< Mika 7 >
1 Tawa ta ƙare! Ina kama da wanda yake tattara’ya’yan itatuwa a lokacin kalar’ya’yan inabi; babu sauran nonon inabin da za a tsinka a ci, babu kuma’ya’yan ɓaure na farko-farkon da raina yake marmari.
Anaaf wayyoo! Ani akkuma nama yeroo qarmii bonaa funaananitti wayinii walitti qabu tokkoo taʼeera; hurbuun wayinii kan nyaatamu tokko iyyuu hin jiru; iji harbuu jalqabaa kan ani dharraʼu tokko iyyuu hin jiru.
2 An kawar da masu tsoron Allah daga ƙasar; babu sauran mai adalcin da ya rage. Dukan mutane suna kwanto don su zub da jini; kowa yana farautar ɗan’uwansa da tarko.
Namni gaariin lafa irraa badeera; namni qajeelaan tokko iyyuu hin hafne. Namoonni hundinuu dhiiga dhangalaasuuf riphanii eeggatu; tokkoon tokkoon namaa kiyyoodhaan obboleessa isaa eeggata.
3 Dukan hannuwansu sun gwaninta wajen yin mugunta; shugabanni suna nema a ba su kyautai, alƙalai suna nema a ba su cin hanci, masu iko suna faɗar son zuciyarsu, duk suna ƙulla makirci tare.
Harki lachuu waan hamaa hojjechuu barateera; bulchaan kennaa barbaada; abbaan murtiis mattaʼaa fudhata; namni humna qabu waanuma fedhe dubbata; hundi isaanii walii wajjin malatu.
4 Mafi kyau a cikinsu yana kama da ƙaya, mafi gaskiyarsu ya fi shingen ƙaya muni. Ranar da Allah zai ziyarce ku ta zo, ranar da masu gadinku za su hura ƙaho. Yanzu ne lokacin ruɗewarku.
Kan isaan hunda caalaa gaarii taʼe akka sokorruu ti; inni akka malee qajeelaan immoo dallaa qoraattii caala. Guyyaan eegdota keetii, guyyaan itti Waaqni si ilaalu dhufeera. Amma yeroo itti isaan joonjaʼanii dha.
5 Kada ka yarda da maƙwabci; kada ka sa begenka ga abokai. Ko ma wadda take kwance a ƙirjinka, ka yi hankali da kalmominka.
Ollaa hin amanatin; michuus hin abdatin. Ishee hammattee ciiftu biratti iyyuu arraba kee eeggadhu.
6 Gama ɗa yakan ce wannan ba mahaifinsa ba ne, diya kuma takan tayar wa mahaifiyarta, matar ɗa takan yi gāba da uwar mijinta, abokan gāban mutum su ne iyalin cikin gidansa.
Ilmi abbaa isaa tuffata; intalli haadha isheetti, niitiin ilmaas amaatii isheetti kaati; diinonni namaa miseensotuma mana isaa taʼuutii.
7 Amma game da ni, zan sa bege ga Ubangiji, ina sauraron Allah Mai Cetona; Allahna kuwa zai ji ni.
Ani garuu abdiidhaan Waaqayyoon nan eeggadha; fayyisaa koo Waaqa nan eeggadha; Waaqni koo na dhagaʼa.
8 Kada ku yi farin ciki, ku maƙiyana! Ko da yake na fāɗi, zan tashi. Ko da yake na zauna a cikin duhu, Ubangiji zai zama haskena.
Yaa diina koo natti hin gammadin! Ani yoon kufe iyyuu nan kaʼa. Ani dukkana keessa taaʼu iyyuu Waaqayyo ifa naaf taʼa.
9 Domin na yi masa zunubi, zan fuskanci fushin Ubangiji, har sai ya dubi batuna ya kuma tabbatar da’yancina. Zai kawo ni zuwa wurin haske; zan ga adalcinsa.
Ani sababiin cubbuu isatti hojjedheef, hamma inni dubbii koo ilaalee naaf murteessutti dheekkamsa Waaqayyoo nan baadha. Inni ifatti na baasa; anis qajeelummaa isaa nan arga.
