< Karin Magana 15 >

1 Amsa da tattausar harshe kan kwantar da fushi, amma magana da kakkausan harshe kan kuta fushi.
Deebiin laafaan dheekkamsa qabbaneessa; jechi hamaan garuu aarii kakaasa.
2 Harshen mai hikima kan yi zance mai kyau a kan sani, amma bakin wawa kan fitar da wauta.
Arrabni nama ogeessaa beekumsa jaja; afaan nama gowwaa garuu gowwummaa dhangalaasa.
3 Idanun Ubangiji suna a ko’ina, suna lura da masu aikata mugunta da masu aikata alheri.
Iji Waaqayyoo idduma hunda jira; nama hamaa fi gaariis ni toʼata.
4 Harshen da ya kawo warkarwa shi ne itacen rai, amma harshe mai ƙarya kan ragargaza zuciya.
Arrabni fayyina fidu muka jireenyaa ti; arrabni sobu garuu hafuura cabsa.
5 Wawa yakan ƙi kulawa da horon da mahaifinsa yake masa, amma duk wanda ya yarda da gyara kan nuna azanci.
Gowwaan adabbii abbaa isaa tuffata; namni sirreeffama fudhatu kam iyyuu garuu qalbii qabeessa.
6 Gidan adali yana da dukiya mai yawa, amma albashin mugaye kan kawo musu wahala.
Manni nama qajeelaa badhaadhummaa guddaa qaba; galiin nama hamaa garuu rakkoo isatti fida.
7 Leɓunan masu hikima sukan baza sani; ba haka zukatan wawaye suke ba.
Arrabni nama ogeessaa beekumsa facaasa; garaan nama gowwaa garuu akkas miti.
8 Ubangiji yana ƙyamar hadayar mugaye, amma addu’ar masu aikata gaskiya kan sa ya ji daɗi.
Waaqayyo aarsaa hamootaa ni balfa; kadhannaan tolootaa garuu isa gammachiisa.
9 Ubangiji yana ƙin hanyar mugaye amma yana ƙaunar waɗanda suke neman adalci.
Waaqayyo karaa hamootaa ni balfa; warra qajeelummaa duukaa buʼan garuu ni jaallata.
10 Horo mai tsanani yana jiran duk wanda ya bar hanya; wanda ya ƙi gyara zai mutu.
Nama daandii irraa jalʼatu adabbii hamaatu isa eeggata; kan sirreeffama jibbu ni duʼa.
11 Mutuwa da Hallaka suna nan a fili a gaban Ubangiji, balle fa zukatan mutane! (Sheol h7585)
Duʼaa fi Badiisni fuula Waaqayyoo duratti beekamoo dha; yoos garaan namaa hammam caalaa haa beekamu ree! (Sheol h7585)
12 Mai yin ba’a yakan ƙi gyara; ba zai nemi shawara mai hikima ba.
Namni qoosu sirreeffama hin jaallatu; nama ogeessaanis hin mariʼatu.
13 Zuciya mai farin ciki kan sa fuska tă yi haske, amma ciwon zuciya kan ragargaza rai.
Garaan gammadu akka fuulli ifu godha; gaddi garaa garuu hafuura cabsa.
14 Zuciya mai la’akari kan nemi sani, amma bakin wawa wauta ce ke ciyar da shi.
Garaan waa qalbeeffatu beekumsa barbaada; afaan gowwaa garuu gowwummaa nyaata.
15 Dukan kwanakin mutumin da ake danniya fama yake yi, amma zuciya mai farin ciki yana yin biki kullum.
Barri nama hacuucamee guutumaan guutuutti gadadoo dha; garaa gammaduuf garuu guyyaan hundinuu cidha.
16 Gara a kasance da kaɗan da tsoron Ubangiji da a kasance da arziki mai yawa game da wahala.
Qabeenya guddaa rakkina of keessaa qabuu mannaa, Waaqayyoon sodaachaa waan xinnaa qabaachuu wayya.
17 Gara a ci abincin kayan ganye inda akwai ƙauna da a ci kiwotaccen saniya inda ƙiyayya take.
Jibbaan cooma sangaa nyaachuu mannaa, jaalalaan raafuu nyaachuu wayya.
