< Ƙidaya 7 >
1 Sa’ad da Musa ya gama kafa tabanakul, sai ya shafe shi da mai, ya tsarkake shi tare da dukan kayayyakinsa, ya kuma shafe bagaden da mai, ya tsarkake shi da dukan kayayyakinsa.
Museen erga dunkaana qulqulluu sana dhaabee fixatee booddee, dunkaanichaa fi miʼa isaa hunda dibe; ni qulqulleesses. Akkasumas iddoo aarsaatii fi miʼa isaa hunda dibee qulqulleesse.
2 Sa’an nan shugabannin Isra’ila, wato, shugabannin iyalai waɗanda suke shugabancin kabilan da aka ƙidaya, suka miƙa hadayu.
Ergasii hooggantoonni Israaʼel, hangafoonni maatiiwwanii kanneen hooggantoota gosootaa taʼanii warra lakkaaʼaman sana qajeelchanis kennaa dhiʼeessan.
3 Suka kawo kyautansu a gaban Ubangiji. Kyautayin kuwa su ne, kekunan yaƙi shida da aka rufe, da shanu goma sha biyu, saniya guda daga kowane shugaba, da kuma keken yaƙi guda daga shugabanni biyu. Suka miƙa waɗannan a gaban tabanakul.
Isaanis gaariiwwan haguugaman jaʼaa fi sangoota kudha lama jechuunis tokkoo tokkoo hooggantootaa irraa sangaa tokko, lama lama taʼanii immoo gaarii tokko kennaa ofii godhanii fuula Waaqayyoo duratti fidan. Kennaawwan kanneenis dunkaana qulqulluu sana duratti dhiʼeessan.
4 Ubangiji ya ce wa Musa,
Waaqayyo Museedhaan akkana jedhe;
5 “Ka karɓi abubuwan nan daga gare su, domin a yi amfani da su a aikin Tentin Sujada. Ka ba da su ga Lawiyawa, a ba kowane mutum bisa ga aikinsa.”
“Akka isaan hojii dunkaana wal gaʼii hojjechuu keessatti fayyadaniif kennaawwan kanneen isaan harkaa fuudhi. Waan kana akkuma hojiin tokkoo tokkoo namaa barbaaddutti Lewwotatti kenni.”
6 Haka fa Musa ya ɗauki kekunan yaƙi da shanun ya ba wa Lawiyawa.
Museenis gaariiwwanii fi sangoota sana fuudhee Lewwotatti kenne.
7 Ya ba wa Gershonawa, kekunan yaƙi biyu da shanu huɗu bisa ga aikinsu,
Innis akkuma hojii isaaniitiif malutti gaariiwwan lamaa fi sangoota afur ilmaan Geershoonitti kenne;
8 ya kuma ya ba wa kabilar Merari kekunan yaƙi huɗu da shanu takwas bisa ga aikinsu. Aka ba da su duka a ƙarƙashin ikon Itamar ɗan Haruna, firist.
gaariiwwan afurii fi sangoota saddeet akkuma hojii isaaniitiif malutti ilmaan Meraaritti kenne. Isaan hundinuu qajeelfama Iitaamaar ilma Aroon lubichaa jala turan.
9 Amma Musa bai ba wa Kohatawa kome ba, gama aikinsu shi ne lura da kayayyaki masu tsarki waɗanda ake ɗauka a kafaɗa.
Ilmaan Qohaati garuu sababii miʼa qulqulluu gatiittiitti baachuun hojii isaanii taʼeef Museen homaa isaaniitti hin kennine.
10 Sa’ad da aka shafe bagaden da mai, sai shugabannin suka kawo hadayunsu saboda keɓewarsa, suka miƙa su a bagaden.
Yeroo iddoon aarsaa dibametti hooggantoonni kennaawwan isaanii eebba iddoo aarsaatiif fidanii iddoo aarsaa duratti dhiʼeessan.
11 Gama Ubangiji ya riga ya gaya wa Musa cewa, “Kowace rana, shugaba guda zai kawo hadayarsa saboda keɓewar bagade.”
Waaqayyo Museedhaan, “Dura buʼaan tokko guyyuma tokko kennaa isaa sirna eebba iddoo aarsaa sanaatiif haa dhiʼeessu” jedhee tureetii.
12 Wanda ya kawo hadayarsa a rana ta farko shi ne Nashon ɗan Amminadab, shugaban mutanen Yahuda.
Namni guyyaa jalqabaatti kennaa ofii fide Nahishoon ilma Amiinaadaab kan gosa Yihuudaa ture.
