< Mahukunta 12 >
1 Mutanen Efraim suka tattaro mayaƙansu, suka haye zuwa Zafon suka cewa Yefta, “Don me ka tafi ka yaƙi Ammonawa ba ka gayyace mu ba? Za mu ƙone gidanka a kanka.”
Namoonni Efreem walitti qabamanii Daafoon ceʼuudhaan Yiftaan, “Ati yeroo Amoonota loluuf baatetti maaliif akka nu si faana deemnuuf nu hin waamne? Nu mana kee sirratti gubna” jedhaniin.
2 Yefta ya ce, “Ni da mutanena mun yi ta jayayya sosai da Ammonawa, ko da yake na kira ku, amma ba ku cece ni daga hannuwansu ba.
Yiftaanis akkana jedhee deebiseef; “Anii fi namoonni koo Amoonota loluuf waraana guddaa keessa gallee turre; yommuu ani isin waametti isin harka isaaniitii na hin baafne.
3 Da na ga ba za ku taimake ni ba, sai na yi kasai da raina na kuwa haye don in yaƙi Ammonawa, Ubangiji kuwa ya ba ni nasara a kansu. To, don me kuka zo yau don ku yaƙe ni?”
Ani yeroo akka isin na hin baafne argetti lubbuu kootti muree Amoonota waraanuuf nan ceʼe; Waaqayyos isaan irratti moʼannaa naa kenne. Yoos isin harʼa maaliif na loluuf dhuftan ree?”
4 Sa’an nan Yefta ya tara mutanen Gileyad wuri guda ya kuma yaƙi Efraim. Mutanen Gileyad suka fatattake su domin mutanen Efraim sun ce, “Ku Mutanen Gileyad masu neman mafaka ne cikin Efraim da Manasse.”
Yiftaanis ergasii namoota Giliʼaad walitti waammatee Efreemitti lola kaase. Sababii namoonni Efreem warra Giliʼaadiin, “Isin Giliʼaadonni warra Efreemii fi Minaasee gantanii dha” jedhaniif Giliʼaadonni isaan dhaʼan.
5 Mutanen Gileyad suka ƙwace mashigan Urdun masu zuwa Efraim, duk sa’ad da wani daga Efraim da ya tsira ya ce, “Bari in haye,” sai mutane Gileyad su ce “Kai mutumin Efraim ne?” In ya ce, “A’a,”
Giliʼaadonni malkaawwan Yordaanos kanneen gara Efraataatti geessan qabatan; yeroo baqataan Efraataa tokko, “Ani gamattin ceʼa” jedhutti, namoonni Giliʼaad, “Ati nama Efreem mitii?” jedhanii isa gaafatu. Yoo inni, “Waawuu” jedhee deebise,
6 sai su ce, “To, ka ce, ‘Shibbolet.’” In ya ce, “Sibbolet,” saboda ba sa iya faɗin kalmar daidai, sai su kama shi su kashe a mashigan Urdun. Aka kashe mutanen Efraim dubu arba’in da biyu a ta haka.
isaan, “Gaarii dha; ati, ‘Shiiboleeti’ jedhi” jedhaniin. Yoo inni, “Siiboleeti” jedhe, sababii inni qajeelatti “Shiiboleeti” jechuu hin dandeenyeef qabanii malkaawwan Yordaanos irratti isa ajjeesu. Yeroo sanatti namoota Efreem kuma afurtamii lamatu ajjeefame.
7 Yefta ya shugabanci Isra’ila shekara shida. Sa’an nan Yefta mutumin Gileyad ya mutu, aka kuwa binne shi wani gari a Gileyad.
Yiftaan waggaa jaʼa Israaʼelin bulche. Ergasii Yiftaan namni Giliʼaad sun duʼee magaalaa Giliʼaad keessaa tokkotti awwaalame.
8 Bayansa, Ibzan mutumin Betlehem, ya shugabanci Isra’ila.
Isaan duubas Ibzaan namichi Beetlihem sun Israaʼelin bulche.
9 Yana’ya’ya maza talatin da’ya’ya mata talatin. Ya ba da auren’ya’yansa mata ga waɗanda ba daga dangi ba, ga’ya’yansa maza kuwa ya kawo’yan mata talatin su zama matansu waje da danginsa. Ibzan ya shugabanci Isra’ila shekara bakwai.
Innis ilmaan soddomaa fi intallan soddoma qaba ture; intallan isaas warra gosa isaa hin taʼinitti heerumsiise; ilmaan isaatiifis akka isaan niitota taʼaniif gosa biraa keessaa durboota soddoma fide. Ibxaan waggaa torba Israaʼel bulche.
10 Sa’an nan Ibzan ya mutu, aka kuwa binne shi Betlehem.
Ibzaanis duʼee Beetlihem keessatti awwaalame.
11 Bayansa, Elon mutumin Zebulun, ya shugabanci Isra’ila shekara goma.
Isa booddee Eeloon namichi gosa Zebuuloon sun waggaa kudhan Israaʼelin bulche.
12 Sa’an nan Elon ya mutu, aka kuwa binne shi a Aiyalon a ƙasar Zebulun.
Eeloonis duʼee biyya Zebuuloon keessatti Ayaaloonitti awwaalame.
13 Bayansa, Abdon ɗan Hillel, daga Firaton, ya shugabanci Isra’ila.
Isatti aanee immoo Abdoon ilmi Hileel namichi Phiraatoon sun Israaʼelin bulche.
14 Yana da’ya’ya maza arba’in da’yan taɓa kunne talatin, waɗanda suka hau jakuna saba’in. Ya shugabanci Isra’ila shekara takwas.
Innis ilmaan afurtamaa fi ilmaan ilmaanii soddoma kanneen harroota torbaatama yaabbatan qaba ture. Inni waggaa saddeeti Israaʼelin bulche.
15 Sa’an nan Abdon ɗan Hillel ya mutu, aka kuwa binne shi a Firaton a Efraim, a ƙasar tudu ta Amalekawa.
Ergasiis Abdoon ilmi Hileel duʼee biyya gaaraa Amaaleqootaatti Efreem keessatti Phiraatoonitti awwaalame.