< Ƙidaya 12 >

1 Miriyam da Haruna suka fara zargin Musa saboda matarsa’yar ƙasar Kush da ya aura.
Miiriyaamii fi Aroon sababii Museen dubartii Itoophiyaa fuudheef isaan mormuudhaan dubbachuu jalqaban; inni dubartii Itoophiyaa fuudhee tureetii.
2 Suka ce, “Ubangiji ya yi magana ta wurin Musa ne kaɗai? Ashe, bai yi magana ta wurinmu mu ma ba?” Ubangiji kuwa ya ji wannan.
Isaanis, “Waaqayyo karaa Musee qofaan dubbatee? Inni karaa keenyaanis dubbatee ture mitii?” jedhan. Waaqayyos dubbii kana dhagaʼe.
3 (Musa kuwa mutum ne mai tawali’u ƙwarai, mafi tawali’u fiye da kowane mutum a duniya.)
Museen namoota lafa irra jiraatan hunda caalaa nama akka malee gad of qabu ture.
4 Nan da nan Ubangiji ya ce wa Musa, da Haruna da kuma Miriyam, “Ku fita ku tafi Tentin Sujada, dukanku uku.” Sai dukansu uku suka tafi.
Waaqayyos yommusuma Museen, Aroonii fi Miiriyaamiin, “Isin sadanuu gara dunkaana wal gaʼiitti gad baʼaa” jedhe. Isaan sadanuus gad baʼan.
5 Sai Ubangiji ya sauko a cikin ginshiƙin girgije; ya tsaya a bakin ƙofar Tenti, ya kira Haruna da Miriyam. Sa’ad da su biyu suka gusa gaba,
Ergasii Waaqayyo utubaa duumessaa keessaan gad buʼee balbala dunkaanaa irra dhaabatee Aroonii fi Miiriyaamin waame. Jarri lachuu isatti dhiʼaannaan,
6 sai ya ce, “Ku ji abin da zan faɗa, “Duk lokacin da akwai annabin Ubangiji a cikinku, nakan bayyana kaina gare shi cikin wahayi, in yi magana da shi cikin mafarkai.
inni akkana jedheen; “Dubbii koo dhagaʼaa: “Yoo raajiin Waaqayyoo gidduu keessan jiraate, ani mulʼata keessa isatti of nan mulʼisa; abjuudhaanis isatti nan dubbadha.
7 Amma ba haka nake magana da Musa bawana ba; na sa shi yă lura da dukan jama’ata Isra’ila.
Garuu garbichi koo Museen akkana miti; inni mana koo hunda keessatti amanamaa dha.
8 Da shi nake magana fuska da fuska, a fili kuma, ba a kacici-kacici ba; yakan ga siffar Ubangiji. To, me ya sa ba ku ji tsoro ku yi magana a kan bawana Musa ba?”
Ani utuu dhoksaadhaan hin taʼin, ifaan ifatti isatti nan dubbadha; inni bifa Waaqayyoo ni arga. Yoos isin maaliif garbicha koo Museedhaan mormuudhaan dubbachuu hin sodaanne ree?”
9 Sai fushin Ubangiji ya yi ƙuna a kansu, ya kuma rabu da su.
Aariin Waaqayyos isaan irratti bobaʼe; innis isaan dhiisee deeme.
10 Da girgijen ya tashi daga bisa Tentin, sai ga Miriyam tsaye, kuturwa, fari fat. Haruna kuwa ya juya wajenta ya ga ta kuturce;
Yommuu duumessi sun dunkaana gubbaadhaa ol kaʼetti kunoo, Miiriyaam lamxooftee akkuma cabbii addaattee turte. Aroonis gara isheetti garagalee akka isheen lamxii qabdu arge;
11 sai Haruna ya ce wa Musa, “Ranka yă daɗe, ina roƙonka kada ka hukunta mu, gama zunubin da muka yi, mun yi ne cikin wauta.
innis Museedhaan akkana jedhe; “Maaloo yaa gooftaa ko, cubbuu nu gowwummaadhaan hojjenne sana nutti hin lakkaaʼin.
12 Kada ka sa ta zama kamar haifaffen mataccen jariri daga cikin mahaifiya wanda rabin jikin ruɓaɓɓe ne.”
Akka gatata foon isaa gariin nyaatamee gadameessa haadha isaa keessaa baʼu tokkoo ishee hin godhin.”
13 Saboda haka sai Musa ya yi kuka ga Ubangiji ya ce, “Ya Allah, ina roƙonka ka warkar da ita!”
Museen Waaqayyotti booʼee, “Yaa Waaqayyo, maaloo ishee fayyisi!” jedhe.
14 Sai Ubangiji ya ce wa Musa, “Da a ce mahaifinta ne ya tofa mata miyau a fuskarta, ashe, ba za tă ji kunya har kwana bakwai ba? A fitar da ita bayan sansani kwana bakwai; bayan haka za a iya dawo da ita.”
Waaqayyo akkana jedhee Museedhaaf deebii kenne; “Utuu abbaan ishee fuula isheetti tufee silaa isheen bultii torba salphina keessa turti mitii ree? Isheen bultii torba qubataan ala haa turtu; ergasii deebitee dhufuu dandeessi.”
15 Haka aka fitar da Miriyam bayan sansani kwana bakwai, mutane kuwa ba su ci gaba da tafiya ba sai da aka dawo da ita.
Miiriyaam bultii torba qubataan ala turte; sabni sunis hamma isheen deebitutti deemsa itti hin fufne.
16 Bayan haka sai mutane suka bar Hazerot suka sauka a Hamadan Faran.
Ergasii sabni sun Haxerootii kaʼee Gammoojjii Phaaraan keessa qubate.

< Ƙidaya 12 >