< Mahukunta 8 >

1 To, mutanen Efraim suka ce wa Gideyon, “Me ya sa ka yi mana haka? Me ya sa ba ka kira mu lokacin da ka tafi yaƙi da Midiyawa ba?” Suka zarge shi sosai.
Namoonni Efreem, “Ati maaliif akkana nu goote? Yeroo Midiyaanin dhaʼuuf duultetti maaliif nu hin waamin?” jedhanii Gidewoon gaafatan. Akka malees isatti dheekkaman.
2 Amma ya ce musu, “Me na yi da za a iya kwatanta da abin da kuka yi? Ashe, kalar inabin da Efraim ta yi bai fi dukan girbin inabin da Abiyezer suka yi ba?
Inni immoo akkana jedhee deebiseef; “Wanni ani hojjedhe yoo waan isin hojjettaniin wal bira qabame gatii maalii qaba? Qarmiin wayinii Efreem oomisha wayinii Abiiʼezer sana hunda hin caaluu?
3 Allah ya ba da Oreb da Zeyib, shugabannin Midiyawa a hannuwanku. Me na yi da ya fi naku? Da ya faɗi haka sai hankalinsu ya kwanta.”
Waaqni hooggantoota Midiyaanotaa jechuunis Hereebii fi Zeʼeebin dabarsee harka keessanitti kenneera. Egaa ani waan isin hojjettaniin wajjin kan wal qixxaatu maal hojjechuun dandaʼa ture?” Yommuu inni waan kana jedhettis aariin isaan isatti aaran ni qabbanaaʼe.
4 Gideyon da mutanensa ɗari uku, sun gaji, duk da haka suka yi ta fafarar, suka zo Urdun suka haye shi.
Gidewoonii fi namoonni isa wajjin turan dhibbi sadan dhufanii Yordaanos ceʼan; isaan akka malee dadhaban iyyuu ittuma fufanii jara ariʼan.
5 Ya ce wa mutanen Sukkot, “Ku ba wa mutanena burodi; sun gaji, har yanzu ina fafarar Zeba da Zalmunna, sarakunan Midiyawa.”
Innis namoota Sukootiitiin, “Loltoota kootiif buddeena kennaa; isaan baayʼee na duraa dadhabaniiruutii; ani amma iyyuu mootota Midiyaanotaa jechuunis Zebaa fi Zalmunaa ariʼaa jira” jedhe.
6 Amma shugabannin Sukkot suka ce, “Ka kama Zeba da Zalmunna ko ne? Don me za mu ba wa mayaƙanka burodi?”
Qondaaltonni Sukoot garuu, “Loltoota keetiif nu buddeena kan kenninu ati Zebaa fi Zalmunaa harka keetti galfatteertaa?” jedhaniin.
7 Sai Gideyon ya ce, “Haka ko? To, sa’ad da Ubangiji ya ba da Zeba da Zalmunna a hannuna, zan tsattsaga jikinku da ƙayayyuwan jeji.”
Gidewoonis deebisee, “Tole kaa, yommuu Waaqayyo dabarsee Zebaa fi Zalmunaa harka kootti kennutti ani qoraattii gammoojjiitii fi arangamaadhaan foon keessan ciccira” jedheen.
8 Daga nan ya wuce zuwa Fenuwel ya yi irin roƙon nan, amma suka amsa yadda mutanen Sukkot suka yi.
Achiis gara namoota Phenuuʼeel dhaqee akkuma warra duraa sana kadhatetti isaanis gaafate; isaan garuu akkuma warri Sukoot deebisanitti deebii kennan.
9 Saboda haka sai ya ce wa mutanen Fenuwel, “Sa’ad da na dawo da nasara zan rushe wannan hasumiya.”
Kanaafuu inni namoota Phenuuʼeeliin, “Ani yeroo moʼadhee deebiʼutti gamoo kana nan jigsa” jedhe.
10 To, Zeba da Zalmunna suna a Karkor da mayaƙa wajen dubu goma sha biyar, abin da ya rage ke nan na mayaƙan gabashi; mayaƙa masu takobi dubu ɗari da ashirin ne suka mutu.
Yeroo sanatti Zebaa fi Zalmunaan loltoota isaanii kanneen kuma kudha shanitti hedaman wajjin iddoo Qarqari jedhamu turan; isaan kunneenis loltoota namoota baʼa biiftuutii walitti qabaman keessaa hafan hundaa dha; warri goraadee hidhatan kumni kudha lama dhumanii turaniitii.
11 Gideyon ya haura ta hanyar makiyaya, gabas da Noba, da kuma Yogbeha, ya fāɗa wa mayaƙan ta yadda ba su zata ba.
Gidewoonis karaa warra baʼa Noobaahiitii fi Yogbihaatiin dunkaana keessa jiraatanii baʼee loltoota homaa hin birʼatin dhaʼe; raayyaan waraanaa sun of dagatee tureetii.
