< Zabura 15 >
1 Zabura ta Dawuda. Ubangiji, wa zai zauna cikin wuri mai tsarkinka? Wa zai zauna a kan tudunka mai tsarki?
Faarfannaa Daawit. Yaa Waaqayyo, eenyutu dunkaana kee keessa jiraata? Eenyutu tulluu kee qulqulluu sana irra jiraachuu dandaʼa?
2 Sai wanda ba shi da laifi kuma yana yin abin da yake daidai, wanda yake faɗin gaskiya daga zuciyarsa
Nama adeemsi isaa mudaa hin qabnee fi nama waan qajeelaa hojjetu, nama garaa isaatii dhugaa dubbatuu fi
3 ba ya kuwa ɓata sunan wani da harshensa, wanda ba ya yi wa maƙwabcinsa mugunta ba ya kuwa baza jita-jita a kan ɗan’uwansa,
kan arraba isaatiin nama hin hamanne, nama ollaa isaatti waan hamaa hin hojjennee fi nama ollaa isaa maqaa hin balleessine,
4 wanda yake ƙin mugun mutum amma yakan girmama masu tsoron Ubangiji, yakan cika alkawarinsa ko da ma ya zafe shi,
kan nama hamaa tuffatee warra Waaqayyoon sodaatan garuu kabaju, yoo waan isa miidhu taʼe illee nama kakuu isaa eegu,
5 wanda yake ba da rance ba tare da ruwa ba kuma ba ya karɓan cin hanci don yă kā da marar laifi. Shi wanda yake yin waɗannan abubuwa ba zai taɓa jijjiguwa ba.
nama maallaqa isaa hiiqiidhaan hin liqeessinee fi kan nama yakka hin qabne miidhuuf jedhee mattaʼaa hin fudhannee dha. Namni wantoota kanneen hojjetu, gonkumaa hin raafamu.