< Zabura 140 >

1 Don mai bi da kaɗe-kaɗe. Zabura ta Dawuda. Ka cece ni, ya Ubangiji, daga mugaye; ka tsare ni daga mutane masu rikici,
Dura Buʼaa faarfattootaatiif. Faarfannaa Daawit. Yaa Waaqayyo, namoota hamoo jalaa na baasi; namoota finciltoota
2 masu shirya maƙarƙashiya a zukatansu suna kuma kawo yaƙi kullum.
warra garaa isaanii keessatti hammina yaadanii guyyaa hunda waraana kaasan narraa eegi.
3 Suna sa harsunansu su yi kaifi kamar na maciji; dafin gamsheƙa yana a leɓunansu. (Sela)
Isaan arraba isaanii akkuma bofaa qaratu; hadhaan buutii hidhii isaanii jala jira.
4 Ka kiyaye ni, ya Ubangiji, daga hannuwan mugaye; ka tsare ni daga mutane masu rikici waɗanda suke shirin kwashe ni a ƙafafu.
Yaa Waaqayyo, harka hamootaa narraa eegi; namoota finciltoota warra miilla koo kiyyootti galchuu yaadan jalaa na baasi.
5 Masu girman kai sun sa mini tarko; sun shimfiɗa igiyoyin ragarsu sun kuma shirya mini tarko a hanyata. (Sela)
Of tuultonni dhoksanii kiyyoo na dura kaaʼaniiru; ribuu kiyyoo isaanii diriirsaniiru; karaa koo irras kiyyoo isaanii kaaʼaniiru.
6 Ya Ubangiji, na ce maka, “Kai ne Allahna.” Ka ji kukata ta neman jinƙai, ya Ubangiji.
Yaa Waaqayyo, ani, “Ati Waaqa koo ti” siin nan jedha. Yaa Waaqayyo, waammata koo dhagaʼi.
7 Ya Ubangiji Mai Iko Duka, mai fansana mai ƙarfi, wanda yake garkuwoyin kaina a ranar yaƙi.
Yaa Waaqayyo Gooftaa, fayyisaa koo jabaa, ati guyyaa waraanaatti gaachana mataa naa taate.
8 Kada ka biya wa mugaye bukatunsu, ya Ubangiji; kada ka bar shirinsu su yi nasara, in ba haka ba za su yi fariya. (Sela)
Yaa Waaqayyo, akka fedhiin hamootaa fiixaan baʼu hin godhin; akka isaan of hin tuulleef, akka karoorri isaanii milkaaʼu hin godhin.
9 Bari kawunan waɗanda suka kewaye ni su rufu da masifun da leɓunansu suka jawo.
Mataan warra na marsanii, hammina afaan isaaniitii baʼuun haa haguugamu.
10 Bari garwashin wuta yă zubo a kansu; bari a jefar da su cikin wuta, cikin rami mai zurfi, kada su sāke tashi.
Barbadaan ibiddaa isaan irra haa buʼu; isaan ibiddatti illee haa darbataman; akka lammata hin kaaneefis boolla qileetti haa darbataman.
11 Kada masu ɓata suna su taɓa kahu a ƙasar; bari masifa ta farauci mutane masu rikici.
Maqa balleessitoonni lafa irra hin jiraatin; namni jalʼaan waan hamaadhaan haa badu.
12 Na san cewa Ubangiji ya shirya wa matalauta adalci yana kuma yi wa mabukata adalci.
Waaqayyo rakkattootaaf falmee hiyyeeyyiif illee murtii qajeelaa akka kennu ani beeka.
13 Tabbatacce masu adalci za su yabi sunanka masu aikata gaskiya kuma za su zauna a gabanka.
Dhugumaan namni qajeelaan maqaa kee ni galateeffata; namni tolaanis fuula kee dura ni jiraata.

< Zabura 140 >