< Karin Magana 20 >

1 Ruwan inabi mai yin ba’a ne, barasa kuma mai rikici ne; duk wanda suka sa ya kauce marar hikima ne.
Daadhiin wayinii nama qoostuu, dhugaatiin cimaan immoo waccuu nama godha; namni isaaniin fudhatamus ogeessa miti.
2 Fushin sarki yana kama da rurin zaki; duk wanda ya sa shi fushi zai rasa ransa.
Dheekkamsi mootii akkuma aaduu leencaa ti; namni isa aarsus lubbuu ofii isaa dhaba.
3 Bangirma ne ga mutum ya guji faɗa, amma kowane wawa yana saurin yin faɗa.
Lola irraa fagaachuun ulfina; gowwaan hundi garuu lolatti ariifata.
4 Rago ba ya noma a lokacin noma; saboda haka a lokacin girbi ba ya bukata samun kome.
Dhibaaʼaan yeroodhaan hin qotatu; kanaafuu inni yeroo haamaatti ni ilaala malee homaa hin argatu.
5 Manufofin zuciyar mutum zurfafan ruwaye ne, amma mutum mai basira yakan jawo su.
Yaadni qalbii namaa akkuma bishaan gad fagoo ti; hubataan namaa garuu ni waraabbata.
6 Kowane mutum gani yake shi mai ƙauna marar ƙarewa ne, amma ina? Da ƙyar ka sami amintacce mutum guda.
Namni hedduun akka jaalala hin dhumne qabu dubbata; nama amanamaa garuu eenyutu argachuu dandaʼa?
7 Mai adalci kan yi rayuwa marar abin zargi; masu albarka ne’ya’yan da za su biyo bayansa.
Namni qajeelaan amanamummaadhaan jiraata; ijoolleen isaa warri booddee dhalatanis ni eebbifamu.
8 Sa’ad da sarki ya zauna kan kujerarsa don yă yi shari’a, yakan ga dukan mugunta da idanunsa.
Mootiin tokko yeroo murtii kennuuf teessoo isaa irra taaʼutti, waan hamaa hunda ijuma isaatiin gingilchee addaan baasa.
9 Wa zai iya cewa, “Na kiyaye zuciyata da tsarki; ni mai tsabta ne marar zunubi kuma”?
Eenyutu, “Ani garaa koo qulqulleeffadheera; ani qulqulluu dha; cubbuus hin qabu” jechuu dandaʼa?
10 Ma’auni marar gaskiya da magwajin da ba daidai ba, Ubangiji ya ƙi su duka.
Madaalii jalʼaa fi safartuu jalʼaa lamaanuu Waaqayyo ni balfa.
11 Akan san ƙananan yara ta ayyukansu, ana iya sani ko rayuwarsu amintattu ne, mai nagarta.
Mucaan xinnaan iyyuu amalli isaa qulqulluu fi qajeelaa taʼuun isaa hojii isaatiin beekama.
12 Kunnuwan da suke ji da kuma idanun da suke gani, Ubangiji ne ya yi su duka.
Gurra dhagaʼuu fi ija argu, lachanuu Waaqayyotu uume.
13 Kada ka so barci in ba haka ba za ka talauce; ka zauna a faɗake za ka kuwa kasance da sauran abinci.
Akka hin hiyyoomneef, hirriba hin jaallatin; midhaan akka quuftuuf, dammaqii jiraadhu.
14 “Kai, ya yi tsada, ya yi tsada!” In ji mai saya; sa’ad da ya tafi yana taƙama a kan ya iya ciniki.
Namni waa bitatu, “Wanni kun gaarii miti; wanni kun gaarii miti!” jedha; ergasii immoo dhaqee waaʼee waan bitate sanaa boona.
15 Zinariya akwai ta, lu’ulu’u kuma ga shi a yalwace, amma leɓunan da suke magana da sani suna da wuyan samu kamar duwatsu masu daraja.