13 Hadayar da ya kawo ita ce, faranti guda ɗaya na azurfa, nauyinsa shekel ɗari ɗaya da talatin, da kuma daro na yayyafawa na azurfa, nauyinsa shekel saba’in, dukan biyu, an auna su bisa ga ma’aunin shekel na tsattsarkan wuri ne, kowannensu cike da lallausan gari, haɗe da mai kamar hadaya ta gari;
Kennaan isaas gabatee meetii kan akka madaalii saqilii iddoo qulqulluutti saqilii dhibba tokkoo fi soddoma ulfaatu tokkoo fi waciitii meetii kan akka madaalii saqilii iddoo qulqulluutti saqilii torbaatama ulfaatu kan tokkoon tokkoon isaanii akka kennaa midhaaniitti daakuu bullaaʼaa zayitiidhaan sukkuumameen guutaman,
14 ya kawo kwanon zinariya ɗaya, mai nauyin shekel goma, cike da turaren hayaƙi;
cilfaa warqee kan saqilii kudhan ulfaatee ixaanaan guutame tokko,
15 da ƙaramin bijimi guda ɗaya, tunkiya ɗaya, da rago, dukansu bana ɗaya-ɗaya domin hadaya ta ƙonawa;
aarsaa gubamuufis dibicha loonii tokko, korbeessa hoolaa tokkoo fi xobbaallaa hoolaa kan umuriin isaa waggaa tokko taʼe tokko,
16 ya kuma kawo bunsuru ɗaya domin hadaya don zunubi;
aarsaa cubbuutiif immoo korbeessa reʼee tokko,
17 da shanu biyu, raguna biyar, bunsurai biyar da kuma’yan raguna biyar dukansu bana ɗaya-ɗaya, a miƙa su hadaya ta salama. Wannan ita ce hadayar Nashon ɗan Amminadab.
aarsaa nagaatiif qaluufis sangoota lama, korbeeyyii hoolaa shan, korbeeyyii reʼee shanii fi xobbaallaawwan hoolaa shan kanneen umuriin isaanii waggaa tokko tokko taʼe ture. Kennaan Nahishoon ilmi Amiinaadaab dhiʼeesse kana ture.
18 A rana ta biyu, Netanel ɗan Zuwar, shugaban mutanen Issakar, ya kawo hadayarsa.
Guyyaa lammaffaattis Naatnaaʼel ilma Zuuwaar dura buʼaa Yisaakoritu kennaa isaa fide.
19 Hadayar da ya kawo ita ce, faranti guda ɗaya na azurfa, nauyinsa shekel ɗari ɗaya da talatin, da kuma daro na yayyafawa na azurfa, nauyinsa shekel saba’in, dukan biyu, an auna su bisa ga ma’aunin shekel na tsattsarkan wuri, kowannensu cike da lallausan gari, haɗe da mai kamar hadaya ta gari;
Kennaan inni fides gabatee meetii kan akka madaalii saqilii iddoo qulqulluutti saqilii dhibba tokkoo fi soddoma ulfaatu tokko, waciitii meetii kan akka madaalii saqilii iddoo qulqulluutti saqilii torbaatama ulfaatu tokko kan tokkoon tokkoon isaanii akkuma kennaa midhaaniitti daakuu bullaaʼaa zayitiidhaan sukkuumameen guutaman,
20 ya kuma kawo kwanon zinariya ɗaya mai nauyin shekel, goma cike da turaren hayaƙi;
caabii warqee kan saqilii kudhan ulfaatee ixaanaan guutame tokko,
21 da ƙaramin bijimi guda ɗaya, tunkiya ɗaya da rago, dukansu bana ɗaya-ɗaya domin hadaya ta ƙonawa;
aarsaa gubamuufis dibicha loonii tokko, korbeessa hoolaa tokkoo fi xobbaallaa hoolaa kan umuriin isaa waggaa tokko taʼe tokko,
22 ya kuma kawo bunsuru ɗaya domin hadaya don zunubi;
aarsaa cubbuutiif immoo korbeessa reʼee tokko,
23 da shanu biyu, raguna biyar, bunsurai biyar da kuma’yan raguna biyar dukansu bana ɗaya-ɗaya, a miƙa su hadaya ta salama. Wannan ita ce hadayar Netanel ɗan Zuwar.
aarsaa nagaatiif qaluufis sangoota lama, korbeeyyii hoolaa shan, korbeeyyii reʼee shanii fi xobbaallaawwan hoolaa shan kanneen umuriin isaanii waggaa tokko tokkoo ture. Kennaan Naatnaaʼel ilma Zuuwaar kana ture.
24 A rana ta uku, Eliyab ɗan Helon, shugaban mutanen Zebulun, ya kawo hadayarsa.
Guyyaa sadaffaatti Eliiyaab ilma Heeloon hangafa ijoollee Zebuuloonitu kennaa isaa fide.
