< Irmiya 1 >

1 Kalmomin Irmiya ɗan Hilkiya, ɗaya daga cikin firistoci a Anatot a yankin Benyamin.
Kun dubbii Ermiyaas ilma Hilqiyaa kan luboota biyya Beniyaam keessa magaalaa Anaatoot jiraatan keessaa tokko taʼe sanaa ti.
2 Maganar Ubangiji ta zo gare shi a shekara ta goma sha uku ta sarautar Yosiya ɗan Amon sarkin Yahuda,
Dubbiin Waaqayyoo bara Yosiyaas ilma Aamoon mooticha Yihuudaa keessa waggaa kudha sadaffaatti gara Ermiyaas dhufe;
3 da kuma a zamanin Yehohiyakim ɗan Yosiya sarkin Yahuda, har zuwa watan biyar na shekara goma sha ɗaya na Zedekiya ɗan Yosiya sarkin Yahuda, sa’ad da aka kai mutanen Urushalima zaman bauta.
akkasumas bara Yehooyaaqiim ilma Yosiyaas mooticha Yihuudaatii jalqabee hamma dhuma bara Zedeqiyaa ilma Yosiyaas mooticha Yihuudaa waggaa kudha tokkoffaatti waggaa sana keessaas hamma jiʼa shanaffaatti, yeroo sabni Yerusaalem boojiʼametti dubbiin kun gara isaa dhufaa ture.
4 Maganar Ubangiji ta zo mini cewa,
Dubbiin Waaqayyoo akkana jedhee gara koo dhufe:
5 “Kafin in siffanta ka a cikin ciki na san ka, kafin a haife ka, na keɓe ka; na naɗa ka ka zama annabi ga al’ummai.”
“Ani utuu gadameessa keessatti si hin uumin dura si beeke; utuu ati hin dhalatin dura addaan si baafadhe; akka ati sabootaaf raajii taatuufis si muude.”
6 Sai na ce, “Kayya, Ubangiji Mai Iko Duka, ban iya magana ba; ni ɗan yaro ne kawai.”
Anis, “Wayyoo, yaa Waaqayyo Gooftaa ani akkamitti akkan dubbadhu hin beeku; ani mucaa xinnoo dha” nan jedhe.
7 Amma Ubangiji ya ce mini, “Kada ka ce, ‘Ni ɗan yaro ne kawai.’ Dole ka je wurin kowane mutumin da na aike ka ka kuma faɗa abin da na umarce ka.
Waaqayyo garuu akkana naan jedhe; “Ati, ‘Ani mucaa xinnoo dha’ hin jedhin. Ati gara nama ani itti si ergu hundaa dhaqxee waan ani si ajaju hunda dubbachuu qabda.
8 Kada ka ji tsoronsu, gama ina tare da kai kuma zan kiyaye ka,” in ji Ubangiji.
Ati jara hin sodaatin; ani si baasuuf si wajjinan jiraatii” jedha Waaqayyo.
9 Sai Ubangiji ya miƙa hannunsa ya taɓa bakina ya ce mini, “Yanzu na sa kalmomina a bakinka.
Ergasiis Waaqayyo harka isaa hiixatee afaan koo tuqee akkana naan jedhe; “Kunoo, ani dubbii koo afaan kee keessa kaaʼeera.
10 Duba, yau na naɗa ka a kan al’ummai da mulkoki don ka tumɓuke ka kuma rusar, ka hallaka ka kuma kakkaɓe, ka gina ka kuma shuka.”
Ilaa, ani akka ati buqqiftuu fi diigduuf, akka barbadeessituu fi garagalchituuf, akka ijaartuu fi dhaabduuf harʼa sabootaa fi mootummoota irratti si muudeera.”
11 Maganar Ubangiji ta zo mini cewa, “Me ka gani, Irmiya?” Sai na amsa na ce, “Na ga reshen itacen almon.”
Dubbiin Waaqayyoo gara koo dhufee, “Ermiyaas, ati maal argaa jirta?” naan jedhe. Anis deebisee, “Damee muka lawuzii arguuttin jira” jedhe.
12 Ubangiji ya ce mini, “Daidai ne ka gani, gama ina lura in ga cewa maganata ta cika.”
Waaqayyo immoo, “Ati sirriitti argite; ani akka dubbiin koo fiixaan baʼuuf kutadhee kaʼeeraatii” naan jedhe.
13 Maganar Ubangiji ta sāke zo mini cewa, “Me ka gani?” Na amsa na ce, “Na ga tukunya tana tafasa, tana juyewa daga arewa.”
Dubbiin Waaqayyoo amma illee gara koo dhufee, “Ati maal argaa jirta?” naan jedhe. Anis deebisee, “Xuwwee danfaa jiru kan kaaba irraa as garagalee jiru tokko nan arga” jedhe.
14 Ubangiji ya ce mini, “Daga arewa za a zubo masifa a kan dukan mazaunan ƙasar.
Waaqayyo akkana naan jedhe; “Gara kaabaatii balaan warra biyyattii keessa jiraatan hundatti ni buʼa.
15 Ina shirin kiran dukan mutanen masarautar arewanci,” in ji Ubangiji. “Sarakunansu za su zo su kafa kursiyoyinsu a mashigin ƙofofin Urushalima; za su zo su kewaye dukan katangarta su kewaye dukan garuruwan Yahuda.
Kunoo saboota mootummoota kaabaa hunda walitti nan waama” jedha Waaqayyo. “Mootonni isaanii dhufanii karrawwan Yerusaalem dura teessoowwan isaanii ni dhaabbatu; isaan dallaawwan naannoo ishee hundaa fi magaalaawwan Yihuudaa hunda marsu.
16 Zan furta hukunci a kan mutanena saboda muguntarsu na yashe ni, suna ƙona turare ga waɗansu alloli suna kuma bauta wa abin da hannuwansu suka yi.
Sababii isaan na dhiisanii waaqota biraaf ixaana aarsuudhaan waan harki isaanii hojjete waaqeffachuudhaan hammina hojjetaniif ani saba kootti murtii nan labsa.
17 “Ka kintsa kanka! Ka tashi tsaye ka faɗa musu abin da na umarce ka. Kada su firgita ka, in ba haka ba zan firgita ka a gabansu.
“Ati garuu mudhii kee hidhadhuu kaʼiitii waan ani si ajaju hunda isaanitti himi. Ati jara hin sodaatin; ati isaan sodaannaan ani fuula isaanii duratti sodaa sittin buusaa.
18 Yau na mai da kai birni mai katanga, ginshiƙin ƙarfe da bangon tagulla don ka tsaya gāba da dukan ƙasar, ya kuma yi gāba da sarakunan Yahuda da fadawan, da firistoci da kuma mutanenta.
Akka ati guutuu biyyattiitiin jechuunis mootota Yihuudaatiin, qondaaltota isheetiin, lubootaa fi uummata biyyattiitiin mormituuf ani harʼa magaalaa dallaa jabaan marfamte, utubaa sibiilaatii fi dallaa naasii si taasiseera.
19 Za su yi yaƙi da kai amma ba za su ci nasara a kanka ba, gama ina tare da kai, zan kuma kiyaye ka,” in ji Ubangiji.
Isaan si lolu; garuu si hin moʼatan; ani si baasuuf si wajjin jiraatii” jedha Waaqayyo.

< Irmiya 1 >