< Nahum 3 >
1 Kaiton birni mai zub da jini, wadda take cike da ƙarairayi, cike da ganima, wadda ba a rasa masu fāɗawa cikin wahala!
Magaalattii dhiigaatiif, kan sobaan guutamteef, kan saamichaan guutamteef, kan warri hammina hojjetan keessaa hin dhabamne sanaaf wayyoo!
2 Ku ji karar bulala da kwaramniyar ƙafafu, da sukuwar dawakai da girgizar kekunan yaƙi!
Iyyi qaccee, kakaksuun gommaa, gulufuun fardaa, didichuun gaarii lolaa ni dhagaʼama!
3 Mahaya dawakai sun kunno kai, takuba suna walƙiya, māsu kuma suna ƙyali; ga ɗumbun da aka kashe ga tsibin matattu, gawawwaki ba iyaka, mutane suna tuntuɓe da gawawwaki,
Abbaan fardaa ni gulufa; goraadeen ni balaqqisa; eeboon ni calaqqisa! Balaan hedduun nama irra gaʼeera; namni baayʼeen duʼeera; reeffi lakkoobsa hin qabu; namoonnis reeffa isaaniitti gufatu;
4 duk saboda yawan sha’awace-sha’awacen karuwa, mai daɗin baki, uwargidan maita, wadda ta ɓad da al’ummai ta wurin karuwancinta ta kuma ɓad da mutane ta wurin maitancinta.
kun hundi sababii baayʼina sagaagalummaa sagaagaltuu, giiftii falfaltootaa, kan sagaagaltummaa isheetiin saboota, tolcha isheetiin immoo uummata garboomsite sanaatiin taʼe.
5 “Ina gāba da ke,” in ji Ubangiji Maɗaukaki. “Zan kware fatarinki a idonki. Zan nuna wa al’ummai tsiraicinki, masarautai kuma kunyarki.
Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu akkana jedha: “Ani sitti kaʼeen jira. Ani uffata kee fuula keetti ol soqola. Ani sabootatti qullaa kee, mootummootatti immoo qaanii kee nan mulʼisa.
6 Zan watsa miki ƙazanta, in yi miki wulaƙanci in kuma mai da ke abin reni.
Ani xuriidhaan sin faala; akka malee sin tuffadha; waan kolfaa illee sin godha.
7 Duk wanda ya gan ki zai gudu daga gare ki yana cewa, ‘Ninebe ta lalace, wa zai yi makoki domin ta?’ Ina zan sami wani wanda zai yi miki ta’aziyya?”
Namni si argu hundi sirraa baqatee, ‘Nanawween baduutti jirti; eenyutu booʼaaf?’ siin jedha. Ani nama si jajjabeessu tokko illee eessaa argadha?”
8 Kin fi Tebes ne da take a bakin Nilu, da ruwa yake kewaye da ita? Rafi shi ne kāriyarta, ruwanta kuma katanga.
Ati, Nooʼi Amoon biyya laga Abbayyaa irraa kan bishaaniin marfamte sana caaltaa? Lagni daʼoo ishee ti; bishaanis dallaa ishee ti.
9 Kush da kuma Masar su ne ƙarfinta marar iyaka; Fut da Libiya suna cikin mataimakanta.
Itoophiyaa fi Gibxi jabina ishee kan dhuma hin qabnee dha; Fuuxii fi Liibiyaan tumsitoota ishee ti.
10 Duk da haka an tafi da ita ta kuma tafi bauta. Aka fyaɗa ƙanananta da ƙasa aka yayyanka su gunduwa-gunduwa a kan kowane titi. Aka jefa ƙuri’a a kan manyan mutanenta, aka daure manyan mutanenta da sarƙoƙi.
Taʼus isheen boojiʼamtee biyya ormaatti geeffamte. Daaʼimman ishee mataa daandii hundaa irratti miciriqfamanii dhuman. Namoota ishee ulfaatootti ixaa buufatanii namoonni ishee gurguddoonni hundinuu foncaadhaan hidhaman.
