< Zabura 126 >
1 Waƙar haurawa. Sa’ad da Ubangiji ya dawo da kamammu zuwa Sihiyona, mun kasance kamar mutanen da suka yi mafarki.
Faarfannaa ol baʼuu. Yeroo Waaqayyo warra boojiʼamanii turan gara Xiyoonitti deebisetti, nu akka warra abjuu abjootanii taane.
2 Bakunanmu sun cika da dariya, harsunanmu da waƙoƙin farin ciki. Sai ana faɗi a cikin al’ummai, “Ubangiji ya aikata manyan abubuwa dominsu.”
Afaan keenya kolfaan, arrabni keenya immoo faarfannaa gammachuutiin guutame. Kana irratti saboota gidduutti, “Waaqayyo waan guddaa isaaniif godheera” jedhame.
3 Ubangiji ya aikata manyan abubuwa dominmu, mun kuwa cika da farin ciki.
Waaqayyo waan guddaa nuuf godhe; nus ni gammanne.
4 Ka maido da wadatarmu, ya Ubangiji kamar rafuffuka a Negeb.
Yaa Waaqayyo, akkuma lagoota Negeeb, boojuu keenya nuu deebisi.
5 Waɗanda suka yi shuka da hawaye za su yi girbi da waƙoƙin farin ciki.
Warri imimmaaniin facaasan, faarfannaa gammachuutiin ni haammatu.
6 Shi da ya fita yana kuka, riƙe da iri don shuki, zai dawo da waƙoƙin farin ciki, ɗauke da dammuna.
Namni sanyii facaafamu baadhatee booʼaa gad baʼu, bissii isaa baadhatee faarfannaa gammachuu faarfachaa deebiʼa.