< Irmiya 3 >

1 “In mutum ya saki matarsa ta kuwa bar shi ta auri wani mutum, zai iya komo da ita kuma? Ƙasar ba za tă ƙazantu gaba ɗaya ba? Amma kun yi rayuwa kamar karuwa da masoya masu yawa yanzu za ki komo wurina?” In ji Ubangiji.
“Namni tokko yoo niitii isaa hiikee isheenis isa dhiiftee nama biraatti heerumte, inni lammata isheetti deebiʼaa? Biyyattiinis guutumaan guutuutti hin xurooftuu? Ati garuu akka sagaagaltuutti sanyoowwan hedduu wajjin jiraatteerta; taʼus amma gara kootti deebiʼi?” jedha Waaqayyo.
2 “Ta da idanu ki duba tsaunuka ki gani. Akwai wani wurin da ba a kwana da ke ba? A gefen hanya kin zauna kina jiran masoyanki, kin zauna kamar makiyayi a hamada. Kin ƙazantar da ƙasar da karuwancinki da muguntarki.
“Mee ol milʼadhuutii gaara duwwaa ilaali. Iddoon ati itti hin sagaagalin tokko iyyuu jiraa? Ati akkuma godaantuu gammoojjii keessaa tokkootti warra si jaallatan eeggachuuf qarqara karaa teesse; sagaagaltummaa fi hammina keetiin biyyattii xureessiteerta.
3 Saboda haka an hana yayyafi, kuma babu ruwan bazara da ya sauka. Duk da haka kina da irin kallon da karuwa takan yi; kin ƙi ki ji kunya.
Kanaafuu tiifuun ni ittifame; birraa keessa illee bokkaan hin roobne. Ati garuu nyaara sagaagaltuu qabda; qaanaʼuus ni didde.
4 Yanzu ba kin kira ni, ‘Mahaifina, abokina daga ƙuruciyata ba,
Ati amma iyyuu akkana jettee na hin waamnee? ‘Abbaa koo, ijoollummaa kootii jalqabdee michuu koo,
5 kullum za ka riƙa fushi? Hasalarka za tă ci gaba har abada ne?’ Haka kike magana, amma kina aikata dukan muguntar da kika iya yi.”
ati yeroo hunda ni aartaa? Dheekkamsi kee baruma baraan itti fufaa?’ Ati akkasitti dubbatta; garuu waan hamaa dandeessu hunda ni hojjetta.”
6 A zamanin Sarki Yosiya, Ubangiji ya ce mini, “Ka ga abin da marar amincin nan, Isra’ila ta yi? Ta haura kan kowane tudu mai tsayi da kowane gindin itace mai duhuwa ta yi zina a can.
Waaqayyo bara Yosiyaas Mootichaa keessa akkana naan jedhe; “Ati waan Israaʼel isheen amanamummaa hin qabne sun hojjette argitee? Isheen dhaqxee tulluu ol dheeraa hunda irrattii fi muka lalisaa hunda jalatti sagaagalte.
7 Na yi zaton bayan ta yi wannan duka, za tă komo wurina amma ba tă yi haka ba,’yar’uwarta marar aminci nan Yahuda ta gani.
Ani waan isheen erga wantoota kanneen hunda hojjettee booddee gara kootti deebitu seʼeen ture; isheen garuu hin deebine. Obboleettiin ishee Yihuudaan hin amanamne sunis waan kana argite.
8 Na ba wa Isra’ila marar bangaskiya takardar saki na kuwa kore ta saboda duk zinanta. Duk da haka na ga cewa’yar’uwarta marar amincin nan Yahuda ba ta da tsoro; ita ma ta fita ta yi zina.
Ani sababii ejjummaa ishee hundaatiif waraqaa ragaa hiikkaa kenneefiin Israaʼel amanamummaa hin qabne sana of irraa ariʼe; taʼu illee ani akka obboleettiin ishee Yihuudaan amanamummaa hin qabne sun hin sodaanne nan arge; isheenis dhaqxe ejjite.
