< Zabura 106 >
1 Yabi Ubangiji. Yi godiya ga Ubangiji, gama nagari ne shi; ƙaunarsa madawwamiya ce har abada.
Haalleluuyaa. Waaqayyoof galata galchaa; inni gaariidhaatii; jaalalli isaa bara baraan jiraata.
2 Wane ne zai furta manyan ayyukan Ubangiji ko yă furta cikakken yabonsa?
Eenyutu hojii Waaqayyoo jabaa sana labsuu, yookaan galata isaa guutummaatti odeessuu dandaʼaa?
3 Masu albarka ne waɗanda suke yin adalci, waɗanda kullum suke yin abin da yake daidai.
Warri jabeessanii murtii qajeelaa eegan, warri yeroo hunda waan qajeelaa hojjetan eebbifamoo dha.
4 Ka tuna da ni, ya Ubangiji, sa’ad da ka nuna alheri ga mutanenka, ka zo ka taimake ni sa’ad da ka cece su,
Yaa Waaqayyo, yommuu saba keetti faara toltutti na yaadadhu; yommuu isaan oolchituttis na gargaari;
5 don in ji daɗin nasarar zaɓaɓɓunka, don in sami rabo cikin farin cikin al’ummarka in kuma shiga gādonka cikin yin yabo.
akka ani badhaadhummaa filatamtoota keetii arguuf, akka ani gammachuu saba keetii keessatti hirmaadhee dhaala kee wajjin boonuuf na yaadadhu.
6 Mun yi zunubi, kamar yadda kakanninmu suka yi; mun yi ba daidai ba muka kuma aikata mugunta.
Nu akkuma abbootii keenyaa cubbuu hojjenneerra; yakka hojjenneerra; hamminas hojjenneerra.
7 Sa’ad da kakanninmu suke a Masar, ba su damu da mu’ujizanka ba; ba su tuna yawan alheranka ba, suka kuma yi tayarwa a teku, Jan Teku.
Abbootiin keenya yeroo biyya Gibxi keessa turanitti, dinqii kee hin hubanne; baayʼina araara keetiis hin yaadanne; isaan galaana biratti, Galaana Diimaa biratti sitti fincilan.
8 Duk da haka ya cece su saboda sunansa, don yă sanar da ikonsa mai girma.
Taʼus inni akka humni isaa guddaan sun beekamuuf, maqaa isaatiif jedhee isaan oolche.
9 Ya tsawata wa Jan Teku, ya kuwa bushe; ya bi da su ta cikin zurfafa sai ka ce a hamada.
Inni Galaana Diimaa ifate; galaanichis ni goge; akkuma waan gammoojjii keessa dabarsuutti lafa gogaa irra isaan dabarse.
10 Ya cece su daga hannun maƙiyi; daga hannun abokin gāba ya fanshe su.
Harka amajaajii isaanii keessaa isaan baase; humna diinaa jalaas isaan fure.
11 Ruwaye suka rufe abokan gābansu; babu ko ɗaya da ya tsira.
Bishaanonni diinota isaanii liqimsan; tokkoon isaanii iyyuu hin hafne.
12 Sa’an nan suka gaskata alkawarinsa suka kuma rera yabonsa.
Ergasii isaan dubbii isaa amananii faarfannaadhaan isa galateeffatan.
13 Amma nan da nan suka manta abin da ya yi ba su kuwa jira shawararsa ba.
Isaan garuu yommusuma waan inni hojjetee ture dagatan; gorsa isaas obsaan hin eegganne.
14 A cikin hamada suka bar sha’awarsu ta mamaye su a ƙasar da babu kome suka gwada Allah.
Gammoojjii keessatti dharraa hamaadhaan guutaman; lafa onaa keessattis Waaqa qoran.
15 Sai ya ba su abin da suka roƙa, amma ya aika musu da muguwar cuta.
Kanaafuu inni waan isaan kadhatan kenneef; garuu dhukkuba nama huqqisu isaanitti erge.
