< Yoshuwa 10 >

1 Adoni-Zedek sarkin Urushalima ya ji cewa Yoshuwa ya ci Ai da yaƙi ya kuma hallaka ta sarai, ya yi wa Ai da sarkinta abin da ya yi wa Yeriko da sarkinta, mutanen Gibeyon kuwa sun yi yarjejjeniya ta salama da Isra’ilawa, suna kuma zama kusa da su.
Adoonii-Zedeq Mootiin Yerusaalem akka Iyyaasuun Aayin qabatee guutumaan guutuutti barbadeesse, akka inni akkuma Yerikoo fi mootii ishee godhe sana Aayii fi Mootii ishee godhe, akkasumas akka namoonni Gibeʼoon Israaʼeloota wajjin walii galtee nagaa godhatanii isaan bira jiraatan dhagaʼe.
2 Shi da mutanensa suka ji tsoron wannan sosai, gama Gibeyon muhimmiyar birni ce, har ma kamar ɗaya daga cikin biranen sarauta, ya ma fi Ai girma, mazanta duka kuwa mayaƙa ne na ƙwarai.
Sababii magaalaan Gibeʼoon akkuma magaalaa moototaa tokkootti magaalaa hangafa taateef innii fi namoonni isaa akka malee rifatan; magaalaan Gibeʼoon magaalaa Aayi caalaa guddoo turte; namoonni ishees loltoota jajjaboo turan.
3 Saboda haka sai Adoni-Zedek sarkin Urushalima ya roƙi Hoham sarkin Hebron, Firam sarkin Yarmut, Yafiya sarkin Lakish da Debir sarki Eglon ya ce,
Kanaafuu Adoonii-Zedeq mootichi Yerusaalem sun Hoohaam mooticha Kebroonitti, Phiraam mooticha Yarmuutitti, Yaafiiyaa mooticha Laakkiishii fi Debiir mooticha Egloonitti ergee,
4 “Ku zo ku taimake ni in kai wa Gibeyon hari. Domin sun yi yarjejjeniya ta salama da Yoshuwa da Isra’ilawa.”
“Sababii isheen Iyyaasuu fi Israaʼel wajjin walii galtee nagaa godhatteef ol kottaatii Gibeʼoonin waraanuu na gargaaraa” jedheen.
5 Sai sarakunan nan biyar na Amoriyawa, sarakunan Urushalima, Hebron, Yarmut, Lakish da Eglon suka haɗa sojojinsu. Suka je dukansu suka yi shirin kai wa Gibeyon hari.
Kanaafuu mootonni Amoorotaa shananuu jechuunis mootiin Yerusaalem, mootiin Kebroon, mootiin Yarmuut, mootiin Laakkiishii fi mootiin Egloon humna waraanaa walitti dabalatan. Isaanis loltoota isaanii hunda fudhatanii ol baʼanii Gibeʼoonin marsanii waraanan.
6 Sai mutanen Gibeyon suka aika zuwa wurin Yoshuwa a sansani a Gilgal, “Kada ka juya wa bayinka baya, ka zo da sauri ka cece mu! Ka taimake mu domin sarakunan Amoriyawa duka daga kan tudu sun haɗa ƙarfinsu tare za su tasar mana.”
Namoonni Gibeʼoonis qubata Gilgaal gara Iyyaasuutti ergaa erganii akkana jedhaniin; “Ati garboota kee hin dhiisin. Dafii nu qaqqabiitii nu oolchi; sababii mootonni Amoorotaa kanneen biyya gaaraa keessa jiraatan hundi nu waraanuuf loltoota walitti dabalataniif nu gargaari.”
7 Saboda haka Yoshuwa ya tashi da rundunarsa duka, tare da dukan jarumawansa.
Kanaafuu Iyyaasuun loltoota isaa hunda wajjin, namoota waraanaa jajjabeeyyii hundas dabalatee Gilgaalii ol baʼe.