9 Domin fasikancin Isra’ila bai yi tasiri gare ta ba, sai ta ƙazantar da ƙasar ta kuma yi zina da dutse da kuma itace.
Israaʼel sababii sagaagalummaa ofii akka waan salphaa tokkootti ilaalteef dhagaa fi muka wajjin ejjuudhaan biyya xureessite.
10 Duk da wannan duka, Yahuda’yar’uwarta rashin amincin ba tă komo gare ni da dukan zuciyarta ba, sai a munafunce,” in ji Ubangiji.
Isheen waan kana hunda hojjettu iyyuu obboleettiin ishee Yihuudaan hin amanamne sun fakkeessuuf malee garaa guutuudhaan gara kootti hin deebine” jedha Waaqayyo.
11 Ubangiji ya ce mini, “Isra’ila marar bangaskiya ta fi Yahuda marar aminci.
Waaqayyo akkana naan jedhe; “Yihuudaa hin amanamne irra Israaʼel amantii hin qabnetu qajeeltuu dha.
12 Ka tafi, ka yi shelar saƙon nan wajen arewa cewa, “‘Ki komo, Isra’ila marar bangaskiya,’ in ji Ubangiji, ‘Ba zan ƙara yin fushi da ke ba, gama ni mai jinƙai ne,’ in ji Ubangiji, ‘Ba zan yi fushi da ke har abada ba.
Dhaqiitii ergaa kana kaabatti labsi: “‘Yaa Israaʼel amantii dhabeettii, deebiʼi’ jedha Waaqayyo; ‘Ani siʼachi ija aariitiin si hin ilaalu; ani araara qabeessaatii’ jedha Waaqayyo. ‘Ani bara baraan hin dheekkamu.
13 Ki dai yarda da laifinki kin yi wa Ubangiji Allahnki tawaye, kin watsar da alheranki ga baƙin alloli a ƙarƙashin kowane itace mai duhuwa, ba ki kuwa yi mini biyayya ba,’” in ji Ubangiji.
Ati akka Waaqayyo Waaqa keetti fincilte, akka mukkeen lalisoo hunda jalatti jaalala kee waaqota ormaatiif kennitee naa ajajamuu didde, balleessaa kee sana qofa himadhu’” jedha Waaqayyo.
14 “Ku komo, ku mutane marasa bangaskiya,” in ji Ubangiji, “gama ni ne mijinku. Zan ɗauke ku, ɗaya daga garuruwanku da kuma biyu daga zuriyarku in kawo ku a Sihiyona.
“Yaa saba amantii hin qabne, deebiʼaa” jedha Waaqayyo; “ani dhirsa keessaniitii. Ani magaalaa tokko irraa nama tokko, balbala tokko irraa nama lama filadhee Xiyoonitti isin nan fida.
15 Sa’an nan zan ba ku makiyaya da suke yin abin da zuciyata take so, waɗanda za su bishe ku da sani da kuma fahimi.
Ergasii ani tiksoota akka garaa kootii taʼan, kanneen beekumsaa fi hubannaadhaan isin qajeelchan isinii nan kenna.
16 A kwanakin, sa’ad da kuka ƙaru sosai a ƙasar,” in ji Ubangiji, “mutane ba za su ƙara yin magana a kan, ‘Akwatin alkawarin Ubangiji ba.’ Ba zai ƙara shiga zuciyarsu ko su tuna ba; ko su bukace shi, ko kuwa su yi wani irinsa ba.
Bara sana keessa, yeroo baayʼinni keessan biyyattii keessatti akka malee guddatutti,” jedha Waaqayyo, “Namoonni siʼachi, ‘Taabota kakuu Waaqayyoo’ hin jedhan.” Wanni kun gonkumaa sammuu isaanii keessa hin seenu, yookaan hin yaadatamu; kan isa barbaadu hin jiru, yookaan kan biraa hin tolfamu.
17 A lokacin za su ce da Urushalima Kursiyin Ubangiji, kuma dukan al’ummai za su taru a Urushalima don su girmama sunan Ubangiji. Ba za su ƙara bin taurinkai zuciyarsu mai mugunta ba.