25 Hadayar da ya kawo ita ce, faranti guda ɗaya na azurfa, nauyinsa shekel ɗari ɗaya da talatin, da kuma daro na yayyafawa na azurfa, nauyinsa shekel saba’in, dukan biyu, an auna su bisa ga ma’aunin shekel na tsattsarkan wuri, kowannensu cike da lallausan gari, haɗe da mai kamar hadaya ta gari;
Kennaan isaas gabatee meetii kan akka madaalii saqilii iddoo qulqulluutti saqilii dhibba tokkoo fi soddoma ulfaatu tokko, waciitii meetii kan akka madaalii saqilii iddoo qulqulluutti saqilii torbaatama ulfaatu tokko kanneen tokkoon tokkoon isaanii akkuma kennaa midhaaniitti daakuu bullaaʼaa zayitiidhaan sukkuumameen guutaman,
26 ya kuma kawo kwanon zinariya ɗaya, mai nauyin shekel goma, cike da turaren hayaƙi;
xuwwee warqee kan saqilii kudhan ulfaatee ixaanaan guutame tokko,
27 da ƙaramin bijimi guda ɗaya, tunkiya ɗaya, da rago, dukansu bana ɗaya-ɗaya domin hadaya ta ƙonawa;
aarsaa gubamuufis dibicha loonii tokko, korbeessa hoolaa tokko, xobbaallaa hoolaa umuriin isaa waggaa tokko taʼe tokko,
28 ya kuma kawo bunsuru ɗaya domin hadaya don zunubi;
aarsaa cubbuutiif immoo korbeessa reʼee tokko,
29 da shanu biyu, raguna biyar, bunsurai biyar da kuma’yan raguna biyar, dukansu bana ɗaya-ɗaya, a miƙa su hadaya ta salama. Wannan ita ce hadayar Eliyab ɗan Helon.
aarsaa nagaatiif qaluufis sangoota lama, korbeeyyii hoolaa shan, korommii reʼee shanii fi xobbaallaa korbeeyyii hoolaa shan kanneen umuriin isaanii waggaa tokko tokkoo ture. Egaa kennaan Eliiyaab ilma Heeloon kana ture.
30 A ranan ta huɗu, Elizur ɗan Shedeyur, shugaban mutanen Ruben, ya kawo hadayarsa.
Guyyaa afuraffaatti Eliizuur ilma Shedeeʼuur dura buʼaa ijoollee Ruubeenitu kennaa isaa fide.
31 Hadayar da ya kawo ita ce, faranti guda ɗaya na azurfa, nauyinsa shekel ɗari ɗaya da talatin, da kuma daro na yayyafawa na azurfa, nauyinsa shekel saba’in, dukan biyu, an auna su bisa ga ma’aunin shekel na tsattsarkan wuri, kowannensu cike da lallausan gari, haɗe da mai kamar hadaya ta gari;
Kennaan isaas gabatee meetii kan akka madaalii saqilii iddoo qulqulluutti saqilii dhibba tokkoo fi soddoma ulfaatu tokko, waciitii meetii kan akka madaalii saqilii iddoo qulqulluutti saqilii torbaatama ulfaatu tokko kan tokkoo tokkoon isaanii akkuma kennaa midhaaniitti daakuu bullaaʼaa zayitiidhaan sukkuumameen guutaman,
32 ya kuma kawo kwanon zinariya ɗaya mai nauyin shekel goma, cike da turaren hayaƙi;
xuwwee warqee kan saqilii kudhan ulfaatee ixaanaan guutame tokko,
33 da ƙaramin bijimi guda ɗaya, tunkiya ɗaya, da rago, dukansu bana ɗaya-ɗaya domin hadaya ta ƙonawa;
aarsaa gubamuufis dibicha loonii tokko, korbeessa hoolaa tokko, xobbaallaa hoolaa umuriin isaa waggaa tokko taʼe tokko,
34 ya kuma kawo bunsuru ɗaya domin hadaya don zunubi;
aarsaa cubbuutiif immoo korbeessa reʼee tokko,
35 da shanu biyu, raguna biyar, bunsurai biyar da kuma’yan raguna biyar, dukansu bana ɗaya-ɗaya, a miƙa su hadaya ta salama. Wannan ita ce hadayar Elizur ɗan Shedeyur.
aarsaa nagaatiif qaluufis sangoota lama, korbeeyyii hoolaa shan, korbeeyyii reʼee shanii fi xobbaallaa korbeeyyii hoolaa shan kanneen umuriin isaanii waggaa tokko tokkoo ture. Egaa kennaan Eliizuur ilma Shedeeʼuur kana ture.
