< Irmiya 17 >

1 “An rubuta zunubin Yahuda da alƙalamin ƙarfe, an rubuta da tsinin dutse, a kan allunan zukatansu da kuma a kan ƙahonin bagadansu.
“Cubbuun Yihuudaa meeshaa sibiilaatiin qirixaameera; qara dhagaatiinis gabatee garaa isaanii irrattii fi gaanfa iddoo aarsaa isaanii irratti barreeffameera.
2 Har’ya’yansu ma sun tuna bagadansu da ginshiƙan Asheransu kusa da itatuwa masu duhuwa da kuma a kan tuddai masu tsayi.
Ijoolleen isaanii iyyuu iddoowwan aarsaa isaaniitii fi siidaa Aasheeraa kanneen mukkeen lalisaa cinaatii fi gaarran ol dheeroo irraa sana yaadatan.
3 Dutsena a ƙasar da dukiyarku na ƙasar da dukan arzikinku za a ba da su ganima, tare da masujadanku na kan tuddai, saboda zunubi ko’ina a ƙasarku.
Ani sababii cubbuu biyya kee guute sanaatiif tulluu koo kan biyya keessaa, qabeenya keetii fi badhaadhummaa kee hunda iddoo ol kaʼaa kee wajjin dabarsee boojuuf nan kenna.
4 Saboda laifinku za ku rasa gādon da na ba ku. Zan bautar da ku ga abokan gābanku a ƙasar da ba ku sani ba, domin kun husata ni, zai kuwa ci har abada.”
Ati dogoggora mataa keetiitiin dhaala ani siif kenne ni dhabda. Ani biyya ati hin beekne keessatti diinota keetiif sin garboomsa; ati dheekkamsa koo qabsiifteertaatii; innis bara baraan ni bobaʼa.”
5 Ga abin da Ubangiji yana cewa, “La’ananne ne mutumin da yake dogara ga mutum, wanda ya dogara ga jiki don ƙarfi wanda kuma zuciyarsa ta juya wa Ubangiji baya.
Waaqayyo akkana jedha: “Namni nama amanatu, kan jabina foonii irree isaa godhatu, kan garaan isaa Waaqayyo irraa garagalu abaaramaa dha.
6 Zai zama kamar ɗan kurmi a ƙasar da take kango; ba za su ga arziki sa’ad da ya zo ba. Za su zauna a busassun wuraren hamada, a cikin ƙasar gishiri inda ba kowa.
Inni akka daggala gammoojjii keessaa taʼa; yeroo wanni gaariin dhufutti hin argu. Inni gammoojjii keessaa iddoo gogaa biyya soogiddaa kan namni tokko iyyuu hin jiraanne keessa jiraata.
7 “Amma mai albarka ne mutumin da yake dogara ga Ubangiji, wanda ƙarfin halinsa yana daga Ubangiji.
“Namni Waaqayyoon amanatu, kan abdiin isaas isuma taʼe garuu eebbifamaa dha.
8 Za su zama kamar itacen da aka dasa kusa da ruwa wanda ya miƙa saiwoyinsa zuwa cikin rafi. Ba ya jin tsoro sa’ad da zafi ya zo; ganyayensa kullum kore suke. Ba shi da damuwa a shekarar fări ba ya taɓa fasa ba da’ya’ya.”
Inni akkuma muka qarqara bishaanii dhaabame, kan hidda isaa ededa lagaa irra yaafatuu taʼa. Yommuu hoʼi dhufu hin sodaatu; baalli isaa yeroo hunda lalisaa dha. Mukni sun bara hongee illee hin yaaddaʼu; ija naqachuus hin dhiisu.”
9 Zuciya ta fi kome ruɗu ta fi ƙarfin warkewa. Wa zai iya gane ta?
Garaan namaa waan hunda caalaa haxxee dha; garmalees hamaa dha. Eenyutu isa hubachuu dandaʼa?
10 “Ni Ubangiji nakan bincike zuciya in gwada tunani, don in sāka wa kowane mutum bisa ga halinsa, bisa ga ayyukansa.”
“Ani Waaqayyo nama hundaaf akkuma amala isaatti, akkuma waan hojii isaatiif maluutti gatii isaaf kennuuf garaa isaa nan sakattaʼa; qalbii isaas nan qora.”
