< Irmiya 4 >

1 “In za ka komo, ya Isra’ila, ka komo gare ni,” in ji Ubangiji. “In ka kau da gumakanka masu banƙyama daga gabana ba ka ƙara karkace ba,
“Yaa Israaʼel, ati yoo deebite, gara kootti deebiʼi” jedha Waaqayyo. “Yoo ati waaqota kee jibbisiisoo sana fuula koo duraa balleessitee siʼachi karaa irraa jalʼachuu baatte,
2 kuma in cikin gaskiya da adalci ka rantse, ‘Muddin Ubangiji yana raye,’ to al’ummai za su sami albarka ta wurinsa kuma a cikinsa za su ɗaukaka.”
yoo ati, ‘Dhugaa Waaqayyo jiraataa’ jettee dhugaadhaan, murtii qajeelaa fi qajeelummaadhaan kakatte, saboonni isaan ni eebbifamu; isumaanis ni kabajamu.”
3 Ga abin da Ubangiji yana ce wa mutanen Yahuda da kuma na Urushalima. “Ku nome ƙasarku kuma kada ku yi shuka cikin ƙayayyuwa.
Waaqayyo namoota Yihuudaatii fi namoota Yerusaalemiin akkana jedha: “Bajjii keessan qotadhaa; qoraattii keessas hin facaasinaa.
4 Ku yi wa kanku kaciya ga Ubangiji ku yi wa zukatanku kaciya, ku mutanen Yahuda da mutanen Urushalima, in ba haka ba hasalata za tă sauko ta ci kamar wuta saboda muguntar da kuka aikata za tă ci ba wanda zai kashe ta.
Yaa namoota Yihuudaatii fi uummata Yerusaalem Waaqayyoof dhagna of qabaa; qola qalbii keessaniis dhagna qabadhaa; yoo kanaa achii sababii hammina isin hojjetaniitiif dheekkamsi koo kaʼee akka ibiddaa ni bobaʼa; namni isa dhaamsus hin jiru.
5 “Ku yi shela a Yahuda ku kuma furta a Urushalima ku ce, ‘Ku busa ƙaho a ko’ina a ƙasar!’ Ku tā da murya da ƙarfi ku ce, ‘Ku tattaru! Bari mu gudu zuwa birane masu katanga!’
“Yihuudaa keessatti beeksisaa; Yerusaalem keessattis akkana jedhaa labsaa: ‘Biyyattii guutuu keessatti malakata afuufaa! Sagalee ol fudhadhaatii akkana jedhaa: walitti qabamaa! Kottaa gara magaalaawwan dallaa jabaa qabaniitti baqannaa!’
6 Ku tā da tuta don zuwa Sihiyona! Ku gudu ku nemi mafaka ba tare da jinkiri ba! Gama ina kawowa masifa daga arewa, mummunan hallaka kuwa.”
Xiyoon dhaquuf faajjii ol qabaa? Dafaa baqadhaa malee duubatti hin harkifatinaa! Ani karaa kaabaatiin balaa, badiisa suukaneessaas nan fidaatii.”
7 Zaki ya fito daga ruƙuƙinsa; mai hallakarwar al’ummai ya kama hanya. Ya bar wurinsa don yă lalace ƙasarku. Garuruwanku za su zama kufai babu mazauna.
Leenci bosona isaatii baʼeera; barbadeessaan sabootaa karaa qabateera. Inni biyya kee onsuuf jedhee iddoo isaatii kaʼeera. Magaalaawwan kee onanii jiraattota malee ni hafu.
8 Saboda haka ku yafa tufafin makoki, ku yi makoki da kuka, gama fushin Ubangiji bai juye daga gare mu ba.
Kanaafuu isin uffata gaddaa uffadhaatii booʼaa wawwaadhaa; dheekkamsi Waaqayyoo sodaachisaan sun nurraa hin deebineetii.
9 “A wannan rana,” in ji Ubangiji, “sarki da shugabanni za su fid da zuciya, firistoci za su razana, annabawa kuma za su yi mamaki.”
Waaqayyo akkana jedha: “Guyyaa sana mootiinii fi qondaaltonni onnee dhabu; luboonni akka malee naʼu; raajonnis ni raafamu.”
10 Sai na ce, “Kash, Ubangiji Mai Iko Duka, yaya ka ruɗi mutanen nan da kuma Urushalima gaba ɗaya haka ta wurin cewa, ‘Za ku zauna lafiya,’ sa’ad da takobi yana a maƙogwaronmu.”