Warqeen ni jira; lulli diimaanis baayʼinaan jira; arrabni beekumsa dubbatu garuu faaya gatii guddaa ti.
16 A karɓi rigunan wanda ya ɗauki lamunin baƙo; a riƙe shi jingina in ya yi shi don mace marar aminci.
Nama nama ormaatiif wabii taʼe irraa uffata isaa fudhadhu; yoo inni dubartii ormaatiif wabii taʼes uffata sana qabdii qabadhu.
17 Abincin da aka samu ta hanyar zamba yakan zama da daɗi, amma mutum zai ƙarasa da baki cike da yashi.
Nyaanni gowwoomsaadhaan argame namatti miʼaawa; dhuma irratti garuu afaan nama sanaa cirrachatu guuta.
18 Ka yi shirye-shirye ta wurin neman shawara; in kana yaƙi, ka sami bishewa.
Gorsaan karoora baafadhu; qajeelfama ogummaatiin waraana bani.
19 Mai gulma yakan lalace yarda; saboda haka ka guji mutum mai yawan surutu.
Hamattuun icciitii baafti; kanaafuu odeessituu wajjin tokkummaa hin qabaatin.
20 In mutum ya zargi mahaifinsa ko mahaifiyarsa, fitilarsa za tă mutu a tsakiyar duhu.
Namni tokko yoo abbaa isaa yookaan haadha isaa abaare, ibsaan isaa dukkana hamaa keessatti dhaama.
21 Gādon da aka samu da sauri a farkon farawa ba zai zama mai albarka a ƙarshe ba.
Dhaalli jalqabumatti dafee argame dhumni isaa eebba hin qabaatu.
22 Kada ka ce, “Zan rama wannan abin da aka yi mini!” Ka dogara ga Ubangiji, zai kuwa fisshe ka.
Ati, “Yakka ati hojjette kanaaf ani gatii kee siifin kenna!” hin jedhin; Waaqayyoon eeggadhu; inni si baasa.
23 Ubangiji ya ƙi ma’aunin da ba daidai ba, da kuma magwajin da ba su gamshe shi ba.
Waaqayyo madaalii jalʼaa ni balfa; safartuu sobaattis hin gammadu.
24 Ubangiji ne yake bi da matakan mutum, Ta yaya wani zai fahimci hanyarsa?
Adeemsi namaa Waaqayyoon qajeelfama. Yoos namni kam iyyuu akkamiin karaa ofii isaa hubachuu dandaʼa ree?
25 Tarko ne ga mutum ya keɓe wani abu da ba tunani daga baya kuma ya yi la’akari da alkawarinsa.
Namni utuu itti hin yaadin, “Wanni kun Waaqaaf qulqulleeffameera” jedhee ergasii immoo waan wareege sana gaabbe kiyyoo isatti taʼa.
26 Sarki mai hikima yakan gane mugunta; ya hukunta su ba tausayi.
Mootiin ogeessi hamoota gingilchee addaan baasa; geengoo ittiin midhaan dhaʼan illee isaan irra oofa.
27 Fitilar Ubangiji kan bincika zuciyar mutum takan bincika lamirinsa.
Ibsaan Waaqayyoo hafuura namaa sakattaʼa; inni keessa namaa illee isumaan qora.
28 Ƙauna da aminci kan kiyaye sarki lafiya; ta wurin ƙauna sarautarsa za tă zauna a kafe.
Jaalallii fi amanamummaan mootii tokko nagaan jiraachisu; teessoon mootummaa isaas jaalalaan eegama.
29 Ɗaukakar matasa maza ita ce ƙarfinsu, furfura ita ce darajar tsofaffi.
Ulfinni dargaggootaa jabina isaanii ti; arriin mataa kabaja nama umuriin dheeratee ti.
30 Naushi da rauni kan share mugunta, dūka kuma kan tsabtacce lamiri.
Abootteen nama madeessu hammina nama irraa qulqulleessa; garaffiin immoo keessa namaa geeddara.

< Karin Magana 20 >