< Ƙidaya 33 >
1 Ga wuraren da Isra’ilawa suka yi sansani sa’ad da suka fito runduna-runduna a ƙarƙashin Musa da Haruna daga Masar.
Sadarkaaleen adeemsa saba Israaʼel kan yeroo isaan kutaa kutaadhaan qajeelfama Museetii fi Aroon jalatti biyya Gibxii baʼanii kana.
2 Bisa ga umarnin Ubangiji, Musa ya rubuta wuraren tafiye-tafiyensu da sansaninsu. Ga yadda tafiye-tafiyen suka kasance.
Museen ajaja Waaqayyootiin sadarkaalee adeemsa isaanii galmeesse. Adeemsi isaaniis sadarkaa sadarkaadhaan kunoo ti:
3 Isra’ilawa sun tashi daga Rameses a rana ta goma sha biyar, ga watan fari, kashegarin Bikin Ƙetarewa. Suka fita gabagadi a gaban dukan Masarawa,
Israaʼeloonni jiʼa jalqabaa keessa guyyaa kudha shanaffaatti guyyaa Faasiikaatti aanu Raamseedhaa kaʼanii qajeelan. Isaanis utuma warri Gibxii hundi isaan arganuu irree jabaadhaan deeman;
4 waɗanda suke binne gawawwakin’ya’yan farinsu da Ubangiji ya karkashe; gama Ubangiji ya hukunta allolinsu.
yeroo kana warri Gibxi ilmaan hangafa isaanii kanneen Waaqayyo isaan gidduudhaa fixe hunda awwaallachaa turan; waaqota warra Gibxitti Waaqayyo muree tureetii.
5 Isra’ilawa suka tashi daga Rameses, suka yi sansani a Sukkot.
Israaʼeloonnis Raamseedhaa kaʼanii Sukooti qubatan.
6 Suka tashi daga Sukkot, suka yi sansani a Etam, a gefen hamada.
Sukootii kaʼanii Eetaam ishee qarqara gammoojjiitti argamtu keessa qubatan.
7 Suka tashi daga Etam, suka koma baya zuwa Fi Hahirot, wajen gabashin Ba’al-Zafon, suka yi sansani kusa da Migdol.
Eetaamii kaʼanii gara Phii Hahiiroti kan gama baʼa Baʼaal Zefooniitti argamtuutti garagalanii Migdool bira qubatan.
8 Suka tashi daga Fi Hahirot, suka ratsa cikin teku zuwa hamada, bayan sun yi tafiya kwana uku a cikin Hamadan Etam, sai suka yi sansani a Mara.
Fiihahiirootii kaʼanii galaana keessa darbanii gammoojjii seenan; isaanis Gammoojjii Eetaamii keessa bultii sadii deemanii Maaraa qubatan.
9 Suka tashi daga Mara, suka tafi Elim, inda akwai maɓulɓulan ruwa goma sha biyu, da itatuwan dabino guda saba’in, suka yi sansani a can.
Maaraadhaa kaʼanii Eelim lafa burqaa kudha lamaa fi muka meexxii torbaatama qabu sana dhaqanii achi qubatan.
10 Suka tashi daga Elim, suka yi sansani kusa da Jan Teku.
Eelimii kaʼanii Galaana Diimaa cina qubatan.
11 Suka tashi daga Jan Teku, suka yi sansani a Hamadan Sin.
Galaana Diimaadhaa kaʼanii Gammoojjii Siin keessa qubatan.
12 Suka tashi daga Hamadan Sin, suka yi sansani a Dofka.
Gammoojjii Siiniitii kaʼanii Dofqaa qubatan.
13 Suka tashi daga Dofka, suka yi sansani a Alush.
Dofqaadhaa kaʼanii Aaluush qubatan.
14 Suka tashi daga Alush, suka yi sansani a Refidim, inda babu ruwan da mutane za su sha.
Aaluushii kaʼanii Refiidiim lafa bishaan namni dhugu hin jirre qubatan.
15 Suka tashi daga Refidim, suka yi sansani a Hamadan Sinai.
Refiidiimii kaʼanii Gammoojjii Siinaa keessa qubatan.
16 Suka tashi daga Hamadan Sinai, suka yi sansani a Kibrot Hatta’awa.
Gammoojjii Siinaatii kaʼanii Qiibrooti Hataabaa qubatan.
17 Suka tashi daga Kibrot Hatta’awa, suka yi sansani a Hazerot.
Qiibrooti Hataabaadhaa kaʼanii Haxerooti qubatan.
