< Ƙidaya 34 >

1 Ubangiji ya ce wa Musa,
Waaqayyo Museedhaan akkana jedhe;
2 “Ka umarci Isra’ilawa, ka ce musu, ‘Sa’ad da kuka shiga Kan’ana, ƙasar da aka ba ku gādo za tă kasance da waɗannan iyakoki.
“Akkana jedhii Israaʼeloota ajaji: ‘Yeroo isin Kanaʼaan seentanitti biyyi akka dhaalaatti isinii kennamtu sun daangaawwan kanneen qabaatti:
3 “‘Gefenku na kudu zai haɗa da wani sashin Hamadan Zin ta iyakar Edom. A gabas, iyakarku ta kudu za tă fara daga ƙarshen Tekun Gishiri,
“‘Daangaan keessan kan gama kibbaa Gammoojjii Siin kan qarqara Edoom irra jirtu irraa jalqaba; karaa baʼaatiin daangaan keessan kan kibbaa dhuma Galaana Soogiddaa irraa jalqaba;
4 tă ƙetare Mashigin Kunama a kudu, tă ci gaba zuwa Zin, sa’an nan tă nufi kudu da Kadesh Barneya. Sa’an nan za tă zarce zuwa Hazar Addar, tă nausa zuwa Azmon,
daangaan keessan kibba irraa gara tabba Aqrabiimitti deebiʼee, gara Siinitti ceʼee hamma kibba Qaadesh Barneetti deema. Ergasiis gara Hazar Adaaritti ittuma fufee gara Azimoonitti darba.
5 inda za tă juya tă haɗu da Rafin Masar, tă kuma ƙarasa a Bahar Rum.
Daangaan sunis Azimoon irraa gara laga Gibxitti deebiʼee galaana gaʼee dhuma.
6 “‘Iyakarku a yammanci, za tă kasance bakin Bahar Rum. Wannan ce za tă zama iyakarku a yamma.
Daangaan keessan kan gama dhiʼaa immoo qarqara Galaana guddichaa ti. Kunis gama dhiʼaatiin daangaa keessan taʼa.
7 “‘Iyakarku a arewanci kuwa za tă tashi daga Bahar Rum zuwa Dutsen Hor,
Daarii keessan kan kaabaatiif galaana guddaadhaa hamma Tulluu Huuritti,
8 za tă kuma tashi daga Dutsen Hor, zuwa Lebo Hamat. Sa’an nan tă miƙe zuwa Zedad,
Tulluu Huuriitii hamma Leeboo Hamaatiitti mallattoo tolchaa. Daariin sunis hamma Zedaaditti deemee
9 tă ci gaba zuwa Zifron, sa’an nan tă ƙarasa a Hazar-Enan. Wannan ce za tă zama iyakarku a arewa.
hamma Ziifronitti itti fufee Hazar Eenaan irratti dhuma. Kunis daarii keessan kan kaabaa taʼa.
10 “‘Iyakarku a gabashi, za tă tashi daga Hazar-Enan zuwa Shefam.
Daarii keessan kan baʼaatiifis Hazar Eenaanii jalqabaatii hamma Shefaamaatti mallattoo tolchaa.
11 Iyakar za tă gangara daga Shefam zuwa Ribla a gefen gabashin Ayin, sa’an nan tă ci gaba a gangaren gabashin Tekun Kinneret.
Daariin sunis Shefaamaa jalqabee karaa baʼa Aayiniitiin hamma Riibilaatti gad buʼa; itti fufees hamma ededa gama baʼaa Galaana Kinereetitti argamuutti deema.
12 Sa’an nan tă gangara ta Urdun, tă ƙarasa a Tekun Gishiri. “‘Wannan za tă zama ƙasarku, tare da iyakokinta a kowane gefe.’”
Daariin kunis Yordaanositti gad buʼee Galaana Soogiddaa gaʼee dhaabata. “‘Egaa biyyi gama hundaan daarii qabu kun keessan taʼa.’”
