< Makoki 3 >

1 Ni ne mutumin da ya ga azaba ta wurin bulalar fushin Ubangiji.
Namni ulee dheekkamsa isaatiin rakkina arge anaa dha.
2 Ya kore ni, ya sa na yi tafiya a cikin duhu maimakon a cikin haske;
Inni fuula isaa duraa na ariʼee akka ani qooda ifaa dukkana keessa deemu na godhe;
3 ba shakka, ya juya mini baya, yana gāba da ni sau da sau, dukan yini.
dhugumaan inni guyyaa guutuu, ammumaa amma harka isaa natti deebise.
4 Ya sa fatar jikina da naman jikina sun tsufa ya kuma karya ƙasusuwana.
Inni foon kootii fi gogaa koo dulloomseera; lafee koo illee caccabseera.
5 Ya yi mini kwanton ɓauna ya kuma kewaye ni da baƙin ciki da kuma wahala.
Inni na marsee hadhaaʼummaa fi gidiraa natti naannesseera.
6 Ya sa na zauna a cikin duhu kamar waɗanda suka mutu da jimawa.
Akkuma warra dur dhumanii akka ani dukkana keessa jiraadhu na godhe.
7 Ya kewaye ni yadda ba zan iya gudu ba; Ya daure ni da sarƙa mai nauyi.
Inni akka ani hin miliqneef dallaa natti ijaare; foncaa ulfaatus natti feʼe.
8 Ko lokacin da nake kira don neman taimako, ba ya jin addu’ata.
Yommuu ani waammadhu yookaan gargaarsaaf iyyadhutti illee inni kadhannaa koo dhagaʼuu dida.
9 Ya tare hanyata da tubula na duwatsu; ya sa hanyata ta karkace.
Karaa koo dhagaa soofameen cufe; daandii koo illee ni jalʼisa.
10 Kamar beyar da take a laɓe tana jira, kamar zaki a ɓoye,
Inni akkuma amaaketa riphee waa eeggatuu, akkuma leenca dhokatee jiruu
11 ya janye ni daga kan hanya ya ɓatar da ni ya bar ni ba taimako.
daandii irraa na harkisee na ciccire; kophaatti na gate.
12 Ya ja kwarinsa ya sa in zama abin baratarsa.
Inni iddaa isaa luqqifatee xiyya isaa natti qabe.
13 Ya harbi zuciyata da kibiyoyin kwarinsa.
Korojoo isaa keessaa xiyya baasee onnee koo waraane.
14 Na zama abin dariya ga mutanena duka; suna yi mini ba’a cikin waƙa dukan yini.
Ani saba koo hundaaf waan kolfaa nan taʼe; isaan guyyaa guutuu faaruudhaan natti qoosu.
15 Ya cika ni da kayan ɗaci ya gundure ni da abinci mai ɗaci.
Inni waan hadhaaʼaa na nyaachise; hadhooftuu illee na quubse.
16 Ya kakkarya haƙorana da tsakuwa; ya tattake ni cikin ƙura.
Inni dhagaadhaan ilkaan koo cabse; awwaara keessattis na dhidhiite.
17 An hana ni salama; na manta da ko mene ne ake kira wadata.
Ani nagaa nan dhabe; gammachuun maal akka taʼes nan irraanfadhe.
18 Saboda haka na ce, “Darajata ta ƙare da kuma duk abin da nake begen samu daga wurin Ubangiji.”
Kanaafuu ani “Ulfinni koo, abdiin ani Waaqayyo irraa qabu hundinuu badeera” nan jedhe.
19 Na tuna da azabata da kuma sintiri, da na yi ta yi da ɗacin rai.
Ani rakkinaa fi asii achi jooruu koo, hadhaaʼummaa fi hadhooftuus nan yaadadha.
20 Na tuna su sosai, sai kuma na ji ba daɗi a raina.
Lubbuun koo yeroo hunda waan kana yaaddi; na keessattis gad of qabdi.
21 Duk da haka na tuna da wannan na kuma sa bege ga nan gaba.
Taʼus ani waan kana nan qalbeeffadha; kanaafuu ani abdii qaba.
22 Domin ƙaunar Ubangiji ba mu hallaka ba; gama jiyejiyanƙansa ba su ƙarewa.
Nu sababii jaalala Waaqayyoo guddaa sanaatiif hin badnu; gara laafinni isaa hin dhumuutii.
