< Makoki 2 >
1 Yadda Ubangiji ya rufe Diyar Sihiyona da gizagizan fushi! Ya jefar da darajar Isra’ila daga sama zuwa ƙasa; bai tuna da wurin ɗora ƙafafunsa ba a ranar fushinsa.
Gooftaan akkamitti duumessa dheekkamsa isaatiin intala Xiyoon haguuge! Inni ulfina Israaʼel samiidhaa lafatti gad daddarbateera; inni guyyaa dheekkamsa isaatti ejjeta miilla isaa hin yaadanne.
2 Ubangiji ya hallakar da wurin zaman Yaƙub ba tausayi; A cikin fushinsa kuma zai rurrushe kagaran Diyar Yahuda. Ya ƙasƙantar da mulki da masu mulki.
Gooftaan gara laafina tokko malee iddoo jireenya Yaaqoob hunda liqimseera; daʼannoo intala Yihuudaas dheekkamsa isaatiin diige. Inni mootummaa isheetii fi bulchitoota ishee salphisee lafatti gad deebise.
3 A cikin zafin fushi ya fasa kowane ƙaho na Isra’ila. Ya janye hannun damansa sa’ad da maƙiyi ya zo. Ya yi ƙuna a cikin Yaƙub kamar wuta mai ƙone duk abin da yake kusa da ita.
Inni dheekkamsa sodaachisaadhaan gaanfa Israaʼel hunda caccabse. Yommuu diinni dhiʼaatettis harka isaa mirgaa duubatti deebifate. Inni akkuma arraba ibiddaa kan waan naannoo isaa jiru gubu sanaa Yaaqoob keessatti bobaʼe.
4 Kamar abokin gāba, ya ɗana bakansa; hannun damansa na shirye. Kamar maƙiyi, ya kashe duk wanda idonsa ya ji daɗin gani; ya zuba fushinsa kamar wuta a kan tenti na Diyar Sihiyona.
Inni akkuma diinaatti iddaa isaa dabsate; harki isaa mirgaa qophaaʼeera. Warra ijatti bareedan hunda akkuma amajaajiitti qale; dunkaana intala Xiyoonitti dheekkamsa isaa akkuma ibiddaa roobse.
5 Ubangiji kamar maƙiyi ne; ya hallaka Isra’ila. Ya hallaka wurarenta duka ya kuma hallaka kagaranta. Ya ƙara yawan makoki da baƙin ciki wa Diyar Yahuda.
Gooftaan akkuma diinaa taʼe; inni Israaʼelin liqimseera. Inni masaraawwan ishee hunda liqimsee daʼannoo ishee jabaa illee diigeera. Inni Intala Yihuudaatti booʼichaa fi faaruu booʼichaa baayʼiseera.
6 Ya rushe haikalinsa kamar lambu; ya hallaka wurin yi masa sujada. Ubangiji ya sa Sihiyona ta manta da bukukkuwanta da kuma ranakunta na Asabbaci; a cikin zafin fushinsa ya watsar da sarki da firist.
Inni lafa jireenya isaa akkuma iddoo biqiltuu onseera; iddoo wal gaʼii isaas balleesseera. Waaqayyo akka Xiyoon ayyaana ishee kan murtaaʼee fi Sanbatoota ishee irraanfattu godheera; inni dheekkamsa isaa sodaachisaa sanaan moototaa fi luboota akka malee tuffate.
7 Ubangiji ya ƙi bagadensa ya kuma yi wofi da haikalinsa. Ya ba maƙiyinta fadodinta; suka yi sowa a cikin gidan Ubangiji kamar a ranar da ake yin biki.
Gooftaan iddoo aarsaa isaa tuffateera; iddoo qulqulluu isaa illee dhiiseera. Dallaawwan masaraawwan ishee dabarsee harka diinotaatti kenneera; isaan akkuma guyyaa ayyaana murteeffameetti mana Waaqayyoo keessatti sagalee ol fudhatanii iyyan.
8 Ubangiji ya ƙuduri niyya yă rushe bangon da yake kewaye da Diyar Sihiyona. Ya auna da igiyar awo bai fasa hallaka ta ba. Ya sa katanga da katanga duk suka lalace.
