< Karin Magana 8 >
1 Hikima ba ta yin kira ne? Fahimi ba ya tā da muryarsa ne?
Ogummaan hin iyyuu? Hubannaanis sagalee isaa ol hin fudhatuu?
2 A ƙwanƙoli a kan hanya, inda hanyoyi suka haɗu, ta ɗauki matsayinta;
Isheen qarqara karaa, lafa ol kaʼaa irra, iddoo daandiin itti wal gaʼu dhaabatti;
3 kusa da ƙofofin shiga cikin birni, a mashigai, ta tā da murya,
karra magaalaatti nama galchu bira, balbala dura dhaabattee akkana jettee iyyiti:
4 “Gare ku, ya mutane, nake kira; na tā da muryata ga dukan’yan adam.
“Yaa namoota, ani iyyeen isin waama; ani ilmaan namaa hundatti sagalee koo ol nan fudhadha.
5 Ku da kuke marasa azanci, ku yi hankali; ku da kuke wawaye, ku nemi fahimi.
Isin warri homaa hin beekne, qalbii horadhaa; isin warri gowwaan hubannaa argadhaa.
6 Ku saurara, gama ina da abubuwa masu darajan da zan faɗa; na buɗe leɓunana don in faɗa abin da yake daidai.
Ani waan faayidaa qabu nan dubbadhaatii, dhagaʼaa; waan qajeelaa dubbachuufis afaan koo nan banadha.
7 Bakina yana magana abin da yake gaskiya, gama leɓunana sun ƙi mugunta.
Afaan koo dhugaa dubbata; arrabni koo hammina jibbaatii.
8 Dukan kalmomin bakina suna da adalci; babu waninsu da ya karkace ko kuwa ƙarya ne.
Dubbiin afaan koo hundinuu qajeelaa dha; dubbii koo keessaa tokko iyyuu jalʼaa yookaan micciiramaa miti.
9 Ga mai tunani dukansu daidai ne; ba su da laifi ga waɗanda suke da sani.
Nama waa hubatuuf dubbiin koo hundinuu qajeelaa dha; warra beekumsa qabuufis hirʼina hin qabu.
10 Ku zaɓi umarnina a maimakon azurfa, sani a maimakon zinariya zalla,
Qooda meetii gorsa koo, warqee qulqulluu caalaas beekumsa filadhu;
11 gama hikima ta fi lu’ulu’ai daraja, kuma ba abin da kake sha’awa da za a kwatanta da ita.
ogummaan lula diimaa caalaa gatii guddaa qabdii; wanni ati hawwitu tokko iyyuu isheedhaan wal hin madaalu.
12 “Ni, hikima, ina zama tare da hankali; ina da sani da iya rarrabewa.
“Ani ogummaan, qalbii wajjin nan jiraadha; ani beekumsaa fi hubannaa qaba.
13 Jin tsoron Ubangiji shi ne ƙin mugunta; ina ƙin girman kai da fariya, halin mugunta da kuma muguwar magana.
Waaqayyoon sodaachuun jibbuu dha; hammina ani of tuulummaa fi of guddisuu, amala hamaa fi haasaa jalʼaa nan jibba.
14 Shawara da yin tunani mai kyau nawa ne; ina da fahimi da kuma iko.
Gorsaa fi murtiin dhugaa kan koo ti; ani hubannaa fi humna qaba.
15 Ta wurina sarakuna suke mulki masu mulki kuma suke yin dokokin da suke da adalci;
Mootonni anaan moʼu; bulchitoonnis anaan seera qajeelaa baasu.
16 ta wurina sarakuna suke mulki, da kuma dukan manyan mutanen da suke mulkin duniya.
Ilmaan moototaa anaan bulchu; namoonni bebeekamoon hundis anaan biyya bulchu.
17 Ina ƙaunar waɗanda suke ƙaunata, kuma waɗanda suke nemana sukan same ni.
Ani warra na jaallatan nan jaalladha; warri na barbaadanis na argatu.
18 Tare da ni akwai wadata da girmamawa, dukiya da wadata masu dawwama.
Soorumnii fi ulfinni, qabeenyii fi badhaadhummaan dhuma hin qabne harkuma koo jiru.
19 ’Ya’yan itacena sun fi zinariya zalla; amfanin gonar da nake bayar ya fi azurfa mafi kyau.
