< Ayuba 42 >

1 Sa’an nan Ayuba ya amsa wa Ubangiji,
Iyyoobis akkana jedhee Waaqayyoof deebii kenne:
2 “Na san cewa za ka iya yin dukan abubuwa; ba wanda zai iya ɓata shirinka.
“Ani akka ati waan hunda hojjechuu dandeessu nan beeka; karoorri kee tokko iyyuu karaatti hin hafu.
3 Ka yi tambaya, ‘Wane ne wannan da ya ƙi karɓar shawarata shi marar ilimi?’ Ba shakka na yi magana game da abubuwan da ban gane ba, abubuwan ban al’ajabi da sun fi ƙarfin ganewata.
Ati, ‘Namni beekumsa malee gorsa koo dhoksu kun eenyu?’ jettee gaafatte. Ani dhugumaan waan naaf hin galin, waan dinqii natti taʼe kan ani hin beekin dubbadheera.
4 “Ka ce, ‘Saurara yanzu, zan kuma yi magana zan tambaye ka, kuma za ka amsa mini.’
“Ati akkana jetteerta; ‘Ani nan dubbadhaa mee dhaggeeffadhu; ani sin gaafadhaa, ati immoo naaf deebisi.’
5 Kunnuwana sun ji game da kai amma yanzu na gan ka.
Gurri koo waaʼee kee dhagaʼee ture; amma garuu iji koo si argeera.
6 Saboda haka na rena kaina na kuma tuba cikin ƙura da toka.”
Kanaafuu ani of tuffadhee biyyoo fi daaraa keessa taaʼee qalbii nan jijjiirradha.”
7 Bayan Ubangiji ya gaya wa Ayuba waɗannan abubuwa, ya ce wa Elifaz mutumin Teman, “Ina fushi da kai da abokanka guda biyu domin ba ku faɗi abin da yake daidai game da ni ba, kamar yadda bawana Ayuba ya yi.
Waaqayyo erga waan kana Iyyoobitti dubbatee booddee Eliifaaz Teemaanichaan akkana jedhe; “Sababii isin akka Iyyoob garbichi koo dubbate sana waaʼee koo waan qajeelaa hin dubbatiniif dheekkamsi koo siʼii fi michoota kee lamaanitti bobaʼeera.
8 Saboda haka yanzu sai ku ɗauki bijimai guda bakwai, da raguna bakwai, ku je wurin bawana Ayuba ku miƙa hadaya ta ƙonawa domin kanku. Bawana Ayuba zai yi muku addu’a zan kuwa karɓi addu’arsa in bi da ku nisa da wawancinku. Ba ku faɗi abin da yake daidai game da ni ba yadda bawana Ayuba ya yi ba.”
Kanaafuu isin amma jiboota torbaa fi korbeeyyii hoolaa torba fuudhaatii gara garbicha koo Iyyoob dhaqaatii waaʼee ofii keessaniitiif aarsaa gubamu dhiʼeessaa. Iyyoob garbichi koo isinii kadhata; ani kadhannaa isaa nan dhagaʼa; akka balleessaa keessaniittis isinitti hin muru. Isin akka Iyyoob garbichi koo dubbate sana waaʼee koo waan qajeelaa hin dubbanneetii.”
9 Saboda haka Elifaz mutumin Teman, Bildad mutumin Shuwa da Zofar mutumin Na’ama, suka yi abin da Ubangiji ya gaya masu; Ubangiji kuma ya karɓi addu’ar Ayuba.
Kanaafuu Eliifaaz Teemaanichi, Bildaad Shuhaahichii fi Zoofaari Naaʼimaatichi waan Waaqayyo isaanitti hime sana godhan; Waaqayyos kadhannaa Iyyoob dhagaʼe.
10 Bayan Ayuba ya yi wa abokansa addu’a, Ubangiji ya sa shi ya sāke zama mai arziki ya ninka abin da yake da shi a dā sau biyu.
Erga Iyyoob michoota isaatiif kadhatee booddee Waaqayyo deebisee isa sooromsee qabeenya inni duraan qabu sana harka lama kenneef.
11 Dukan’yan’uwansa maza da mata da duk waɗanda suka san shi a dā suka zo suka ci abinci tare da shi a cikin gidansa. Suka ta’azantar da shi suka ƙarfafa shi game da duk wahalar da Ubangiji ya auka masa, kowannensu kuma ya ba shi azurfa da zobe na zinariya.
Obboloonni isaa, obboleettonni isaa hundinuu fi warri dur isa beekan hundi dhufanii mana isaatti isa wajjin nyaatan. Isaanis sababii rakkina Waaqayyo isatti fide hundaatiif isaaf gaddanii isa jajjabeessan; tokkoon tokkoon isaaniis meetii fi qubeelaa warqee kennaniif.
12 Ubangiji ya albarkaci ƙarshen Ayuba fiye da farkonsa. Yana da tumaki guda dubu goma sha huɗu, raƙuma guda dubu shida; shanun noma guda dubu da jakuna guda dubu.
Waaqayyos kan duraa caalaa jireenya Iyyoob kan fuul duraa eebbise. Iyyoobis hoolaa kuma kudha afur, gaala kuma jaʼa, qotiyyoo kuma lamaa fi harree dhaltuu kuma tokko qaba ture.
13 Ya kuma haifi’ya’ya maza bakwai, mata uku.
Akkasumas ilmaan torbaa fi intallan sadii qaba ture.
14 ’Yar farko ya kira ta Yemima, ta biyun Keziya ta ukun Keren-Haffuk.
Intala isaa jalqabaa Yemiimaa, ishee lammaffaa Keziiyaa, ishee sadaffaa immoo Qeren-Haphuuk jedhee moggaase.
15 Duk a cikin ƙasar ba a samu kyawawan mata kamar’ya’yan Ayuba ba, kuma babansu ya ba su gādo tare ta’yan’uwansu maza.
Biyya sana hunda keessatti dubartoonni akka intallan Iyyoob babbareedan eessattuu hin argamne. Abbaan isaaniis obboloota isaanii gidduutti dhaala kenneef.
16 Bayan wannan Ayuba ya rayu shekara ɗari da arba’in; ya ga’ya’yansa da’ya’yansu har tsara ta huɗu.
Iyyoobis ergasii waggaa dhibba tokkoo fi afurtama jiraate; innis hamma dhaloota afuriitti ijoollee fi ijoollee ijoollee isaa arge.
17 Sa’an nan Ayuba ya rasu da kyakkyawan tsufa.
Innis akkasiin bara dheeraa jiraatee dulloomee duʼe.

< Ayuba 42 >