< Ayuba 17 >

1 Na karaya, kwanakina sun kusa ƙarewa, kabari yana jirana.
Hafuurri koo dadhabeera; barri koo gabaabbateera; awwaallis naa qopheeffameera.
2 Ba shakka masu yi mini ba’a suna kewaye da ni; idanuna suna ganin tsokanar da suke yi mini.
Dhugumaan qoostonni na marsaniiru; iji koos hojii isaanii isa hamaa sana hubatee ilaala.
3 “Ya Allah, ka ba ni abin da ka yi mini alkawari. Wane ne zai kāre ni?
“Yaa Waaqi, qabsiisa naa taʼi; si malee eenyutu wabii naa taʼa?
4 Ka rufe zuciyarsu yadda ba za su iya ganewa ba, saboda haka ba za ka bari su yi nasara ba.
Akka isaan waa hin hubanneef ati sammuu isaanii cufteerta; kanaafuu ati akka isaan moʼatan hin gootu.
5 In mutum ya juya wa abokansa baya don a ba shi wata lada’ya’yansa za su makance.
Yoo namni tokko faayidaa argachuuf michuu isaa maqaa balleesse, iji ijoollee isaa ni jaama.
6 “Allah ya sa na zama abin da kowa yake magana a kai wanda kowa yake tofa wa miyau a fuska.
“Waaqni nama hunda biratti nama kolfaa, nama namni fuula isaatti tufu na godheera.
7 Idanuna ba sa gani sosai don baƙin ciki; jikina ya zama kamar inuwa kawai
Iji koo sababii gaddaatiif arguu dhabe; dhagni koo guutuunis akkuma gaaddidduu ti.
8 Mutanen da suke masu adalci wannan abu ya ba su tsoro; marasa laifi sun tayar wa marasa tsoron Allah.
Qajeeltonni waan kanaan ni rifatu; namni balleessaa hin qabnes warra Waaqatti hin bulle irratti kaʼa.
9 Duk da haka, masu adalci za su ci gaba da tafiya a kan hanyarsu, waɗanda hannuwansu suke da tsabta kuma za su ƙara ƙarfi.
Qajeelaan garuu karaa isaatti cima; warri harki isaanii qulqulluu taʼes jabaachaa deemu.
10 “Amma ku zo dukanku, ku sāke gwadawa! Ba zan sami mutum ɗaya mai hikima ba a cikinku.
“Hundi keessan garuu mee deebiʼaa yaalaa! Ani isin keessaa nama ogeessa tokko illee hin argadhu.
11 Kwanakina sun wuce, shirye-shiryena sun ɓaci haka kuma abubuwan da zuciyata take so.
Barri koo darbeera; karoorri koo fashalaaʼeera; hawwiin garaa koos akkasuma taʼeera.
12 Mutanen nan sun juya rana ta zama dare. A tsakiyar duhu suka ce, ‘Haske yana kusa.’
Namoonni kunneen halkan guyyaatti geeddaraniiru; utuma dukkana arganuus, ‘Ifni dhiʼaateera’ jedhu.
13 In kabari ne begen da nake da shi kaɗai, in na shimfiɗa gadona a cikin duhu, (Sheol h7585)
Yoo manni ani abdadhu awwaala qofa taʼe, yoo ani dukkana keessatti siree koo afadhe, (Sheol h7585)
14 In na ce wa kabari, ‘Kai ne mahaifina,’ tsutsa kuma ke ce, ‘Mahaifiyata’ ko ‘’yar’uwata,’
yoo ani boolla qileetiin, ‘Ati abbaa koo ti;’ raammoodhaan immoo, ‘Ati haadha koo ti;’ yookaan ‘Obboleettii koo ti’ jedhe,
15 To, ina begena yake? Wane ne zai iya ganin wani bege domina?
egaa abdiin koo eessa jira? Eenyutus abdii tokko illee naa arga?
16 Ko begena zai tafi tare da ni zuwa kabari ne? Ko tare za a bizne mu cikin ƙura?” (Sheol h7585)
Inni na wajjin awwaala buʼaa? Nus walumaan biyyoo seennaa?” (Sheol h7585)

< Ayuba 17 >