10 Sa’an nan maƙiyina zai gani yă kuma sha kunya, shi da yake ce da ni “Ina Ubangiji Allahnka?” Zai gani, yă kuma ji kunya. Ko yanzu ma za a tattake shi kamar taɓo a tituna.
Ergasii diinni koo isheen, “Waaqayyo Waaqni kee eessa jira?” naan jette sun waan kana argitee qaaniin haguugamti. Iji koo kufaatii ishee ni arga; Isheen amma iyyuu miilla jalatti akkuma dhoqqee daandii irraatti dhidhiitamti.
11 Ranar gina katangarka tana zuwa, a ranar za a fadada iyakokinka.
Guyyaan itti dallaan kee ijaaramu, guyyaan itti daangaan kee balʼifamu tokko ni dhufa.
12 A wannan rana mutane za su zo gare ka daga Assuriya da kuma biranen Masar, daga Masar ma har zuwa Yuferites daga teku zuwa teku, kuma daga dutse zuwa dutse.
Gaafas namoonni Asoorii fi magaalaawwan Gibxi, Gibxii hamma Efraaxiisitti iyyuu, galaanaa hamma galaanaatti, tulluudhaa hamma tulluutti jiraatan gara kee ni dhufu.
13 Duniya za tă zama kufai saboda mazaunanta, saboda ayyukansu.
Sababii jiraattota isheetii fi sababii waan isaan hojjetaniitiif lafti ni onti.
14 Ka yi kiwon mutanenka da sandarka, garken gādonka, wanda yake zaune shi kaɗai a kurmi, a ƙasa mai kyau ta kiwo, bari su yi kiwo a Bashan da Gileyad kamar a kwanakin dā.
Uummata kee, bushaayee dhaala keetii kanneen ofumaan bosona keessa, lafa dheedaa gabbataa irra jiraatan ulee keetiin tikfadhu. Isaan akkuma bara duriitti Baashaanii fi Giliʼaad keessa haa bobbaʼan.
15 “Kamar a kwanakin da kuka fito daga Masar, zan nuna musu al’ajabaina.”
“Ani akkuma yeroo ati Gibxii baatee dhufte sanaa dinqii koo isaan nan argisiisa.”
16 Al’ummai za su gani su kuma ji kunya, za a kuma ƙwace musu dukan ikonsu. Za su kama bakinsu kunnuwansu kuma za su zama kurame.
Saboonni arganii ni qaanaʼu; humna ofii hunda iyyuu ni dhabu. Isaan afaan isaanii qabatu; gurri isaaniis ni duuda.
17 Za su lashi ƙura kamar maciji, kamar dabbobi masu rarrafe a ƙasa. Za su fito daga maɓuyarsu da rawan jiki, za su juya cikin tsoro ga Ubangiji Allahnmu su kuma ji tsoronku.
Isaan akkuma bofaa, akkuma uumamawwan lafa irra looʼanii biyyoo arraabu. Isaan hollachaa holqa keessaa baʼanii dhufu; Isaan Waaqayyo Waaqa keenya sodaachuudhaan deebiʼanii fuula kee dura sodaadhaan dhaabatu.
18 Wane ne Allah kamar ka, wanda yake yafe zunubi yă kuma gafarta laifofin mutanensa da suka ragu? Ba ka zama mai fushi har abada amma kana marmari ka nuna jinƙai.
Waaqni akka keetii kan cubbuu namaa bira darbee balleessaa hambaa dhaala isaa dhiisuuf eenyu? Ati araara gochuutti gammadda malee bara baraan hin dheekkamtu.
19 Za ka sāke jin tausayinmu; za ka tattake zunubanmu a ƙarƙashin sawunka ka kuma tura dukan kurakuranmu zuwa cikin zurfafan teku.
Ati deebitee garaa nuu laafta; cubbuu keenya miilla kee jalatti dhidhiittee balleessaa keenya hundas tuujuba galaanaatti gad darbatta.
20 Za ka yi wa Yaƙub aminci, ka kuma nuna jinƙai ga Ibrahim, kamar yadda ka yi alkawari da rantsuwa ga kakanninmu tun a kwanankin dā.
Ati akkuma bara durii abbootii keenyaaf kakatte sana Yaaqoobiif amanamaa taata; Abrahaamittis jaalala ni argisiifta.