< Nahum 1 >

1 Jawabi game da Ninebe a littafin wahayin Nahum, mutumin Elkosh.
Raajii waaʼee Nanawwee dubbatame. Kitaaba mulʼata Naahoom Elqooshicha.
2 Ubangiji Allah mai kishi ne, mai sakayya kuma. Ubangiji Allah mai kishi ne, mai ɗaukar fansa kuma. Ubangiji yakan ɗauki fansa a kan maƙiyansa, yakan ci gaba da fushi a kan abokan gābansa.
Waaqayyo Waaqa hinaafuu fi Waaqa haaloo baʼuu dha; Waaqayyo haaloo ni baʼa; dheekkamsaanis guutameera. Waaqayyo diinota isaa haaloo ni baʼa; dheekkamsa isaas amajaajota isaatiif ni kuusa.
3 Ubangiji mai jinkirin fushi ne, mai iko duka kuma. Ubangiji ba zai bar masu zunubi babu horo ba. Hanyarsa tana cikin guguwa da kuma hadari, gizagizai kuwa su ne ƙurar ƙafafunsa.
Waaqayyo dheekkamuuf hin jarjaru; humni isaa immoo guddaa dha; Waaqayyo nama balleessaa qabu utuu hin adabin hin dhiisu. Bubbee hamaa fi dhaʼaa galaanaa keessaas karaa qaba; duumessi immoo awwaara miilla isaa ti.
4 Yakan tsawata wa teku yă kuma busar da shi; yakan sa dukan koguna su kafe. Bashan da Karmel sun yi yaushi tohon Lebanon kuma ya koɗe.
Inni galaanatti dheekkamee gogsa; akka lagni hundinuu gogu godha. Baashaanii fi Qarmeloos ni coollagu; daraaraa Libaanoonis ni harcaʼa.
5 Duwatsu suna rawan jiki a gabansa tuddai kuma sun narke. Duniya da dukan abin da yake cikinta suna rawan jiki a gabansa.
Fuula isaa duratti tulluuwwan ni kirkiru; gaarranis baqanii badu. Iddoo inni jirutti lafti ni hollatti; addunyaa fi wanni addunyaa irra jiraatu hundi ni hollatu.
6 Wa zai iya tsaya wa fushinsa? Wa yake da ikon jimre wa zafin hasalarsa? Ana zuba fushinsa kamar wuta; aka kuma ragargaza duwatsu a gabansa.
Eenyutu dheekkamsa isaa dura dhaabachuu dandaʼa? Eenyutu dheekkamsa isaa sodaachisaa sana obsuu dandaʼa? Dheekkamsi isaa akkuma ibiddaa dhangalaʼa; fuula isaa duratti kattaawwan ni burkutaaʼu.
7 Ubangiji nagari ne, mafaka kuma a lokacin wahala. Yana kula da waɗanda suka dogara gare shi,
Waaqayyo gaarii dha; yeroo rakkinaattis daʼoo dha. Inni warra isa amanatan ni beeka;
8 amma da ambaliyar ruwa zai kawo Ninebe ga ƙarshe; zai fafari maƙiyansa zuwa cikin duhu.
Garuu inni lolaa jabaadhaan Nanawwee ni balleessa; amajaajota isaas ariʼee dukkanatti galcha.
9 Dukan abin da suke ƙullawa game da Ubangiji zai kawo ga ƙarshe; wahala ba za tă sāke komowa ƙaro na biyu ba.
Wanni isin Waaqayyootti yaaddan maali? inni guutumaan guutuutti ni balleessa; rakkoonis lammata hin dhufu.
10 Za su sarƙafe a ƙaya, za su kuma bugu da ruwan inabinsu; za a laƙume su kamar busasshiyar ciyawa.
Isaan qoraattii keessatti xaxamanii daadhii wayinii isaaniitiin machaaʼu; akkuma cidii gogeetti gubatanii dhumu.
11 Daga cikinki, ya Ninebe wani ya fito wanda ya ƙulla wa Ubangiji makirci yana ba da mugayen shawarwari.
Yaa Nanawwee, namni Waaqayyotti hammina malatee waan hamaa karoorfatu si keessaa argameera.
12 Ga abin da Ubangiji ya ce, “Ko da yake sun yi tarayya, suna kuma da yawa, za a yanke su, a kawar a su. Ko da yake na ba ki azaba, ya Yahuda, ba zan ƙara ba ki azaba ba.
Waaqayyo akkana jedha: “Isaan jabinaa fi baayʼina yoo qabaatan iyyuu isaan ni barbadeeffamu; ni badus. Yaa Yihuudaa, ani yoon duraan si miidhee jiraadhe iyyuu, siʼachi si hin miidhu.
13 Yanzu zan karya karkiyarsu daga wuyanki in kuma tsittsinke sarƙar da suka ɗaura ki.”
Ani amma waanjoo isaanii gurmuu keessan irraa nan cabsa; hudhaa kees sirraa nan kuta.”
14 Ubangiji ya ba da umarni game da ke Ninebe, “Ba za ki sami zuriyar da za tă ci gaba da sunanki ba. Zan rurrushe siffofin da kuka sassaƙa da kuma gumakan da kuka ƙera gumakan da suke a cikin haikalin allolinku. Zan shirya kabarinki, domin ke muguwa ce.”
Yaa Nanawwee, Waaqayyo akkana jedhee waaʼee kee ajaja kennee jira: “Ati sanyii maqaan kee ittiin waamamu hin qabaattu. Ani fakkiiwwan soofamanii fi waaqota tolfamoo baqfamanii tolfaman kanneen galmawwan waaqota keetii keessa jiran nan barbadeessa. Waan ati akka malee balfamaa taateef ani awwaala siif nan qopheessa.”
15 Duba, can a bisa duwatsu, ga ƙafafu mai kawo labari mai daɗi, wanda yake shelar salama! Ki yi bukukkuwanki, ya Yahuda, ki kuma cika wa’adodinki. Mugaye ba za su ƙara mamaye ki ba; domin za a hallaka su ƙaƙaf.
Kunoo, miilli nama oduu gaarii fidu, kan nagaa labsu tokkoo tulluuwwan irra jira! Yaa Yihuudaa, ayyaanota kee ayyaaneffadhu; wareega kees baafadhu. Siʼachi hamaan si hin weeraru; inni guutumaan guutuutti ni barbadeeffama.

< Nahum 1 >