36 A rana ta biyar, Shelumiyel ɗan Zurishaddai, shugaban mutanen Simeyon, ya kawo hadayarsa.
Guyyaa shanaffaatti Shilumiiʼeel ilma Zuriishadaayi hoogganaa ijoollee Simiʼoonitu kennaa isaa fide.
37 Hadayar da ya kawo ita ce, faranti guda ɗaya na azurfa, nauyinsa shekel ɗari ɗaya da talatin, da kuma daro na yayyafawa na azurfa, nauyinsa shekel saba’in, dukan biyu, an auna su bisa ga ma’aunin shekel na tsattsarkan wuri, kowannensu cike da lallausan gari, haɗe da mai kamar hadaya ta gari;
Kennaan isaas gabatee meetii kan akka madaalii saqilii iddoo qulqulluutti saqilii dhibba tokkoo fi soddoma ulfaatu tokko, waciitii meetii kan akka madaalii saqilii iddoo qulqulluutti saqilii torbaatama ulfaatu tokko, kanneen tokkoon tokkoon isaanii akkuma kennaa midhaaniitti daakuu bullaaʼaa zayitiidhaan sukkuumameen guutaman,
38 ya kuma kawo kwanon zinariya ɗaya mai nauyin shekel goma, cike da turaren hayaƙi;
xuwwee warqee kan saqilii kudhan ulfaatee ixaanaan guutame tokko,
39 da ƙaramin bijimi guda ɗaya, tunkiya ɗaya, da rago, dukansu bana ɗaya-ɗaya domin hadaya ta ƙonawa;
aarsaa gubamuufis dibicha loonii tokko, korbeessa hoolaa tokko, xobbaallaa hoolaa kan umuriin isaa waggaa tokko taʼe tokko,
40 ya kuma kawo bunsuru ɗaya domin hadaya don zunubi;
aarsaa cubbuutiif immoo korbeessa reʼee tokko,
41 da shanu biyu, raguna biyar, bunsurai biyar da kuma’yan raguna biyar, dukansu bana ɗaya-ɗaya, a miƙa su hadaya ta salama. Wannan ita ce hadayar Shelumiyel ɗan Zurishaddai.
aarsaa nagaatiif qaluufis sangoota lama, korbeeyyii hoolaa shan, korbeeyyii reʼee shanii fi xobbaallaawwan hoolaa shan kanneen umuriin isaanii waggaa tokko tokko ture. Egaa kennaan Shilumiiʼeel ilma Zuriishadaayi kana ture.
42 A rana ta shida, Eliyasaf ɗan Deyuwel, shugaban mutanen Gad, ya kawo hadayarsa.
Guyyaa jaʼaffaatti Eliyaasaaf ilma Deʼuuʼeel dura buʼaa ijoollee Gaaditu kennaa isaa fide.
43 Hadayar da ya kawo ita ce, faranti guda ɗaya na azurfa, nauyinsa shekel ɗari ɗaya da talatin, da kuma daro na yayyafawa na azurfa, nauyinsa shekel saba’in, dukan biyu, an auna su bisa ga ma’aunin shekel na tsattsarkan wuri, kowannensu cike da lallausan gari, haɗe da mai kamar hadaya ta gari;
Kennaan isaas gabatee meetii kan akka madaalii saqilii iddoo qulqulluutti saqilii dhibba tokkoo fi soddoma ulfaatu tokko, waciitii meetii kana akka madaalii saqilii iddoo qulqulluutti saqilii torbaatama ulfaatu tokko kanneen tokkoon tokkoon isaanii akkuma kennaa midhaaniitti daakuu bullaaʼaa zayitiidhaan sukkumameen guutaman,
44 ya kuma kawo kwanon zinariya ɗaya mai nauyin shekel goma, cike da turaren hayaƙi;
xuwwee warqee kan saqilii kudhan ulfaatee ixaanaan guutame tokko,
45 da ƙaramin bijimi guda ɗaya, tunkiya ɗaya, da rago, dukansu bana ɗaya-ɗaya domin hadaya ta ƙonawa;
aarsaa gubamuufis dibicha loonii tokko, korbeessa hoolaa tokko, xobbaallaa hoolaa kan umuriin isaa waggaa tokko taʼe tokko,
46 ya kuma kawo bunsuru ɗaya domin hadaya don zunubi;
aarsaa cubbuutiif immoo korbeessa reʼee tokko,
47 da shanu biyu, raguna biyar, bunsurai biyar da kuma’yan raguna biyar, dukansu bana ɗaya-ɗaya, a miƙa su hadaya ta salama. Wannan ita ce hadayar Eliyasaf ɗan Deyuwel.
aarsaa nagaatiif qaluufis sangoota lama, korbeeyyii hoolaa shan, korommii reʼee shanii fi xobbaallaawwan hoolaa shan kanneen umuriin isaanii waggaa tokko tokkoo ture. Egaa kennaan Eliyaasaaf ilma Deʼuuʼeel kana ture.
