< Ƙidaya 6 >

1 Ubangiji ya ce wa Musa,
Waaqayyo Museedhaan akkana jedhe;
2 “Yi magana da Isra’ilawa, ka ce musu, ‘In mace, ko namiji yana so yă yi alkawari na musamman, alkawarin zaman keɓaɓɓe ga Ubangiji, a matsayin Banazare,
“Akkana jedhii saba Israaʼelitti dubbadhu: ‘Dhiirri yookaan dubartiin tokko yoo Waaqayyoof addaan of baasuuf wareega addaa yookaan wareega Naazirummaa wareegan,
3 dole yă keɓe kansa daga ruwan inabi, ko daga waɗansu abubuwa sha masu sa maye, kada kuma yă sha ruwan tsamin da aka yi daga ruwan inabi, ko daga waɗansu abubuwa sha masu sa maye. Ba zai sha ruwan’ya’yan inabi, ko yă ci’ya’yan inabi ɗanye ko busasshe ba.
daadhii wayinii fi dhugaatii nama macheessu irraa of haa eeggatan; namni sun dhangaggaaʼaa daadhii wayinii irraa hojjetame yookaan dhangaggaaʼaa dhugaatii nama macheessuu biraa hin dhugin. Inni cuunfaa gumaa wayinii dhuguu yookaan ija wayinii asheetii yookaan goggogaa isaa nyaachuu hin qabu.
4 Muddin yana Banazare, ba zai ci wani abin da ya fito daga’ya’yan inabi ba, ko ƙwayar inabi, ko ɓawonsa ma.
Innis bara Naazirummaa isaa hunda keessa waan gumaa wayinii irraa argamu kam iyyuu sanyii isaas taʼu qola isaa nyaachuu hin qabu.
5 “‘A dukan lokacin da yake a kan alkawarin keɓewarsa, reza ba zai taɓa kansa. Dole yă kasance da tsarki har ƙarshen keɓewarsa ga Ubangiji; tilas yă bar gashin kansa yă yi tsawo.
“‘Bara wareega addaan baafamuu isaa hunda keessa qarabaan tokko iyyuu mataa isaa hin tuqin. Hamma yeroon inni itti Waaqayyoof addaan baafame sun xumuramutti inni qulqulluu haa taʼu; akka rifeensi mataa isaa guddatuufis gad haa dhiisu.
6 A dukan kwanakin keɓewarsa ga Ubangiji, Banazarin ba zai yi kusa da gawa ba.
“‘Naazirichi bara Waaqayyoof addaan of baase hunda keessa reeffatti dhiʼaachuu hin qabu.
7 Ko da ma gawar ta mahaifinsa ce, ko ta mahaifiyarsa, ko ta ɗan mahaifiyarsa, ko kuma ta’yar’uwarsa ce, ba zai ƙazantar da kansa saboda su ba, domin alamar keɓewarsa ga Allah tana kansa.
Sababii mallattoon inni ittiin Waaqayyoof addaan baafame mataa isaa irra jiruuf yoo abbaan isaa yookaan haati isaa, obboleessi isaa yookaan obboleettiin isaa duʼan illee isaaniif jedhee akka seeraatti of hin xureessin.
8 A dukan kwanakin keɓewarsa, an tsarkake shi ga Ubangiji.
Inni bara itti addaan baafame sana hunda keessa kan Waaqayyoof qulqulleeffamee dha.
9 “‘In farat ɗaya wani ya mutu kusa da shi, to, keɓewarsa ta ƙazantu, dole yă aske kansa a ranar tsarkakewarsa, a rana ta bakwai.
“‘Yoo namni tokko iddoo Naazirichi jirutti akka tasaa duʼee akkasiin rifeensa inni addaan baase sana xureesse, inni guyyaa itti qulqulleeffamutti jechuunis guyyaa torbaffaatti mataa isaa haa haaddatu.
10 Sa’an nan a rana ta takwas, tilas yă kawo wa firist’yan kurciyoyi biyu, ko kuma’yan tattabarai biyu a bakin ƙofar Tentin Sujada.
Ergasiis inni guyyaa saddeettaffaatti gugee lama yookaan gugee sosookkee lama balbala dunkaana wal gaʼii irratti lubatti haa fidu.
11 Firist kuwa zai miƙa ɗaya don hadaya ta zunubi, ɗayan kuma don hadaya ta ƙonawa, yă yi kafara dominsa, gama ya yi zunubi ta dalilin gawar. A wannan rana zai sāke keɓe kansa.
Sababii inni iddoo reeffi jirutti argamuudhaan cubbuu hojjeteef lubichi isa tokko aarsaa cubbuu, isa kaan immoo aarsaa gubamu godhee araara buusuuf haa dhiʼeessuuf. Guyyuma sanas rifeensa mataa isaa addaan haa baasu.
12 Dole yă keɓe kansa ga Ubangiji, har kwanakin keɓewarsa, kuma dole yă kawo ɗan rago bana ɗaya a matsayin hadayar laifi. Kwanakin baya ba sa cikin lissafi, domin ya ƙazantu a lokacin keɓewarsa.
Inni yeroo itti addaan baafame keessa ammas Waaqayyoof addaan of haa baasu; xobbaallaa hoolaa kan umuriin isaa waggaa tokko taʼes aarsaa yakkaa godhee haa fidu. Garuu sababii inni yeroo addaan baʼiisa isaa keessa xureeffameef guyyoonni darban hin lakkaaʼaman.
13 “‘To, ga doka saboda Banazare sa’ad da kwanakin keɓewarsa suka gama. Za a kawo shi a bakin ƙofar Tentin Sujada.