12 Zeba da Zalmunna, sarakunan biyu na Midiyawa suka tsere, amma ya bi su ya kama, ya fatattaki dukan mayaƙansu.
Mootonni Midiyaan lamaan jechuunis Zebaa fi Zalmunaan ni baqatan; Gidewoon garuu ariʼee isaan qabate; loltoota isaaniis gargari bittinneesse.
13 Sa’an nan Gideyon ɗan Yowash ya komo daga yaƙi ta Hanyar Heres.
Ergasii Gidewoon ilmi Yooʼaash karaa Malkaa Herees baʼee duulaa gale.
14 Ya kama wani saurayin Sukkot ya tambaye shi, saurayin kuwa ya rubuta masa dukan sunayen shugabanni saba’in da bakwai na Sukkot, da dattawan garin.
Innis dargaggeessa Sukoot tokko qabee qorate; dargaggeessi sunis maqaa qondaaltota Sukootii fi maanguddoota magaalattii walumatti maqaa nama torbaatamii torba barreessee kenneef.
15 Sa’an nan Gideyon ya zo ya ce wa mutanen Sukkot, “To, ga Zeba da Zalmunna, waɗanda kuka yi mini ba’a kuna cewa, ‘Ka kama Zeba da Zalmunna ko ne? Me zai sa mu ba mutanenka da suka gaji burodi?’”
Gidewoonis dhufee namoota Sukootiin, “Zebaa fi Zalmunaan isin, ‘Nu namoota kee warra dadhabaniif buddeena kan kenninu ati Zaabiheelii fi Zalmunaa harka keetti galfatteertaa?’ jettanii waaʼee isaanii natti qoostan sun kunoo ti” jedhe.
16 Ya kwashe dattawan garin ya koya wa mutanen Sukkot hankali ta wurin hukunta su da ƙayayyuwan hamada.
Innis maanguddoota magaalaa sanaa fuudhee qoraattii fi arangamaa gammoojjiitiin adabuudhaan namoota Sukootiitiif barumsa kenne.
17 Ya rushe hasumiyar Fenuwel ya kuma karkashe mutanen garin.
Gamoo Phenuuʼeelis jigsee namoota magaalattii fixe.
18 Sa’an nan ya ce wa Zeba da Zalmunna, “Waɗanne irin mutane ne kuka karkashe a Tabor.” Suka ce, “Mutane kamar ka ne kowane kamar ɗan sarki.”
Ergasiis inni, “Namoonni isin Taabooritti fixxan warra akkamiitii?” jedhee Zebaa fi Zalmunaa gaafate. Isaanis, “Namootuma akka keessanii kanneen hundi isaanii ilmaan mootii fafakkaatanii dha” jedhaniin.
19 Gideyon ya ce, “Waɗannan’yan’uwana ne,’ya’yan mahaifiyata. Muddin Ubangiji yana a raye, da a ce kun bar su da rai, da ba zan kashe ku ba.”
Gidewoonis deebisee, “Isaan obboloota koo ilmaanuma haadha kootii turan. Dhugaa Waaqayyo jiraataa, utuu isin isaan ajjeesuu baattanii ani isin hin ajjeesu ture” jedhe.
20 Da ya juya wajen Yeter, ɗan farinsa, sai ya ce, “Ka kashe su!” Amma Yeter bai zāre takobinsa ba, domin shi yaro ne kawai kuma yana tsoro.
Innis gara Yeteer ilma isaa hangaftichaatti garagalee, “Kaʼiitii isaan fixi!” jedheen. Yeeteer garuu sababii ijoollee taʼeef sodaatee goraadee isaa hin luqqifanne.
21 Zeba da Zalmunna suka ce masa, “Zo, ka yi da kanka. ‘Yadda mutum yake haka ƙarfinsa.’” Ta haka Gideyon ya matso gaba ya kashe su, ya ɗauki kayan ado daga wuyar raƙumansu.
Ergasiis Zebaa fi Zalmunaan, “Kaʼiitii atumti nu ajjeesi; ‘Jabinni namaa akkuma dhagna isaatii’” jedhaniin. Gidewoonis kaʼee isaan ajjeese; faaya morma gaalawwan isaaniis fudhate.
22 Isra’ilawa suka ce wa Gideyon, “Ka yi mulkinmu, kai, ɗanka da jikanka, domin ka cece mu daga hannun Midiyawa.”
Namoonni Israaʼelis Gidewooniin, “Ati waan harka Midiyaanotaa jalaa nu baafteef ati, ilmi keetii fi ilmi ilma keetii nu bulchaa” jedhan.
23 Amma Gideyon ya ce musu, “Ni, ko ɗana, ba za mu yi mulkinku ba. Ubangiji ne zai yi mulkinku.”
Gidewoon garuu, “Ani isin hin bulchu; ilmi koos isin hin bulchu. Waaqayyotu isin bulcha” isaaniin jedhe.
