< Zabura 18 >

1 Don mai bi da kaɗe-kaɗe. Ta Dawuda bawan Ubangiji. Ya rera ta ga Ubangiji kalmomin wannan waƙa sa’ad da Ubangiji ya cece shi daga hannun dukan abokan gābansa da kuma daga hannun Shawulu, ya ce, Ina ƙaunarka, ya Ubangiji, ƙarfina.
Dura Buʼaa Faarfattootaatiif. Faarfannaa Daawit garbicha Waaqayyoo; innis yommuu Waaqayyo harka diinota isaa hundaa fi harka Saaʼol jalaa isa baasetti dubbii faarfannaa kana Waaqayyoof faarfate. Innis akkana jedhe: Yaa Waaqayyo jabina ko, ani sin jaalladha.
2 Ubangiji shi ne dutsena, kagarata da kuma mai cetona; Allahna shi ne dutsena, a gare shi nake neman mafaka. Shi ne garkuwata da ƙahon cetona, mafakata.
Waaqayyo kattaa koo, daʼannoo kootii fi oolchaa koo ti; Waaqni koo kattaa koo kan ani kooluu itti galuu dha; inni gaachana kootii fi gaanfa fayyina koo ti; daʼannoo koo cimaa dha.
3 Na kira ga Ubangiji, wanda ya cancanci yabo, na kuwa kuɓuta daga abokan gābana.
Ani Waaqayyo galanni isaaf malu sana nan waammadha; diinota koo jalaas nan baraarama.
4 Igiyoyin mutuwa sun shaƙe ni; rigyawan hallaka sun sha kaina.
Funyoon duʼaa na xaxe; lolaan badiisaas na liqimseera.
5 Igiyoyin mutuwa sun nannaɗe kewaye da ni; tarkon mutuwa ya yi mini arangama. (Sheol h7585)
Funyoon siiʼool natti marame; kiyyoon duʼaas natti dhufe. (Sheol h7585)
6 Cikin wahalata na yi kira ga Ubangiji; Na yi kuka ga Allahna don taimako. A Haikalinsa ya ji muryata, Kukana na neman taimako ya kai kunnensa.
Ani dhiphina koo keessatti Waaqayyoon nan waammadhe; gargaarsaafis Waaqa kootti nan iyyadhe. Innis mana qulqullummaa isaatii sagalee koo dhagaʼe; iyyi koos gurra isaa seene.
7 Ƙasa ta yi rawa ta kuma girgiza, tussan duwatsu sun girgiza; sun yi rawa domin ya yi fushi.
Lafti ni hollatte; ni sochootes; hundeewwan tulluuwwaniis ni raafaman; sababii inni dheekkameefis isaan ni hollatan.
8 Hayaƙi ya tashi daga kafan hancinsa; wuta mai ci daga bakinsa, garwashi wuta mai ci daga bakinsa.
Aarri funyaan isaatii ol baʼe; ibiddi waa barbadeessu afaan isaatii baʼe; cileen bobaʼus afaan isaatii baʼe.
9 Ya buɗe sammai ya sauko; baƙaƙen gizagizai suna a ƙarƙashin ƙafafunsa.
Inni samiiwwan tarsaasee gad buʼe; duumessoonni gurraachis miilla isaa jala turan.
10 Ya hau kerubobi ya kuma yi firiya; ya yi shawagi a fikafikan iska.
Inni kiirubeelin yaabbatee barrise; qoochoo qilleensaatiinis ol baʼe.
11 Ya mai da duhu abin rufuwarsa, rumfa kewaye da shi, baƙaƙen gizagizan ruwan sama na sarari,
Inni dukkana haguuggii isaa, duumessa samii kan bokkaadhaan dukkanaaʼe immoo godoo isaa godhate.
12 daga cikin hasken kasancewarsa gizagizai suka yi gaba, da ƙanƙara da kuma walƙiya.
Ifa fuula isaa keessaas duumessi dhagaa cabbiitii fi bakakkaadhaan tarsaasee baʼe.
13 Ubangiji ya yi tsawa daga sama; muryar Mafi Ɗaukaka ya yi kāra.
Waaqayyo samiidhaa ni qaqawweessaʼe; sagaleen Waaqa Waan Hundaa Oliis ni dhagaʼame.
14 Ya harba kibiyoyinsa ya kuma watsar da abokan gāba, walƙiya mai girma ya fafare su.
Inni xiyya isaa darbatee diinota bittinneesse; bakakkaas gad dhiisee isaan fixe.