Anis akkana nan jedhe; “Yaa Waaqayyo Gooftaa, ati utuu goraadeen kokkee keenya irra jiruu, ‘Isin nagaa qabaattu’ jechuudhaan saba kanaa fi Yerusaalemin guutumaan guutuutti gowwoomsiteerta?”
11 A lokacin za a faɗa wa mutanen nan da kuma Urushalima cewa, “Iska mai zafi daga tuddan hamada za tă hura zuwa wajen mutanena, amma ba don ta sheƙe ko ta rairaye; ba;
Yeroo sanatti saba kanaa fi Yerusaalemitti akkana jedhamee ni himama; “Bubbeen waa gubu tokko iddoowwan ol kaʼoo qullaa kanneen gammoojjii keessaa irraa gara saba kootiitti ni bubbisa; garuu afarsuuf yookaan qulqulleessuuf miti;
12 iska mafificin ƙarfi da ta fito daga gare ni. Yanzu na zartar da hukuncina a kansu.”
bubbeen waan sanaaf akka malee cimaa taʼe tokko na biraa ni dhufa. Anis murtii koo isaanitti nan labsa.”
13 Duba! Yana zuwa kamar gizagizai, kekunan yaƙinsa suna zuwa kamar guguwa, dawakansa sun fi gaggafa sauri. Kaiton mu! Mun shiga uku!
Kunoo, inni akka duumessaatti, gaariin isaas akka bubbeetti ni dhufa; fardeen isaa risaa caalaa saffisu. Wayyoo nu baduu keenya!
14 Ya Urushalima, ki wanke mugunta daga zuciyarki ki sami ceto. Har yaushe za ki zauna riƙe da mugayen tunani?
Yaa Yerusaalem, ati akka fayyituuf qalbii kee keessaa hammina dhiqadhu. Hamma yoomiitti yaadni hamaan si keessa jiraata?
15 Murya ta shela daga Dan, tana furtawa masifa daga tuddan Efraim.
Sagaleen tokko Daan irraa lallaba; tulluuwwan Efreem irraas badiisa labsa.
16 “A faɗa wa al’ummai wannan, a furta wannan game Urushalima. ‘Sojoji masu ƙawanya suna zuwa daga ƙasa mai nisa, suna tā da kirarin yaƙi a kan biranen Yahuda.
“Waan kana sabootatti himaa; Yerusaalemittis akkana jedhaa lallabaa: ‘Loltoonni marsanii biyya qabatan tokko lafa fagoodhaa ni dhufu; isaanis magaalaawwan Yihuudaatti ni iyyu.
17 Sun kewaye ta kamar masu gadin fili, domin ta yi mini tawaye,’” in ji Ubangiji.
Sababii isheen natti fincilteef, isaan akkuma nama lafa qotiisaa eegu tokkootti ishee ni marsu,’” jedha Waaqayyo.
18 “Halinki da ayyukanki sun kawo wannan a kanki. Hukuncinki ke nan. Yana da ɗaci! Ya soke ki har zuciyarki!”
“Amalli keetii fi hojiin kee waan kana sitti fidaniiru. Adabbiin kee kanaa dha. Innis hammam hadhaaʼa! Onnees hammam waraana!”
19 Azabana, azabana! Ina birgima cikin zafi. Azabana, azabar zuciyata! Zuciyata yana bugu a cikina, Ba zan yi shiru ba. Gama na ji karan ƙaho; na ji kirarin yaƙi.
Marʼumaan ko, marʼumaan ko! Ani dhukkubbiidhaan nan wixxirfadha. Onneen koo na keessaa waca; onneen koo na keessatti dhaʼata; ani calʼisuu hin dandaʼu. Ani sagalee malakataa dhagaʼeeraatii; waca waraanaas dhagaʼeera.
20 Masifa kan masifa; dukan ƙasar ta zama kufai. Cikin ɗan lokaci aka rurrushe tentuna nawa, mafakata ba zato.
Badiisni badiisa irraan dhufa; biyyattiin guutumaan guutuutti ni onti. Dunkaanni koo akkuma tasaa, golgaan koos yeroo gabaabaa keessatti bade.
21 Har yaushe zan dubi tutar yaƙi in kuma ji karar ƙaho?
Ani hamma yoomiittin mallattoo waraanaa ilaala? Hamma yoomiittis sagalee malakataa dhagaʼa?
