< Zabura 107 >
1 Ku yi godiya ga Ubangiji, gama nagari ne shi; ƙaunarsa madawwamiya ce har abada.
Waaqayyoof galata galchaa; inni gaariidhaatii; jaalalli isaa bara baraan jiraata.
2 Bari fansassu na Ubangiji su faɗa wannan, su da aka fansa daga hannun maƙiyi,
Warri Waaqayyo isaan fure, warri inni harka diinaatii baase,
3 su da ya tattara daga ƙasashe, daga gabas da yamma, daga arewa da kudu.
warri inni biyya gara garaatii, baʼaa fi lixa biiftuutii, kaabaa fi kibbaa walitti qabe waan kana haa dubbatan.
4 Waɗansu sun yi ta yawo a jejin hamada, ba su sami hanya zuwa birnin da za su zauna ba.
Isaan keessaa tokko tokko gammoojjii goggogaa keessa jooran; magaalaa keessa jiraachuu dandaʼanis hin arganne.
5 Sun ji yunwa da ƙishirwa, suka kuma fid da zuciya.
Isaan ni beelaʼan; ni dheebotanis; lubbuun isaaniis isaan keessatti gaggabde.
6 Sa’an nan suka yi kuka ga Ubangiji cikin wahalarsu, ya kuma cece su daga damuwarsu.
Isaan rakkina isaanii keessatti Waaqayyotti iyyatan; innis dhiphina isaanii keessaa isaan baase.
7 Ya bishe su ta miƙaƙƙiyar hanya zuwa birnin da za su zauna.
Inni hamma isaan magaalaa keessa jiraachuu dandaʼan gaʼanitti karaa qajeelaa irra isaan qajeelche.
8 Bari su yi godiya ga Ubangiji saboda ƙaunarsa marar ƙarewa da kuma ayyukansa masu banmamaki saboda mutane,
Isaan sababii jaalala isaa kan hin geeddaramne sanaatii fi hojii dinqii kan inni ilmaan namaatiif hojjete sanaatiif Waaqayyoon haa galateeffatan;
9 gama yana shayar da masu ƙishirwa yana kuma ƙosar da mayunwata da abubuwa masu kyau.
inni warra dheebotan dheebuu baasee warra beelaʼan illee waan gaariidhaan quufsaatii.
10 Waɗansu sun zauna a cikin duhu da kuma zurfin ɓacin rai,’yan kurkuku suna wahala cikin sarƙoƙin ƙarfe,
Isaan keessaas tokko tokko sibiilaan hidhamanii rakkachaa, dukkanaa fi dimimmisa keessa jiraatan;
11 gama sun yi tayarwa a kan maganar Allah suka ƙi shawarar Mafi Ɗaukaka.
isaan dubbii Waaqaatti fincilanii gorsa Waaqa Waan Hundaa Oliis tuffataniiruutii.
12 Saboda haka ya ba da su ga aiki mai wuya; suka yi tuntuɓe, kuma ba mai taimako.
Kanaafuu inni dabarsee hojii dadhabsiisaatti isaan kenne; isaanis ni gufatan; namni isaan gargaaru tokko iyyuu hin argamne.
13 Sa’an nan suka yi kuka ga Ubangiji cikin wahalarsu, ya kuwa cece su daga damuwarsu.
Isaan rakkina isaanii keessatti Waaqayyotti iyyatan; innis dhiphina isaanii keessaa isaan baase.
14 Ya fitar da su daga duhu da zurfin ɓaci rai ya tsintsinke sarƙoƙinsu.
Inni dukkanaa fi dimimmisa keessaa isaan baase; foncaa isaanis gargar kukkute.
15 Bari su yi godiya ga Ubangiji saboda ƙaunarsa marar ƙarewa da kuma ayyukansa masu banmamaki saboda mutane,
Isaan sababii jaalala isaa kan hin geeddaramne sanaatii fi hojii dinqii kan inni ilmaan namaatiif hojjete sanaatiif Waaqayyoon haa galateeffatan;
16 gama ya farfashe ƙofofin tagulla ya kuma ragargaza ƙyamaren ƙarfe.
inni balbalawwan naasii caccabsee danqaraawwan sibiilaa illee kukkutaatii.
17 Waɗansu suka zama wawaye ta wurin hanyoyinsu na tayarwa suka kuwa sha wahala saboda laifofinsu.
Isaan keessaa tokko tokko cubbuu mataa isaaniitiin gowwooman; sababii balleessaa isaaniitiifis gadadoo keessa seenan.
18 Ba su so su ga abinci ba suka kuwa kai bakin mutuwa.
Isaan nyaata gosa kamii iyyuu balfanii afaan boolla duʼaa gaʼan.
19 Sa’an nan suka yi kuka ga Ubangiji cikin wahalarsu, ya kuwa cece su daga damuwarsu.
Rakkina isaanii keessatti Waaqayyotti iyyatan; innis dhiphina isaanii keessaa isaan baase.
20 Ya ba da umarninsa ya kuma warkar da su ya kuɓutar da su daga kabari.
Inni dubbii isaa ergee isaan fayyise; awwaala keessaas isaan baase.
21 Bari su yi godiya ga Ubangiji saboda ƙaunarsa marar ƙarewa da kuma ayyukansa masu banmamaki saboda mutane.
Isaan sababii jaalala isaa kan hin geeddaramne sanaatii fi hojii dinqii kan inni ilmaan namaatiif hojjete sanaatiif, Waaqayyoon haa galateeffatan!