8 Ubangiji ya ce wa Yoshuwa, “Kada ka ji tsoronsu; na ba ka su a hannunka. Ba waninsu da zai iya tsayayya da kai.”
Waaqayyos Iyyaasuudhaan, “Isaan hin sodaatin; ani harka keetti dabarsee isaan kenneera. Tokkoon isaanii iyyuu fuula kee dura dhaabachuu hin dandaʼan” jedhe.
9 Bayan sun yi tafiya dukan dare daga Gilgal, Yoshuwa ya auko musu ba labari.
Kanaafuu Iyyaasuun Gilgaalii baʼee halkan guutuu deemaa bulee tasuma isaanitti dhufe.
10 Ubangiji ya sa suka ruɗe a gaban Isra’ilawa, Isra’ilawa kuwa suka yi babbar nasara a kansu a Gibeyon. Isra’ilawa suka fafare su a kan hanyar zuwa Bet-Horon suka karkashe su duka har zuwa Azeka da Makkeda.
Waaqayyos fuula Israaʼelootaa duratti isaan burjaajesse; Israaʼeloonnis Gibeʼoonitti moʼannaa guddaadhaan isaan moʼatan. Karaa Beet Horoonitti geessu irra isaan ariʼaa hamma Azeeqaa fi Maqeedaatti isaan gogorraʼan.
11 Suna guje wa Isra’ilawa suna gangarawa a kan hanyar Bet-Horon har zuwa Azeka, sai Ubangiji ya turo manyan duwatsu daga sararin sama suka karkashe su, waɗanda manyan duwatsun suka kashe sun fi waɗanda Isra’ilawa suka kashe da takobi.
Utuma isaan Israaʼeloota duraa karaa Beet Horooniin gara Azeeqaatti gad baqachaa jiranuu Waaqayyo samiidhaa cabbii gurguddaa itti roobse; warra goraadee Israaʼelootaatiin dhuman caalaa kanneen cabbii kanaan dhumanitu baayʼata.
12 A ranar da Ubangiji ya ba da Amoriyawa a hannun Isra’ilawa, Yoshuwa ya ce wa Ubangiji a gaban Isra’ilawa, “Ke rana, ki tsaya cik a Gibeyon Kai wata, ka je Kwarin Aiyalon.”
Gaafa Waaqayyo Amoorota dabarsee Israaʼelootatti kenne sana Iyyaasuun fuula Israaʼelootaa duratti Waaqayyoon akkana jedhe: “Yaa aduu, Gibeʼoon gubbaa dhaabadhu; yaa jiʼa, atis Sulula Ayaaloon gubbaa dhaabadhu.”
13 Sai rana ta tsaya cik, wata kuma ya tsaya, har sai da al’ummar ta ɗauki fansa a kan abokan gābanta, kamar yadda aka rubuta a cikin littafin Yashar. Rana ta tsaya a sararin sama, ba tă fāɗi ba har kusan yini guda.
Kanaafuu hamma sabni diinota isaa haaloo baafatutti aduun idduma jirtu dhaabatte; jiʼis ni dhaabate; wanni kun Kitaaba Yaashaar keessatti barreeffameera mitii? Aduun walakkaa samii keessa dhaabattee guyyaa tokko guutuu utuu hin dhiʼin turte.
14 Ba a taɓa ganin abu haka ba ko dā can, ranar da Ubangiji ya saurari mutum. Ba shakka Ubangiji yana yaƙi domin Isra’ilawa.
Guyyaan Waaqayyo nama dhagaʼe kan akkasii gaafasiin dura yookaan ergasii takkumaa taʼee hin beeku. Waaqayyo dhugumaan Israaʼeliif lolaa ture!
15 Sai Yoshuwa ya koma sansanin Gilgal tare da dukan Isra’ilawa.
Ergasii Iyyaasuun Israaʼeloota hunda wajjin qubata Gilgaal jiru sanatti deebiʼe.