Iji koo warqee qulqulluu caala; buʼaan narraa argamus meetii filatamaa caala.
20 Ina tafiya a hanyar adalci, a kan hanyoyin gaskiya,
Ani karaa qajeelummaa irra, daandii qajeelaa irras nan deema;
21 ina ba da wadata ga waɗanda suke ƙaunata ina sa wuraren ajiyarsu su cika.
warra na jaallatutti qabeenya nan dhangalaasa; mankuusa qabeenya isaanii illee nan guuta.
22 “Ubangiji ya kawo ni a matsayi na farko na ayyukansa, kafin ayyukansa na tuntuni;
“Waaqayyo waan bara durii hojjeteen dura, hojii isaa kan jalqabaatiin dura na aanfate;
23 an naɗa ni tun fil azal, daga farko, kafin duniya ta kasance.
ani utuu addunyaan hin uumamin dura, jalqabumatti, bara hamma hin qabneen dura nan muudame.
24 Sa’ad da babu tekuna, aka haife ni, sa’ad da babu maɓulɓulai masu ruwa;
Ani utuu tuujubni hin jiraatin, utuu burqaawwan bishaaniin hin guutamin dhaladhe;
25 kafin a kafa duwatsu a wurarensu, kafin tuddai ma, an haife ni,
utuu tulluuwwan iddoo isaanii hin dhaabamin dura, ani gaarraniin dura nan dhaladhe;
26 kafin ya yi duniya ko gonaki ko wata ƙurar duniya.
utuu inni lafa yookaan dirree ishee yookaan biyyoo addunyaa tokko iyyuu hin uumin dura nan dhaladhe.
27 Ina nan sa’ad da ya kafa sammai a wurarensu, sa’ad da ya shata sararin sama a kan fuskar zurfafa,
Yeroo inni samiiwwan hundeessetti, yeroo inni dhidhima irra muummee kaaʼetti ani achin ture;
28 sa’ad da ya kafa gizagizai a bisa ya kuma kafa maɓulɓulan zurfafa daram,
yeroo inni gubbaatti duumessa jabeessee dhaabee madda tuujubaa illee hundeessetti ani achin ture;
29 sa’ad da ya ba wa teku iyakarsa domin kada ruwaye su zarce umarninsa, da kuma sa’ad da ya shata tussan duniya.
yeroo inni akka bishaanonni ajaja isaa hin cabsineef jedhee, galaanaaf daangaa dhaabetti, yeroo inni lafa hundeessetti ani achin ture.
30 A lokacin ni ne mai tsara abubuwa a gefensa. Na cika da murna kowace rana, kullum ina farin ciki a gabansa,
Yeroo sanatti ani ogeessa hojii harkaa taʼee isa biran ture. Ani yeroo hunda fuula isaa dura burraaqaa, guyyuma guyyaadhaan gammachuudhaan guutamaan ture;
31 ina farin ciki da dukan duniyarsa ina murna da’yan adam.
ani guutummaa addunyaa isaa keessatti ililchaa, ilmaan namaatti illee gammadaan ture.
32 “Yanzu fa,’ya’yana, ku saurare ni; masu albarka ne waɗanda suke kiyaye hanyoyina.
“Eegaa yaa ilmaan ko, mee na dhagaʼaa; warri karaa koo eegan eebbifamoo dha.
33 Ku saurari umarnina ku kuma zama masu hikima; kada ku ƙyale ta.
Gorsa koo dhaggeeffadhaatii ogeeyyii taʼaa; isa hin tuffatinaa.
34 Mai albarka ne wanda ya saurare ni; yana tsaro kullum a ƙofofina, yana jira a ƙofar shigata.
Namni na dhagaʼu, kan guyyaa hunda balbala koo eegu, kan karra koo dura turu eebbifamaa dha.
35 Gama duk wanda ya same ni ya sami rai zai kuma sami tagomashi daga Ubangiji.
Namni na argatu kam iyyuu jireenya argata; Waaqayyo biratti illee fudhatama argata.
36 Amma duk wanda ya kāsa samuna ya cuci kansa; dukan waɗanda suke ƙina suna ƙaunar mutuwa ke nan.”
Namni na hin arganne garuu ofuma miidha; namni na jibbu hundinuu duʼa jaallata.”