< Ayuba 11 >
1 Sa’an nan Zofar mutumin Na’ama ya amsa,
Zoofaari Naaʼimaatichi akkana jedhee deebise:
2 “Duk surutun nan ba za a amsa maka ba? Ko mai surutun nan marar laifi ne?
“Dubbiiwwan kunneen hundi deebii argachuu hin qabanii? Dubbii baayʼisuun qajeelaa nama godhaa?
3 Ko maganganun nan naka marasa amfani za su sa mutane su yi maka shiru? Ba wanda zai kwaɓe ka lokacin da kake faɗar maganar da ba daidai ba?
Of jajuun kee afaan nama qabachiisaa? Yommuu ati qoostu namni si ifatu hin jiruu?
4 Ka ce wa Allah, ‘Abin da na gaskata ba laifi ba ne kuma ni mai tsabta ne a gabanka.’
Ati Waaqaan, ‘Barsiisni koo qulqulluu dha; ani fuula kee duratti hirʼina hin qabu’ jetta.
5 Da ma Allah zai yi magana, yă buɗe baki yă faɗi wani abin da ka yi da ba daidai ba
Maaloo utuu Waaqni sitti dubbatee, utuu afaan isaas sitti saaqqatee
6 yă kuma buɗe maka asirin hikima, gama hikima ta gaskiya tana da gefe biyu. Ka san wannan, Allah ya riga ya manta da waɗansu zunubanka.
icciitii ogummaa siif ibsee ani akkamin hawwa! Ogummaan dhugaan bifa lama qabaatii. Kanaafuu Waaqni cubbuu kee muraasa akka siif irraanfate beeki.
7 “Ko za ka iya gane al’amuran Allah? Ko za ka iya gane girman asirin Maɗaukaki?
“Icciitii Waaqaa qorattee bira gaʼuu yookaan yaada Waaqa Waan Hunda Dandaʼuu qorattee bira gaʼuu dandeessaa?
8 Sun fi nisan sama tudu, me za ka iya yi? Sun fi zurfin kabari zurfi, me za ka sani? (Sheol )
Isaan samiiwwan caalaa ol fagaatu; ati maal gochuu dandeessa? Qilee awwaalaa caalaas gad fagaatu; ati maal beekuu dandeessa? (Sheol )
9 Tsayinsu ya fi tsawon duniya da kuma fāɗin teku.
Safarri isaa lafa caalaa dheerata; galaana caalaa balʼata.
10 “In ya zo ya kulle ka a kurkuku ya ce kai mai laifi ne, wa zai hana shi?
“Yoo inni dhufee mana hidhaatti si galche, yoo waldaa murtiis walitti qabe eenyutu isa dhowwuu dandaʼa?
11 Ba shakka yana iya gane mutanen da suke marasa gaskiya; kuma in ya ga abin da yake mugu, ba ya kula ne?
Dhugumaan inni sobdoota ni beeka; inni yommuu jalʼina argutti hin qalbeeffatuu?
12 Amma daƙiƙin mutum ba ya taɓa zama mai hikima kamar dai a ce ba a taɓa haihuwar ɗan aholaki horarre.
Yoo harreen diidaa nama taʼee dhalate malee gowwaan ogeessa taʼuu hin dandaʼu.
13 “Duk da haka in ka miƙa masa zuciyarka, ka kuma miƙa hannuwanka gare shi,
“Taʼus yoo ati yaada kee gara isaatti deebiftee harka kees gara isaatti diriirsite,
14 in ka kawar da zunubin da yake hannunka, ba ka bar zunubi ya kasance tare da kai ba
cubbuu harka kee keessa jiru yoo of irraa fageessite, akka wanni hamaanis dunkaana kee keessa hin jiraanne yoo goote,
15 shi ne za ka iya ɗaga fuskarka ba tare da jin kunya ba; za ka tsaya da ƙarfi kuma ba za ka ji tsoro ba.
ati qaanii tokko malee fuula kee ol qabachuu dandeessa; sodaa tokko malees jabaattee dhaabatta.
16 Ba shakka za ka manta da wahalolinka, za ka tuna da su kamar yadda ruwa yake wucewa.
Ati dhugumaan rakkina kee ni irraanfatta; akkuma lolaa darbeettis ni lakkoofta.
17 Rayuwarka za tă fi hasken rana haske, duhu kuma zai zama kamar safiya.
Jireenyi kee aduu saafaa caalaa ifa; dukkanni isaas akkuma barii ganamaa taʼa.
18 Za ka zauna lafiya, domin akwai bege; za ka duba kewaye da kai ka huta cikin kwanciyar rai.
Waan abdiin jiruuf ati hin sodaattu; naannoo kee ni ilaalta; nagaadhaanis ni boqotta.
19 Za ka kwanta, ba wanda zai sa ka ji tsoro, da yawa za su zo neman taimako a wurinka.
Ati ni rafta; namni tokko iyyuu si hin sodaachisu; namoonni baayʼeenis fuula kee barbaadu.
20 Amma idanun mugaye ba za su iya gani ba, kuma ba za su iya tserewa ba; begensu zai zama na mutuwa.”
Iji hamootaa ni dadhaba; karaan ittiin baqatanis isaan jalaa bada; abdiin isaaniis duʼa qofa.”