< Karin Magana 24 >

1 Kada ka yi ƙyashin mugaye, kada ka yi sha’awar ƙungiyarsu;
Hamootatti hin hinaafin; garee isaanii taʼuus hin hawwin;
2 gama leɓunansu suna maganar tā-da-na-zaune-tsaye ne.
garaan isaanii hammina malataatii; hidhiin isaaniis rakkina odeessa.
3 Ta wurin hikima ce ake gina gida, kuma ta wurin fahimi ake kafa ta;
Manni ogummaadhaan ijaarama; hubannaadhaanis jabeeffamee dhaabama;
4 ta wurin sani ɗakunanta sukan cika da kyawawan kayayyaki masu daraja.
kutaawwan isaas, beekumsaan, qabeenya gatii guddaatii fi miidhagaadhaan guutamu.
5 Mutum mai hikima yana da iko sosai, kuma mutum mai sani yakan ƙaru da ƙarfi;
Ogeessi humna guddaa qaba; beekaan namaa immoo jabina itti dabalata;
6 don yin yaƙi kana bukatar bishewa, kuma don ka yi nasara kana bukatar mashawarta masu yawa.
waraana banuuf qajeelfama, moʼannaa argachuudhaaf immoo gorsitoota hedduu si barbaachisa.
7 Hikima ta yi wa wawa nisa ƙwarai a cikin taro a ƙofar gari ba shi da ta cewa.
Gowwaa irraa ogummaan akka malee ol fagoo dha; inni karra duratti afaan isaa hin saaqqatu.
8 Duk mai ƙulla mugunta za a ɗauka shi mai kuta hargitsi ne.
Namni hammina malu, “Maltee” jedhama.
9 Makircin wawa zunubi ne, mutane kuma sukan yi ƙyamar mai ba’a.
Malli gowwummaa cubbuu dha; namoonnis qoostuu ni balfu.
10 In ba ka da ƙarfi a lokacin wahala, ka tabbatar kai marar ƙarfi ne sosai!
Ati yoo gaafa rakkinaa laafte, jabinni kee dhugumaanuu xinnaa dha!
11 Ka kuɓutar da waɗanda ake ja zuwa inda za a kashe su; ka riƙe waɗanda suke tangaɗi zuwa wajen yanka.
Warra gara duʼaatti geeffamaa jiran duʼa jalaa baasi; warra ajjeefamuuf qopheeffamanis oolchi.
12 In kuka ce, “Ai, ba mu san wani abu a kai wannan ba,” shi da yake awon ba shi da zuciyar ganewa ne? Shi da yake tsare ranka bai sani ba ne? Ba zai sāka wa kowane mutum bisa ga abin da ya aikata ba?
Yoo ati, “Nu waan kana homaa hin beekne” jette, inni yaada namaa madaalu sun hin hubatuu? Kan lubbuu kee eegu sun waan kana hin beekuu? Inni nama hundaaf akkuma hojii isaatti gatii hin kennuu?
13 Ka sha zuma, ɗana, ka sha zuma gama tana da kyau; zuma daga kaki yana da zaƙi a harshenka.
Yaa ilma ko, dammi waan gaarii taʼeef nyaadhu; nadhiin dammaa sitti ni miʼaawa.
14 Ka kuma san cewa hikima tana da zaƙi ga rai; in ka same ta, akwai sa zuciya ta nan gaba dominka, kuma sa zuciyarka ba za tă zama a banza ba.
Akka ogummaan lubbuu keetti miʼaawu illee beeki; ati yoo isa argatte fuul duratti abdii qabda; abdiin kees hin citu.
15 Kada ka kwanta kana fako kamar ɗan iska don ƙwace gidan adali, kada ka ƙwace masa wurin zama;
Akka nama seeraan hin bulleetti mana nama qajeelaa riphxee hin eeggatin; mana jireenya isaas hin saamin.
16 gama ko da adali ya fāɗi sau bakwai, yakan tashi kuma, amma bala’i kan kwantar da mugaye.
Namni qajeelaan yeroo torba kufu iyyuu, deebiʼee ni kaʼaatii; namni hamaan garuu yeroo balaan itti dhufutti ni gufata.
