< Ƙidaya 30 >
1 Musa ya ce wa shugabannin kabilan Isra’ila, “Ga abin da Ubangiji ya umarta.
Museen abbootii gosoota Israaʼeliin akkana jedhe: “Wanni Waaqayyo ajaje kanaa dha:
2 Sa’ad da mutum ya yi wa Ubangiji alkawari, ko kuwa ya rantse zai yi wani abu, kada yă ƙi cika maganarsa, amma yă cika kome da ya faɗa.
Namni tokko yoo Waaqayyoof waa wareege yookaan akka waan tokko hojjetu ofumaa isaatiin yoo kakate, inni kakuu ofii sana hin cabsin; qooda kanaa waan dubbate hunda guutuu qaba.
3 “Sa’ad da yarinya, wadda har yanzu tana a gidan mahaifinta ta yi wa Ubangiji alkawari, ko ta rantse za tă yi wani abu,
“Yoo intalli tokko utuma mana abbaa ishee jirtuu Waaqayyoof wareega wareegde yookaan waan tokko gochuudhaaf dirqama keessa seente,
4 mahaifinta kuwa ya ji alkawarin da ta yi, bai kuma ce mata kome ba, to, sai alkawarin da ta yi da wa’adinta su tabbata.
yoo abbaan ishees waaʼee wareega ishee yookaan dirqama keessa seenuu ishee dhagaʼee homaa isheen jechuu baate wareegni isheettii fi dirqamni isheen seente sun hundi hin geeddaramu.
5 Amma in mahaifinta ya hana ta, sa’ad da ya ji game da shi, to, ba wani daga cikin alkawari ko rantsuwar da ta yi zai tabbata; Ubangiji kuwa zai gafarta mata domin maihaifinta ya hana ta.
Yoo abbaan ishee waan kana dhagaʼee ishee dhowwe garuu wareega ishee yookaan kakuu isheen ittiin dirqama seente keessaa tokko iyyuu hin guutamu; sababii abbaan ishee ishee dhowweef Waaqayyo ishee ni bilisoomsa.
6 “In ta yi aure, sai daga baya ta yi alkawari ko kuwa leɓunanta sun furta alkawari da garaje, cewa za tă yi wani abu,
“Yoo isheen erga wareega seentee booddee yookaan erga dubbii utuu itti hin yaadin dubbatteen dirqama seentee booddee heerumte,
7 mijinta kuwa ya ji game da wannan, amma bai ce mata kome ba, to, alkawarin da ta yi da kuma rantsuwar da ta yi, su tabbata.
dhirsi ishees yoo waan kana dhagaʼee homaa isheen jechuu baate wareegni ishee yookaan dirqamni isheen seente sun hin geeddaramu.
8 Amma in mijin ya hana ta sa’ad da ya ji, zai warware alkawari da kuma rantsuwar da ta yi da garaje, Ubangiji kuwa zai gafarce ta.
Garuu dhirsi ishee yoo yeroo waan kana dhagaʼutti ishee dhowwe, wareega ishee kan dirqama keessa ishee galchu yookaan waadaa isheen utuu itti hin yaadin dirqama keessa of galchite sana ishee jalaa diiga; Waaqayyos ishee bilisoomsa.
9 “Duk wani alkawari ko rantsuwar da gwauruwa, ko macen da aurenta ya mutu, ta yi, zai tabbata a kanta.
“Wareegni haadha hiyyeessaa yookaan dubartii dhirsa jalaa baatee, dirqamni isheen seente kam iyyuu ishee qabata.
10 “In macen aure ta yi alkawari, ko ta rantse za tă yi wani abu,
“Yoo dubartiin dhirsa ishee wajjin jiraattu tokko wareega tokko wareegdee yookaan waan tokko gochuudhaaf kakuudhaan dirqama keessa of galchite,
11 mijinta kuwa ya ji game da wannan, amma bai ce mata kome ba, bai kuma hana ta ba, to, dukan alkawari da kuma rantsuwar da ta yi su tabbata a kanta.
dhirsi ishees yoo waan kana dhagaʼee homaa isheedhaan jechuu baate yookaan yoo ishee dhowwuu baate wareegni ishee yookaan waadaan isheen ittiin dirqama keessa of galchite sun hundi hin geeddaramu.
12 Amma in mijin ya warware su sa’ad da ya ji, to, ba wani alkawari ko rantsuwar da ya fito daga leɓunanta da zai tabbata. Mijinta ya warware su, Ubangiji kuma zai gafarce ta.
Garuu yoo dhirsi ishee yeroo waan kana dhagaʼutti ishee jalaa diige, wareega ishee yookaan waadaa afaan isheetii baʼe keessaa tokko iyyuu hojii irra hin oolu; sababii dhirsi ishee ishee jalaa diigeef, Waaqayyo ishee bilisoomsa.
13 Mijinta yana iya tabbatar, ko yă rushe duk wani alkawari ko rantsuwar da ta ɗauka.
Dhirsi ishee wareega isheen wareegdu yookaan waadaa isheen gad of qabuuf kakuudhaan seentu kam iyyuu fudhachuu yookaan diiguu ni dandaʼa.
14 Amma in mijinta bai ce mata kome ba, to, ya tabbatar da dukan alkawarinta da kuma rantsuwarta ke nan. Ya tabbatar da su ta wurin yin shiru sa’ad da ya ji ta.
Garuu yoo dhirsi ishee guyyuma guyyaan homaa isheen jechuu baate, inni wareega ishee yookaan dirqama ishee irra jiru hunda fudhateera jechuu dha. Inni sababii gaafa waaʼee waan kanaa dhagaʼe sana homaa isheedhaan hin jedhiniif waan sana fudhateera.
15 Amma in ya ji, sa’an nan daga baya ya hana ta, to, zai sha hukuncin laifinta.”
Taʼus inni yoo erga waaʼee waan kanaa dhagaʼee booddee waadaa sana diige yakka isheetti ni gaafatama.”
16 Waɗannan su ne ƙa’idodin da Ubangiji ya ba wa Musa game da dangantakar miji da matarsa, da kuma tsakanin mahaifi da’yarsa wadda har yanzu tana a gidansa.
Isaan kunneen seerawwan dhirsaa fi niitii gidduu akkasumas abbaa fi intala isaa kan yeroo ijoollummaa isheetti mana isaa jirtu gidduu jiraachuu qabu kan Waaqayyo Musee ajajee dha.