15 Kwarin teku sun bayyana tussan duniya sun bayyana a fili sa’ad da ka tsawata, ya Ubangiji, sa’ad da ka numfasa daga hancinka.
Yaa Waaqayyo, dheekkamsa keetiin, humna hafuura funyaan keetii baʼuutiinis, sululawwan galaanaa ifatti baafaman; hundeewwan lafaas qullaa hafan.
16 Ya miƙa hannunsa daga sama ya kama ni; ya ja ni daga zurfin ruwaye.
Inni ol gubbaadhaa gad hiixatee na qabe; bishaanota gad fagoo keessaas na baase.
17 Ya cece ni daga abokin gābana mai ƙarfi, daga abokan gābana, waɗanda suka fi ƙarfina.
Inni diina koo isa jabaa jalaa, amajaajota koo warra akka malee natti ciman jalaas na baase.
18 Sun yi arangama da ni a ranar masifa, amma Ubangiji ya zama mai taimakona.
Isaan guyyaa rakkina kootti natti dhufan; Waaqayyo garuu gargaarsa koo ture.
19 Ya fitar da ni zuwa wuri mai sarari; ya kuɓutar da ni, gama yana jin daɗina.
Inni iddoo balʼaatti na baase; waan natti gammadeefis na oolche.
20 Ubangiji ya yi haka da ni bisa ga adalcina; bisa ga tsabtar hannuwana ya ba ni lada.
Waaqayyo akkuma qajeelummaa kootiitti naa kenneera; akkuma qulqullina harka koottis na badhaase.
21 Gama na kiyaye hanyoyin Ubangiji; ban yi mugunta ta wurin juyewa daga Allahna ba.
Ani karaa Waaqayyoo eegeeraatii; Waaqa koo irraa garagalee hammina hin hojjenne.
22 Dukan dokokinsa suna a gābana; ban juye daga ƙa’idodinsa ba.
Seerri isaa hundinuu fuula koo dura jira; anis labsii isaa irraa hin gorre.
23 Na kasance marar laifi a gabansa na kuma kiyaye kaina daga zunubi.
Ani fuula isaa duratti mudaa hin qabu ture; cubbuu irraas of eeggadheera.
24 Ubangiji ya ba ni lada bisa ga adalcina, bisa ga tsabtan hannuwana a gabansa.
Waaqayyo akkuma qajeelumma kootti, akkuma harki koo fuula isaa duratti qulqulluu taʼettis na badhaaseera.
25 Ga mai aminci ka nuna kanka mai aminci, ga marar laifi ka nuna kanka marar laifi,
Ati nama amanamaatti amanamummaa kee argisiifta; nama mudaa hin qabnettis kan mudaa hin qabne taata.
26 ga mai tsabta ka nuna kanka mai tsabta, amma ga karkatacce, ka nuna kanka mai wayo.
Nama qulqulluutti qulqulluu taata; nama jalʼaatti immoo jalʼaa taata.
27 Kakan cece mai sauƙinkai amma kakan ƙasƙantar da masu girman kai.
Ati warra gad of qaban ni oolchita; ija of tuulu garuu gad deebifta.
28 Kai Ya Ubangiji, ka sa fitilata ta yi ta ci; Allahna ya mai da duhu ya zama haske.
Yaa Waaqayyo ati ibsaa koo jabeessitee ni ibsita; Waaqni koo dukkana koo ifatti ni geeddara.
29 Da taimakonka zan iya fāɗa wa runduna; tare da Allahna zan iya rinjayi katanga.
Ani gargaarsa keetiin loltoota dhiibbadhee nan deema; Waaqa kootiinis dallaa utaaluu nan dandaʼa.
30 Game da Allah kuwa, hanyarsa cikakkiya ce; maganar Ubangiji marar kuskure ne. Shi garkuwa ne ga dukan waɗanda suke neman mafaka a gare shi.
Waaqa kana karaan isaa mudaa hin qabu; dubbiin Waaqayyoo hirʼina hin qabu; warra isatti kooluu galan hundaaf Waaqayyo gaachana taʼa.
31 Gama wane ne Allah in ba Ubangiji ba? Wane ne kuwa Dutse in ba Allahnmu ba?
Waaqayyo malee Waaqni eenyu? Waaqa keenya malees kattaan eenyu?
32 Allah ne ya ƙarfafa ni da ƙarfi ya kuma sa hanyarta ta zama cikakkiya.
Kan humna na hidhachiisu, kan akka karaan koos nagaa taʼu godhu Waaqa.
