< Ƙidaya 8 >
1 Ubangiji ya ce wa Musa,
Waaqayyo Museedhaan akkana jedhe;
2 “Yi magana da Haruna, ka ce masa, ‘Sa’ad da za ka shisshirya fitilun nan bakwai, ka shirya su yadda za su fuskanci gaba domin haskensu yă haskaka ta gaba.’”
“Aroonitti akkana jedhii dubbadhu; ‘Yeroo ati ibsaawwan torban qabsiiftutti isaan iddoo baattuu ibsaa fuula dura jiru haa ibsan.’”
3 Haka kuwa Haruna ya yi; ya shisshirya fitilun yadda za su fuskanci gaba a kan wurin ajiye fitilan, kamar dai yadda Ubangiji ya umarci Musa.
Aroonis akkasuma godhe; innis akkuma Waaqayyo Musee ajajetti akka isaan fuula baattuu ibsaa duraan ifa kennaniif ibsaawwan sana qabsiise.
4 Ga yadda aka yi wurin ajiye fitilan. An ƙera shi da zinariya daga gindinsa har zuwa sama inda ya buɗu. Aka ƙera wurin ajiye fitilan yadda Ubangiji ya nuna wa Musa.
Akki itti baattuun ibsaa tolfame akkana: Miilla isaa irraa jalqabee hamma daraaraa isaatti warqee tumame irraa hojjetame. Baattuun ibsaa sun akkuma fakkeenya Waaqayyo Museetti argisiise sanaatti hojjetame.
5 Ubangiji ya ce wa Musa,
Waaqayyo Museedhaan akkana jedhe:
6 “Keɓe Lawiyawa daga sauran Isra’ilawa, ka tsarkake su.
“Saba Israaʼel keessaa Lewwota fuudhii qulqulleessi.
7 Ga yadda za ka tsarkake su, ka yayyafa musu ruwan tsarkakewa; ka sa su aske jikunansu duka su kuma wanke tufafinsu, ta haka za su tsarkake kansu.
Isaan qulqulleessuufis waan kana godhi: bishaan qulqullaaʼummaa isaanitti facaasi; akka isaan dhagna isaanii guutuu haaddatanii akkasiin uffata ofii miiccatanii of qulqulleessan godhi.
8 Ka sa su ɗauki ɗan bijimi tare da lallausan garin hadaya, kwaɓaɓɓe da mai; sa’an nan, kai kuma ka ɗauki ɗan bijimi na biyu na hadaya don zunubi.
Isaanis dibicha loonii tokko kennaa midhaanii kan daakuu bullaaʼaa zayitiidhaan sukkuumame wajjin haa fuudhan; atis dibicha loonii lammaffaa aarsaa cubbuutiif fuudhi.
9 Ka kawo Lawiyawa a gaban Tentin Sujada, ka kuma kira taron Isra’ilawa duka.
Lewwota fuula dunkaana wal gaʼii duratti dhiʼeessiitii waldaa Israaʼelootaa guutuu walitti qabi.
10 Za ka kawo Lawiyawa a gaban Ubangiji, Isra’ilawa kuma za su ɗibiya musu hannuwansu.
Lewwotas fuula Waaqayyoo duratti dhiʼeessi; sabni Israaʼel harka isaanii Lewwota irra haa kaaʼan.
11 Haruna zai miƙa Lawiyawa a gaban Ubangiji a matsayin hadaya ta kaɗawa daga Isra’ilawa, saboda a shirya su domin aikin Ubangiji.
Aroonis akka Lewwonni Waaqayyo tajaajiluu dandaʼaniif saba Israaʼel keessaa aarsaa sochoofamu godhee fuula Waaqayyoo duratti isaan haa dhiʼeessu.
12 “Bayan Lawiyawa sun ɗibiya hannuwansu a kan bijiman, sai ka yi amfani da ɗaya a matsayin hadaya don zunubi ga Ubangiji, ɗayan kuma domin hadaya ta ƙonawa, don yin kafara saboda Lawiyawa.
“Erga Lewwonni harka isaanii mataa jiboota sanaa irra kaaʼanii booddee ati Lewwotaaf araaraa buusuudhaaf dibicha tokko aarsaa cubbuu, kaan immoo aarsaa gubamu godhiitii Waaqayyoof dhiʼeessi.
13 Ka kuma sa Lawiyawa su tsaya a gaban Haruna da’ya’yansa, sai ka miƙa su kamar hadaya ta kaɗawa ga Ubangiji.
Akka Lewwonni fuula Aroonii fi fuula ilmaan isaa dura dhaabatan godhi; ergasiis aarsaa sochoofamu godhiitii Waaqayyotti isaan dhiʼeessi.
14 Da haka za ka keɓe Lawiyawa daga sauran Isra’ilawa, Lawiyawa za su zama nawa.
Haala kanaan Israaʼeloota kaan keessaa Lewwota addaan baasi; Lewwonnis kan koo haa taʼan.