“‘Egaa yeroo addaan baʼumsi isaa xumuramutti seerri Naazirichaa kanaa dha: Inni gara karra dunkaana wal gaʼiitti haa fidamu.
14 A can zai miƙa hadayunsa ga Ubangiji. Hadayun kuwa su ne, ɗan rago, bana ɗaya marar lahani don hadaya ta ƙonawa,’yar tunkiya, bana ɗaya marar lahani na hadaya don zunubi, rago marar lahani don hadaya ta salama,
Achitti aarsaa isaa Waaqayyoof haa dhiʼeessu; kunis xobbaallaa korbeessa hoolaa hirʼina hin qabnee kan umuriin isaa waggaa tokko taʼe aarsaa gubamuuf, xobbaallaa hoolaa dhaltuu hirʼina hin qabne kan umuriin ishee waggaa tokko taʼe aarsaa cubbuutiif, korbeessa hoolaa hirʼina hin qabne aarsaa nagaatiif,
15 tare da hadayu na hatsi da hadayu na sha, da kuma kwando burodi marar yisti, ƙosai da aka yi da lallausan gari kwaɓaɓɓe da mai, da kuma wainan da aka barbaɗa da mai.
kana wajjinis Maxinoo gundoo tokko, Maxinoo daakuu bullaaʼaa irraa tolfame kan zayitiidhaan sukkuumame, bixxillee zayitiin irra dibame akkasumas kennaa midhaanii fi dhibaayyuu isaanii haa dhiʼeessu.
16 “‘Firist zai kawo su a gaban Ubangiji, yă miƙa hadaya don zunubi da hadaya ta ƙonawa.
“‘Lubichis fuula Waaqayyoo duratti isaan fidee aarsaa cubbuutii fi aarsaa gubamu haa dhiʼeessu.
17 Zai miƙa kwandon burodi marar yisti, yă kuma miƙa ɗan ragon hadaya ta salama tare da hadaya ta gari, da hadaya ta sha ga Ubangiji.
Innis korbeessa hoolaa sana Maxinoo gundoo irra jiru sana wajjin aarsaa nagaa godhee Waaqayyoof haa dhiʼeessu; akkasumas lubichi kennaa midhaaniitii fi dhibaayyuu isaa haa dhiʼeessu.
18 “‘Sa’an nan a ƙofar Tentin Sujada, dole Banazaren yă aske gashin da ya alamta keɓewarsa, yă kwashe gashin, yă zuba a cikin wutar da take ƙarƙashin hadaya ta salama.
“‘Ergasii Naazirichi balbala dunkaana wal gaʼii duratti rifeensa addaan baase sana haa haaddatu. Rifeensa sanas fuudhee ibidda aarsaa nagaa jalaan jiru sana keessa haa buusu.
19 “‘Bayan Banazaren ya aske gashinsa da ya alamta keɓewa, firist zai ɗauki dafaffiyar kafaɗar rago, da ƙosai da kuma waina daga cikin kwando waɗanda duka biyu marar yisti ne, yă sa su a tafin hannun keɓaɓɓen.
“‘Erga Naazirichi rifeensa ittiin addaan baafame sana haaddatee booddee lubni sun foon gatiittii korbeessa hoolaa kan affeelamee fi Maxinoo fi bixxillee hin bukaaʼin gundoo sana irraa fuudhee harka namichaa irra haa kaaʼu.
20 Firist zai kaɗa su a gaban Ubangiji, hadaya ce ta kaɗawa; mai tsarki ne kuma, zai zama na firist, tare da ƙirjin da aka kaɗa da kuma cinyar da aka kawo. Bayan haka, Banazaren zai iya shan ruwan inabi.
Ergasiis lubichi aarsaa sochoofamu godhee fuula Waaqayyoo duratti isaan haa sochoosu; isaanis handaraafa sochoofamee fi tafa dhiʼeeffame sana wajjin lubichaaf kan qulqulleeffamanii dha. Ergasii Naazirichi daadhii wayinii dhuguu ni dandaʼa.
21 “‘Wannan ita ce dokar Banazare wanda ya yi alkawari ga Ubangiji bisa ga keɓewarsa, tare da duk abin da zai iya bayarwa. Tilas yă cika alkawarin da ya yi bisa ga dokar zaman Banazare.’”
“‘Seerri Naaziricha waan kennuu dandaʼu kaan dabalatee akkuma addaan baʼumsa isaatti kennaa isaa Waaqayyoof wareegu tokkoo kanaa dha. Innis akkuma seera Naazirichaatti waan wareege sana raawwachuu qaba.’”
22 Ubangiji ya ce wa Musa,
Waaqayyo Museedhaan akkana jedhe;
23 “Gaya wa Haruna da’ya’yansa, ‘Ga yadda za ku albarkaci Isra’ilawa. Za ku ce musu,
“Aroonii fi ilmaan isaatti akkana jedhii himi; ‘Akki isin itti Israaʼeloota eebbiftan kanaa dha. Akkana jedhaanii:
24 “‘“Ubangiji yă albarkace ku, yă kuma kiyaye ku;
“‘“Waaqayyo si haa eebbisu; si haa eegus;
25 Ubangiji yă sa fuskarsa ta haskaka a kanku, yă kuma yi muku alheri;
Waaqayyo fuula isaa siif haa ibsu; garaa siif haa laafu.
26 Ubangiji yă dube ku da idon rahama, yă kuma ba ku salama.”’
Waaqayyo fuula isaa gara keetti haa deebisu; nagaas siif haa kennu.”’
27 “Da haka za su sa sunana a kan Isra’ilawa, ni kuma zan albarkace su.”
“Akkasitti isaan maqaa koo saba Israaʼel irra kaaʼu; anis isaan nan eebbisa.”

< Ƙidaya 6 >