< Ƙidaya 2 >
1 Ubangiji ya ce wa Musa da Haruna,
Waaqayyo Musee fi Arooniin akkana jedhe:
2 “Duk sa’ad da Isra’ilawa suka yi sansani, kowane mutum zai sauka a inda tutar ƙungiyar kabilarsa take. Sansanin zai kasance a kewaye da Tentin Sujada.”
“Israaʼeloonnis tokkoon tokkoon namaa faajjii ofii isaanii jalatti faajjii maatii isaa wajjin dunkaana irraa xinnuma fagaatee naannoo dunkaana wal gaʼii haa qubatu.”
3 Kabilar Yahuda za su yi sansani bisa ga ƙa’idarsu a gabas, wajen fitowar rana. Shugaban mutanen Yahuda kuwa shi ne Nashon ɗan Amminadab.
Gama baʼaatiin, karaa baʼa biiftuutiin: kutaawwan qubata Yihuudaa faajjii isaanii jala haa qubatan. Hoogganaan ijoollee Yihuudaa Nahishoon ilma Amiinaadaabii ti.
4 Yawan mutanen sashensa 74,600 ne.
Lakkoobsi kutaa isaas namoota 74,600.
5 Kabilar Issakar za su yi sansani biye da su. Shugabansu shi ne Netanel ɗan Zuwar.
Gosti Yisaakor isaanitti aanee haa qubatu. Hoogganaan ijoollee Yisaakor Naatnaaʼel ilma Zuuwaar ture.
6 Yawan mutanen sashensa 54,400 ne.
Lakkoobsi kutaa isaas namoota 54,400.
7 Kabilar Zebulun za su yi sansani biye da su. Shugabansu shi ne Eliyab ɗan Helon.
Gosti Zebuuloon kanatti haa aanu. Hoogganaan ijoollee Zebuuloon Eliiyaab ilma Heeloonii ti.
8 Yawan mutanen sashensa 57,400 ne.
Lakkoobsi kutaa isaas namoota 57,400.
9 Dukan mazan da aka ba su aiki a sansanin Yahuda bisa ga sashensu sun kai 186,400. Su ne za su ja gaba.
Namoonni qubata Yihuudaatti lakkaaʼaman hundis akkuma kutaa kutaa isaaniitti 186,400 turan. Isaanis duraan dursanii qajeelu.
10 A kudu, a nan ne sashe sansanin mutanen Ruben a ƙarƙashin ƙa’idarsu, za su yi sansani. Shugaban mutanen Ruben shi ne Elizur ɗan Shedeyur.
Gama kibbaatiin: kutaawwan qubata Ruubeen faajjii isaanii jalaan haa qubatan. Hoogganaan ijoollee Ruubeen Eliizuur ilma Shedeeʼuurii ti.
11 Yawan mutanen sashensa 46,500 ne.
Lakkoobsi kutaa isaas namoota 46,500.
12 Kabilar Simeyon za su yi sansani biye da su. Shugaban mutanensa shi ne Shelumiyel ɗan Zurishaddai.
Gosti Simiʼoon isaanitti aanee haa qubatu. Hoogganaan gosa Simiʼoon Shilumiiʼeel ilma Zuriishadaayii ti.
13 Yawan mutanen sashensa 59,300 ne.
Lakkoobsi kutaa isaas namoota 59,300.
14 Kabilar Gad za su zama na biye. Shugaban mutanensa shi ne Eliyasaf ɗan Reyuwel.
Gosti Gaad isaanitti haa aanu. Hoogganaan gosa Gaad Eliyaasaaf ilma Deʼuuʼeelii ti.
15 Yawan mutanen sashensa 45,650 ne.
Lakkoobsi kutaa isaas namoota 45,650.
16 Dukan mazan da aka ba su aiki a sansanin Ruben, bisa ga sashensu sun kai 151,450. Su ne za su zama na biyu in za a tashi.
Namoonni qubata Ruubeenitti lakkaaʼaman hundis akkuma kutaa kutaa isaaniitti 151,450 turan. Isaan kunneenis warra duraatti aananii deemu.
17 Sa’an nan Lawiyawa ɗauke da Tentin Sujada za su kasance a tsakiyar sansani sa’ad da aka tashi tafiya. Za su kama hanya kamar yadda aka dokace su su zauna a sansani, kowa a wurinsa a ƙarƙashin ƙa’idarsu.
Ergasiis dunkaanni wal gaʼiitii fi qubanni Lewwotaa qubatawwan gidduu haa deeman. Isaanis akkuma toora qubata isaaniitti tokkoon tokkoon isaanii iddoo isaanii eeggatanii faajjii isaanii jala haa deeman.
