< Firistoci 10 >

1 ’Ya’yan Haruna maza, Nadab da Abihu suka ɗauki farantansu, suka sa wuta a ciki, suka zuba turare a kai; suka kuma miƙa haramtacciyar wuta a gaban Ubangiji, ba irin wadda Ubangiji ya umarta ba.
Ilmaan Aroon jechuunis Naadaabii fi Abiihuu girgiraa isaanii fudhatanii ibidda itti naqanii ixaana irratti firfirsan; isaanis ibidda hin eeyyamamne kan Inni hin ajajin fuula Waaqayyoo duratti dhiʼeessan.
2 Sai wuta ta fito daga Ubangiji ta cinye su, suka kuma mutu a gaban Ubangiji.
Kanaafuu ibiddi Waaqayyo biraa baʼee gubee isaan fixe; isaanis fuula Waaqayyoo duratti dhuman.
3 Sai Musa ya ce Haruna, “Ga abin da Ubangiji yake nufi sa’ad da ya ce, “‘A cikin waɗanda suka kusace ni za a tabbata ni mai tsarki ne; a fuskar dukan mutane za a kuwa girmama ni.’” Haruna ya yi shiru.
Museenis Arooniin akkana jedhe; “Wanni Waaqayyo dubbate kanaa dha: “‘Ani warra natti dhiʼaatan gidduutti, qulqullina koo nan argisiisa; saba hunda durattis ani nan ulfaadha.’” Aroon immoo ni calʼise.
4 Sai Musa ya kira Mishayel da Elzafan,’ya’yan Uzziyel kawun Haruna, ya ce musu, “Ku zo nan; ku ɗauki’yan’uwanku waje da sansani, daga gaban wuri mai tsarki.”
Museenis Miishaaʼeelii fi Elzaafaan ilmaan Uziiʼeel obboleessa abbaa Aroon sanaa ofitti waamee, “Kottaatii durbiiwwan keessan fuula iddoo qulqulluu duraa fuudhaatii qubata keessaa gad baasaa” jedhe.
5 Sai suka zo suka ɗauke su, suna nan cikin taguwoyinsu, zuwa waje da sansani yadda Musa ya umarta.
Jarris dhufanii akkuma Museen ajajetti akkuma isaan kittaa isaanii uffatanii jiranitti fuudhanii qubata keessaa gad isaan baasan.
6 Sa’an nan Musa ya ce wa Haruna da Eleyazar da Itamar’ya’yansa maza, “Kada ku bar gashin kanku barkatai, kada kuma ku yage tufafinku, don kada ku mutu. Yin haka zai jawo fushin Ubangiji a kan dukan jama’a. Amma dangoginku, wato, dukan Isra’ilawa, suna iya kuka saboda waɗanda Ubangiji ya hallaka da wuta.
Ergasii Museen Aroonii fi ilmaan Aroon, Eleʼaazaarii fi Iitaamaariin akkana jedhe; “Mataa keessan filachuu hin dhiisinaa; wayyaa keessanis hin tarsaasinaa; yoo kanaa achii isin ni duutu; Waaqayyos saba guutuutti dheekkama. Garuu firoonni keessan manni Israaʼel hundi warra Waaqayyo ibiddaan balleesse sanaaf booʼuu dandaʼu.
7 Kada ku bar ƙofar Tentin Sujada ko kuwa ku mutu, domin man Shafan Ubangiji yana kanku.” Saboda haka suka yi kamar yadda Musa ya faɗa.
Sababii zayitiin Waaqayyoo kan ittiin diban isin irra jiruuf isin balbala dunkaana wal gaʼii duraa hin deeminaa; yoo kanaa achii ni duutu.” Isaanis akkuma Museen isaan ajaje godhan.
8 Sa’an nan Ubangiji ya yi magana da Haruna ya ce,
Waaqayyos Arooniin akkana jedhe;
9 “Kai da’ya’yanka maza, ba za ku sha ruwan inabi ko wani abu mai sa jiri ba a duk sa’ad da za ku shiga cikin Tentin Sujada, in ba haka ba za ku mutu. Wannan dawwammamiyar farilla ce wa tsararraki masu zuwa.
“Atii fi ilmaan kee yommuu dunkaana wal gaʼii ol seentanitti daadhii wayinii yookaan dhugaatii nama macheessu hin dhuginaa. Yoo kanaa achii ni duutu. Wanni kun dhaloota dhufuuf seera bara baraa taʼa.
10 Dole ku bambanta tsakanin mai tsarki da marar tsarki, tsakanin marar tsabta da mai tsabta,
Isin waan qulqulluu fi waan qulqulluu hin taʼin, waan xuraaʼaa fi waan xuraaʼaa hin taʼin addaan baaftanii beekuu qabdu;
11 za ku kuma koyar da Isra’ilawa dukan farillan da Ubangiji ya ba su ta wurin Musa.”
seera Waaqayyo karaa Museetiin isaanii kenne hundas saba Israaʼel barsiisuu qabdu.”