16 A sansani suka ji kishin Musa da kuma Haruna, wanda Ubangiji ya keɓe.
Isaan qubata keessatti Musee fi Aroon qulqullicha Waaqayyootti hinaafan.
17 Ƙasa ta buɗe ta haɗiye Datan ta binne iyalin Abiram.
Lafti afaan banattee Daataanin liqimsite; garee Abiiraamis gad fudhatte.
18 Wuta ta ƙuno a cikin mabiyansu; harshen wuta ya cinye mugaye.
Duuka buutoota isaanii gidduutti ibiddi bobaʼe; arrabni ibiddaas hamoota fixe.
19 A Horeb suka yi ɗan maraƙi suka yi wa gunkin zubi daga ƙarfe sujada.
Isaan Kooreebitti jabbii tolfatan; fakkii baqfamee tolfames waaqeffatan.
20 Suka sauke Ɗaukakarsu saboda siffar bijimi, wanda yake cin ciyawa.
Isa Ulfina isaanii taʼe sana, fakkii sangaa marga dheeduutti geeddaran.
21 Suka manta da Allahn da ya cece su, wanda ya aikata manyan abubuwa a Masar,
Waaqa isaan fayyise, isa biyya Gibxitti waan gurguddaa hojjete sana irraanfatan.
22 mu’ujizai a ƙasar Ham ayyukan banrazana a Jan Teku.
Dinqii inni biyya Haam keessatti hojjete, hojii sodaachisaa inni Galaana Diimaa irratti hojjetes ni irraanfatan.
23 Don haka ya ce zai hallaka su, amma Musa, zaɓaɓɓensa, ya yi godo a gabansa don yă kau da hasalarsa daga hallaka su.
Kanaafuu utuu filatamaan isaa Museen akka dheekkamsi Waaqaa isaan hin balleessineef gidduu galee fuula isaa dura dhaabachuu baatee silaa Waaqni akka isaan balleessu dubbatee ture.
24 Sai suka rena ƙasa mai ni’ima; ba su gaskata alkawarinsa ba.
Isaanis biyya namatti tolu sana tuffatan; waadaa Waaqni gales hin amanne.
25 Suka yi gunaguni a tentunansu ba su kuwa yi biyayya da Ubangiji ba.
Dunkaanota isaanii keessatti ni guunguman; Waaqayyoofis hin ajajamne.
26 Saboda haka ya rantse musu ya kuma ɗaga hannu cewa zai sa su mutu a cikin hamada,
Kanaafuu inni akka gammoojjii keessatti isaan gatu harka isaa ol qabatee kakate;
27 ya sa zuriyarsu su mutu a cikin al’ummai ya kuma watsar da su cikin dukan ƙasashe.
sanyii isaanii akka saboota gidduutti gatu, biyyoota hunda keessas akka isaan bittinneessu kakate.
28 Suka haɗa kai da Ba’al-Feyor suka kuma ci hadayun da aka miƙa wa allolin da ba su da rai;
Isaan Baʼaal Pheʼooritti of kennanii aarsaa waaqota lubbuu hin qabneef dhiʼeeffame nyaatan.
29 suka tsokane Ubangiji ya yi fushi ta wurin mugayen ayyukansu, sai annoba ta ɓarke a cikinsu.
Hojii isaanii hamaa sanaan Waaqayyoon dheekkamsaaf kakaasan; dhaʼichis isaan irra buʼe.
30 Amma Finehas ya miƙe tsaye ya ɗauki mataki, sai annobar ta daina.
Garuu Fiinehaas kaʼee gidduu seennaan dhaʼichi sun dhaabate.
31 An ayana masa wannan a matsayin adalci har zamanai marar matuƙa masu zuwa.
Kunis dhalootaa hamma dhalootaatti, akka qajeelummaatti isaaf herregame.
32 A ruwan Meriba suka ba Ubangiji fushi, sai wahala ta zo wa Musa saboda su;
Isaan bishaan Mariibaa biratti akka Waaqayyo aaru godhan. Museenis sababii isaaniitiif rakkate;
33 saboda sun yi tayarwa a kan Ruhun Allah, har mugayen kalmomi suka fito daga leɓunan Musa.
sababii isaan Hafuura Waaqaatti fincilaniif Museen utuu itti hin yaadin dubbate.