11 Ke ma za ki bugu, za ki ɓuya. Ki kuma nemi mafaka daga wurin abokin gāba.
Atis ni machoofta; ni dhokattas; diina jalaa baʼuufis daʼoo barbaaddatta.
12 Dukan kagarunki suna kama da itatuwan ɓaure da’ya’yansu da suka nuna. Da an girgiza, sai ɓaure su zuba a bakin mai sha.
Daʼoon kee hundi mukkeen harbuu kanneen ija jalqabatti bilchaate qaban fakkaata; yeroo mukkeen sun hurgufamanitti iji isaanii afaan nama waa nyaatuu keessa buʼa.
13 Dubi mayaƙanki, duk mata ne! Ƙofofin ƙasarki a buɗe suke ga abokan gābanki, wuta ta cinye madogaransu.
Mee raayyaawwan kee ilaali; isaan hundinuu dubartoota! Karrawwan biyya keetii diinota keetiif balʼatanii banamanii jiru; ibiddis danqaraa isaanii gubee fixeera.
14 Ki ja ruwa gama za a kewaye ki da yaƙi. Ki ƙara ƙarfin kagaranki! Ki kwaɓa laka, ki sassaƙa turmi ki gyara abin yin tubali!
Utuu hin marfamin bishaan waraabbadhu; humna hittisaa kee jajjabeeffadhu! Suphee tolfadhu; dhoqqee suphee dhiittadhu; xuubii tolfadhu.
15 A can wuta za tă cinye ki; takobi zai sare ki, kuma kamar fāra, za a cinye ki. Ki riɓaɓɓanya kamar fāra, ki riɓaɓɓanya kamar fārin ɗango!
Achitti ibiddi si fixa; goraadeenis si cicciree akkuma korophisaas si barbadeessa. Akka korophisaa hori; akkuma hawwaannisaa baayʼadhu.
16 Kin ƙara yawan masu kasuwancinki har sai da suka fi taurarin sama. Amma kamar fāra sun cinye ƙasar sa’an nan suka tashi, suka tafi.
Ati hamma isaan urjii samii caalaa baayʼatanitti daldaltoota kee baayʼifatteerta; isaan garuu akkuma hawwaannisaa biyyatii qullaa hambisanii ergasii barrisanii deemu.
17 Masu tsaronki suna kama da fāri ɗango, shugabanninki sun yi cincirindo kamar fārin ɗango da suka sauka a kan bango a rana mai sanyi, amma da rana ta fito, duk za su tashi su tafi, ba kuma wanda ya san inda suka nufa.
Eegdonni kee akkuma hawwaannisaa ti; qondaaltonni kees akkuma tuuta hawwaannisaa kan guyyaa qabbanaa dallaa irra qubatuu ti; yeroo aduun baatu garuu barrisanii badu; namni tokko iyyuu gara isaan dhaqan hin beeku.
18 Ya sarkin Assuriya, makiyayanka sun yi barci; manyan mutanenka sun kwanta su huta. An watsar da mutanenka a cikin duwatsu, ba wanda zai tattaro su.
Yaa mootii Asoor tiksoonni kee ni mugu; namoonni kee ulfaatoon boqochuuf gad ciciisaniiru. Namoonni kee nama walitti isaan qabu dhabanii tulluuwwan irratti bibittinnaaʼaniiru.
19 Ba abin da zai warkar da rauninka; rauninka ya yi muni. Duk wanda ya ji labarinka zai tafa hannuwansa saboda farin cikin fāɗuwarka, gama wane ne bai ji jiki a hannunka ba?
Wanni tokko iyyuu madaa kee fayyisuu hin dandaʼu; miidhamni kees kan duʼaan si gaʼuu dha. Namni oduu waaʼee keetii dhagaʼu hundinuu kufaatii keetti harka walitti rurrukuta; gara jabina kee kan dhuma hin qabne sanaan eenyutu hin miidhamin?