16 Sarakunan guda biyar suka gudu, suka ɓuya a cikin kogo a Makkeda.
Mootonni shanan sun baqatanii holqa Maqeedaa keessatti dhokatanii turan.
17 Lokacin da aka gaya wa Yoshuwa cewa an sami sarakunan nan biyar a ɓoye a cikin kogo a Makkeda.
Akka mootonni shanan holqa Maqeedaa keessatti dhokatan Iyyaasuutti himame;
18 Sai ya ce, “Ku mirgina manyan duwatsu ku rufe bakin kogon, sai ku sa waɗannan mutane su yi tsaron kogon.
innis akkana jedhe; “Dhagaa guddaa isaa afaan holqa sanaatti gangalchaatii akka isaan eeganiif namoota achitti ramadaa.
19 Amma kada ku tsaya a can! Ku fafari abokan gābanku, ku kai musu hari ta baya, kada ku bari su kai biranensu, gama Ubangiji Allahnku ya ba da su a hannunku.”
Isin diinota keessan ariʼaatii karaa dugda duubaatiin rukutaa malee hin dhaabatinaa! Sababii Waaqayyo Waaqni keessan dabarsee harka keessanitti isaan kenneef akka isaan magaalaawwan isaanii seenan hin godhinaa.”
20 Saboda haka Yoshuwa da Isra’ilawa suka hallaka su da yawa ƙwarai, amma’yan kaɗan ɗin da suka rage suka tsere zuwa cikin biranensu masu kāriya.
Kanaafuu Iyyaasuu fi Israaʼeloonni hamma namni muraasni hafutti guutumaan guutuutti isaan barbadeessan. Warri hafan immoo magaalaawwan isaanii kanneen jajjabeeffamanii ijaaramanitti galan.
21 Dukan rundunar kuma suka dawo sansanin Makkeda tare da Yoshuwa, ba abin da ya same su. Ba wanda ya sāke tsokanar Isra’ilawa.
Loltoonni hundi nagumaan gara qubata Maqeedaa gara Iyyaasuutti deebiʼan; namni tokko iyyuu afaan isaa Israaʼelootatti hin bananne.
22 Yoshuwa ya ce, “Ku buɗe bakin kogon ku kawo mini sarakunan nan guda biyar.”
Iyyaasuunis, “Mee afaan holqa sanaa banaatii mootota shanan sana gad naa baasaa” jedhe.
23 Sai suka kawo sarakunan biyar daga cikin kogo; sarakunan Urushalima, Hebron, Yarmut, Lakish da Eglon.
Isaanis mootota shanan sana jechuunis mootii Yerusaalem, mootii Kebroon, mootii Yarmuut, mootii Laakkiishii fi mootii Egloon holqa keessaa baasanii fidan.
24 Sa’ad da aka kawo sarakunan nan wurin Yoshuwa, ya kira dukan Isra’ilawa ya ce wa shugabannin rundunoni waɗanda suke tare da shi, “Ku zo nan ku taka wuyan sarakunan nan.” Sai suka zo suka taka wuyansu.
Yommuu isaan mootota kana shanan Iyyaasuutti fidan, inni namoota Israaʼel hunda walitti waamee ajajjoota loltootaa kanneen isa wajjin dhufaniin, “Kottaatii miilla keessaniin morma mootota kanneenii irra ejjadhaa” jedhe. Isaanis gara fuula duraatti baʼanii miilla isaaniitiin morma mootota sanaa irra ejjetan.
25 Yoshuwa ya ce musu, “Kada ku ji tsoro, ko kuwa ku razana, amma ku ƙarfafa, ku yi ƙarfin hali. Haka Ubangiji zai yi da duk abokan gāban da za ku yi yaƙi da su.”
Iyyaasuun, “Hin sodaatinaa; abdiis hin kutatinaa. Jabaadhaa; cimaas. Wanni Waaqayyo diinota isin loluuf deemtan hunda irratti godhuuf jirus kanuma” jedheen.
