< Zabura 148 >
1 Yabi Ubangiji. Yabi Ubangiji daga sammai, yabe shi a bisa sammai.
Haalleluuyaa. Samiiwwan irraa Waaqayyoon galateeffadhaa; ol gubbaatti isa galateeffadhaa.
2 Yabe shi, dukanku mala’ikunsa, yabe shi, dukanku rundunarsa na sama.
Ergamoonni isaa hundinuu isa galateeffadhaa; raayyaan isaa hundinuus isa galateeffadhaa.
3 Yabe shi, rana da wata, yabe shi, dukanku taurari masu haskakawa.
Aduu fi jiʼi isa galateeffadhaa; urjiiwwan ibsitan hundinuus isa galateeffadhaa.
4 Yabe shi, ku bisa sammai da kuma ku ruwan bisa sarari.
Samiiwwan samii isa galateeffadhaa; bishaanonni samiin ol jirtanis isa galateeffadhaa.
5 Bari su yabi sunan Ubangiji, gama ya umarta aka kuwa halicce su.
Isaan maqaa Waaqayyoo haa galateeffatan; inni ajajnaan, isaan uumamaniitii.
6 Ya sa su a wurarensu har abada abadin; ya ba da umarnin da ba zai taɓa shuɗe ba.
Inni bara baraa hamma bara baraatti isaan dhaabeera; seera hin geeddaramnes isaaniif kenneera.
7 Yabi Ubangiji daga duniya, ku manyan halittun teku da kuma dukan zurfafan teku,
Uumamawwan galaanaatii fi tuujubawwan hundi, lafa irraa Waaqayyoon galateeffadhaa;
8 walƙiya da ƙanƙara, dusar ƙanƙara da gizagizai, hadirin iskar da suke biyayya da umarnansa,
bakakkaa fi dhagaan cabbii, cabbii fi duumessi, bubbeen jabaan ajaja isaa raawwatan,
9 ku duwatsu da dukan tuddai, itatuwa masu’ya’ya da dukan al’ul,
tulluuwwanii fi gaarran hundinuu, mukkeen ija naqatanii fi birbirsi hundinuu,
10 namun jeji da dukan dabbobin gida, ƙanana halittu da tsuntsaye masu firiya,
bineensonnii fi loon hundinuu, uumamawwan xixinnoo fi simbirroonni barrisan,
11 sarakunan duniya da dukan al’ummai, ku sarakuna da dukan masu mulkin duniya,
mootonni lafaatii fi saboonni hundinuu, ilmaan moototaatii fi bulchitoonni lafaa hundinuu,
12 samari da’yan mata, tsofaffi da yara.
dargaggoonnii fi shamarran, jaarsolii fi daaʼimman isa galateeffadhaa.
13 Bari su yabi sunan Ubangiji, gama sunansa ne kaɗai mafi ɗaukaka; darajarsa ta fi ƙarfin duniya da sammai.
Maqaan isaa qofti ol ol jedheeraatii, isaan maqaa Waaqayyoo haa galateeffatan; ulfinni isaas lafaa fi samiiwwanii ol jira.
14 Ya tayar wa mutanensa ƙaho, yabon dukan tsarkakansa, na Isra’ila, mutanen da suke kurkusa da zuciyarsa. Yabi Ubangiji.
Inni saba isaatiif gaanfa ol kaaseera; kunis qulqulloota isaa hundaaf, saba Israaʼel warra isatti dhiʼoo jiran hundaaf ulfina. Haalleluuyaa.