17 Kada ka yi dariya sa’ad da abokin gāba ya fāɗi; sa’ad da ya yi tuntuɓe, kada ka yi farin ciki,
Yeroo diinni kee kufutti hin ililchin; yeroo inni gufatuttis garaan kee hin gammadin;
18 in ba haka ba in Ubangiji ya gani ba zai amince ba ya kuma juye fushinsa daga gare shi.
yoo kanaa achii Waaqayyo waan kanatti ni gaddaatii; dheekkamsa isaas isa irraa deebisa.
19 Kada ka ji tsoro saboda masu mugunta ko ka yi ƙyashin mugaye,
Ati sababii jalʼootaatiif aariidhaan hin gubatin; hamootattis hin hinaafin.
20 gama mugu ba shi da zuciya ta nan gaba, kuma fitilar mugaye za tă mutu.
Namni jalʼaan fuul duratti abdii hin qabuutii; ibsaan hamootaas ni dhaama.
21 Ka ji tsoron Ubangiji da kuma sarki, ɗana, kuma kada ka haɗa kai da masu tayarwa,
Yaa ilma ko, Waaqayyoo fi mootii sodaadhu; finciltootattis hin makamin;
22 gama za a tura waɗannan biyu zuwa hallaka nan da nan, kuma wa ya sani irin bala’in da za su iya kawowa?
badiisni akkuma tasaa isaanitti dhufaatii; balaa isaan lachuu fidan eenyutu beeka?
23 Waɗannan ma maganganun masu hikima ne, Nunan sonkai a shari’a ba shi da kyau.
Kunneenis jechoota ogeessaa ti: Murtii kennuu irratti nama wal caalchisuun gaarii miti:
24 Duk wanda ya ce wa mai laifi, “Ba ka da laifi”, mutane za su la’ance shi al’umma kuma za tă ce ba a san shi ba.
Kan nama yakka qabuun, “Ati balleessaa hin qabdu” jedhu kam iyyuu namni isa abaara; sabnis isa balaaleffata.
25 Amma zai zama da lafiya ga duk waɗanda suka hukunta masu laifi, kuma babban albarka zai zo a kansu.
Warri nama yakka hojjetu ifatan garuu ni gammadu; eebbi guddaanis ni dhufaaf.
26 Amsa da take ta gaskiya tana kamar sumba a leɓuna.
Deebiin qajeelaan, akkuma hidhii dhungachuu ti.
27 Ka gama aikinka ka kuma shirya gonakinka; bayan haka, ka gina gidanka.
Hojii kee kan diidaa raawwadhuutii lafa qotiisaa kees qopheeffadhu; ergasii mana kee ijaarradhu.
28 Kada ka ba da shaida a kan maƙwabcinka ba tare da isashen dalili ba, ko ka yi amfani da leɓunanka ka yi ruɗu.
Sababii tokko malee ollaa keetti dhugaa hin baʼin yookaan hidhii keetiin hin gowwoomsin.
29 Kada ka ce, “Zan yi masa kamar yadda ya yi mini; zan rama abin da wannan mutum ya yi mini.”
Ati, “Waanuma inni na godhe anis isa nan godha; waan inni hojjeteefis gatii isaa nan deebisa” hin jedhin.
30 Na wuce cikin gonar rago, na wuce cikin gonar inabin mutumin da ba shi da azanci;
Ani lafa qotiisaa nama dhibaaʼaa keessa baʼee, iddoo dhaabaa wayinii nama qalbii hin qabnee keessas darbe;
31 ƙayayyuwa sun yi girma ko’ina, ciyayi sun rufe ƙasar, katangar duwatsu duk ta rushe.
qoraattiin lafa hunda guuteera; laftis aramaadhaan fudhatameera; dallaan dhagaas diigameera.
32 Na yi tunani a zuciyata na kuwa koyi darasi daga abin da na gani.
Ani argeen waan sana qalbeeffadhe; waanan arge sana irraas barumsa nan argadhe:
33 Ɗan barci, ɗan gyangyaɗi, ɗan naɗin hannuwa don a huta,
hirriba xinnaa; mugaatii xinnaa; xinnoo harka walitti marachuu;
34 sai talauci ya shigo maka kamar’yan fashi rashi kuma ya zo maka kamar mai hari.
hiyyummaanis akkuma hattuutti, deegummaanis akkuma loltuu hidhateetti sitti dhufa.

< Karin Magana 24 >