23 Sababbi ne kowace safiya; amincinka kuwa mai girma ne.
Isaan ganama hunda haaraa dha; amanamummaan kees guddaa dha.
24 Na ce wa kaina, “Ubangiji shi ne nawa; saboda haka zan jira shi.”
Anis, “Waaqayyo qooda koo ti; kanaafuu ani isa nan eeggadha” ofiin nan jedha.
25 Ubangiji mai alheri ne ga waɗanda suke da bege a cikinsa, ga kuma wanda yake neman shi;
Waaqayyo warra isa abdataniif, kanneen isa barbaadaniif gaarii dha;
26 yana da kyau ka jira shiru domin samun ceton Ubangiji.
Fayyisuu Waaqayyoo calʼisanii eeggachuun gaarii dha.
27 Yana da kyau mutum yă sha wuya tun yana yaro.
Yeroo dargaggummaa isaatti waanjoo baachuun namaaf gaarii dha.
28 Bari yă zauna shiru shi kaɗai, gama haka Ubangiji ya sa yă yi.
Inni kophaa isaa calʼisee haa taaʼu; Waaqayyo isa baachiseeraatii.
29 Bari yă ɓoye fuskarsa cikin ƙura kila akwai bege.
Amma illee abdiin ni jira taʼaatii, inni fuula isaa awwaara keessa haa suuqqatu.
30 Bari yă ba da kumatunsa a mare shi, yă kuma bari a ci masa mutunci.
Inni nama isa dhaʼutti maddii isaa haa qabu; salphinaanis haa guutamu.
31 Gama Ubangiji ba ya yashe mutane har abada.
Gooftaan bara baraan nama hin gatuutii.
32 Ko da ya kawo ɓacin rai, zai nuna tausayi sosai, ƙaunarsa tana da yawa.
Inni gadda fidu illee garaa ni laafa; jaalalli isaa kan hin geeddaramne sun guddaadhaatii.
33 Gama ba haka kawai yake kawo wahala ko ɓacin rai ga’yan adam ba.
Inni itti yaadee rakkina yookaan dhiphina sanyii namaatti hin fiduutii.
34 Bai yarda a tattake’yan kurkuku a ƙasa ba,
Yommuu hidhamtoonni biyyattii keessa jiran hundi miilla jalatti dhidhiitaman,
35 ko kuma a danne wa mutum hakkinsa a gaban Maɗaukaki,
yommuu fuula Waaqa Waan Hundaa Olii duratti mirgi nama tokkoo dhiibamu,
36 ko kuma a danne wa mutum shari’ar gaskiya ashe Ubangiji ba zai ga irin waɗannan abubuwa ba?
yommuu murtiin qajeelaan dhabamu, Gooftaan waan akkasii hin arguu?
37 Wane ne ya isa yă yi magana kuma ta cika in ba Ubangiji ne ya umarta ba?
Yoo Gooftaan ajajuu baate eenyutu dubbatee waan sana fiixaan baasuu dandaʼa?
38 Ba daga bakin Maɗaukaki ne bala’i da abubuwa masu kyau suke fitowa ba?
Wanni hamaanii fi wanni gaariin afaanuma Waaqa Waan Hundaa Oliitii baʼa mitii?
39 Don mene ne wani mai rai zai yi gunaguni sa’ad da aka ba shi horo domin zunubansa?
Yoos namni lubbuun jiraatu kam iyyuu maaliif yommuu cubbuu isaatiif adabamutti guunguma ree?
40 Bari mu auna tafiyarmu mu gwada ta, sai mu kuma koma ga Ubangiji.
Kottaa nu daandii keenya qorree haa ilaallu; gara Waaqayyoottis haa deebinu.
41 Bari mu ɗaga zuciyarmu da hannuwanmu ga Allah na cikin sama, mu ce,
Nu onnee keenyaa fi harka keenya gara Waaqa samii keessa jiruutti ol qabnee akkana haa jennu:
42 “Mun yi zunubi mun yi tawaye ba ka kuwa gafarta ba.
“Nu cubbuu hojjenneerra; fincilleerras; atis nuuf hin dhiifne.
43 “Ka rufe kanka da fushi, ka fafare mu; ka karkashe mu ba tausayi.
“Ati dheekkamsaan of haguugdee nu ariite; gara laafina malees nu fixxe.
44 Ka rufe kanka da gajimare don kada addu’armu ta kai wurinka.
Akka kadhannaan tokko iyyuu gara kee hin dhufneef ati duumessaan of haguugde.
