< Ƙidaya 4 >
1 Ubangiji ya ce wa Musa da Haruna,
Waaqayyo Musee fi Arooniin akkana jedhe:
2 “Ku yi ƙidaya Kohatawa daga Lawiyawa, bisa ga kabilarsu da iyalansu.
“Lewwota keessaa gosa Qohaatotaa balbala balbalaa fi maatii maatii isaaniitiin lakkaaʼi.
3 Ku ƙidaya dukan maza daga shekara talatin zuwa hamsin da suka zo domin aiki a Tentin Sujada.
Dhiirota umuriin isaanii waggaa soddomaa hamma shantamaa kanneen hojii dunkaana wal gaʼii hojjechuuf dhufan hunda lakkaaʼi.
4 “Ga aikin Kohatawa a Tentin Sujada, kulawa da kayayyaki mafi tsarki.
“Hojiin Qohaatonni wantoota waan hunda caalaa qulqulluu taʼaniin wal qabatee dunkaana wal gaʼii keessatti hojjetan kanaa dha.
5 Lokacin da za a tashi daga sansani, Haruna da’ya’yansa za su shiga ciki su kunce labulen kāriya, su rufe Akwatin Alkawari da shi.
Yommuu qubanni deemuuf kaʼutti Aroonii fi ilmaan isaa ol galanii golgaa daʼeessu sana gad haa buusan; golgaa sanaanis taabota kakuu seeraatti haa haguugan.
6 Sa’an nan su rufe shi da fatun shanun teku, su shimfiɗa zane mai ruwan shuɗi a bisansa, su sa masa sandunansa.
Waan kanattis gogaa duugame uffisanii huccuu bifti isaa guutumaan guutuutti cuquliisa taʼe irraan haa afan. Danqaraawwanis iddoo iddoo isaanii keessa haa galchan.
7 “A bisa teburin Burodin Ajiyewa, za su shimfiɗa zane mai ruwan shuɗi, a kansa kuma su sa farantai, kwanoni da manyan kwanoni, da tuluna don hadayun sha; da burodin da zai ci gaba da kasancewa a kansa.
“Isaanis huccuu bifa cuquliisaa tokko minjaala Buddeena Ilaalchaatti uffisanii gabatee, caabii fi waciitii akkasumas okkotee ittiin dhibaayyuu dhiʼeessan isa irra haa kaaʼan; buddeenni yeroo hunda achii hin dhabamne sunis isa irra haa kaaʼamu.
8 A bisa waɗannan za su shimfiɗa jan zane, su rufe su da fatun shanun teku, su kuma zura masa sandunansa.
Huccuu bildiimaa isaan irra haa diriirsan; gogaa duugame itti haa uwwisan; danqaraawwan isaas iddoo isaanii keessa haa galchan.
9 “Za su ɗauki zane mai ruwan shuɗi su rufe wurin ajiye fitilan da yake don fitilu, tare da fitilunsa, lagwaninsa da farantansa, da dukan tulunansa don man amfaninsu.
“Huccuu bifti isaa cuquliisaa fuudhanii baattuu ibsaa kan ibsuuf tolchame ibsaa isaa wajjin, waan ittiin foʼaa ibsaa kutanii fi baattuu daaraa, meeshaawwan zayitii kanneen hojii kanaaf oolan hundas ittiin haa haguugan.
10 Sa’an nan su naɗe shi da kuma dukan kayayyakinsa a cikin fatar shanun teku, su sa shi a kan sandan ɗaukarsa.
Ergasiis waan kanaa fi miʼa isaa hunda gogaa duugameen maranii wasaasaa ittiin waa baatan irra haa kaaʼan.
11 “A kan bagaden zinariya, za su shimfiɗa zane mai ruwan shuɗi, su kuma rufe shi da fatar shanun teku, sai a zura masa sandunansa.
“Huccuu biftii isaa cuquliisa taʼes iddoo aarsaa kan warqee irraa hojjetametti uffisanii gogaa duugame itti haa haguugan; danqaraawwan isaas iddoo isaanii keessa haa galchan.
12 “Za su ɗauki dukan kayayyakin da ake amfani da su a wuri mai tsarki, su nannaɗe su da zane mai ruwan shuɗi, su rufe shi da fatar shanun teku, sa’an nan a sa su a kan sandan ɗaukarsa.
“Meeshaawwan ittiin iddoo qulqulluu keessa tajaajilan hundas fuudhanii huccuu bifa cuquliisaatiin maranii gogaa duugameen haguuganii wasaasaa ittiin waa baatan irra haa kaaʼan.