48 A rana ta bakwai, Elishama ɗan Ammihud, shugaban mutanen Efraim, ya kawo hadayarsa.
Guyyaa torbaffaatti Eliishaamaa ilma Amiihuud dura buʼaa ijoollee Efreemitu kennaa isaa fide.
49 Hadayar da ya kawo ita ce, faranti guda ɗaya na azurfa, nauyinsa shekel ɗari ɗaya da talatin, da kuma daro na yayyafawa na azurfa, nauyinsa shekel saba’in, dukan biyu, an auna su bisa ga ma’aunin shekel na tsattsarkan wuri, kowannensu cike da lallausan gari, haɗe da mai kamar hadaya ta gari;
Kennaan isaas gabatee meetii kan akka madaalii saqilii iddoo qulqulluutti saqilii dhibba tokkoo fi soddoma ulfaatu tokko, waciitii meetii kan akka madaalii saqilii iddoo qulqulluutti saqilii torbaatama ulfaatu tokko kanneen tokkoon tokkoon isaanii akkuma kennaa midhaaniitti daakuu bullaaʼaa zayitiidhaan sukkumameen guutaman,
50 kwanon zinariya ɗaya mai nauyin shekel goma, cike da turaren hayaƙi;
xuwwee warqee kan saqilii kudhan ulfaatee ixaanaan guutame tokko,
51 da ƙaramin bijimi guda ɗaya, tunkiya ɗaya, da rago, dukansu bana ɗaya-ɗaya domin hadaya ta ƙonawa;
aarsaa gubamuufis dibicha loonii tokko, korbeessa hoolaa tokko, xobbaallaa hoolaa kan umuriin isaa waggaa tokko taʼe tokko,
52 ya kuma kawo bunsuru ɗaya domin hadaya don zunubi;
aarsaa cubbuutiif immoo korbeessa reʼee tokko,
53 da shanu biyu, raguna biyar, bunsurai biyar da kuma’yan raguna biyar, dukansu bana ɗaya-ɗaya, a miƙa su hadaya ta salama. Wannan ita ce hadayar Elishama ɗan Ammihud.
aarsaa nagaatiif qaluufis sangoota lama, korbeeyyii hoolaa shan, korbeeyyii reʼee shanii fi xobbaallaawwan hoolaa shan kanneen umuriin isaanii waggaa tokko tokko ture. Egaa kennaan Eliishaamaa ilma Amiihuud kana ture.
54 A rana ta takwas, Gamaliyel ɗan Fedazur, shugaban mutanen Manasse, ya kawo hadayarsa.
Guyyaa saddeettaffaatti Gamaaliʼeel ilma Phedaasuur hoogganaa ijoollee Minaaseetu kennaa isaa fide.
55 Hadayar da ya kawo ita ce, faranti guda ɗaya na azurfa, nauyinsa shekel ɗari ɗaya da talatin, da kuma daro na yayyafawa na azurfa, nauyinsa shekel saba’in, dukan biyu, an auna su bisa ga ma’aunin shekel na tsattsarkan wuri, kowannensu cike da lallausan gari, haɗe da mai kamar hadaya ta gari;
Kennaan isaas gabatee meetii kan akka madaalii saqilii iddoo qulqulluutti saqilii dhibba tokkoo fi soddoma ulfaatu tokko, waciitii meetii kan akka madaalii saqilii iddoo qulqulluutti saqilii torbaatama ulfaatu tokko kanneen tokkoon tokkoon isaanii akkuma kennaa midhaaniitti daakuu bullaaʼaa zayitiidhaan sukkuumameen guutaman,
56 kwanon zinariya ɗaya mai nauyin shekel goma, cike da turaren hayaƙi;
xuwwee warqee kan saqilii kudhan ulfaatee ixaanaan guutame,
57 da ƙaramin bijimi guda ɗaya, tunkiya ɗaya, da rago, dukansu bana ɗaya-ɗaya domin hadaya ta ƙonawa;
aarsaa gubamuufis dibicha loonii tokko, korbeessa hoolaa tokko, xobbaallaa hoolaa kan umuriin isaa waggaa tokko taʼe,
58 ya kuma kawo bunsuru ɗaya domin hadaya don zunubi;
aarsaa cubbuutiif immoo korbeessa reʼee tokko,
59 da shanu biyu, raguna biyar, bunsurai biyar da kuma’yan raguna biyar, dukansu bana ɗaya-ɗaya, a miƙa su hadaya ta salama. Wannan ita ce hadayar Gamaliyel ɗan Fedazur.
aarsaa nagaatiif qaluufis sangoota lama, korbeeyyii hoolaa shan, korommii reʼee shanii fi xobbaallaawwan hoolaa shan kanneen umuriin isaanii waggaa tokko tokkoo ture. Egaa kennaan Gamaaliʼeel ilma Phedaasuur kana ture.
