< Zabura 123 >
1 Waƙar haurawa. Na tā da idanuna gare ka, gare ka da kursiyinka yake cikin sama.
Faarfannaa ol baʼuu. Yaa isa teessoon kee samii irra jiru, ani ija koo gara keetti ol nan qabadha.
2 Kamar yadda idanun bayi suna duban hannun maigidansu, kamar yadda idanun baiwa suna duban hannun uwargijiyarta, haka idanunmu suna duban Ubangiji Allahnmu, sai ya nuna mana jinƙansa.
Akkuma iji garbootaa harka gooftaa isaanii, iji garbittii immoo harka giiftii ishee ilaalu sana, hamma inni araara nuu buusutti, iji keenyas gara Waaqayyo Waaqa keenyaa ni ilaala.
3 Ka yi mana jinƙai, ya Ubangiji, ka yi mana jinƙai, gama mun jimre da reni mai yawa.
Nuu araarami; yaa Waaqayyo, nuu araarami; tuffatamuun nutti baayʼateeraatii.
4 Mun jimre da wulaƙanci daga masu girman kai, reni mai yawa daga masu fariya.
Arrabni warra of jajaniitii fi tuffiin warra of tuulanii nutti baayʼateera.