< Zabura 103 >

1 Ta Dawuda. Yabi Ubangiji, ya raina; dukan abin da yake cikin cikina, yabi sunansa mai tsarki.
Faarfannaa Daawit. Yaa lubbuu ko, Waaqayyoon eebbisi; keessi namummaa koo hundi maqaa isaa qulqulluu sana eebbisaa.
2 Yabi Ubangiji, ya raina, kada kuma ka manta dukan alheransa,
Yaa lubbuu koo Waaqayyoon eebbisi; tola isaa hundas hin irraanfatin.
3 wanda yake gafarta dukan zunubai yake kuma warkar da dukan cututtuka,
Inni cubbuu kee hundumaa siif dhiisa; dhukkuba kee hundumaa ni fayyisa;
4 wanda ya fanshi ranka daga rami ya naɗa maka rawani da ƙauna da kuma tausayi,
jireenya kee boolla irraa ni baraara; jaalalaa fi gara laafinaan si gonfa;
5 Wanda ya ƙosar da kai da abubuwa masu kyau domin a sabunta ƙuruciyarka kamar na gaggafa.
akka dargaggummaan kee akkuma risaa haaromfamuufis, inni fedhii kee waan gaariidhaan ni guuta.
6 Ubangiji yana aikata adalci da kuma gaskiya ga duk waɗanda aka danne.
Waaqayyo warra cunqurfaman hundaaf qajeelummaa fi murtii qajeelaa kenna.
7 Ya sanar da hanyoyinsa wa Musa, ayyukansa ga mutanen Isra’ila.
Inni karaa isaa Museetti, hojii isaa immoo saba Israaʼelitti beeksise.
8 Ubangiji mai tausayi ne da kuma alheri, mai jinkirin fushi, cike da ƙauna.
Waaqayyo gara laafessaa fi arjaa dha; inni aaruuf hin ariifatu; jaalalli isaas baayʼee dha.
9 Ba zai yi ta zargi ba ba kuwa zai yi ta jin fushi har abada ba;
Inni yeroo hunda hin dheekkamu; aarii isaa illee bara baraan hin kuufatu;
10 ba ya yin da mu gwargwadon zunubanmu ko yă sāka mana bisa ga laifofinmu.
inni akka cubbuu keenyaatti nu hin adabne; yookaan akka balleessaa keenyaatti nuuf hin deebifne.
11 Gama kamar yadda sammai suke can bisa duniya, haka girmar ƙaunarsa yake wa masu tsoronsa;
Akkuma samiiwwan lafa irraa ol fagaatan sana, jaalalli inni warra isa sodaataniif qabu akkasuma guddaa dha;
12 kamar yadda gabas yake daga yamma, haka ya cire laifofinmu daga gare mu.
akkuma baʼi biiftuu lixa biiftuu irraa fagaatu, akkasuma inni balleessaa keenya nurraa haqeera.
13 Kamar yadda mahaifi yake jin tausayin’ya’yansa, haka Ubangiji yake jin tausayin waɗanda suke tsoronsa;
Akkuma abbaan ijoollee isaatiif garaa laafu, Waaqayyo warra isa sodaataniif garaa ni laafa;
14 gama ya san yadda aka yi mu, ya tuna cewa mu ƙura ne.
inni akka nu itti uumamne ni beekaatii; akka nu biyyoo taanes ni yaadata.
15 Game da mutum dai, kwanakinsa suna kamar ciyawa da suke haɓaka kamar fure a gona;
Barri namaa akkuma margaa ti; akka abaaboo dirrees ni misa;
16 iska kan hura a kansa sai ya ɓace ba a kuwa sāke tuna da inda dā yake.
inni yeroo bubbeen itti bubbisutti ni bada; iddoon isaas deebiʼee isa hin yaadatu.
17 Amma daga madawwami zuwa madawwami ƙaunar Ubangiji tana tare da waɗanda suke tsoronsa, adalcinsa kuma tare da’ya’yansu,
Jaalalli Waaqayyoo garuu bara baraa hamma bara baraatti warra isa sodaatan wajjin ni jiraata; qajeelummaan isaa immoo ijoollee ijoollee isaaniitti darba;
18 tare da waɗanda suke kiyaye alkawarinsa suna kuma tuna su yi biyayya da farillansa.
warra kakuu isaa eeganitti, warra ajaja isaatti buluu yaadatanittis ni darba.
19 Ubangiji ya kafa kursiyinsa a sama, masarautarsa kuwa na mulki a bisa duka.
Waaqayyo teessoo isaa samii keessa dhaabbateera; mootummaan isaas waan hunda bulcha.
20 Yabi Ubangiji, ku mala’ikunsa, ku jarumawa masu yi masa aiki, waɗanda suke yin biyayya da maganarsa.
Isin ergamoonni isaa, warri ajaja isaa eegdan jajjaboon, warri dubbii isaatiif ajajamtanis Waaqayyoon eebbisaa.
21 Yabi Ubangiji, dukanku rundunarsa ta sama, ku bayinsa waɗanda kuke aikata nufinsa.
Raayyaan isaa hundinuu, isin tajaajiltoonni isaa warri fedhii isaa guuttan Waaqayyoon eebbisaa.
22 Yabi Ubangiji, dukanku ayyukansa ko’ina a mulkinsa. Yabi Ubangiji, ya raina.
Uumamawwan bulchiinsa isaa jala lafa hunda jirtan hundi Waaqayyoon eebbisaa. Yaa lubbuu ko, Waaqayyoon eebbisi.

< Zabura 103 >