< Ayuba 34 >
2 “Ku ji maganata, ku masu hikima; ku saurare ni, ku masu ilimi.
“Yaa ogeeyyii, dubbii koo dhagaʼaa; beektonnis na dhaggeeffadhaa.
3 Gama kunne yana rarrabe magana kamar yadda harshe yake ɗanɗana abinci.
Akkuma arrabni nyaata afaaniin qabu, gurris dubbii calalaatii.
4 Bari mu zaɓi abin da yake daidai, bari mu koyi abin da yake mai kyau tare.
Waan qajeelaa taʼe ofii keenyaaf haa filannu; waan gaariis tokkummaadhaan haa barannu.
5 “Ayuba ya ce, ‘Ba ni da laifi, amma Allah ya hana mini hakkina.
“Iyyoob akkana jedha; ‘Ani qajeelaa dha; Waaqni garuu murtii qajeelaa narraa fudhate.
6 Ko da yake ina da gaskiya, an ɗauke ni maƙaryaci; ko da yake ba ni da laifi, kibiyoyinsa sun ji mini ciwo wanda ba ya warkewa.’
Ani utuman nama dhugaa taʼee jiruu, akka sobduuttin herregame; ani yakka qabaachuu baadhu illee xiyyi isaa madaa hin fayyineen na madeesseera.’
7 Wane mutum ne kamar Ayuba, wanda yake shan ba’a kamar ruwa?
Namni akka bishaaniitti tuffii dhugu, kan akka Iyyoob eenyu?
8 Yana abokantaka da masu aikata mugunta; yana cuɗanya da mugaye.
Inni warra hammina hojjetu wajjin walii gala; jalʼoota wajjinis tokkummaa qabaata.
9 Gama ya ce, ‘Ba ribar da mutum zai samu lokacin da yake ƙoƙari yă faranta wa Allah zuciya.’
Inni, ‘Waaqa gammachiisuu yaaluun, namaaf faayidaa tokko iyyuu hin qabu’ jedhaatii.
10 “Saboda haka ku saurare ni, ku masu ganewa. Ko kaɗan Allah ba ya mugunta, Maɗaukaki ba ya kuskure.
“Kanaafuu isin yaa hubattoota, na dhagaʼaa. Waan hamaa hojjechuun Waaqa irraa, dogoggoruunis Waaqa Waan Hunda Dandaʼu irraa haa fagaatu.
11 Yana biyan mutum bisa ga abin da ya yi; yana kawo masa abin da ayyukansa suka jawo.
Inni namaaf akkuma hojii isaatti gatii ni kenna; waan karaa isaatiif malus itti fida.
12 Ba zai yiwu Allah yă yi ba daidai ba, Maɗaukaki ba zai yi shari’a marar gaskiya ba.
Dhugumaan Waaqni hammina hin hojjetu; Waaqni Waan Hunda Dandaʼu murtii qajeelaa hin jalʼisu.
13 Wane ne ya ba shi iko yă lura da duniya? Wane ne ya ba shi iko kan dukan duniya?
Eenyutu lafa irratti isa muude? Eenyutus addunyaa guutuu isatti kenne?
14 In nufinsa ne ya kuma janye ruhunsa da numfashinsa,
Utuu inni hafuura isaa deebisee fudhatee, hafuura baafatu illee gara ofii isaatti deebifatee,
15 ’yan adam duka za su hallaka tare, mutum kuma zai koma ƙasa.
silaa sanyiin namaa hundi walumaan bada; namnis biyyootti deebiʼa ture.
16 “In kana da ganewa sai ka saurari wannan; ka saurari abin da zan ce.
“Ati yoo hubannaa qabaatte waan kana dhagaʼi; waan ani jedhus dhaggeeffadhu.
17 Maƙiyin gaskiya zai iya yin mulki? Za ka iya ba mai gaskiya, Maɗaukaki laifi?
Namni murtii qajeelaa jibbu bulchuu dandaʼaa? Atis isa qajeelaa fi humna qabeessa sanatti murtaa?
18 Ba shi ne ya ce wa sarakuna, ‘Ba ku da amfani ba,’ ya ce wa manya ‘Ku mugaye ne,’
Kan moototaan, ‘Isin faayidaa hin qabdan;’ jedhee qondaaltotaanis, ‘Isin hamoo dha’ jedhu isa mitii?
19 wanda ba ya nuna sonkai ga’ya’yan sarki kuma ba ya goyon bayan masu arziki a kan matalauta, gama dukansu shi ya yi su da hannuwansa.
Inni ilmaan moototaatiif illee hin looguu; sooreyyii fi hiyyeeyyii wal hin caalchisu; hundi isaanii hojii harka isaatii.
20 Suna mutuwa nan take, a cikin tsakiyar dare; an girgiza mutanen amma sun wuce; an taɓa manya amma ba da hannun mutum ba.