60 A rana ta tara, Abidan ɗan Gideyoni, shugaban mutanen Benyamin, ya kawo hadayarsa.
Guyyaa saglaffaatti Abiidaan ilma Gaadeyoon dura buʼaa ijoollee Beniyaamitu kennaa isaa fide.
61 Hadayar da ya kawo ita ce, faranti guda ɗaya na azurfa, nauyinsa shekel ɗari ɗaya da talatin, da kuma daro na yayyafawa na azurfa, nauyinsa shekel saba’in, dukan biyu, an auna su bisa ga ma’aunin shekel na tsattsarkan wuri, kowannensu cike da lallausan gari, haɗe da mai kamar hadaya ta gari;
Kennaan isaas gabatee meetii kan akka madaalii saqilii iddoo qulqulluutti saqilii dhibba tokkoo fi soddoma ulfaatu tokko, waciitii meetii kan akka madaalii saqilii iddoo qulqulluutti saqilii torbaatama ulfaatu tokko kanneen tokkoon tokkoon isaanii akkuma kennaa midhaaniitti daakuu bullaaʼaa zayitiidhaan sukkuumameen guutaman,
62 kwanon zinariya ɗaya mai nauyin shekel goma, cike da turaren hayaƙi;
xuwwee warqee kan saqilii kudhan ulfaatee ixaanaan guutame,
63 da ƙaramin bijimi guda ɗaya, tunkiya ɗaya, da rago, dukansu bana ɗaya-ɗaya domin hadaya ta ƙonawa;
aarsaa gubamuufis dibicha loonii tokko, korbeessa hoolaa tokko, xobbaallaa hoolaa kan umuriin isaa waggaa tokko taʼe tokko,
64 ya kuma kawo bunsuru ɗaya domin hadaya don zunubi;
aarsaa cubbuutiif immoo korbeessa reʼee tokko,
65 da shanu biyu, raguna biyar, bunsurai biyar da kuma’yan raguna biyar, dukansu bana ɗaya-ɗaya, a miƙa su hadaya ta salama. Wannan ita ce hadayar Abidan ɗan Gideyoni.
aarsaa nagaatiif qaluufis sangoota lama, korbeeyyii hoolaa shan, korbeeyyii reʼee shanii fi xobbaallaawwan hoolaa shan kanneen umuriin isaanii waggaa tokko tokkoo ture. Egaa kennaan Abiidaan ilma Gaadeyoon kana ture.
66 A rana ta goma, Ahiyezer ɗan Ammishaddai, shugaban mutanen Dan, ya kawo hadayarsa.
Guyyaa kudhannaffaatti Ahiiʼezer ilma Amiishadaay dura buʼaa ijoollee Daanitu kennaa isaa fide.
67 Hadayar da ya kawo ita ce, faranti guda ɗaya na azurfa, nauyinsa shekel ɗari ɗaya da talatin, da kuma daro na yayyafawa na azurfa, nauyinsa shekel saba’in, dukan biyu, an auna su bisa ga ma’aunin shekel na tsattsarkan wuri, kowannensu cike da lallausan gari, haɗe da mai kamar hadaya ta gari;
Kennaan isaas gabatee meetii kan akka madaalii saqilii iddoo qulqulluutti saqilii dhibba tokkoo fi soddoma ulfaatu tokko, waciitii meetii kan akka madaalii saqilii iddoo qulqulluutti saqilii torbaatama ulfaatu tokko kanneen tokkoon tokkoon isaanii akkuma kennaa midhaaniitti daakuu bullaaʼaa zayitiidhaan sukkuumameen guutaman,
68 kwanon zinariya ɗaya mai nauyin shekel goma, cike da turaren hayaƙi;
xuwwee warqee kan saqilii kudhan ulfaatee ixaanaan guutame,
69 da ƙaramin bijimi guda ɗaya, tunkiya ɗaya, da rago, dukansu bana ɗaya-ɗaya domin hadaya ta ƙonawa;
aarsaa gubamuufis dibicha loonii tokko, korbeessa hoolaa tokko, xobbaallaa hoolaa kan umuriin isaa waggaa tokko taʼe tokko,
70 ya kuma kawo bunsuru ɗaya domin hadaya don zunubi;
aarsaa cubbuutiif immoo korbeessa reʼee tokko,
71 da shanu biyu, raguna biyar, bunsurai biyar da kuma’yan raguna biyar, dukansu bana ɗaya-ɗaya, a miƙa su hadaya ta salama. Wannan ita ce hadayar Ahiyezer ɗan Ammishaddai.
aarsaa nagaatiif qaluufis sangoota lama, korbeeyyii hoolaa shan, korbeeyyii reʼee shanii fi korbeeyyii hoolaa xixinnaa shan kanneen umuriin isaanii waggaa tokko tokkoo ture. Egaa kennaan Ahiiʼezer ilma Amiishadaay kana ture.