18 Ta wajen yamma kuma sashen Efraim za su yi sansani a ƙarƙashin ƙa’idarsu. Shugaban mutanensa, shi ne Elishama ɗan Ammihud.
Gama dhiʼaatiin gareen qubata Efreem faajjii isaanii jalaan haa qubatan. Hoogganaan ilmaan Efreem Eliishaamaa ilma Amiihuudii ti.
19 Yawan mutanen sashensa 40,500 ne.
Lakkoobsi kutaa isaas namoota 40,500:
20 Kabilar Manasse ce za tă zama ta biye. Shugabansu shi ne Gamaliyel ɗan Fedazur.
Gosti Minaasee isaanitti haa aanu. Hoogganaan ijoollee Minaasee Gamaaliʼeel ilma Phedaasuurii ti.
21 Yawan mutanen sashensa 32,200 ne.
Lakkoobsi kutaa isaas namoota 32,200.
22 Na biye da su su ne mutanen Benyamin. Shugaban mutanensu kuwa Abidan ɗan Gideyoni.
Gosti Beniyaam itti haa aanu. Hoogganaan ilmaan Beniyaam Abiidaan ilma Gaadeyoonii ti.
23 Yawan mutanen sashensa 35,400 ne.
Lakkoobsi kutaa isaas namoota 35,400:
24 Dukan mazan da aka ba su aiki a sansanin Efraim, bisa ga sashensu su kai 108,100 ne. Su ne za su zama na uku sa’ad da za a tashi.
Namoonni qubata Efreemitti lakkaaʼaman hundis kutaa kutaa isaaniitti 108,100 turan. Isaan kunneen immoo kutaa sadaffaa taʼanii deeman.
25 A arewa za a sami sashen sansanin Dan, a ƙarƙashin ƙa’idarsu. Shugabansu shi ne Ahiyezer ɗan Ammishaddai.
Gama kaabaatiin kutaawwan qubata Daan faajjii isaanii jalaan haa qubatan. Hoogganaan gosa Daan Ahiiʼezer ilma Amiishadaayii ti.
26 Yawan mutanen sashensa 62,700 ne.
Lakkoobsi kutaa isaas namoota 62,700.
27 Kabilar Asher ce za tă zama ta biye. Shugabansu shi ne Fagiyel ɗan Okran.
Gosti Aasheer isaanitti aanee haa qubatu. Hoogganaan ijoollee Aseer Fagiʼeel ilma Okraanii ti.
28 Yawan mutanen sashensa 41,500 ne.
Lakkoobsi kutaa isaas namoota 41,500:
29 Kabilar Naftali za su zama na biye da su. Shugaban mutanen kuwa shi ne Ahira ɗan Enan.
Gosti Niftaalemitti haa aanu. Hoogganaan ijoollee Niftaalem Ahiiraa ilma Eenaanii ti.
30 Yawan mutanen sashensa 53,400 ne
Lakkoobsi kutaa isaas namoota 53,400:
31 Dukan mazan da aka ba su aiki a sansanin Efraim, bisa ga sashensu su kai 157,600. Su ne za su zama na ƙarshe, ƙarƙashin ƙa’idarsu.
Namoonni qubata Daaniitti lakkaaʼaman hundis 157,600 turan. Isaanis dhuma irratti faajjii isaanii jalaan haa deeman.
32 Waɗannan su ne Isra’ilawan da aka a ƙidaya bisa ga iyalansu. Dukansu da suke a sansani, mutane 603,550 ne.
Namoonni kunneen saba Israaʼel warra akkuma maatii isaaniitti lakkaaʼamanii dha. Lakkoobsi warra qubata keessaa kanneen kutaa kutaa isaaniitiin lakkaaʼaman hundaa 603,550.
33 Ba a dai ƙidaya Lawiyawa tare da sauran Isra’ilawa ba yadda Ubangiji ya umarci Musa.
Lewwonni garuu akkuma Waaqayyo Musee ajaje sanatti Israaʼeloota kaan wajjin hin lakkaaʼamne.
34 Saboda haka Isra’ilawa suka yi duk ko mene ne da Ubangiji ya umarci Musa. Ta haka ne suka yi sansani a ƙarƙashin ƙa’idarsu kowanne tare da kabilarsa da danginsa.
Akkasiin Israaʼeloonni waan Waaqayyo Musee ajaje hunda hojjetan; isaanis haaluma kanaan faajjii isaanii jala haa qubatan; haaluma kanaanis tokkoon tokkoon isaanii balbalaa fi maatii isaanii wajjin baʼanii haa deeman.