18 Suka tashi daga Hazerot, suka yi sansani a Ritma.
Haxerootii kaʼanii Riitmaa qubatan.
19 Suka tashi daga Ritma, suka yi sansani a Rimmon Ferez.
Riitmaadhaa kaʼanii Rimoon Phereez qubatan.
20 Suka tashi daga Rimmon Ferez, suka yi sansani a Libna.
Rimoon Phereezii kaʼanii Libnaa qubatan.
21 Suka tashi daga Libna, suka yi sansani a Rissa.
Libnaadhaa kaʼanii Riisaa qubatan.
22 Suka tashi daga Rissa, suka yi sansani a Kehelata.
Riisaadhaa kaʼanii Qehelaataa qubatan.
23 Suka tashi daga Kehelata, suka yi sansani a Dutsen Shefer.
Qehelaataadhaa kaʼanii Gaara Shaafer bira qubatan.
24 Suka tashi daga Dutsen Shefer, suka yi sansani a Harada.
Gaara Shaafer biraa kaʼanii Haraadaa qubatan.
25 Suka tashi daga Harada, suka yi sansani a Makhelot.
Haraadaa kaʼanii Maqiheelooti qubatan.
26 Suka tashi daga Makhelot, suka yi sansani a Tahat.
Maqiheelootii kaʼanii Tahaati qubatan.
27 Suka tashi daga Tahat, suka yi sansani a Tera.
Tahaatii kaʼanii Taaraa qubatan.
28 Suka tashi daga Tera, suka yi sansani a Mitka.
Taaraadhaa kaʼanii Miitiqaa qubatan.
29 Suka tashi daga Mitka, suka yi sansani a Hashmona.
Miitiqaadhaa kaʼanii Hashmoonaa qubatan.
30 Suka tashi daga Hashmona, suka yi sansani a Moserot.
Hashmoonaadhaa kaʼanii Mooserooti qubatan.
31 Suka tashi daga Moserot, suka yi sansani a Bene Ya’akan.
Mooserootii kaʼanii Benee Yaaʼakaan qubatan.
32 Suka tashi daga Bene Ya’akan, suka yi sansani a Hor Haggidgad.
Benee Yaaʼakaanii kaʼanii Hoori Hagidgaad qubatan.
33 Suka tashi daga Hor Haggidgad, suka yi sansani a Yotbata.
Hoori Hagidgaadii kaʼanii Yoxbaataa qubatan.
34 Suka tashi daga Yotbata, suka yi sansani a Abrona.
Yoxbaataadhaa kaʼanii Abroonaa qubatan.
35 Suka tashi daga Abrona, suka yi sansani a Eziyon Geber.
Abroonaadhaa kaʼanii Eziyoon Geber qubatan.
36 Suka tashi daga Eziyon Geber, suka yi sansani a Kadesh, cikin Hamadan Zin.
Eziyoon Geberii kaʼanii Gammoojjii Siin keessa Qaadesh qubatan.
37 Suka tashi daga Kadesh, suka yi sansani a Dutsen Hor, a iyakar Edom.
Qaadeshii kaʼanii daarii biyya Edoom irra Tulluu Hoori bira qubatan.
38 Bisa ga umarni Ubangiji, Haruna firist, ya hau Dutsen Hor, inda ya mutu a rana ta fari ga watan biyar, a shekara ta arba’in, bayan Isra’ilawa suka fito daga Masar.
Aroon lubichis ajaja Waaqayyootiin Tulluu Hooriitti ol baʼe; innis erga Israaʼeloonni biyya Gibxiitii baʼanii booddee waggaa afurtamaffaatti guyyaa jalqaba jiʼa shanaffaatti achitti duʼe.
39 Haruna yana da shekara ɗari da ashirin da uku, sa’ad da ya mutu a Dutsen Hor.
Aroon yommuu Tulluu Hoori irratti duʼe sana umuriin isaa waggaa dhibba tokkoo fi digdamii sadii ture.
40 Sarki Arad Bakan’ane, wanda yake zaune a Negeb na Kan’ana, ya ji labari cewa Isra’ilawa suna zuwa.
Mootiin Aaraad namichi Kanaʼaan kan Negeeb keessa jiraachaa ture sun akka sabni Israaʼel dhufaa jiru dhagaʼe.
41 Suka tashi daga Dutsen Hor, suka yi sansani a Zalmona.
Isaanis Tulluu Hooriitii kaʼanii Zalmoonaa qubatan.