72 A rana ta goma sha ɗaya, Fagiyel ɗan Okran, shugaban mutanen Asher, ya kawo hadayarsa.
Guyyaa kudha tokkoffaatti Fagiʼeel ilma Okraan hoogganaa ijoollee Aasheeritu kennaa isaa fide.
73 Hadayar da ya kawo ita ce, faranti guda ɗaya na azurfa, nauyinsa shekel ɗari ɗaya da talatin, da kuma daro na yayyafawa na azurfa, nauyinsa shekel saba’in, dukan biyu, an auna su bisa ga ma’aunin shekel na tsattsarkan wuri, kowannensu cike da lallausan gari, haɗe da mai kamar hadaya ta gari;
Kennaan isaas gabatee meetii kan akka madaalii saqilii iddoo qulqulluutti saqilii dhibba tokkoo fi soddoma ulfaatu tokko, waciitii meetii kan akka madaalii saqilii iddoo qulqulluutti saqilii torbaatama ulfaatu tokko kanneen tokkoon tokkoon isaanii akkuma kennaa midhaaniitti daaku bullaaʼaa zayitiidhaan sukkuumameen guutaman,
74 kwanon zinariya ɗaya mai nauyin shekel goma, cike da turaren hayaƙi;
xuwwee warqee kan saqilii kudhan ulfaatee ixaanaan guutame,
75 da ƙaramin bijimi guda ɗaya, tunkiya ɗaya, da rago, dukansu bana ɗaya-ɗaya domin hadaya ta ƙonawa;
aarsaa gubamuufis dibicha loonii tokko, korbeessa hoolaa tokko, xobbaallaa hoolaa kan umuriin isaa waggaa tokko taʼe tokko,
76 ya kuma kawo bunsuru ɗaya domin hadaya don zunubi;
aarsaa cubbuutiif immoo korbeessa reʼee tokko,
77 da shanu biyu, raguna biyar, bunsurai biyar da kuma’yan raguna biyar, dukansu bana ɗaya-ɗaya, a miƙa su hadaya ta salama. Wannan ita ce hadayar Fagiyel ɗan Okran.
aarsaa nagaatiif qaluufis sangoota lama, korbeeyyii hoolaa shan, korbeeyyii reʼee shanii fi xobbaallaawwan hoolaa shan kanneen umuriin isaanii waggaa tokko tokkoo ture. Egaa kennaan Fagiʼeel ilma Okraan kana ture.
78 A rana ta goma sha biyu, Ahira ɗan Enan, shugaban mutanen Naftali, ya kawo hadayarsa.
Guyyaa kudha lammaffaatti Ahiiraa ilma Eenaan hoogganaa ijoollee Niftaalemitu kennaa isaa fide.
79 Hadayar da ya kawo ita ce, faranti guda ɗaya na azurfa, nauyinsa shekel ɗari ɗaya da talatin, da kuma daro na yayyafawa na azurfa, nauyinsa shekel saba’in, dukan biyu, an auna su bisa ga ma’aunin shekel na tsattsarkan wuri, kowannensu cike da lallausan gari, haɗe da mai kamar hadaya ta gari;
Kennaan isaas gabatee meetii kan akka madaalii saqilii iddoo qulqulluutti saqilii dhibba tokkoo fi soddoma ulfaatu tokko, waciitii meetii kan akka madaalii saqilii iddoo qulqulluutti saqilii torbaatama ulfaatu tokko kanneen tokkoon tokkoon isaanii akkuma kennaa midhaaniitti daakuu bullaaʼaa zayitiidhaan sukkuumameen guutaman,
80 kwanon zinariya ɗaya mai nauyin shekel goma, cike da turaren hayaƙi;
xuwwee warqee kan saqilii kudhan ulfaatee ixaanaan guutame tokko,
81 da ƙaramin bijimi guda ɗaya, tunkiya ɗaya, da rago, dukansu bana ɗaya-ɗaya domin hadaya ta ƙonawa;
aarsaa gubamuufis dibicha loonii tokko, korbeessa hoolaa tokko, xobbaallaa hoolaa kan umuriin isaa waggaa tokko taʼe tokko,
82 ya kuma kawo bunsuru ɗaya domin hadaya don zunubi;
aarsaa cubbuutiif immoo korbeessa reʼee tokko,
83 da shanu biyu, raguna biyar, bunsurai biyar da kuma’yan raguna biyar, dukansu bana ɗaya-ɗaya, a miƙa su hadaya ta salama. Wannan ita ce hadayar Ahira ɗan Enan.
aarsaa nagaatiif qaluufis sangoota lama, korbeeyyii hoolaa shan, korbeeyyii reʼee shanii fi xobbaallaawwan hoolaa shan kanneen umuriin isaanii waggaa tokko tokkoo ture. Egaa kennaan Ahiiraa ilma Eenaan kana ture.