12 Musa ya ce wa Haruna da Eleyazar da Itamar’ya’yansa maza da suka ragu, “Ku ɗauki ragowar hadaya ta gari wadda aka yi hadaya ta ƙonawa da ita ga Ubangiji ku ci ba tare da yisti ba, a gefen bagaden, gama tsattsarka ne.
Museenis Aroonii fi ilmaan Aroon warra hafan jechuunis Eleʼaazaarii fi Iitaamaariin akkana jedhe; “Kennaa midhaanii kan aarsaawwan ibiddaan Waaqayyoof dhiʼeeffaman sana irraa hafe fuudhaatii utuu inni hin bukaaʼin tolchaatii iddoo aarsaa biratti nyaadhaa; aarsaan kun waan hunda caalaa qulqulluudhaatii.
13 Ku ci shi a tsattsarkan wuri, gama rabonka ne da na’ya’yanka daga cikin hadayun da akan ƙone da wuta ga Ubangiji; gama haka aka umarce ni.
Wanni kun aarsaawwan ibiddaan Waaqayyoof dhiʼeeffaman keessaa sababii qooda keetii fi qooda ilmaan keetii taʼeef lafa qulqulluutti nyaadhaa; ani akkana ajajameeraatii.
14 Amma kai da’ya’yanka maza da mata za su iya ci ƙirjin da aka kaɗa, da kuma cinyar da aka miƙa. Ku ci su a wuri mai tsabta; an ba da su gare ku da kuma’ya’yanku a matsayin rabo daga hadaya ta salama ta Isra’ilawa.
Garuu ati, ilmaan keetii fi intallan kee handaraafa sochoofamee fi tafa dhiʼeeffame sana nyaachuu dandeessu. Waan kanas iddoo seeraan qulqulluu taʼetti nyaadhaa. Wanni kun qooda keetii fi qooda ilmaan keetii taʼee aarsaa nagaa kan saba Israaʼel irraa isiniif kennamee dhaatii.
15 Cinyar da aka miƙa da kuma ƙirjin da aka kaɗa, dole a kawo su tare da ɓangarori kitsen hadayun da aka yi ta wuri wuta, don a kaɗa a gaban Ubangiji a matsayin hadaya ta kaɗawa. Wannan zai zama na kullayaumi gare ka da’ya’yanka, yadda Ubangiji ya umarta.”
Tafni dhiʼeeffamee fi handaraafni sochoofame sun akka aarsaa sochoofamu tokkootti akka fuula Waaqayyoo duratti sochoofamuuf cooma aarsaa ibiddaan dhiʼeeffame wajjin fidamuu qaba; kunis akkuma Waaqayyo ajajetti qooda keetii fi qooda ilmaan keetii kan bara baraa ti.”
16 Sa’ad da Musa ya nemi sani game da akuyar hadaya don zunubi, ya kuwa gane cewa an ƙone shi, sai ya yi fushi da Eleyazar da kuma Itamar,’ya’yan Haruna maza da suka ragu, ya kuma yi tambaya,
Museenis reʼee aarsaa cubbuu sana jabeessee barbaade; kunoo reʼeen sun gubamee ture; innis ilmaan Aroon warra hafanitti jechuunis Eleʼaazaarii fi Iitaamaaritti aaree akkana jedhee isaan gaafate;
17 “Me ya sa ba ku ci hadaya don zunubi a cikin wuri mai tsarki ba? Mafi tsaki ne; an ba ku ne don a ɗauke laifin jama’a ta wurin yin kafara saboda su a gaban Ubangiji.
“Isin maaliif aarsaa cubbuu sana iddoo qulqulluutti hin nyaatin? Aarsaan sun waan hunda caalaa qulqulluu dha; innis akka isin fuula Waaqayyoo duratti araara isaaniif buusuudhaan yakka sabaa balleessitaniif isiniif kenname.
18 Da yake ba a kai jininsa cikin wuri mai tsarki ba, ya kamata ku ci akuyar a wuri mai tsarki, kamar yadda na umarta.”
Kunoo, dhiigni isaa Iddoo Qulqulluutti ol hin galfamne; isin akkuma ani ajajetti reʼee sana naannoo Iddoo Qulqulluutti nyaachuu qabdu ture.”
19 Sai Haruna ya amsa wa Musa, “Yau sun miƙa hadayarsu don zunubi da kuma hadayarsu ta ƙonawa a gaban Ubangiji, ga kuma irin waɗannan abubuwa da suka same ni, da a ce na ci hadaya don zunubi yau, da zai yi kyau ke nan a gaban Ubangiji?”
Aroonis Museedhaan akkana jedhe; “Kunoo, isaan harʼa aarsaa isaanii kan cubbuutii fi aarsaa isaanii kan gubamu fuula Waaqayyoo duratti dhiʼeessaniiru; garuu wanni akkasii kun na qaqqabeera. Utuu ani aarsaa cubbuu sana harʼa nyaadhee jiraadhee silaa wanni sun fuula Waaqayyoo duratti ni fudhatama turee?”
20 Da Musa ya ji haka, sai ya gamsu.
Museenis yommuu waan kana dhagaʼetti ni gammade.

< Firistoci 10 >