Isaan yeroo sanatti Yerusaalemiin Teessoo Waaqayyoo jedhanii waamu; saboonni hundinuus maqaa Waaqayyoo ulfeessuuf Yerusaalemitti walitti ni qabamu. Isaan siʼachi mata jabina hammina garaa isaanii duukaa hin buʼan.
18 A kwanakin gidan Yahuda zai haɗu da gidan Isra’ila, tare kuma za su zo daga ƙasar da take wajen arewa zuwa ƙasar da na ba kakanninsu gādo.
Bara sana keessa manni Yihuudaa mana Israaʼelitti ni makama; isaanis tokkummaadhaan biyya kaabaatii gara biyya ani akka dhaalaatti abbootii keessaniif kenne sanaa ni dhufu.
19 “Ni kaina na faɗa, “‘Da farin ciki zan ɗauke ki kamar’ya’yana maza in ba ki ƙasa mai daɗi, gādo mafi kyau da wata al’umma.’ Na zaci za ki kira ni ‘Mahaifi’ ba za ki ƙara rabuwa da bina ba.
“Ani mataan koo akkana nan jedhe; “‘Ani silaa hamman akkuma ilmaan kootti si fudhadhee biyya namatti toltu, dhaala akka malee miidhagu kan saba kamii iyyuu siif nan kenna ture.’ Ani waan ati, ‘Abbaa ko’ jettee na waamtuuf, waan ati na duukaa buʼuu hin dhiifne seʼee ture.
20 Amma kamar mace marar aminci ga mijinta, haka kika kasance marar aminci gare ni, ya gidan Isra’ila,” in ji Ubangiji.
Yaa mana Israaʼel, ati garuu akkuma niitii dhirsa isheetiif hin amanamne tokkoo, anaaf hin amanamne turte” jedha Waaqayyo.
21 An ji kuka a filayen tuddai, kuka da roƙon mutanen Isra’ila, domin sun lalace hanyoyinsu sun kuma manta da Ubangiji Allahnsu.
Isaan karaa isaanii jalʼisanii Waaqayyo Waaqa isaanii waan irraanfataniif gaara duwwaa irratti iyyi, booʼichii fi waammannaan saba Israaʼel ni dhagaʼama.
22 “Ku komo, mutane marasa bangaskiya; zan warkar da ku daga ja da bayanku.” “I, za mu zo wurinka, gama kai ne Ubangiji Allahnmu.
“Yaa saba amantii hin qabne deebiʼaa; ani duubatti deebiʼuu keessan nan fayyisaatii.” “Kunoo, nu gara kee ni dhufna; Ati Waaqayyo Waaqa keenyaatii.
23 Tabbatacce hayaniyar bin gumaka a kan tuddai da duwatsu banza ne; tabbatacce a wurin Ubangiji Allahnmu ne akwai ceton Isra’ila.
Dhugumaan wacni gaarranii fi tulluuwwan irraa gowwoomsaa dha; dhugumaan fayyinni Israaʼel harka Waaqayyo Waaqa keenyaa jira.
24 Daga ƙuruciyarmu allolin kunya sun cinye mu amfanin wahalar kakanninmu garkunan tumakinsu da na awakinsu, yaransu maza da mata.
Ijoollummaa keenyaa jalqabnee waaqonni nama qaanessan, buʼaa dadhabbii abbootii keenyaa jechuunis bushaayee fi loon isaanii, ilmaan isaaniitii fi intallan isaanii fixaniiru.
25 Bari mu kwanta mu sha kunya, bari kuma kunyarmu ta rufe mu. Mun yi wa Ubangiji Allahnmu zunubi, da mu da kakanninmu; daga ƙuruciyarmu har yă zuwa yau ba mu yi wa Ubangiji Allahnmu biyayya ba.”
Nu qaanii keenyaan haa ciifnuu; salphinni keenyas nu haa haguugu. Nus abbootiin keenyas Waaqayyo Waaqa keenyatti cubbuu hojjenneerra; nu ijoollummaa keenyaa jalqabnee hamma ammaatti Waaqayyo Waaqa keenyaaf hin ajajamne.”

< Irmiya 3 >