13 “Za su kwashe tokar da take a bagaden tagulla, su shimfiɗa zane mai ruwan shuɗi a bisansa.
“Isaanis iddoo aarsaa irraa daaraa haranii huccuu diimaa dhiilgee itti haa uffisan.
14 Sa’an nan su sa a kansa dukan kayayyakin da aka yi amfani da su a bagaden, haɗe da farantai don wuta, cokula masu yatsu don nama, manyan cokula, da darunan yayyafawa. A kansa za su shimfiɗa murfi na fatun shanun teku, su zura sandunan ɗaukarsa.
Ergasiis miʼa iddoo aarsaa ittiin tajaajilan hunda, baattuu ibiddaa, qabduuwwan foonii, meeshaa ittiin daaraa hammaaranii fi waciitii isa irra haa kaaʼan. Gogaa duugamee isa irraan haa afan; danqaraawwan isaas iddoo isaanii keessa haa galchan.
15 “Bayan Haruna da’ya’yansa suka gama rufe kayayyaki masu tsarki da dukan abubuwa masu tsarki, sa’ad da kuma aka shirya tashi daga sansani, sai Kohatawa su zo gaba, su ɗauka. Amma kada su taɓa abubuwa masu tsarki, don kada su mutu. Kohatawa za su ɗauki abubuwan da suke cikin Tentin Sujada.
“Erga Aroonii fi ilmaan isaa meeshaawwan qulqulluu sanaa fi miʼa qulqulluu hunda haguuganii fixanii booddee yeroo qubanni sun godaanuuf kaʼutti Qohaatonni miʼa kana baachuudhaaf haa dhufan. Isaan garuu miʼa qulqulluu sana hin tuqin; yoo tuqan ni duʼuutii. Qohaatonni waan dunkaana wal gaʼii keessa jiru hunda haa baatan.
16 “Eleyazar ɗan Haruna firist zai lura da man fitila da turare da hadaya ta gari na kullum da kuma keɓaɓɓen mai. Shi ne zai lura da dukan tabanakul da duk abin da yake cikinsa da kuma kayayyaki da abubuwan masu tsarki.”
“Eleʼaazaar ilmi Aroon lubichaa itti gaafatamaa zayitii ibsaa, ixaana urgaaʼaa, kennaa midhaanii kan yeroo baayʼee dhiʼeeffamuu fi zayitii ittiin dibanii haa taʼu. Inni dunkaana qulqulluu hundaa fi waan isa keessa jiru hundatti, miʼaa fi meeshaawwan isaa qulqulluuttis itti gaafatamaa haa taʼu.”
17 Ubangiji ya ce wa Musa da Haruna,
Waaqayyo Musee fi Arooniin akkana jedhe;
18 “Ku tabbata cewa ba a kawar da zuriyar Kohatawa daga Lawiyawa ba.
“Balbalawwan gosa Qohaatii Lewwota keessaa hin balleessinaa.
19 Saboda su rayu, kada su mutu sa’ad da suka zo kusa da abubuwa mafi tsarki, a yi musu wannan, wato, Haruna da’ya’yansa za su shiga wuri mai tsarki su ba wa kowane mutum aikinsa da kuma abin da zai ɗauka.
Akka isaan yommuu wantoota waan hunda caalaa qulqulluu taʼanitti dhiʼaatanitti, akka lubbuun jiraatan malee hin duuneef waan kana isaaniif godhaa: Aroonii fi ilmaan isaa iddoo qulqulluu seenanii waan tokkoon tokkoon namaa hojjetuu fi baatu haa qoqqoodan.
20 Amma kada Kohatawa su shiga don su dubi abubuwa masu tsarki, ko na ɗan ƙanƙanin lokaci, in ba haka ba za su mutu.”
Qohaatonni garuu akka hin duuneef yeroo xinnaaf illee wantoota qulqulluu ilaaluudhaaf ol seenuu hin qaban.”
21 Ubangiji ya ce wa Musa,
Waaqayyo Museen akkana jedhe;
22 “Ka ƙidaya mutanen Gershon bisa ga iyalansu da kabilarsu.
“Geershoonotas maatii maatii isaanii fi balbala balbala isaaniitiin lakkaaʼi.
23 Ka ƙidaya maza masu shekara talatin zuwa hamsin waɗanda sukan zo hidimar aiki a Tentin Sujada.
Dhiirota umuriin isaanii waggaa soddomaa hamma shantamaa kanneen hojii dunkaana wal gaʼii hojjechuu dhufan hunda lakkaaʼi.