84 Waɗannan su ne hadayun shugabannin Isra’ilawa saboda keɓewar bagade sa’ad da aka shafe shi, an kawo faranta goma sha biyu na azurfa, darunan goma sha biyu na azurfa don yayyafawa, da kuma kwanonin zinariya goma sha biyu.
Kennaan hooggantoonni Israaʼel gaafa iddoon aarsaa dibame sana sirna eebbaatiif dhiʼeessan kana ture; isaanis gabatee meetii kudha lama, waciitii meetii kudha lamaa fi xuwwee warqee kudha lama:
85 Kowane faranti na azurfa yana da nauyin shekel ɗari da talatin, kuma kowane daro na azurfa don yayyafawa yana da nauyin shekel saba’in. Duka-duka dai, nauyin kwanonin azurfa, shekel dubu biyu ne da ɗari huɗu, bisa ga ma’aunin shekel na tsattsarkan wuri.
Tokkoon tokkoon isaanii meetii saqilii dhibba tokkoo fi soddoma ulfaatu ture; tokkoon tokkoon waciitii meetii saqilii torbaatama ulfaata ture. Miʼi meetii kun akka madaalii saqilii iddoo qulqulluutti walumaa galatti saqilii kuma lamaa fi dhibbaa afur ulfaata ture.
86 Kwanonin zinariya goma sha biyu da aka cika da turaren hayaƙi kuwa, nauyinsu shekel goma ne kowanne, bisa ga ma’aunin shekel na tsattsarkan wuri. Duka-duka dai, nauyin kwanonin zinariya, shekel ɗari ɗaya ne da ashirin.
Xuwweewwan warqee kudha lamaan kanneen ixaanaan guutamanis tokkoon tokkoon isaanii akka madaalii saqilii iddoo qulqulluutti saqilii kudhan ulfaatu turan. Xuwweewwan warqee walumaa galatti saqilii dhibba tokkoo fi digdama ulfaatu turan.
87 Jimillar dabbobi don hadaya ta ƙonawa, ta kai ƙanana bijimai goma sha biyu, raguna goma sha biyu da’yan raguna goma sha biyu, dukansu bana ɗaya-ɗaya, tare da hadayarsu ta hatsi. Aka yi amfani da bunsurai goma sha biyu domin hadaya don zunubi.
Baayʼinni horii aarsaa gubamuuf dhiʼeeffamanii walumaa galatti jiboota loonii kudha lama, korbeeyyii hoolaa kudha lama, xobbaallaawwan hoolaa kanneen umuriin isaanii waggaa tokko taʼe kudha lama ture; kennaan midhaaniis isaan wajjin dhiʼeeffameera. Korbeeyyiin reʼee kudha lama aarsaa cubbuutiif dhiʼeeffamanii turan.
88 Jimillar dabbobi don hadaya ta salama, ta kai shanu ashirin huɗu, raguna sittin, bunsurai sittin da kuma’yan raguna sittin, dukansu bana ɗaya-ɗaya. Waɗannan su ne hadayu saboda keɓewar bagade, bayan an shafe shi.
Baayʼinni horii aarsaa nagaatiif dhiʼeeffamanii walumaa galatti sangoota digdamii afur, korbeeyyii hoolaa jaatama, korbeeyyii reʼee jaatamaa fi xobbaallaawwan hoolaa kanneen umuriin isaanii waggaa tokko ture. Kennaawwan erga iddoon aarsaa dibamee booddee sirna eebba isaatiif dhiʼeeffaman kanneen turan.
89 Sa’ad da Musa ya shiga Tentin Sujada don yă yi magana da Ubangiji, sai ya ji murya tana magana da shi daga tsakanin kerubobi biyu a bisa murfin akwatin Alkawari. A ta haka Ubangiji ya yi masa magana.
Museen yommuu Waaqayyo wajjin dubbachuuf dunkaana wal gaʼii ol seenetti teessoo araaraa kan taabota kakuu seeraa irra jiruun olitti kiirubeelii lamaan gidduudhaa sagalee isatti dubbatu dhagaʼe. Waaqayyo isa wajjin dubbate.