< Ƙidaya 20 >

1 A watan fari, dukan jama’ar Isra’ilawa suka iso Hamadan Zin. Suka sauka a Kadesh. A nan ne Miriyam ta mutu, aka kuma bizne ta.
Jiʼa jalqabaatti waldaan Israaʼelootaa guutuun Gammoojjii Siin gaʼe; isaanis Qaadesh keessa turan. Miiriyaamis achitti duutee awwaalamte.
2 Sai aka rasa ruwa da jama’a za su sha, mutane suka taru, suka tayar wa Musa da Haruna.
Waldaan sun bishaan hin qabu ture; kanaafuu waldaan sun Musee fi Arooniin mormuuf walitti qabame.
3 Suka yi gunaguni wa Musa suka ce, “Da ma mun mutu sa’ad da’yan’uwanmu suka mutu a gaban Ubangiji!
Isaanis akkana jedhanii Musee fi Arooniin lolan; “Maaloo utuu nus gaafuma obboloonni keenya fuula Waaqayyoo duratti duʼan sana duunee jiraannee!
4 Don me ka kawo jama’ar Ubangiji a wannan hamada, don mu da dabbobinmu mu mutu a nan ke nan?
Isin maaliif waldaa Waaqayyoo gammoojjii kanatti fiddan? Akka nuu fi horiin keenya asitti dhumnuufii?
5 Don me ka fitar da mu daga Masar zuwa wannan banzan wuri, inda babu hatsi ko ɓaure, inabi ko rumman. Kuma babu ruwan da za a sha?”
Maaliif biyya Gibxiitii iddoo hamaa kanatti gad nu baaftan? Iddoon kun midhaan yookaan harbuu yookaan ija wayinii yookaan roomaanii hin qabu. Bishaan dhugaatiis hin jiru!”
6 Sai Musa da Haruna suka tashi daga taron, suka tafi ƙofar Tentin Sujada, suka fāɗi rubda ciki, sai ɗaukakar Ubangiji ta bayyana musu.
Musee fi Aroon waldaa biraa gara balbala dunkaana wal gaʼii deemanii addaan lafatti gombifaman; ulfinni Waaqayyoos isaanitti mulʼate.
7 Ubangiji ya ce wa Musa,
Waaqayyos Museedhaan akkana jedhe;
8 “Ka ɗauki sandanka, kai da Haruna, ɗan’uwanka, ku tara jama’a, ku yi magana da dutsen a gabansu ya ba da ruwan da yake cikinsa. Za ka sa ruwa ya ɓuɓɓugo musu daga dutsen. Ta haka za ka ba taron jama’a da garkunansu ruwan sha.”
“Ulee sana fuudhiitii, atii fi obboleessi kee Aroonis waldaa walitti qabaa. Fuuluma isaanii durattis kattaa sanatti dubbadhaa; kattaan sunis bishaan baasa. Atis kattaa sana keessaa waldaadhaaf bishaan baafta; akkasiin isaanii fi horiin isaanii bishaan dhuguu dandaʼu.”
9 Sai Musa ya je ya ɗauki sandan kamar yadda Ubangiji ya umarce shi.
Kanaafuu Museen akkuma inni isa ajaje sanatti ulee fuula Waaqayyoo dura jiru sana fuudhe.
10 Shi da Haruna, suka tara jama’a a gaban dutsen, Musa ya ce musu, “Ku saurara, ku’yan tawaye, dole mu kawo muku ruwa daga wannan dutse?”
Musee fi Aroon kattaa sana duratti waldaa walitti qaban; Museenis waldaa sanaan, “Finciltoota nana, mee dhagaʼaa; nu kattaa kana keessaa bishaan isinii baasuu qabnaa?” jedhe.
11 Sai Musa ya ɗaga hannu, ya bugi dutsen sau biyu da sandansa. Ruwa kuwa ya yi ta kwararowa, jama’a da dabbobinsu suka sha.
Museen harka ol fudhatee ulee isaa sanaan yeroo lama kattaa sana dhaʼe. Bishaan achi keessaa lolaanaan waldaa fi horiin isaanii dhugan.
12 Amma Ubangiji ya ce wa Musa da Haruna. “Tun da yake ba ku gaskata ni ba, ba ku kuwa ɗaukaka ni a idon Isra’ilawa ba, to, ba za ku kai taron jama’an nan a ƙasar da na ba su ba.”
Waaqayyo garuu Musee fi Arooniin akkana jedhe; “Sababii isin fuula Israaʼelootaa duratti akka qulqullummaa kootiitti na kabajjanii natti amanuu diddaniif, isin biyya ani isaanii kenne sanatti waldaa kana hin galchitan.”
13 Waɗannan su ne ruwan Meriba, inda Isra’ilawa suka yi wa Ubangiji gunaguni, inda kuma ya nuna kansa mai tsarki a cikinsu.
Kun bishaan Mariibaa, lafa Israaʼeloonni itti Waaqayyoon wal dhabanii fi lafa inni itti akka qulqulluu taʼe gidduu isaaniitti of argisiisee ti.
14 Musa ya aiki manzanni daga Kadesh zuwa wurin sarkin Edom cewa, “Ga abin da ɗan’uwanka Isra’ila ya ce ka san duk irin wahalolin da ya same mu.
Museen akkana jedhee Qaadesh irraa mootii Edoomiitti ergamoota erge: “Obboleessi kee Israaʼel akkana jedha: Ati waaʼee rakkina nutti dhufe hundaa ni beekta.