Waaqayyo dallaa naannoo Intala Xiyoon jiru diiguuf murteesseera. Inni safartuu diriirseera; barbadeessuu irraas harka isaa hin deebifanne. Akka dallaan eegumsaatii fi keenyan faarsanii booʼan godhe; isaanis tokkummaadhaan badan.
9 Ƙofofinta sun nutse a cikin ƙasa; ya kakkarya ƙarafanta. Sarakunanta da’ya’yan sarakunanta duk an kai su bauta cikin waɗansu ƙasashe, babu sauran doka, annabawa kuma ba su samun wahayi daga wurin Ubangiji.
Karrawwan ishee lafa keessa dhidhimaniiru; inni danqaraawwan sibiila ishee caccabsee balleesseera. Mootiin isheetii fi ilmaan mootota ishee boojiʼamanii saboota gidduu bibittinnaaʼaniiru; seerri siʼachi hin jiraatu; raajonni ishees siʼachi Waaqayyo biraa mulʼata hin argan.
10 Dattawan Diyar Sihiyona sun zauna shiru a ƙasa; suka kuma sa rigar buhu.’Yan matan Urushalima suka sunkuyar da kawunansu ƙasa.
Maanguddoonni Intala Xiyoon calʼisanii lafa tataaʼan; isaan daaraa mataatti firfirfatanii uffata gaddaas uffatan. Shamarran Yerusaalem mataa isaanii gad qabatan.
11 Idanuna sun dushe don yawan kuka, raina na cike da baƙin ciki; zuciyata ta karaya domin mutanena sun hallaka, domin yara da jarirai suna suma a kan hanyoyi a cikin birni.
Iji koo booʼichaan dadhabeera; keessa kootti dhiphadheera; sababii sabni koo dhumeef sababii ijoollee fi daaʼimman daandiiwwan magaalaa irratti gaggabaniif garaan koo gaddaan laafeera.
12 Suna ce wa uwayensu, “Ina burodi da ruwan inabi?” Yayinda suke suma kamar mutanen da aka ji masu ciwo a cikin birni, sa’ad da suke mutuwa a hannuwan uwayensu.
Isaan yommuu daandiiwwan magaalaa irratti akkuma namoota madaaʼaniitti gaggabanitti, yommuu lubbuun isaanii hammuu haadha isaanii irratti baʼuuf jirtutti “Buddeennii fi daadhiin wayinii eessaa jiru?” jedhanii haadhota isaanii gaafatu.
13 Me zan ce miki? Da me zan kwatanta ki, ke Diyar Urushalima? Da me zan misalta ki, yadda zan iya yi miki ta’aziyya, Ke Budurwa Diyar Sihiyona? Ciwonki yana da zurfi kamar teku. Wane ne zai iya warkar da ke?
Yaa intala Yerusaalem, ani maal siif jechuun dandaʼa? Maaliinan wal si qixxeessa? Yaa Intala Xiyoon durba qulqullittii ani akkan si jajjabeessuuf maalittin si fakkeessuu dandaʼa? Madaan kee akkuma galaanaa gad fagoo dha. Eenyutu si fayyisuu dandaʼa?
14 Wahayin annabawanki ƙarya ne kuma marasa amfani; ba su tona zunubanki ba yadda za su iya ceto ki daga bauta ba. Sun yi miki annabcin ƙarya marar amfani.
Mulʼanni raajota keetii sobaa fi kan faayidaa hin qabnee dha; isaan boojiʼamuu kee hambisuuf cubbuu kee ifa hin baafne. Raajiin isaan siif kennanis sobaa fi kan karaa irraa nama balleessuu dha.
15 Duk masu wucewa suna yi miki tafi na reni; suna yi wa Diyar Urushalima tsaki suna kaɗa kai suna cewa, “Wannan ne birnin da aka ce kyakkyawa ne, mai farantawa dukan duniya rai?”