Isaan halkan walakkaa tasa duʼu; namoonni hollatanii dhumu; jajjaboonnis utuma harki namaa isaan hin tuqin ni badu.
21 “Idanunsa suna kan al’amuran mutane; yana ganin tafiyarsu duka.
“Iji isaa karaa namootaa irra jira; inni tarkaanfii isaanii hunda ni arga.
22 Babu wuri mai duhu, babu inuwa mai duhu, inda masu aikata mugunta za su ɓoye.
Iddoon warri waan hamaa hojjetan itti dhokatan, dukkanni yookaan gaaddisni guddaan hin jiru.
23 Allah ba ya bukata yă ci gaba da bincike mutane, har da za su zo gabansa don yă shari’anta su.
Akka inni murtiidhaaf fuula isaa duratti dhiʼaatuuf, Waaqni nama kam iyyuu hin beellamu.
24 Ba tare da tambaya ba yana ragargaza masu iko, yă kuma sa waɗansu a wurinsu.
Inni gaaffii tokko malee namoota jajjaboo ni burkuteessa; warra biraa immoo iddoo isaanii ni kaaʼa.
25 Gama yana sane da abubuwan da suke yi, yana hamɓarar da su da dare a kuma ragargaza su.
Inni sababii hojii isaanii beekuuf, halkan keessa isaan garagalcha; isaanis ni barbadaaʼu.
26 Yana ba su horo, don muguntarsu, inda kowa zai gan su,
Sababii jalʼina isaaniitiifis inni iddoo namni hundi argutti isaan adaba;
27 domin sun juya daga binsa, kuma ba su kula da hanyoyinsa ba.
kunis waan isaan isa duukaa buʼuu irraa garagalanii karaa isaa hunda dhiisaniif.
28 Sun sa kukan matalauta ya kai wurinsa yadda ya kai ga jin kukan masu bukata.
Isaan akka inni iyya rakkattootaa dhagaʼuuf, akka iyyi hiyyeeyyii fuula isaa duratti dhagaʼamu godhaniiru.
29 Amma in ya yi shiru, wa zai ba shi laifi? In ya ɓoye fuskarsa, wa zai gan shi? Duk da haka shi yake da iko kan mutum da al’umma duka,
Yoo inni calʼise garuu, eenyutu isatti muruu dandaʼa? Yoo inni fuula isaa dhokfates eenyutu isa arguu dandaʼa? Taʼus inni namaa fi saba illee ni toʼata;
30 yana hana wanda bai san Allah ba yă yi mulki, ya hana shi sa wa mutane tarko.
kunis akka namni Waaqaaf hin bulle mootii hin taanee fi akka isaan sabaaf kiyyoo hin keenyeefii dha.
31 “A ce mutum ya ce wa Allah, ‘Na yi laifi, amma ba zan sāke saɓa wa wani ba.
“Namni tokko Waaqaan akkana jedha haa jennu; ‘Ani yakka hojjedheera; garuu itti hin deebiʼu.
32 Ka koya mini abin da ba zan iya gani ba; in na yi ba daidai ba, ba zan sāke yi ba.’
Waan ani arguu hin dandeenye na barsiisi; ani yoon dogoggora hojjedhee jiraadhe, lammata itti hin deebiʼu.’
33 Ya kamata Allah yă yi maka bisa ga abin da ka ce ne, sa’ad da ka ƙi ka tuba? Dole kai ka zaɓa, ba ni ba; yanzu ka gaya mini abin da ka sani.
Waaqni sababii ati qalbii jijjiirrachuu didduuf akkuma yaada keetiitti gatii siif baasaa? Situ murteessuu qaba malee ana miti; kanaafuu ati waan beektu natti himi.
34 “Mutane masu ganewa za su ce, masu hikima waɗanda suka ji ni za su ce mini,
“Namoonni hubannaa qaban ni dubbatu; namoonni ogeeyyiin na dhagaʼanis akkana jedhu;
35 ‘Ayuba ya yi magana cikin rashin sani; maganganunsa na marar hikima ne.’
‘Iyyoob beekumsa malee dubbata; dubbiin isaas hubannaa cimaa hin qabu.’
36 Kash, da za a gwada Ayuba har ƙarshe, domin yana ba da amsa kamar mugun mutum.
Iyyoob sababii akka nama hamaatti deebii kenneef maaloo utuu hamma dhumaatti qoramee jiraatee!
37 Ya ƙara tawaye a kan zunubansa; ya tafa hannuwansa na reni a cikinmu ya kuma ƙara yawan maganganunsa ga Allah.”
Inni cubbuu isaa irratti fincila dabala; tuffiidhaan gidduu keenyatti harka dhaʼa; Waaqa irrattis waan baayʼee dubbata.”