15 “Bayan ka tsarkake Lawiyawa, ka kuma miƙa su kamar hadaya ta kaɗawa, sai su zo su yi aikinsu a Tentin Sujada.
“Erga ati Lewwota qulqulleessitee aarsaa sochoofamu gootee isaan dhiʼeessitee booddees isaan hojii dunkaana wal gaʼii hojjechuuf haa dhufan.
16 Gama dukansu an ba ni su daga cikin Isra’ilawa a maimakon dukan waɗanda suka fara buɗe mahaifa, wato, dukan’ya’yan farin Isra’ilawa. Na karɓi Lawiyawa su zama nawa.
Isaan Israaʼeloota keessaa guutumaan guutuutti naaf kennamuu qabu. Ani qooda hangafa saba Israaʼel kan gadameessa saaqu hundaa Lewwota ofii kootiif fudhadheera.
17 Kowane ɗan farin haihuwa, ko mutum, ko dabba a Isra’ila, nawa ne. Sa’ad da na kashe’ya’yan fari a Masar, na keɓe’ya’yan fari na Isra’ilawa wa kaina.
Israaʼel keessaa dhiirri hangafni hundi namas taʼu horiin kan koo ti. Ani yeroon biyya Gibxi keessatti hangafa hunda ajjeese sana ofii kootiifan addaan isaan baafadhe.
18 Na kuma ɗauki Lawiyawa a maimakon dukan’ya’yan fari maza a Isra’ila.
Ani qooda ilmaan Israaʼel hangafoota hundaa Lewwota fudhadheera.
19 Cikin dukan Isra’ilawa, na ba da Lawiyawa kyauta ga Haruna da’ya’yansa, su yi hidima a Tentin Sujada a madadin Isra’ilawa, su kuma yi kafara dominsu saboda kada annoba ta bugi Isra’ilawa sa’ad da suka je kusa da wuri mai tsarki.”
Yommuu Israaʼeloonni iddoo qulqulluutti dhiʼaatanitti akka dhaʼichi isaan hin arganneef, akka isaan Israaʼelootaaf araara buusanii fi akka isaan tajaajila Israaʼelootaa dunkaana wal gaʼii keessatti raawwataniif ani Lewwota saba Israaʼel hunda keessaa Aroonii fi ilmaan isaatiif kennaa godhee kenneera.”
20 Musa, Haruna da kuma dukan taron Isra’ilawa, suka yi da Lawiyawa yadda Ubangiji ya umarci Musa.
Museen, Aroonii fi waldaan Israaʼel guutuun akkuma Waaqayyo Musee ajaje sana Lewwotas godhan.
21 Lawiyawa suka tsarkake kansu, suka kuma wanke tufafinsu. Sai Haruna ya miƙa su kamar hadaya ta kaɗawa a gaban Ubangiji, ya kuma yi kafara saboda su don yă tsarkake su.
Lewwonnis of qulqulleessanii wayyaa ofii miiccatan. Aroonis akkuma aarsaa sochoofamuutti fuula Waaqayyoo duratti isaan dhiʼeesse; isaan qulqulleessuufis araara isaaniif buuse.
22 Bayan haka, sai Lawiyawa suka zo don su yi aikinsu a Tentin Sujada, a ƙarƙashin Haruna da’ya’yansa. Suka yi da Lawiyawa kamar dai yadda Ubangiji ya umarci Musa.
Ergasii Lewwonni qajeelcha Aroonii fi ilmaan isaatiin hojii dunkaana wal gaʼii hojjechuudhaaf dhufan. Isaanis akkuma Waaqayyo Musee ajaje sana Lewwotas godhan.
23 Ubangiji ya ce wa Musa,
Waaqayyo Museedhaan akkana jedhe;
24 “Wannan ya shafi Lawiyawa ne, wato, mazan da suka kai shekara ashirin da biyar, ko fiye, za su zo su yi aiki a Tentin Sujada,
“Kun seera Lewwotaaf kennamee dha: Dhiironni umuriin isaanii waggaa digdamii shanii fi hammasii olii hojii dunkaana wal gaʼii keessatti hirmaachuuf haa dhufan;
25 amma in suka kai shekaru hamsin da haihuwa, dole su huta daga wannan aiki na yau da kullum, su kuma daina aiki.
umurii waggaa shantamaatti garuu tajaajila isaanii haa dhaaban; deebiʼaniis hin tajaajilin.
26 Za su iya taimakon’yan’uwansu cikin tafiyar da ayyuka a Tentin Sujada, amma su kansu ba za su yi aikin ba. Haka fa za ka ba wa Lawiyawa aikinsu.”
Hojii dunkaana wal gaʼii irratti obboloota ofii gargaaruu ni dandaʼu; ofii isaaniitii garuu hojii sana hin hojjetin. Egaa kun haala itti ati itti gaafatama Lewwotaa ramadduu dha.”