awar maƙiyina, gama masu shaidar ƙarya sun taso a kaina, suna numfasa tashin hankali.
Fedhii diinota kootiitti dabarsitee na hin kennin; dhuga baatonni sobduun narratti kaʼaniiruutii; isaanis hafuura jalʼinaa baafatu.
13 Har yanzu ina da ƙarfin gwiwa a wannan cewa zan ga alherin Ubangiji; a ƙasar masu rai.
Anis biyya jiraattotaa keessatti gaarummaa Waaqayyoo akkan argu amma iyyuu nan amana.
14 Ka dogara ga Ubangiji, ka yi ƙarfin hali ka yi ƙarfin zuciya ka kuma dogara ga Ubangiji.
Waaqayyoon eeggadhu; cimi; jabaadhus; Waaqayyoon eeggadhu.