< Ayuba 8 >

1 Sai Bildad mutumin Shuwa ya amsa,
Bildaad Shuhaahichi akkana jedhee deebise:
2 “Har yaushe za ka gama faɗa waɗannan abubuwa? Maganganunka ba su da amfani.
“Ati hamma yoomiitti waan akkasii dubbatta? Dubbiin kee bubbee jabaa dha.
3 Allah ba mai shari’ar gaskiya ba ne? Ko Maɗaukaki yakan yi abin da ba daidai ba?
Waaqni murtii qajeelaa jalʼisaa ree? Waaqni Waan Hunda Dandaʼu waan qajeelaa jalʼisaa?
4 Lokacin da’ya’yansa suka yi masa zunubi, yakan bar su su sha wahalar da zunubi yake kawowa.
Yommuu ijoolleen kee cubbuu isatti hojjetanitti, inni adabbii cubbuu isaaniitti dabarsee isaan kenne.
5 Amma in za ka dubi Allah ka roƙi Maɗaukaki,
Ati garuu yoo Waaqa barbaadatte, Waaqa Waan Hunda Dandaʼu yoo waammatte,
6 in kai mai tsarki ne, kuma mai adalci, ko yanzu ma zai taimake ka, yă mayar maka iyalinka da farin cikinka.
yoo ati qulqulluu fi qajeelaa taate, inni waaʼee keetiif ammuma kaʼa; jireenya qajeelummaa kees siif deebisa.
7 Ko da yake za ka fara da kaɗan, duk da haka za ka gama da samu mai yawa.
Jalqabni kee xinnaa taʼu illee, dhumni kee baayʼee guddaa taʼa.
8 “Tambayi na gaba da kai ka ji abin da iyayenka suka koya
“Dhaloota darbe gaafadhu; waan abbootiin isaanii qoratanii bira gaʼanis hubadhu;
9 gama jiya kaɗai aka haife mu ba mu san kome ba, kuma kwanakinmu a duniya masu wucewa ne.
nu waan kaleessa dhalanneef waa tokko illee hin beeknuutii; baroonni keenyas lafa irratti akkuma gaaddidduu ti.
10 Ba za su bishe ka su kuma gaya maka abin da za ka yi ba? Ba za su yi magana daga cikin hikimar da suke da ita ba?
Isaan si hin barsiisanii? Sittis hin himanii? Dubbii garaa isaanii keessa jirus hin dubbatanii?
11 Ko kyauro zai iya yi girma a wurin da ba ruwa? Ko za tă taɓa iya yin girma ba tare da ruwa ba?
Dhallaadduun lafa caffee hin taʼinitti guddataa? Shambaqqoonis bishaan malee lalisaa?
12 Yayinda take girma ba a yanka ta, takan mutu da sauri fiye da ciyawa.
Isaan utuma guddachaa jiranuu, utuu hin muramin, biqiltuuwwan kaan dura dafanii gogu.
13 Abin da yake faruwa ke nan da duk wanda yake mantawa da Allah; waɗanda ba su da Allah, ba su da bege.
Dhumni warra Waaqa irraanfataniis akkasuma taʼa; abdiin warra Waaqa hin beeknees ni bada.
14 Abin da yake dogara a kai ba shi da ƙarfi; abin da yake dogara a kai yanar gizo ce.
Abdiin isaa akkuma salphaatti cita; ofitti amanachuun isaas manʼee sariitii ti.
15 Ya jingina ga yanar gizo, amma ba ta tare shi, sun kama ta, amma ba za tă taimake su tsayawa ba.
Inni manʼee isaatti irkata; manʼeen sun garuu hin dhaabatu; itti maxxanas; manʼeen sun garuu dandaʼee isa hin baatu.
16 Yana kama da shukar da aka ba ta ruwa sosai lokacin da akwai rana sosai, tana yaɗuwa da kyau;
Inni akka biqiltuu aduu keessatti bishaan obaafamee lalisuutti, dameewwan isaa lafa biqiltuu irra diriirfatuu ti.
17 shukar tana bin yaɗuwa, jijiyoyinta suna nannaɗe duwatsu, suna neman wurin da za su kama sosai a cikin duwatsu.
Hidda isaa tuullaa dhagaatti marata; kattaa gidduus iddoo jiraatu ni barbaaddata.
18 Amma lokacin da aka tuge shukar daga wurin da take, wurin ba zai san da ita kuma ba, wurin zai ce, ‘Ban taɓa ganin ki ba.’
Yommuu inni iddoo isaatii badutti garuu, iddoon sun, ‘Ani si argee hin beeku’ jedhee isa gana.
19 Ba shakka shukar ta mutu ke nan, kuma waɗansu za su tsiro a wurin.
Kunis dhuma jireenya isaa ti; biqiltuuwwan biraas lafaa ni biqilu.
20 “Ba shakka, Allah ba ya ƙin marar laifi, ko kuma yă ƙarfafa masu aikata mugunta.
“Waaqni nama hirʼina hin qabne hin gatu; yookaan harka jalʼootaa hin jabeessu.
21 Sai dai yă cika bakinka da dariya, yă sa ka yi sowa ta murna.
Inni afaan kee kolfaan, arraba kee immoo ililleedhaan ni guuta.
22 Maƙiyanka za su sha kunya, za a kawar da tentin mugaye.”
Warri si jibban salphina uffatu. Dunkaanni jalʼootaas siʼachi hin jiraatu.”

< Ayuba 8 >