33 Ya sa ƙafafuna kamar ƙafafun barewa; ya sa na iya tsaya a kan ƙwanƙoli.
Inni miilla koo akka miilla borofaa godha; iddoo ol dheeraa irras na dhaabachiisa.
34 Ya horar da hannuwana don yaƙi; hannuwana za su iya tanƙware bakan tagulla.
Inni harka koo waraanaaf leenjisa; irreen koos iddaa naasii dabsuu ni dandaʼa.
35 Ka ba ni garkuwar nasara, kuma hannunka na dama yana riƙe ni; ya sunkuya don ka mai da ni mai girma.
Ati gargaarsa kee kan nama fayyisu gaachana naaf goota; harki kee mirgaa ol na qabeera; gargaarsi kees nama guddaa na godhe.
36 Ka fadada hanyar da yake a ƙarƙashina, don kada ɗiɗɗigena yă juya.
Akka koomeen koo hin mucucaanneef, miilla kootiif daandii balʼifteerta.
37 Na bi abokan gābana na kuma cim musu; ban juya ba sai da na hallaka su.
Ani diinota koo ariʼee nan qaqqabadhe; hamma isaan barbadaaʼanittis ani duubatti hin deebine.
38 Na ragargaza su har ba za su iya tashi ba; sun fāɗi a ƙarƙashin ƙafafuna.
Ani akka isaan deebiʼanii kaʼuu hin dandeenyeef isaan nan barbadeesse; isaanis miilla koo jalatti ni kufan.
39 Ka ƙarfafa ni da ƙarfi saboda yaƙi; ka sa abokan gābana suka rusuna mini.
Ati lolaaf humna na hidhachiifte; amajaajota koos fuula koo duratti gad deebifte.
40 Ka sa abokan gābana suka juya suka gudu, na kuma hallaka abokan gābana.
Akka diinonni koo dugda duubatti deebiʼanii baqatan gooteerta; anis amajaajota koo barbadeesseera.
41 Sun nemi taimako, amma ba su sami wanda zai cece su ba, ga Ubangiji, amma bai amsa ba.
Isaan gargaarsaaf iyyan; garuu kan isaan oolchu tokko iyyuu hin turre; gara Waaqayyoottis ni iyyatan; inni garuu deebii hin kennineef.
42 Na murƙushe su kamar ƙura mai laushi da iska ke kwashewa; na zubar da su kamar laka a tituna.
Anis akkuma awwaara bubbeen fudhatuutti isaan nan daake; akkuma dhoqqee daandii irraatti isaan nan dhidhiite.
43 Ka cece ni daga harin mutane; ka mai da ni kan al’ummai. Mutanen da ban sani ba sun zama bayina,
Ati lola namootaa jalaa na baafteerta; mataa sabootaa na gooteerta; sabni ani hin beekne na tajaajila.
44 da zarar sun ji ni, sukan yi mini biyayya; baƙi suna rusuna a gabana.
Namoonni ormaa na sossobatan; isaan akkuma waaʼee koo dhagaʼaniin naaf ajajaman.
45 Duk sukan karai; suna zuwa da rawan jiki daga mafakansu.
Isaan hundi abdii kutatan; hollachaas daʼannoo isaanii jabaa keessaa baʼan.
46 Ubangiji mai rai ne! Yabo ya tabbata ga Dutsena! Girma ya tabbata ga Allah Mai cetona!
Waaqayyo jiraataa dha! Kattaan koo haa eebbifamu! Waaqni Fayyisaan koo ol ol haa jedhu!
47 Shi ne Allah mai sāka mini, wanda yake sa al’ummai a ƙarƙashina,
Inni Waaqa haaloo naa baasu, kan sabootas na jalatti bulchuu dha;
48 wanda yakan cece ni daga abokan gābana. Ana girmama ka bisa abokan gābana; daga masu tā-da-na-zaune-tsaye ka kuɓutar da ni.
diinota koo jalaas na baasa. Ati amajaajota kootii ol na goota; gooltota jalaas na baafte.
49 Saboda haka zan yabe ka a cikin al’ummai, ya Ubangiji; zan rera yabai ga sunanka.
Kanaafuu yaa Waaqayyo, ani saboota gidduutti sin leellisa; faarfannaa galataa illee maqaa keetiif nan faarfadha.
50 Yakan ba sarkinsa nasarori; yakan nuna alheri marar ƙarewa ga shafaffensa, ga Dawuda da zuriyarsa har abada.
Inni moʼannaawwan gurguddaa mootii isaatiif ni kenna; dibamaa isaa Daawitii fi sanyii isaatiif, jaalala bara baraa ni argisiisa.

< Zabura 18 >