< Ayuba 18 >

1 Sai Bildad mutumin Shuwa ya amsa,
Bildaad Shuhaahichi akkana jedhee deebise:
2 “Yaushe za ka gama maganganun nan? Ka dawo da hankalinka sa’an nan za mu iya yin magana.
“Isin haasaa kana yoom fixxu? Mee qalbeeffadhaa; ergasii dubbachuu dandeenya.
3 Don me muke kamar shanu a wurinka, ka ɗauke mu mutanen wofi?
Nu maaliif akka looniitti hedamna? Maaliifis fuula kee duratti akka gowwaatti ilaalamna?
4 Kai da ka yayyage kanka don haushi, za a yashe duniya saboda kai ne? Ko kuma duwatsu za su matsa daga wurinsu?
Ati kan aariidhaan of ciccirtu, lafti sababii keetiif duwwaatti haftii? Yookaan kattaan iddoo isaatii ni buqqifamaa?
5 “An kashe fitilar mugu; harshen wutarsa ya daina ci.
“Ibsaan nama hamaa ni dhaama; arrabni ibidda isaa ifa hin kennu.
6 Wutar cikin tentinsa ta zama duhu; fitilar da take kusa da shi ta mutu.
Ifni dunkaana isaa keessaa ni dukkanaaʼa; ibsaan isa bira jirus ni dhaama.
7 Ƙarfin takawarsa ya ragu; dabararsa ta ja fāɗuwarsa.
Jabinni tarkaanfii isaa ni dadhaba; malli isaas isuma kuffisa.
8 Ƙafafunsa sun kai shi cikin raga, yana ta yawo a cikin ragar.
Miilli isaa kiyyoo keessa isa buusa; inni boolla kiyyeeffame irra ni joora.
9 Tarko ya kama ɗiɗɗigensa; tarko ya riƙe shi kam.
Kiyyoon kottee isaa qaba; futtaasaanis jabeessee isa qaba.
10 An ɓoye masa igiya da za tă zarge shi a ƙasa; an sa masa tarko a kan hanyar da zai bi.
Lafa irra funyoon isaaf dhokfameera; karaa isaa irras kiyyoon kaaʼameera.
11 Tsoro duk ya kewaye shi ta kowane gefe yana bin shi duk inda ya je.
Naasuun karaa hundaan isa sodaachisa; faana isaa buʼees isa ariʼa.
12 Masifa tana jiransa; bala’i yana shirye yă fāɗa masa a lokacin da zai fāɗi.
Badiisni afaan itti banateera; balaanis qophaaʼee jiguu isaa eeggata.
13 Ya cinye wani sashe na gaɓar jikinsa; ɗan fari na mutuwa ya cinye ƙafafunsa.
Gogaan isaa dhukkubaan nyaatamee dhuma; ilmi duʼaa hangaftichi harkaa fi miilla isaa nyaata.
14 An yage shi daga zaman lafiyar da yake yi a cikin tentinsa aka sa shi tsoro sosai.
Inni dunkaana abdate keessaa buqqifamee gara mootii sodaatti geeffama.
15 Wuta ta cinye tentinsa; farar wuta ta rufe wurin da yake zama.
Waan kan isaa hin taʼinis dunkaana isaa keessa jiraata; dinyiin bobaʼus iddoo inni jiraatu irra faffacaʼa.
16 Jijiyoyinsa sun bushe a ƙasa rassansa sun mutu a sama.
Jalaan hiddi isaa ni goga; irraan immoo dameen isaa ni coollaga.
17 An manta da shi a duniya; ba wanda yake ƙara tunawa da shi.
Yaadannoon isaa lafa irraa ni bada; maqaan isaas lafa irraa ni dhabama.
18 An tura shi daga cikin haske zuwa cikin duhu, an kore shi daga duniya.
Inni ifa keessaa gara dukkanaatti darbatama; addunyaa irraas ni dhabama.
19 Ba shi da’ya’ya ko zuriya cikin mutanensa, ba sauran wanda yake a raye a wurin da ya taɓa zama.
Inni saba isaa gidduutti ijoollee yookaan sanyii, biyya duraan jiraate keessatti hambaa hin qabaatu.
20 Mutanen Yamma suna mamakin abin da ya faru da shi; tsoro ya kama mutanen gabas.
Namoonni dhiʼaa waaʼee isaa dhagaʼanii rifatu; warri baʼaas sodaadhaan guutamu.
21 Ba shakka haka wurin zaman mugun mutum yake, haka wurin zaman wanda bai san Allah ba yake.”
Iddoon jireenya nama hamaa, dhugumaan akkana taʼa; iddoon nama Waaqa hin beeknees kanuma taʼa.”

< Ayuba 18 >