< Ayuba 7 >
1 “Mutum bai sha wahalar aiki ba a duniya? Rayuwarsa ba kamar ta wanda aka yi hayarsa ba ne?
“Jireenyi namaa lafa irratti qabsoo cimaa mitii? Barri isaas akkuma bara nama qacaramaa tokkootii mitii?
2 Kamar yadda bawa yakan jira yamma ta yi, ko kuma kamar yadda wanda aka yi hayarsa yakan jira a biya shi kuɗin aikin da ya yi.
Akkuma garbicha gaaddisa galgalaa hawwuu, yookaan akkuma hojjetaa mindaa isaa eegatu tokkoo,
3 Saboda haka rabona shi ne watanni na zama banza, kowane dare kuwa sai ɓacin rai nake samu.
jiʼoonni faayidaa hin qabne naa qoodaman; halkanoonni dhiphinaas naa ramadaman.
4 Lokacin da na kwanta ina tunani, ‘Har sai yaushe zan tashi?’ Gari ya ƙi wayewa, ina ta jujjuyawa har safe.
Yommuun ciisutti, ‘Ani yoomin kaʼa?’ jedheen yaada. Halkan natti dheerata; anis hamma bariʼutti nan gaggaragala.
5 Jikina duk tsutsotsi da ƙuraje sun rufe shi, fatar jikina ta ruɓe tana fitar da ruwan miki.
Nafni koo raammoo fi qonyanyaa uffateera; gogaan koo babbaqaqee malaʼaa jira.
6 “Kwanakina suna wucewa da sauri, fiye da yadda ƙoshiyar masaƙa take wucewa da sauri, za su kawo ga ƙarshe ba bege.
“Barri koo kolloo wayya dhooftuu caalaa ariifata; innis abdii malee dhuma.
7 Ka tuna, ya Allah, raina numfashi ne kawai; idanuna ba za su taɓa sāke ganin farin ciki ba.
Egaa yaa Waaqayyo, akka jireenyi koo akkuma qilleensaa taʼe yaadadhu; iji koo lammata waan gaarii hin argu.
8 Idanun da suke ganina yanzu ba za su sāke ganina ba; za ku neme ni amma ba za ku same ni ba.
Iji amma na argu siʼachi na hin argu; ati na barbaadda; garuu ani hin jiru.
9 Kamar yadda girgije yakan ɓace yă tafi, haka mutum yake shige zuwa kabari ba kuwa zai dawo ba. (Sheol )
Akkuma duumessi bittinnaaʼee badus namni awwaalame hin deebiʼu. (Sheol )
10 Ba zai taɓa zuwa gidansa ba; ba za a sāke san da shi ba.
Inni lammata mana isaatti hin deebiʼu; iddoon isaas siʼachi isa hin beeku.
11 “Saboda haka ba zan yi shiru ba; zan yi magana cikin ɓacin raina, zan nuna ɓacin raina cikin ruhu, cikin ƙuncin raina.
“Kanaafuu ani cal hin jedhu; ani hafuura koo dhiphate sanaan nan dubbadha; hadhaaʼummaa lubbuu kootiinis nan guunguma.
12 Ni teku ne, ko kuwa dodon ruwa, don me kake tsaro na?
Ati eegduu natti ramaduun kee, ani galaana moo yookaan bineensa galaanaa ti?
13 Lokacin da nake zato zan sami salama in na kwanta a gadona don in huta,
Yommuu ani, ‘Sireen koo na jajjabeessa; wanni ani irra ciisu guungummii koo naa xinneessa’ jedhutti,
14 duk da haka kana ba ni tsoro da mafarke-mafarke, kana tsorata ni da wahayi.
ati abjuu keessa na sodaachifta; mulʼataanis na rifachiifta.
15 Na gwammace a shaƙe ni in mutu maimakon in kasance cikin wannan jiki.
Kanaafuu ani akkasitti jiraachuu irra of hudhee duʼuu nan filadha.
16 Ba na so in zauna da rai; ba zan rayu ba har abada. Ku rabu da ni; rayuwata ba ta da amfani.
Jireenya koo nan jibba; ani bara baraan hin jiraadhu. Na dhiisi; jiraachuun koo faayidaa hin qabuutii.
17 “Mene ne mutum har da ka kula da shi haka, har ka mai da hankali a kansa,
“Akka ati isa leelliftuuf, akka qalbii kee isa irra keessuufis namni maali?
18 har kake duba shi kowace safiya, kake kuma gwada shi koyaushe?
Ati ganama ganama isa xiinxaltee yeroo yerootti isa qorta.
19 Ba za ka ɗan daina kallo na ba ko ka rabu da ni na ɗan lokaci?
Ati ija kee narraa hin buqqiftuu? Hamma ani hancufa liqimsutti kophaa koo na hin dhiiftuu?
20 In na yi zunubi, me na yi maka, kai mai lura da mutane? Don me ka sa ni a gaba? Na zame maka kaya mai nauyi ne?
Yaa isa nama eegdu, yoon cubbuu hojjedhe iyyuu ani maalan si godha? Ati maaliif waan itti akeekkattu na godhatte? Ani baʼaa sitti taʼeeraa?
21 Me ya sa ba za ka gafarta mini laifofina ba? Gama na kusa kwantawa cikin ƙasa; za ka neme ni, amma ba za ka same ni ba.”
Ati maaliif balleessaa koo irra dabartee cubbuu koo illee naaf hin dhiifne? Yeroon ani itti biyyoo keessa ciisu gaʼeeraatii; ati na barbaadda; garuu ani hin argamu.”