34 Ba su hallakar da mutanen yadda Ubangiji ya umarce su ba,
Isaan akka Waaqayyo isaan ajajetti, saboota hin balleessine;
35 amma suka yi cuɗanya da al’ummai suka ɗauki al’adunsu.
isaan garuu ormootatti makamanii duudhaa isaanii baratan.
36 Suka yi wa gumakansu sujada, waɗanda suka zama tarko gare su.
Waaqota isaanii tolfamoo, kanneen kiyyoo isaanitti taʼan waaqeffatan.
37 Suka miƙa’ya’yansu maza hadaya’yan matansu kuma ga aljanu.
Ilmaan isaaniitii fi intallan isaanii aarsaa godhanii hafuurota hamoof dhiʼeessan.
38 Suka zub da jini marar laifi, jinin’ya’yansu maza da mata, waɗanda suka miƙa hadaya ga gumakan Kan’ana, ƙasar kuwa ta ƙazantu ta wurin jininsu.
Isaanis dhiiga warra balleessaa hin qabnee, dhiiga ilmaan isaaniitii fi intallan isaanii, kan waaqota tolfamoo Kanaʼaaniif aarsaa godhanii dhiʼeessan sana dhangalaasan; biyyattiinis dhiiga isaaniitiin faalamte.
39 Suka ƙazantar da kansu ta wurin abin da suka yi; ta wurin ayyukansu suka yi karuwanci.
Isaan waanuma hojjetaniin of xureessan; hojii isaaniitiin sagaagaltoota of taasisan.
40 Saboda haka Ubangiji ya yi fushi da mutanensa ya ji ƙyamar gādonsa.
Kanaafuu Waaqayyo saba isaatti aare; handhuuraa isaas ni balfe.
41 Ya miƙa su ga al’ummai, maƙiyansu kuma suka yi mulki a kansu.
Inni dabarsee ormootatti isaan kenne; amajaajonni isaaniis of jalatti isaan bulchan.
42 Abokan gābansu suka danne su suka sa su a ƙarƙashin ikonsu.
Diinonni isaanii isaan cunqursan; humna isaanii jalas isaan galfatan.
43 Sau da yawa ya cece su, amma sun nace su yi tawaye suka kuma lalace cikin zunubinsu.
Inni yeroo baayʼee isaan baraare; isaan garuu ittuma fufanii fincilan; ittuma caalchisaniis cubbuu hojjetan.
44 Amma ya lura da wahalarsu sa’ad da ya ji kukansu;
Inni garuu yommuu iyya isaanii dhagaʼetti, rakkina isaanii hubate;
45 saboda su ya tuna da alkawarinsa kuma daga yawan ƙaunarsa ya ji tausayi.
isaaniif jedhee kakuu isaa yaadate; sababii jaalala isaa guddaa sanaatiif garaa laafeef.
46 Ya sa aka ji tausayinsu a wurin dukan waɗanda suka kame su.
Inni akka warri isaan boojiʼan hundinuu garaa isaaniif laafaniif godhe.
47 Ka cece mu, Ubangiji Allahnmu, ka kuma tattara mu daga al’ummai, don mu yi wa sunanka mai tsarki godiya mu kuma ɗaukaka cikin yabonka.
Yaa Waaqayyo, Waaqa keenya nu oolchi; akka nu maqaa kee qulqulluu sana galateeffannuuf, akka galata keetiin of jajnuufis, ormoota keessaa walitti nu qabi.
48 Yabo ga Ubangiji, Allah na Isra’ila, daga madawwami zuwa madawwami. Bari dukan mutane su ce, “Amin!” Yabo ga Ubangiji.
Waaqayyo, Waaqa Israaʼeliitiif, bara baraa hamma bara baraatti galanni haa gaʼu. Namni hundinuu “Ameen!” haa jedhu. Haalleluuyaa!