45 Ka mai da mu tarkace da juji a cikin mutane.
Ati saboota gidduutti xurii fi kosii nu goote.
46 “Dukan maƙiyanmu suna ta yin mana magana marar daɗi.
“Diinonni keenya hundinuu, afaan nutti banataniiru.
47 Muna cika da tsoro, da lalatarwa da hallakarwa.”
Sodaa fi kiyyoon, diigamuu fi badiisni nutti dhufeera.”
48 Hawaye na kwararowa daga idanuna domin an hallaka mutanena.
Sababii uummanni koo barbadaaʼeef lolaan imimmaanii ija koo keessaa yaaʼa.
49 Idanuna za su ci gaba da kwararowa da hawaye, ba hutawa.
Iji koo boqonnaa malee utuu gargar hin kutin imimmaan lolaasa;
50 Har sai in Ubangiji ya duba daga sama ya gani.
kunis hamma Waaqayyo ol samiidhaa gad ilaalee argutti.
51 Abin da nake gani yana kawo mini baƙin ciki domin dukan matan birnina.
Sababii dubartoota magaalaa koo hundaatiif wanni ani argu lubbuu koo gaddisiisa.
52 Maƙiyana suna farauta ta ba dalili kamar tsuntsu.
Warri sababii malee diina natti taʼan akkuma simbiraa na adamsan.
53 Sun yi ƙoƙari su kashe ni a cikin rami suka kuma jajjefe ni da duwatsu;
Isaan lubbuu koo boolla keessatti galaafatanii dhagaa natti garagalchuu yaalan;
54 ruwaye suka rufe kaina, sai na yi tunani cewa na kusa mutuwa.
bishaan mataa koo irra gara gale; anis, “Baduu koo ti” nan jedhe.
55 Na yi kira ga sunanka, ya Ubangiji, daga rami mai zurfi.
Yaa Waaqayyo, ani boolla qilee keessaa maqaa kee nan waammadha.
56 Ka ji roƙona, “Kada ka toshe kunnuwanka ka ƙi jin roƙona na neman taimako.”
Ati kadhannaa koo kan, “Iyya ani gargaarsa barbaachaaf iyyu dhagaʼuu hin didin” jedhu dhageesseerta.
57 Ka zo kusa lokacin da na kira ka, kuma ka ce mini, “Kada ka ji tsoro.”
Yeroo ani si waammadhetti ati natti dhiʼaattee “Hin sodaatin” naan jette.
58 Ya Ubangiji, ka goyi bayana; ka fanshi raina.
Yaa gooftaa ati dubbii koo naa falmite; lubbuu koos ni baraarte.
59 Ya Ubangiji, ka ga inda aka yi mini ba daidai ba. Ka shari’anta, ka ba ni gaskiya!
Yaa Waaqayyo, ati daba natti hojjetame argiteerta; dubbii koo naa ilaali!
60 Ka ga zurfin ramakonsu, da duk mugun shirin da suke yi mini.
Ati haaloo baʼuu isaaniitii fi natti malachuu isaanii hundas argiteerta.
61 Ya Ubangiji, ka ji zaginsu, da duka mugun shirin da suke yi mini
Yaa Waaqayyo, ati arraba isaaniitii fi natti malachuu isaanii hunda dhageesseerta;
62 Abin da maƙiyana suke yin raɗa a kai game da ni duk yini.
kunis arraba warra natti kaʼaniitii fi waan isaan guyyaa guutuu waaʼee koo hasaasanii dha.
63 Dube su! A zaune ko a tsaye, suna yi mini ba’a cikin waƙoƙinsu.
Ati isaan ilaali! Isaan taaʼanii yookaan dhadhaabatanii weedduu isaaniitiin natti qoosu.
64 Ka ba su abin da ya dace su samu, ya Ubangiji, domin abin da hannuwansu suka yi.
Yaa Waaqayyo, waan isaaniif malu akkuma hojii harka isaaniitti deebisii kenniif.
65 Ka sa yana ta rufe zuciyarsu, kuma bari la’anarka ta bi su.
Onnee isaanii haguugi; abaarsi kees isaan irra haa buʼu!
66 Ka fafare su cikin fushi ka hallaka su daga cikin duniya ta Ubangiji.
Samiiwwan Waaqayyoo jalaa dheekkamsaan isaan ariʼii isaan balleessis.

< Makoki 3 >