22 Bari su miƙa hadaya ta godiya su kuma ba da labarin ayyukansa da waƙoƙin farin ciki.
Aarsaa galataa haa dhiʼeessan; faarfannaa gammachuutiinis hojii isaa haa himan.
23 Waɗansu suka yi tafiya a teku cikin jiragen ruwa; su’yan kasuwa ne a manyan ruwaye.
Isaan keessaa tokko tokko dooniidhaan galaana irra deemanii bishaanota gurguddaa irratti daldalan.
24 Sun ga ayyukan Ubangiji, ayyukansa masu banmamaki a cikin zurfin teku.
Isaanis hojii Waaqayyootii fi hojii isaa dinqisiisaa sana tuujuba keessatti argan.
25 Gama ya yi magana ya kuma sa iska mai ƙarfi ta tashi ya ɗaga raƙuman ruwa sama.
Inni dubbatee bubbee jabaa dambalii galaanaa ol fuudhu tokko kaaseeraatii.
26 Suka hau zuwa sammai suka kuma tsinduma cikin zurfafa; a cikin azabarsu sai ƙarfin halinsu ya karai.
Isaan samiitti ol baʼanii tuujubatti gad buʼan; rakkina isaanii keessattis abdii kutatan.
27 Suka yi tangaɗi suna tuntuɓe kamar bugaggu; suka kuma kai ga ƙarshen dabararsu.
Akka nama machaaʼee daddarbatamanii gatantaran ogummaan isaanis faayidaa dhabe.
28 Sai suka yi kuka ga Ubangiji cikin wahalarsu, ya kuwa fitar da su daga damuwarsu.
Isaan rakkina isaanii keessatti Waaqayyotti iyyatan; innis dhiphina isaanii keessaa isaan baase.
29 Ya kwantar da hadiri suka yi tsit; raƙuman ruwan teku suka yi shiru.
Inni akka dambaliin sun qabbanaaʼuuf dhaʼaa galaanaa calʼisiise.
30 Suka yi murna sa’ad da wuri ya kwanta, ya kuma bishe su zuwa inda suka so su kai.
Isaan waan dambalii fi dhaʼaan galaanaa sun calʼisaniif ni gammadan; haala kanaanis gara qubata doonii barbaadaniitti isaan geesse.
31 Bari su yi godiya ga Ubangiji saboda ƙaunarsa marar ƙarewa da kuma ayyukansa masu banmamaki saboda mutane.
Isaan sababii jaalala isaa kan hin geeddaramne sanaatii fi hojii dinqii kan inni ilmaan namaatiif hojjete sanaatiif Waaqayyoon haa galateeffatan.
32 Bari su ɗaukaka shi cikin taron mutane su kuma yabe shi cikin taron dattawa.
Waldaa namootaa keessatti isa haa leellisan; wal gaʼii maanguddootaa keessattis isa haa jajan.
33 Ya mai da koguna suka zama hamada, maɓulɓulai masu gudu suka zama ƙasa mai ƙishirwa,
Innis lagoota gammoojjii taasisee burqaawwan bishaanis gara lafa goggogaatti geeddare;
34 ƙasa mai amfani kuma suka zama gishiri marar amfani, saboda muguntar waɗanda suka zauna a can.
sababii hammina warra achi jiraataniitiif, biyya midhaan baasu lafa soogiddaa taasise.
35 Ya mai da hamada ya zama tafkunan ruwa busasshiyar ƙasa kuma zuwa maɓulɓulai masu gudu;
Gammoojjii kuusaa bishaaniitti, lafa goggogaa immoo burqaa bishaaniitti geeddare;
36 a can ya kai mayunwata su yi zama, ya kuma samo birnin da za su zauna.
inni akka warri beelaʼan achi jiraatan godhe; isaanis magaalaa keessa jiraatan ijaarratan.
37 Suka yi shuka a gonaki suka dasa inabi suka kuma girbe amfani gona;
Lafa qotiisaa isaanii facaafatanii wayiniis ni dhaabbatan; midhaan gaariis argatan.
38 ya albarkace su, yawansu kuma ya ƙaru, bai kuwa bar garkunansu suka ragu ba.
Inni isaan eebbise; baayʼina isaaniis akka malee dabale; akka loon isaanii lakkoobsaan yarachaa deeman hin goone.
39 Sa’an nan yawansu ya ragu, aka kuma ƙasƙantar da su ta wurin danniya, bala’i da kuma baƙin ciki;
Yeroo isaan cunqursaadhaan, rakkinaa fi gaddaan xinnaatanii gad deebiʼanitti,
40 shi da yake kawo reni a kan manyan mutane ya sa suka yi ta yawo a cikin jejin da ba hanya.
inni namoota bebeekamoo irratti tuffii roobsee akka isaan gammoojjii karaa hin qabne keessa jooran godhe.
41 Amma ya fid da mabukata daga wahalarsu ya kuma ƙara iyalansu da tumakinsu.
Inni garuu rakkattoota dhiphina isaanii keessaa baase; maatii isaanis akkuma bushaayee baayʼise.
42 Masu yin gaskiya suka gani suka yi farin ciki amma dukan mugaye suka rufe bakunansu.
Qajeeltonni waan kana arganii ililchu; hamoonni hundinuu garuu afaan qabatu.
43 Duk mai hikima, bari yă ji waɗannan abubuwa yă kuma lura da ƙauna mai girma ta Ubangiji.
Ogeessi kam iyyuu waan kana yaadatti haa qabatu; jaalala Waaqayyoo kan dhuma hin qabne sana illee haa hubatu.