13 Sai Musa ya umarci Isra’ilawa ya ce, “Ku raba wannan ƙasa da za ku gāda ta hanyar jefa ƙuri’a. Ubangiji ya umarta cewa a ba da ita ga kabilu tara da rabi,
Museen akkana jedhee Israaʼeloota ajaje: “Biyya kana dhaala godhadhaatii ixaadhaan qoodadhaa; Waaqayyo akka biyyi kun gosa sagalii fi walakkaadhaaf kennamu ajajeera;
14 saboda iyalan kabilar Ruben, kabilar Gad da rabin kabilar Manasse sun riga sun sami gādonsu.
maatiiwwan gosa Ruubeen, kan gosa Gaadii fi walakkaan gosa Minaasee dhaala ofii fudhataniiruutii.
15 Waɗannan kabilu biyu da rabi, sun sami gādonsu a wancan hayin Urdun a gabashin Yeriko wajen fitowar rana.”
Gosoonni lamaanii fi walakkaan gosa tokkoo Yordaanos gamaa, fuullee Yerikootii gara baʼa biiftuutti karaa baʼaatiin dhaala isaanii argataniiru.”
16 Ubangiji ya ce wa Musa,
Waaqayyo Museedhaan akkana jedhe;
17 “Waɗannan su ne sunayen mutanen da za su raba muku ƙasar gādo. Eleyazar firist, da Yoshuwa ɗan Nun.
“Maqaan namoota akka dhaalaatti lafa kana isinii qoodaniis Eleʼaazaar lubichaa fi Iyyaasuu ilma Nuunii ti.
18 Ka kuma naɗa shugaba guda ɗaya daga kowace kabila domin yă taimaka a rabon ƙasar.
Isinis akka isaan lafa dhaalaa qoodaniif tokkoo tokkoo gosaa keessaa hoogganaa tokko filadhaa.
19 “Ga sunayensu. “Kaleb ɗan Yefunne, daga kabilar Yahuda;
“Maqaan isaaniis kanneenii dha: “Gosa Yihuudaa keessaa, Kaaleb ilma Yefunee;
20 Shemuyel ɗan Ammihud, daga kabilar Simeyon
gosa Simiʼoon keessaa, Shemuuʼeel ilma Amiihuud;
21 Elidad ɗan Kislon, daga kabilar Benyamin;
gosa Beniyaam keessaa, Eliidaad ilma Kisloon;
22 Bukki ɗan Yogli, shugaba daga kabilar Dan;
gosa Daan keessaa hoogganaan, Bukii ilma Yoogilii;
23 Hanniyel ɗan Efod, shugaba daga kabilar Manasse ɗan Yusuf;
gosa Minaasee ilma Yoosef keessaa hoogganaan, Haniiʼeel ilma Eefoodi;
24 Kemuwel ɗan Shiftan, shugaba daga kabilar Efraim ɗan Yusuf;
gosa Efreem ilma Yoosef keessaa hoogganaan, Qamuʼeel ilma Shiifxaan;
25 Elizafan ɗan Farnak, shugaba daga kabilar Zebulun;
gosa Zebuuloon keessaa hoogganaan, Eliisaafaan ilma Phaarnaak;
26 Faltiyel ɗan Azzan, shugaba daga kabilar Issakar;
gosa Yisaakor keessaa hoogganaan, Phaaltiiʼeel ilma Azaan;
27 Ahihud ɗan Shelomi, shugaba daga kabilar Asher;
gosa Aasheer keessaa hoogganaan, Ahiihuud ilma Sheloomii;
28 Fedahel ɗan Ammihud, shugaba daga kabilar Naftali.”
gosa Niftaalem keessaa hoogganaan, Phedaaʼeel ilma Amiihuud.”
29 Waɗannan su ne mutanen da Ubangiji ya umarta su raba gādo ga Isra’ilawa a ƙasar Kan’ana.
Namoonni kunneen warra Waaqayyo akka isaan biyya Kanaʼaan keessatti Israaʼelootaaf dhaala hiraniif isaan ajajee dha.

< Ƙidaya 34 >