22 “Mutanena wawaye ne; ba su san ni ba. Su’ya’ya ne marasa azanci; ba su da fahimi. Suna da dabarar aikata mugunta; ba su san yadda za su aikata alheri ba.”
“Uummanni koo gowwaa dha; anas hin beekan. Isaan ijoollee qalbii hin qabnee dha; hubannaas hin qaban. Isaan waan hamaa hojjechuutti ogeeyyii dha; waan gaarii hojjechuu garuu hin beekan.”
23 Na dubi duniya, na ga cewa marar siffa ce babu kome; sammai kuma, haskensu ya tafi.
Ani lafa nan ilaale; isheenis bifa hin qabdu; duwwaas turte; samiiwwanis nan ilaale; ifni isaanii dhaamee ture.
24 Na dubi duwatsu, sai na ga suna makyarkyata; dukan tuddai kuwa suna lilo.
Ani tulluuwwan nan ilaale; isaan sochoʼaa turan; gaarran hundinuus raafamaa turan.
25 Na duba, sai na ga ba kowa; kowane tsuntsu a sarari da ya tsere.
Ani nan ilaale; namni tokko iyyuu hin turre; simbirroonni samii hundis barrisanii badanii turan.
26 Na duba, sai na ga ƙasa mai amfani ta zama hamada; dukan garuruwanta sun zama kufai a gaban Ubangiji, a gaban zafin fushinsa.
Ani nan ilaale; kunoo biyyi midhaan baaftu ontee turte; magaalaawwan ishee hundis, fuula Waaqayyoo duratti dheekkamsa isaa sodaachisaa sanaan diigaman.
27 Ga abin da Ubangiji yana cewa, “Dukan ƙasar za tă zama kufai, ko da yake ba zan hallaka ta gaba ɗaya ba.
Waaqayyo akkana jedha: “Yoo ani guutumaan guutuutti ishee balleessuu baadhe iyyuu biyyattiin guutumaan guutuutti ni barbadoofti.
28 Saboda haka duniya za tă yi kuka sammai a bisa kuma za su yi duhu, domin na yi magana kuma ba zan fasa ba, na yanke shawara ba kuwa zan janye ba.”
Kanaafuu lafti ni boossi; samiiwwan oliis ni dukkanaaʼu; ani dubbadheeraatii hin gaabbu; murteesseera; dugda duubas hin deebiʼu.”
29 Da jin motsin mahayan dawakai da maharba kowane gari ya ruga da gudu. Waɗansu suka shiga kurmi; waɗansu suka hau cikin duwatsu. Dukan garuruwan sun fashe tas; babu wani da yake zama a ciki.
Sababii iyya abbootii fardeeniitii fi futtaaftota xiyyaatiin, tokkoon tokkoon magaalaa ni baqata. Garri tokko bosona gobbuu seena; kaan immoo kattaatti ol baʼa; magaalaawwan hundi duwwaa hafaniiru; namni tokko iyyuu isaan keessa hin jiraatu.
30 Me kike yi, ya wadda aka ragargaza? Me ya sa kika sanya mulufi kika sa kayan adon zinariya? Me ya sa kika sa wa idanunki tozali? Kin yi kwalliyarki a banza. Masoyanki sun bar ki; suna neman ranki.
Yaa ontuu nana, ati maal gochaa jirta? Ati maaliif wayyaa bildiimaa uffattee faaya warqee kaaʼatte? Maaliif ija kee kuulatte? Ati akkasumaan of miidhagsita. Warri jaallatan si tuffatu; lubbuu kees balleessuu barbaadu.
31 Na ji kuka kamar na mace mai naƙuda, nishi kamar na wadda take haihuwa ɗanta na fari, kukan Diyar Sihiyona tana haki, da ƙyar take numfashi, tana miƙa hannuwanta tana cewa, “Wayyo ni kaina! Na suma; an ba da raina ga masu kisana.”
Ani iyya akka iyya dubartii ciniinsifattu tokkoo, miixuu akka miixuu dubartii mucaa hangafa deessuu tokko nan dhagaʼe; ani iyya Intala Xiyoon kan yeroo hafuurri ishee citutti argantee harka ishee facaasuudhaan, “Wayyoo! Ani bade; lubbuun koo harka warra nama ajjeesuutti dabarfamtee kennamteerti” jettuu nan dhagaʼe.

< Irmiya 4 >