15 Kakanninmu sun gangaro zuwa Masar, muka zauna can shekaru da yawa. Masarawa suka wulaƙanta mu, da kuma kakanninmu,
Abbootiin keenya Gibxitti gad buʼan; nus waggaa hedduu achi jiraanne. Warri Gibxis nuu fi abbootii keenya cunqursan;
16 amma da muka yi kuka a gaban Ubangiji, ya kuwa ji mu, sai ya aiko mala’ika, ya fitar da mu daga Masar. “Yanzu ga mu a Kadesh, garin da yake kan iyakar yankinka.
garuu nu Waaqayyotti iyyaannaan, inni nu dhagaʼee ergamaa isaa ergee biyya Gibxii nu baase. “Nu amma as Qaadeshitti jechuunis magaalaa daarii biyya keetii irra jiru tokko keessa jirra.
17 Muna roƙonka, ka yarda mana mu bi ta ƙasarka. Ba za mu bi ta wani fili, ko gonar inabi ba, ko mu sha ruwa daga wata rijiya ba. Za mu bi ta babban hanyar sarki, ba kuwa za mu kauce dama, ko hagu ba, har mu wuce yankinka.”
Maaloo mee akka biyya kee keessa baanee dabarru nuu eeyyami. Nu lafa qotiisaa yookaan iddoo dhaabaa wayinii tokko keessa iyyuu hin yaanu yookaan bishaan boolla bishaanii tokkoo iyyuu si duraa hin dhugnu. Nu karaa mootichaa irra godaanna malee hamma daarii kee keessaa baanutti bitaa mirgatti hin gorru.”
18 Amma Edom ya amsa ya ce, “Ba za ku bi ta nan ba; in kuka kuskura, za mu fito, mu yaƙe ku da takobi.”
Edoom immoo akkana jedhee deebii kenne: “Isin asiin darbuu hin dandeessan; yoo darbuu yaaltan immoo nu isinitti kaanee goraadeedhaan isin dhoofna.”
19 Sai Isra’ilawa suka amsa, suka ce, “Za mu bi ta babbar hanya, in mu, ko dabbobinmu suka sha ruwanku, za mu biya. Mu dai muna so mu wuce ne kawai.”
Israaʼeloonnis akkana jedhanii deebii kennan: “Nu karuma guddicha irra yaana; yoo nu yookaan horiin keenya bishaan keessan kam iyyuu dhuge, nu gatii isiniif kaffalla. Nu miilla qofaan yaanee darbuu feena; kana malee waan biraa hin feenu.”
20 Sai mutanen Edom suka sāke amsa suka ce, “Ba za ku bi nan ba dai.” Sai Edom ya fito da runduna mai ƙarfi da yawa gaske a kan Isra’ila.
Isaan amma illee akkana jedhanii deebisan: “Isin asiin hin dabartan.” Edoomis loltoota baayʼee fi jajjaboo fudhatee isaanitti gad baʼe.
21 Da yake Edom suka ƙi su bar su su ratsa yankinsu, sai Isra’ila suka juya suka janye daga gare su.
Sababii Edoom biyya ofii isaa keessaan darbuu isaan dhowweef Israaʼeloonni isaan irraa deebiʼan.
22 Dukan Jama’ar Isra’ilawa suka tashi daga Kadesh, suka zo Dutsen Hor.
Sabni Israaʼel hundinuu Qaadeshii kaʼee Tulluu Hoori gaʼe.
23 A Dutsen Hor, kusa da iyakar Edom, Ubangiji ya ce wa Musa da Haruna,
Waaqayyos Tulluu Hoori cinatti daangaa Edoom biratti Musee fi Arooniin akkana jedhe;
24 “Haruna zai rasu. Ba zai shiga ƙasar da na ba Isra’ilawa ba, domin ku biyu, kun ƙi ku bi umarnina a ruwan Meriba.
“Aroon gara abbootii isaatti walitti qabama. Sababii isin lachuu bishaan Mariibaa biratti ajaja kootti finciltaniif, inni biyya ani Israaʼelootaaf kennutti hin galu.
25 Ka kawo Haruna da ɗansa Eleyazar, ka kai su a bisan Dutsen Hor.
Aroonii fi ilma isaa Eleʼaazaar fuudhiitii Tulluu Hooritti ol baasi.
26 Ka tuɓe taguwar Haruna ka sa wa ɗansa Eleyazar, gama Haruna zai rasu a can.”
Aroon irraa uffata isaa baasiitii ilma isaa Eleʼaazaaritti uffisi; Aroon gara abbootii isaatti walitti qabamaatii. Inni achitti duʼa.”
27 Musa ya yi yadda Ubangiji ya umarta. Suka hau Dutsen Hor a idon dukan jama’a.
Museen akkuma Waaqayyo isa ajaje sana godhe: Isaanis utuma waldaan Israaʼel guutuun ilaaluu Tulluu Hooritti ol baʼan.
28 Musa ya tuɓe taguwar Haruna, ya kuma sa wa Eleyazar ɗan Haruna. Nan kuwa Haruna ya mutu a bisa dutsen. Sa’an nan Musa da Eleyazar suka sauka daga dutsen,
Museenis uffata Aroon irraa baasee ilma isaa Eleʼaazaaritti uffise. Aroonis achuma tulluu sana gubbaatti duʼe. Musee fi Eleʼaazaaris tulluu sana irraa gad buʼan;
29 sa’ad da dukan jama’a kuwa suka ji cewa Haruna ya mutu, sai dukan gidan Isra’ila suka yi makoki dominsa har kwana talatin.
yommuu waldaan Israaʼel hundi akka Aroon duʼe dhagaʼetti manni Israaʼel guutuun bultii soddoma booʼeef.

< Ƙidaya 20 >