26 Sai Yoshuwa ya karkashe waɗannan sarakuna guda biyar, ya kuma rataye kowannensu a bisa itace inda jikunansu suka kasance har yamma.
Iyyaasuun ergasii mootota sana dhaʼee ajjeesee mukkeen shan irratti isaan fannise; isaanis hamma lafti galgalooftutti akkuma muka irratti fannifamanitti turan.
27 Da yamma Yoshuwa ya ba da umarni a sauko da su daga itatuwan a jefa su cikin kogon da suka ɓuya. Aka sa manyan duwatsu aka rufe bakin kogon, suna a can har wa yau.
Yeroo aduun dhiitetti Iyyaasuun ajaja kenne; jarris mukkeen irraa gad isaan buusanii holqa isaan keessa dhokatanii turan sanatti isaan daddarbatan. Afaan holqa sanaa irras dhagaa gurguddaa hamma guyyaa harʼaatti illee achuma jiru naqan.
28 A ranan nan Yoshuwa ya ci Makkeda da yaƙi. Ya karkashe mutanen tare da sarkinta. Bai bar wani da rai ba. Ya yi wa sarkin Makkeda yadda ya yi wa sarkin Yeriko.
Iyyaasuunis guyyuma sana Maqeedaa qabate. Innis magaalaa sanaa fi mootii ishee goraadeedhaan dhaʼee nama achi keessa jiru hunda fixe. Nama tokko iyyuu hin hambifne. Mootii Maqeedaas akkuma mootii Yerikoo godhe sana godhe.
29 Sai Yoshuwa da dukan Isra’ilawa suka tashi daga Makkeda zuwa Libna, suka kai mata hari.
Iyyaasuu fi Israaʼeloonni isa wajjin turan hundi Maqeedaadhaa baʼanii dhaqanii Libnaa lolan.
30 Ubangiji kuma ya ba da ƙasar da sarkinta a hannun Yoshuwa. Yoshuwa ya karkashe kowa ya hallaka birnin, bai bar wani da rai ba. Ya kuma yi wa sarkin yadda ya yi wa sarkin Yeriko.
Waaqayyos magaalaa sanaa fi mootii ishee dabarsee harka Israaʼelootaatti kenne. Iyyaasuun magaalattii fi nama ishee keessa jiru hunda goraadeedhaan fixe. Inni nama tokko illee achitti hin hambifne. Mootii ishee illee akkuma mootii Yerikoo godhe sana godhe.
31 Sai Yoshuwa da dukan Isra’ilawa suka tashi daga Libna zuwa Lakish; suka yi shiri suka kai mata hari.
Iyyaasuu fi Israaʼeloonni hundi isa wajjin Libnaadhaa kaʼanii Laakkiish dhaqan; isaanis magaalaa sana marsanii waraanan.
32 Ubangiji ya ba da Lakish a hannun Isra’ilawa, a rana ta biyu kuwa Yoshuwa ya ci nasara a kansu. Ya karkashe duk mutanen birnin ya kuma hallaka birnin, kamar yadda ya yi a Libna.
Waaqayyos Laakkiish dabarsee harka Israaʼelootaatti kenne; Iyyaasuunis guyyaa lammaffaatti ishee qabate. Akkuma Libnaa godhe sana magaalaa sanaa fi warra ishee keessa jiraatan hunda goraadeedhaan fixe.
33 Horam sarkin Gezer kuwa ya zo don yă taimaki Lakish, amma Yoshuwa ya haɗa duk da shi da rundunarsa ya ci su da yaƙi, har bai bar waninsu da rai ba.
Yeroo sanatti Hooraam mootichi Geezir, Laakkiish gargaaruudhaaf dhufee ture; Iyyaasuun garuu isaa fi loltoota isaa ni moʼate; namni tokko iyyuu hin hafne.
34 Yoshuwa kuwa da dukan Isra’ilawa suka tashi daga Lakish zuwa Eglon; suka yi shiri suka kai mata hari.
Ergasiis Iyyaasuu fi Israaʼeloonni hundi Laakkiishii kaʼanii gara Egloon dhaqan; marsaniis ishee waraanan.