24 “Ga aikin kabilar Gershonawa yayinda suke aiki, suke kuma ɗaukar kaya.
“Tajaajilli balbalawwan Geershoonotaa hojii hojjechuu fi baʼaa baachuudhaan tajaajilan kanaa dha:
25 Za su ɗauki labulen tabanakul, Tentin Sujada, kayan da za a rufe shi, da kuma kayan da za a rufe shi daga waje na fatun rufuwa na shanun teku, labulen ƙofar Tentin Sujada,
Isaan golgaa dunkaana qulqulluu, dunkaana wal gaʼii, uffata isaa fi irra buusaa isaa kan gogaa duugame irraa hojjetame, golgaa balbala dunkaana wal gaʼii,
26 labulen filin da yake kewaye da tabanakul da bagade, labulen ƙofa, igiyoyi da kuma dukan abubuwan da ake amfani da su wajen hidima. Geshonawa za su yi dukan abin da ya kamata a yi da waɗannan abubuwa.
golgaawwan dallaa dunkaana qulqulluu fi iddoo aarsaatti naannaʼee jiru sanaa, golgaa balbala isaa, funyoo fi miʼa tajaajila kanaaf fayyadu hunda baatu. Geershoononni waan wantoota kanaan hojjetamuu qabu hunda haa hojjetan.
27 Dukan hidimominsu, ko na ɗauko, ko kuma na yin wani aiki, za a yi su ne bisa ga umarnin Haruna da’ya’yansa. Za ka ba su dukan kayan da za su ɗauka a matsayin hakkinsu.
Tajaajilli Geershoonotaa hundi baʼaa baachuus taʼu hojiin biraa ajaja Aroonii fi ilmaan isaa kennaniin haa adeemsifamu. Waan isaan baachuu qaban hundas akkuma itti gaafatama isaaniitti qoqoodaafii.
28 Wannan shi ne hidimar da kabilar Gershonawa za su yi a Tentin Sujada. Ayyukansu za su kasance bisa ga umarnin Itamar ɗan Haruna firist.
Tajaajilli balbalawwan Geershoonotaa dunkaana wal gaʼiitti kennan kanaa dha. Hojiin isaaniis Iitaamaar ilma Aroon lubichaatiin haa qajeelfamu.
29 “Ka ƙidaya kabilar Merari bisa ga kabilarsu da iyalansu.
“Meraarota balbala balbalaa fi maatii maatii isaaniitiin lakkaaʼi.
30 Ka ƙidaya maza daga masu shekara talatin zuwa hamsin waɗanda sukan zo hidimar aiki a Tentin Sujada.
Dhiirota umuriin isaanii waggaa soddomaa hamma shantamaa kanneen hojii dunkaana wal gaʼii hojjechuuf dhufan hunda lakkaaʼi.
31 Ga aikinsu sa’ad da suke hidima a Tentin Sujada, za su ɗauki katakan tabanakul, sandunansa da dogayen sandunansa, da rammukansa,
Wanni isaan yeroo hojii dunkaana wal gaʼii hojjetanitti godhan kanaa dha: kunis tuggeewwan dunkaana qulqulluu, dagaleewwan isaa, utubootaa fi miillawwan isaanii,
32 har ma da dogayen sandunan kewayen filin da rammukansu, turakun tenti, igiyoyi, da dukan kayayyaki, da kuma dukan abubuwan da suke dangane da amfaninsu. Ka ba wa kowane mutum ayyuka na musamman da zai yi.
utuboota oobdiitti naannaʼanii jiran miillawwan isaanii wajjin, qofoowwan dunkaanaa, funyoowwan, miʼa isaanii hundaa fi wantoota hojii kanaaf fayyadan hunda baachuu dha. Isinis waan tokkoon tokkoon namaa baatu addaan baasaatii ramadaafii.
33 Wannan ce hidimar da mutanen Merari za su yi a aikin Tentin Sujada, a ƙarƙashin jagorancin Itamar ɗan Haruna, firist.”
Tajaajilli balbalawwan Meraarotaa qajeelfama Iitaamaar ilma Aroon lubichaa jala dunkaana wal gaʼii keessatti kennan kanaa dha.”
34 Musa, Haruna da kuma shugabannin jama’a, suka ƙidaya Kohatawa ta kabilarsu da kuma iyalansu.
Museen, Aroonii fi hooggantoonni waldaas Qohaatota balbala balbalaa fi maatii maatii isaaniitiin lakkaaʼan.