24 Kuma ya ce, “Ina da roƙo guda ɗaya, cewa kowannenku ya ba ni’yan kunne daga rabon ganima.” (Al’adar mutanen Ishmayel ce su sa’yan kunnen zinariya.)
Innis, “Ani waa tokko isin kadhadha; kunis akka tokkoon tokkoon keessan qooda boojuu keessanii irraa lootii naa kennitanii dha” jedhe. Lootii warqee kaaʼachuun bartee Ishmaaʼeelootaa tureetii.
25 Suka ce, “Za mu yi farin cikin ba ka su.” Saboda haka suka shimfiɗa mayafi, kowanne ya sa ɗan kunne ɗaya daga ganimar.
Isaanis, “Nu gammachuudhaan kennina” jedhanii deebisan. Kanaafuu wayyaa lafa irra diriirsanii tokkoon tokkoon namaa boojuu isaa irraa lootii itti darbate.
26 Nauyin’yan kunnen zinariyar ya kai shekel ɗari goma sha bakwai, ban da kayan ado, abin wuya da tufafin shunayya waɗanda sarakuna Midiyawa suke sawa ko sarƙoƙin da suke wuyar raƙumansu.
Amartiin warqee kan inni kadhate saqilii kuma tokkoo fi dhibba torba yookaan kiiloo giraamii kudha sagalii fi walakkaa ulfaata ture; kunis waan mormatti hidhatan, uffata diimaa dhiilgee kan mootonni Midiyaan uffatanii fi foncaa morma gaalawwan isaanii irra ture hin dabalatu.
27 Gideyon ya efod da zinariyar, wanda ya ajiye a Ofra, garinsa. Dukan Isra’ila suka shiga yin karuwanci ta wurin yin sujada a can, ya kuwa zama wa Gideyon da dukan iyalinsa tarko.
Gidewoonis warqee sanaan dirata tolchee magaalaa itti dhalate Ofraa keessa kaaʼe. Israaʼeloonni hundis achitti efuudicha waaqeffachuudhaan sagaagalan. Kunis Gidewooniif maatii isaatti kiyyoo taʼe.
28 Da haka Isra’ilawa suka mallaki Midiyawa ba su kuma sāke tā da kai ba. A zamanin Gideyon ƙasar ta sami zaman lafiya har shekara arba’in.
Midiyaanonnis akkasiin fuula Israaʼelootaa duratti moʼataman; lammatas mataa isaanii ol hin qabanne. Biyyattiinis bara Gidewoon keessa waggaa afurtama nagaa argatte.
29 Yerub-Ba’al ɗan Yowash ya koma gida don yă zauna.
Yerub-Baʼaal ilmi Yooʼaash achi jiraachuuf gara mana ofii isaatti deebiʼe.
30 Yana da’ya’ya saba’in maza da ya haifa, gama yana da mata da yawa.
Inni sababii niitota baayʼee fuudheef ilmaan torbaatama qaba ture.
31 Yana kuma da ƙwarƙwara wadda take Shekem, ita ma ta haifa masa ɗa wanda ya ba shi suna Abimelek.
Saajjatoon isaa kan Sheekem keessa jiraachaa turtes ilma deesseefii turte; innis Abiimelek jedhee isa moggaase.
32 Gideyon ɗan Yowash ya rasu da kyakkyawan tsufa aka kuma binne shi a kabarin Yowash mahaifinsa a Ofra na mutanen Abiyezer.
Gidewoon ilmi Yooʼaash bara dheeraa jiraatee duʼe. Innis Ofraa biyya Abiiʼezerootaa keessatti, lafa awwaala abbaa isaa Yooʼaashitti awwaalame.
33 Ba a daɗe da rasuwar Gideyon ba, sai Isra’ila ta sāke shiga karuwanci suna bauta wa Ba’al. Suka kafa Ba’al-Berit yă zama musu allahnsu ba kuma
Akkuma Gidewoon duʼeen Israaʼeloonni amma illee Baʼaal wajjin sagaagalan. Baʼaal Beriitinis Waaqa isaanii godhatanii
34 tuna da Ubangiji Allahnsu, wanda ya cece su daga hannuwan abokan gābansu a kowane gefe ba.
Waaqayyo Waaqa isaanii kan harka diinota isaanii hundumaa jalaa isaan baase sana dagatan.
35 Suka kāsa nuna alheri ga gidan Yerub-Ba’al (wato, Gideyon) saboda abubuwa masu alherin da ya yi musu.
Isaanis maatii Yerub-Baʼaaliif jechuunis Gidewooniif waan gaarii inni isaaniif godhe hunda yaadatanii arjummaa hin gooneef.

< Mahukunta 8 >