< Nahum 2 >
1 Mai hari yana matsowa a kanki, Ninebe. Ki tsare mafaka, ki yi gadin hanya ki sha ɗamara ki tattaro dukan ƙarfinki!
Yaa Nanawwee, namni si lolu sitti dhufeera. Daʼoo eeggadhu; karaa ilaalladhu. Mudhii kee hidhadhu; humna kee hunda walitti qabadhu!
2 Ubangiji zai maido da darajar Yaƙub, kamar ta Isra’ila, ko da yake masu washewa sun washe su suka kuma lalatar da inabinsu.
Yoo balleessitoonni isaan onsanii mukkeen wayinii isaanii barbadeessan iyyuu, Waaqayyo akkuma ulfina Israaʼel deebise sana ulfina Yaaqoobis iddootti ni deebisa.
3 Garkuwoyin sojojinsa ja wur ne; jarumawansa suna sanye da kaya masu ruwan jan garura. Ƙarafan kekunan yaƙi suna walƙiya a ranar da aka shirya su; ana kaɗa māsu da bantsoro.
Gaachanawwan loltoota isaa diddiimoo dha; gootonnis uffata bildiimaa uffataniiru. Guyyaa isaan itti qopheeffaman sana, sibiilli gaarii lolaa irra jiru ni calaqqisa; eeboon gaattiraa isaaniis ni mirmirfama.
4 Kekunan yaƙi sun zabura a tituna, suna kai da kawowa a dandali. Suna walƙiya kamar tocila suna sheƙawa a guje kamar walƙiya.
Gaariiwwan lolaa karaa irra dadarbatamu; oobdiiwwan keessas asii fi achi gulufu. Isaan guca bobaʼu fakkaatu; akkuma bakakkaas ni darbatamu.
5 Ninebe ta tattara rundunarta, duk da haka sun yi ta tuntuɓe a kan hanyarsu. Sun ruga zuwa katangan birnin, sun sanya garkuwar kāriya a inda ya kamata.
Inni gootota isaa ni yaadata; isaan garuu karaatti gufatu. Isaan gara dallaa magaalattiitti ariifatu; daʼoonis qopheeffameefii jira.
6 An buɗe ƙofofin rafuffukan sai wurin ya rurrushe.
Balballi lageenii banamaa dha; masaraan mootummaas ni jiga.
7 An umarta cewa birnin za tă tafi bauta, za a kuma yi gaba da su. Bayi’yan mata suna kuka kamar tattabaru suna buga ƙirjinsu.
Magaalattiin qullaatti hambaa akka boojiʼamtu murteeffameera. Xomboreewwan ishee qoma isaanii rurrukutanii akka gugee booʼu.
8 Ninebe tana kama da tafki, wanda ruwanta yana yoyo. Suna kuka suna cewa, “Ku tsaya! Ku tsaya,” amma ba wanda ya waiga.
Nanawween akkuma haroo ti; bishaan ishees keessaa yaaʼee dhuma. Isaanis, “Dhaabadhaa! Dhaabadhaa!” jedhanii iyyu; garuu namni tokko iyyuu dugda duubatti hin deebiʼu.
9 A washe azurfa; a washe zinariya; dukiyarsu ba ta da iyaka, arzikinsu kuma ba ya ƙarewa.
Meetii saamaa! Warqee saamaa! Maddi ishee, badhaadhummaan kuusaa qabeenya ishee hundaas dhuma hin qabu!
10 Ta zama wofi, an washe ta, an tuɓe ta! Zukata sun narke, gwiwoyi suna kaɗuwa, jikuna suna rawa, fuskoki duk sun kwantsare!
Isheen duwwaa, qullaa fi ona taateerti! Lapheen baqeera; jilbi laafeera; dhagni hollateera; fuulli hundis gurraachaʼeera.
11 Ina kogon zakokin nan yake yanzu, inda suka ciyar da’ya’yansu, inda zaki da zakanya sukan shiga, da’ya’yansu, ba mai damunsu
Holqi leencotaa, iddoon isaan itti ilmaan isaanii sooran, iddoon leenci kormaa fi dhalaan keessa yaaʼan, saafelli isaanis sodaa malee nagaadhaan jiraatan eessa?
12 Zaki ya kashe abin da ya ishe’ya’yansa ya kuma murɗe wuyan dabbobi ya cika wurin zamansa da abin da ya kama ya cika kogwanninsa da abin da ya kashe.
Leenci waan ilmaan isaatiif gaʼu ajjeefate; leenca dhalaa isaatiifis waa hudhee ajjeese; boolla isaa waan adamseen, holqa isaa immoo gumaa fooniitiin guuttate.
13 “Ina gāba da ke,” in ji Ubangiji Maɗaukaki. “Zan ƙone kekunan yaƙinki, takobi kuma zai fafare’ya’yan zakokinki. Ba kuma zan bar miki namun jejin da za ki kashe a duniya ba. Ba kuwa za a ƙara jin muryar’yan saƙonki ba.”
Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu akkana jedha; “Ani sitti kaʼeera; ani gaariiwwan kee kanneen waraanaa gubee daaraa nan godha; goraadeen leenca kee saafela ni fixa. Ani waan ati adamsattu tokko illee lafa irratti siif hin hambisu. Sagaleen ergamoota keetii lammata hin dhagaʼamu.”