42 Suka tashi daga Zalmona, suka yi sansani a Funon.
Zalmoonaadhaa kaʼanii Phuunon qubatan.
43 Suka tashi daga Funon, suka yi sansani a Obot.
Phuunoniidhaa kaʼanii Oobooti qubatan.
44 Suka tashi daga Obot, suka yi sansani a Iye Abarim, a iyakar Mowab.
Oobootii kaʼanii daarii Moʼaab irra Iyyee Abaariim qubatan.
45 Suka tashi daga Iyim, suka yi sansani a Dibon Gad.
Iyyiimii kaʼanii Diiboongaad qubatan.
46 Suka tashi daga Dibon Gad, suka yi sansani a Almon Dibilatayim.
Diiboongaadii kaʼanii Almoon Diiblaatayim qubatan.
47 Suka tashi daga Almon Dibilatayim, suka yi sansani a duwatsun Abarim, kusa da Nebo.
Almoon Diiblaatayimii kaʼanii Neboo tulluuwwan Abaariim bira qubatan.
48 Suka tashi daga duwatsun Abarim, suka yi sansani a filayen Mowab kusa da Urdun, ɗaura da Yeriko.
Tulluuwwan Abaariimiitii kaʼanii dirreewwan Moʼaab irra, Yordaanos bira, Yerikoo gama qubatan.
49 A can filayen Mowab, suka yi sansani kusa da Urdun ɗaura da Bet-Yeshimot har zuwa Abel-Shittim.
Isaanis dirreewwan Moʼaab kan Yordaanos cina Beet Yashiimootii jalqabee hamma Abeel Shixiimiitti jiru sana irra qubatan.
50 A filayen Mowab kusa da Urdun ɗaura da Yeriko ne Ubangiji ya ce wa Musa,
Waaqayyos dirreewwan Moʼaab irratti, Yordaanos biratti, Yerikoo gamatti Museedhaan akkana jedhe;
51 “Ka gaya wa Isra’ilawa cewa, ‘Sa’ad da kuka haye Urdun zuwa Kan’ana,
“Akkana jedhii saba Israaʼelitti dubbadhu; ‘Isin yommuu Yordaanos ceetanii Kanaʼaanitti galtanitti,
52 ku kori dukan mazaunan ƙasar a gabanku. Ku rurrushe sassaƙaƙƙun duwatsu, da siffofinsu na zubi, ku kuma rurrushe dukan masujadansu na kan tudu.
jiraattota biyya sanaa of duraa ariʼaa baasaa. Fakkiiwwan isaanii kanneen soofamanii hojjetamanii fi waaqota isaanii kanneen baqfamanii tolfaman hunda barbadeessaa; gaarran sagadaa isaanii hundas diigaa.
53 Ku mallaki ƙasar, ku kuma zauna a ciki, gama na ba ku ƙasar, ku mallake ta.
Sababii ani biyyattii handhuuraa godhee isinii kenneef, biyyattii dhuunfadhaa keessa jiraadhaa.
54 Ku rarraba ƙasar ta wurin jefan ƙuri’a, bisa ga kabilanku. Kabilar da take babba, a ba ta babban gādo, ƙarami kabila kuwa, a ba ta ƙaramin gādo. Duk abin da ƙuri’a ta ba su, shi zai zama nasu. Ku rarraba wannan bisa zuriyar kakanninku.
Biyya sanas maatiiwwan keessaniif dhaala godhaatii ixaadhaan gargari qoodaa; maatii baayʼeedhaaf dhaala guddaa, maatii muraasaaf immoo dhaala xinnaa kennaa. Iddoon ixaadhaan isaanii baʼe kan isaanii taʼa. Isinis akkuma gosoota abbootii keessaniitti dhaalaa.
55 “‘Amma in ba ku kori mazaunan ƙasar ba, waɗanda kuka bari su ci gaba da zama, za su zama muku hakki a idanunku, da kuma ƙayayyuwa a bayanku. Za su ba ku wahala a ƙasar da kuke zama.
“‘Garuu yoo isin warra biyya sana jiraatan achii baasuu baattan, warri isin akka isaan achi jiraataniif dhiiftan sun akka huuba ija keessaatii fi akka qoraattii cinaacha keessaa isinitti taʼu. Biyya isin keessa jiraattan keessattis isin rakkisu.
56 Sa’an nan kuwa zan yi muku abin da na shirya yin musu.’”
Anis waanan isaan gochuu yaade sana isinitti nan fida.’”