18 Mutum mai zafin rai kan kawo faɗa, amma mutum mai haƙuri kan kwantar da faɗa.
Namni dafee aaru lola kakaasa; namni obsa qabu garuu lola qabbaneessa.
19 An tare hanyar rago da ƙayayyuwa, amma hanyar mai aikata gaskiya buɗaɗɗiyar hanya ce.
Karaan nama dhibaaʼaa qoraattiidhaan cufama; daandiin tolootaa garuu karaa diriiraa dha.
20 Ɗa mai hikima kan kawo farin ciki wa mahaifinsa, amma wawa yakan rena mahaifiyarsa.
Ilmi ogeessi abbaa isaa gammachiisa; namni gowwaan garuu haadha isaa tuffata.
21 Wauta kan sa mutum marar azanci ya yi farin ciki, amma mai basira kan kiyaye abin da yake yi daidai.
Nama qalbii hin qabne gowwummaatu isa gammachiisa; namni hubataan garuu daandii qajeelaa irra deema.
22 Shirye-shirye sukan lalace saboda rashin neman shawara, amma tare da mashawarta masu yawa za su yi nasara.
Karoorri gorsa hin qabne fiixaan hin baʼu; garuu gorsitoota hedduudhaan ni milkaaʼa.
23 Mutum yakan yi farin ciki a ba da amsar da take daidai, kuma ina misali a yi magana a lokacin da ya dace!
Namni tokko deebii malu kennuudhaan gammachuu argata; dubbiin yeroo isaatti dubbatamu akkam gaarii dha!
24 Hanyar rai na yin jagora ya haura wa masu hikima don ta kiyaye shi daga gangarawa zuwa kabari. (Sheol h7585)
Daandiin nama hubataa akka inni siiʼoolitti gad hin buuneef gara jireenyaatti ol isa baasa. (Sheol h7585)
25 Ubangiji yakan rushe gidan mai girman kai amma yakan kiyaye iyakokin gwauruwa daidai.
Waaqayyo mana nama of tuuluu ni diiga; daangaa haadha hiyyeessaa garuu ni dhaaba.
26 Ubangiji yana ƙyamar tunanin mugaye, amma waɗanda suke da tunani masu tsabta yakan ji daɗinsu.
Waaqayyo yaada nama hamaa ni balfa; yaadni nama qulqulluu garuu isa gammachiisa.
27 Mutum mai haɗama kan kawo wahala ga iyalinsa, amma wanda yake ƙin cin hanci zai rayu.
Namni doqni maatii isaatti rakkina fida; kan mattaʼaa jibbu garuu ni jiraata.
28 Zuciyar mai adalci takan auna amsoshinta, amma bakin mugu yakan fitar da mugunta.
Garaan nama qajeelaa haala ittiin deebii kennu yaada; afaan nama hamaa garuu hammina dhangalaasa.
29 Ubangiji yana nesa da mugaye amma yakan ji addu’ar adalai.
Waaqayyo nama hamaa irraa fagoo jira; kadhannaa nama qajeelaa garuu ni dhagaʼa.
30 Fuska mai fara’a takan kawo farin ciki ga zuciya, kuma labari mai daɗi na kawo lafiya ga ƙasusuwa.
Fuulli ifaan garaa gammachiisa; oduun gaariinis lafee haaromsa.
31 Duk wanda ya mai da hankali sa’ad da ake tsawata masa ba zai kasance dabam a cikin masu hikima ba.
Namni adabbii jireenya kennu dhaggeeffatu, ogeeyyii gidduu jiraata.
32 Duk waɗanda suka ƙi horon sun rena kansu ke nan, amma duk waɗanda sun yarda da gyara sukan ƙara basira.
Namni adabbii tuffatu ofuma tuffata; kan sirreeffama fudhatu garuu hubannaa argata.
33 Tsoron Ubangiji yakan koya wa mutum hikima, kuma sauƙinkai kan zo kafin girmamawa.
Waaqayyoon sodaachuun ogummaa nama barsiisa; gad of qabuunis ulfina dura dhufa.

< Karin Magana 15 >