35 A ranan nan suka ci ƙasar da yaƙi, suka buge ta, suka karkashe kowa da takobi kamar dai yadda suka yi a Lakish.
Guyyuma sana ishee qabatanii akkuma Laakkiish godhan sana ishee fi nama ishee keessa jiru hunda goraadeedhaan fixan.
36 Sai Yoshuwa da dukan Isra’ilawa suka tashi daga Eglon zuwa Hebron suka kai hari a can.
Iyyaasuu fi Israaʼeloonni hundis isa wajjin Egloonii kaʼanii gara Kebroonitti ol baʼanii ishee waraanan.
37 Suka ci birnin da yaƙi, suka karkashe mazaunanta, da sarkin, har da ƙauyukan, ba wanda ya tsira kamar yadda ya yi wa Eglon. Ya hallakar da ita sarai duk da kowane mutum da yake cikinta.
Isaanis magaalattii qabatanii mootii ishee, gandoota isheetii fi nama ishee keessa jiru hunda goraadeedhaan fixan. Nama tokko iyyuu hin hambifne. Akkuma Egloon godhan sana ishee fi nama ishee keessa jiru hunda guutumaan guutuutti barbadeessan.
38 Yoshuwa da Isra’ilawa duka suka juya suka kai wa Debir hari,
Ergasiis Iyyaasuu fi Israaʼeloonni hundi isa wajjin of irra deebiʼanii Debiirin dhaʼan.
39 suka hallaka birnin, da sarkinta da ƙauyukanta, suka karkashe dukan mazaunan wurin, ba su bar wani da rai ba. Suka yi wa Debir da sarkinta yadda suka yi wa Libna da sarkinta da kuma Hebron.
Isaanis magaalattii, mootii isheetii fi gandoota ishee qabatanii goraadeedhaan fixan. Namoota ishee keessa jiraatan hundas guutumaan guutuutti fixan. Nama tokko iyyuu hin hambifne. Akkuma Libnaa, mootii isheetii fi Kebroon godhan sana Debiirii fi mootii ishee godhan.
40 Yoshuwa ya cinye yankin duka da yaƙi, haɗe da na kan tudu, da Negeb, da kwarin yamma, da filayen cikin duwatsu tare da sarakunansu duka. Bai bar wani da rai ba, ya kashe duk wani mai numfashi, yadda Ubangiji, Allah na Isra’ilawa ya umarta.
Iyyaasuunis akkasiin guutummaa biyya sanaa, biyya gaaraa, Negeebi, biyya gammoojjii, tabbawwan tulluutii fi mootota isaanii hundas moʼate. Inni akkuma Waaqayyo Waaqni Israaʼel ajajetti waan hafuura baafatu hunda guutumaan guutuutti balleesse malee nama tokko illee hin hambifne.
41 Yoshuwa ya ci su da yaƙi daga Kadesh Barneya zuwa Gaza, da kuma daga dukan yankin Goshen zuwa Gibeyon.
Iyyaasuun Qaadesh Barnee irraa jalqabee hamma Gaazaatti, guutummaa biyya Gooshen hamma Gibeʼoonitti qabate.
42 Yoshuwa kuwa ya cinye sarakunan nan duka da ƙasashensu gaba ɗaya gama Ubangiji, Allah na Isra’ila ne ya yi yaƙi domin Isra’ilawa.
Sababii Waaqayyo Waaqni Israaʼel Israaʼeliif loleef Iyyaasuun mootota kanneenii fi lafa isaanii loluma tokkoon moʼate.
43 Yoshuwa kuwa ya dawo da dukan Isra’ilawa zuwa sansani a Gilgal.
Ergasii Iyyaasuun Israaʼeloota hunda wajjin gara qubata Gilgaalitti deebiʼe.

< Yoshuwa 10 >