Warri karaa keetiin darban hundinuu harka isaanii sitti rurrukutu; isaanis intala Yerusaalemitti qoosuu fi mataa raasuudhaan, “Magaalaan muummee miidhaginaa gammachuu guutuu lafaa jedhamtee waamamte sun kanaa?” jedhu.
16 Maƙiyanki duka suna ta surutu game da ke; suna tsaki suna cizon haƙora suna cewa, “Mun hallaka ta. Wannan ce ranar da muke jira; yau mun gan ta.”
Diinonni kee hundinuu afaan isaanii sitti banatu; isaan qoosuu fi ilkaan isaanii qaruudhaan “Nu ishee liqimsineerra. Guyyaan nu eeggachaa turre sun kanaa dha; nu waan kana arguuf jiraanneerra” jedhu.
17 Ubangiji ya yi abin da ya shirya; ya cika maganarsa, wadda ya umarta tun daɗewa. Ya jefar da ke ba tausayi, ya bari maƙiya sun yi nasara da ke, ya ɗaukaka ƙahon maƙiyanki.
Waaqayyo waan karoorfate hojjeteera; dubbii isaa kan bara dheeraan dura dubbate sana guuttateera. Inni gara laafina tokko malee si garagalcheera; akka diinni kee sitti gammadu godheera; gaanfa amajaajii keetii ol ol qabeera.
18 Zuciyar mutane ta yi kuka ga Ubangiji. Ya bangon Diyar Urushalima, bar hawayenki su zuba kamar rafi dare da rana; kada ki huta, kada idanunki su huta.
Onneen namootaa gara Gooftaatti iyya. Yaa dallaa Intala Xiyoon halkanii guyyaa imimmaan kee akka lagaa haa yaaʼu; boqonnaa tokko illee ofii keetiif hin kennin; iji kees hin boqotin.
19 Ki tashi, ki yi kuka cikin dare, dare na yi sai ki fara kuka; kina buɗewa Ubangiji zuciyarki. Ki ɗaga hannuwanki gare shi domin rayukan’ya’yanki, waɗanda suka suma don yunwa a kan kowane titi.
Yommuu eegumsi halkanii jalqabutti kaʼiitii halkaniin iyyi; fuula Gooftaa duratti onnee kee akka bishaanii dhangalaasi. Lubbuu ijoollee keetii kanneen fiixee daandii hundaatti beelaan gaggabaniitiif jedhiitii harka kee gara isaatti ol qabadhu.
20 “Ka duba, ka gani ya Ubangiji. Wane ne ka taɓa yi wa haka? Ko ya kamata uwaye su ci’ya’yansu,’ya’yan da suka yi reno? Ko ya kamata a kashe firistoci da annabawa a cikin haikalin Ubangiji?
“Yaa Waaqayyo, ati ilaali; argis: Ati takkumaa eenyu irratti waan akkasii gootee beekta? Haadhonni daaʼimman isaanii, ijoollee kunuunsanii guddisan nyaachuu qabuu? Lubnii fi raajiin, iddoo qulqulluu kan Gooftaa keessatti ajjeefamuu qabuu?
21 “Matasa da tsofaffi duk suna kwanciya a cikin ƙurar tituna; an karkashe matasa da’yan matana da takobi. Ka kashe su a ranar fushinka; ka kashe su ba tausayi.
“Dargaggoonnii fi maanguddoonni, walii wajjin awwaara karaa irra ciisu; dargaggoonnii fi shamarran koo goraadeedhaan ajjeefamaniiru. Ati gaafa dheekkamsa keetiitti isaan fixxe; gara laafina tokko malee isaan qalte.
22 “Kamar yadda kake yin gayyata a ranar biki, haka kake kawo mini tsoro a kowane gefe. A ranar fushin Ubangiji ba mai tserewa ba wanda zai tsira; maƙiyina ya kashe waɗanda na yi renonsu, na kuma lura da su.”
“Ati akkuma guyyaa ayyaana murteeffameetti nama waamtutti qixa hundaanuu sodaa natti waamte. Guyyaa dheekkamsa Waaqayyootti, homaa hin miliqne yookaan hin hafne; warra ani daʼee guddise diinni koo na jalaa balleesseera.”