35 Dukan maza daga shekara talatin zuwa hamsin waɗanda sukan zo hidimar aiki a Tentin Sujada,
Dhiironni umuriin isaanii waggaa soddomaa hamma shantamaa kanneen hojii dunkaana wal gaʼii keessaa sana keessa hojjechuuf dhufan hundi
36 da aka ƙidaya, kabila-kabila, su 2,750 ne.
balbala balbalaan lakkaaʼamanii 2,750 turan.
37 Jimillar dukan waɗanda suke na kabilan Kohatawa, waɗanda suka yi hidimar aiki a Tentin Sujada ke nan. Musa da Haruna sun ƙidaya su bisa ga umarnin Ubangiji.
Kun lakkoobsa balbalawwan Qohaatota warra dunkaana wal gaʼii keessa hojjechaa turanii ti. Musee fi Aroon akkuma ajaja Waaqayyoo kan karaa Museetiin kennameetiin isaan lakkaaʼan.
38 Aka ƙidaya mazan Gershonawa ta kabilansu da kuma iyalansu.
Geershoononni balbala balbalaa fi maatii maatii isaaniitiin lakkaaʼaman.
39 Dukan maza daga shekara talatin zuwa hamsin waɗanda sukan zo hidimar aiki a Tentin Sujada,
Dhiironni umuriin isaanii waggaa soddomaa hamma shantamaa kanneen hojii dunkaana wal gaʼii keessa hojjechuuf dhufan hundi
40 da aka ƙidaya kabila-kabila da kuma iyali-iyali, su 2,630 ne.
balbala balbalaa fi maatii maatii isaaniitiin lakkaaʼamanii 2,630 turan.
41 Jimillar waɗanda suke na kabilar Gershonawa ke nan, waɗanda suka yi hidimar aiki a Tentin Sujada. Musa da Haruna sun ƙidaya su bisa ga umarnin Ubangiji.
Balbalawwan Geershoonotaa, warri hojii dunkaana wal gaʼii keessa hojjetan kanneen Musee fi Aroon akkuma ajaja Waaqayyootti lakkaaʼan hundi kanneenii dha.
42 Aka ƙidaya mazan Merari ta kabilarsu da kuma iyalansu.
Meraaronnis balbala balbalaa fi maatii maatii isaaniitiin lakkaaʼaman.
43 Dukan maza daga shekara talatin zuwa hamsin waɗanda sukan zo hidimar aiki a Tentin Sujada,
Dhiironni umuriin isaanii waggaa soddomaa hamma shantamaa kanneen hojii dunkaana wal gaʼii keessa tajaajiluu dhufan hundi
44 da aka ƙidaya kabila-kabila, su 3,200 ne.
balbala balbala isaaniitiin lakkaaʼamanii 3,200 turan.
45 Jimillar waɗanda suke na kabilar Merari ke nan. Musa da Haruna suka ƙidaya su bisa ga umarnin Ubangiji.
Warri balbalawwan Meraarotaa keessaa lakkaaʼaman kanneen Musee fi Aroon akkuma ajaja Waaqayyoo kan karaa Museetiin kenname sanaatti lakkaaʼan kanneenii dha.
46 Saboda haka, Musa, Haruna da shugabannin Isra’ila, suka ƙidaya dukan Lawiyawa kabila-kabila da kuma iyali-iyali.
Museen, Aroonii fi hooggantoonni Israaʼel Lewwota hunda balbala balbalaa fi maatii maatii isaaniitiin lakkaaʼan.
47 Dukan maza daga shekara talatin zuwa hamsin waɗanda sukan zo hidimar aiki da kuma ɗaukar Tentin Sujada
Dhiironni umuriin isaanii waggaa soddomaa hamma shantamaa kanneen hojii tajaajilaa hojjechuu fi dunkaana wal gaʼii baachuu dhufanii
48 jimillarsu ta kai 8,580.
lakkaaʼaman hundi 8,580 turan.
49 Bisa ga umarnin Ubangiji ta wurin Musa, aka ba kowa aikinsa, aka kuma faɗa musu abin da za su ɗauka. Ta haka aka ƙidaya su, yadda Ubangiji ya umarci Musa.
Isaanis akkuma ajaja Waaqayyoo kan karaa Museetiin kennameetiin tokkoon tokkoon isaanii waan hojjechuu qabanitti ramadaman; wanni isaan baachuu qabanis isaanitti himame. Akkasiin isaan akkuma Waaqayyo Musee ajajetti lakkaaʼaman.