11 Kamar makwarwar da ta kwanta a kan ƙwan da ba ita ta zuba ba haka yake da mutumin da ya sami arziki a hanyar da ba daidai ba. A tsakiyar rayuwarsa za su rabu da shi, a ƙarshe kuma zai zama wawa.
Namni karaa hin malleen badhaadhummaa walitti qabatu akkuma gogorrii hanqaaquu hin hanqaaqin hammattu ti. Walakkaa umurii isaatti badhaadhummaan sun isa dhiisee bada; dhuma irrattis gowwaa taʼuun isaa ni mirkaneeffama.
12 Kursiyi mai daraja, da aka ɗaukaka tun daga farko, shi ne wuri mai tsarkinmu.
Teessoon ulfina qabeessi durumaa jalqabee ol ol jedhu sun, iddoo qulqullummaa keenyaa ti.
13 Ya Ubangiji, sa zuciyar Isra’ila, duk waɗanda suka rabu da kai za su sha kunya. Waɗanda suka juya maka baya za a rubuta su a ƙura domin sun yashe Ubangiji, maɓulɓular ruwan rai.
Yaa Waaqayyo, abdii Israaʼel, warri si dhiisan hundi ni qaaneffamu. Warri sirraa garagalan biyyoo keessatti galmeeffamaniiru; isaan Waaqayyoon burqaa bishaan jireenyaa dhiisaniiruutii.
14 Ka warkar da ni, ya Ubangiji, zan kuwa warke; ka cece ni zan kuwa cetu, gama kai ne nake yabo.
Yaa Waaqayyo na fayyisi; anis nan fayyaa; na oolchi, anis nan oolfama; kan ani jajadhu sumaatii.
15 Sun riƙa ce mini, “Ina maganar Ubangiji take? Bari tă cika yanzu!”
Isaan ittuma fufanii, “Dubbiin Waaqayyoo eessa jira? Mee amma haa raawwatamu!” naan jedhu.
16 Ban gudu zaman mai yin maka kiwo ba; ka sani ban marmarin ranan nan ta masifa ba. Abin da ya fito daga leɓunana kuwa, a bayyane suke gare ka.
Ani tiksee taʼee si tajaajiluu irraa duubatti hin deebine; ati akka ani guyyaa badiisaa hin hawwine ni beekta. Wanni afaan kootii baʼu fuuluma kee dura jira.
17 Kada ka zama mini abin razana; kai ne mafakata a ranar masifa.
Ati na hin rifachiisin; guyyaa badiisaatti ati daʼoo koo ti.
18 Bari masu tsananta mini su sha kunya, amma ka kiyaye ni daga shan kunya; bari su tsorata, amma ka kiyaye ni da razana. Ka kawo musu ranar masifa; ka hallaka su da hallaka riɓi biyu.
Warri na adamsan haa qaaneffaman; ana garuu qaanii irraa na oolchi; isaan haa rifatan; ana garuu rifaatii irraa na eegi. Guyyaa badiisaa isaanitti fidi; badiisa dachaatiin isaan balleessi.
19 Ga abin da Ubangiji ya ce mini, “Ka je ka tsaya a ƙofar mutane, inda sarakunan Yahuda sukan shiga su fita; ka tsaya kuma a dukan sauran ƙofofin Urushalima.
Waaqayyo akkana naan jedhe: “Dhaqiitii karra uummataa karaa mootonni Yihuudaa ittiin seenanii baʼan dura dhaabadhu; akkasumas karrawwan Yerusaalem kaan hunda dura dhaabadhu.
20 Ka ce musu, ‘Ku ji maganar Ubangiji, ku sarakunan Yahuda, da dukan mutanen Yahuda da dukan mazaunan Urushalima waɗanda suke bi ta waɗannan ƙofofi.
Akkanas isaaniin jedhi; ‘Yaa mootota Yihuudaa, sabni Yihuudaa hundii fi namoonni Yerusaalem keessa jiraattan kanneen karra kanaan ol galtan hundi dubbii Waaqayyoo dhagaʼaa.
21 Ga abin da Ubangiji yana cewa, ku yi hankali kada ku ɗauki kaya a ranar Asabbaci ko ku shigar da shi ta ƙofofin Urushalima.
Waaqayyo akkana jedha: Akka guyyaa Sanbataatiin baʼaa hin baanne yookaan karrawwan Yerusaalemiin ol hin galchine of eeggadhaa.
22 Kada ku fitar da kayan gidajenku ko ku yi wani aiki a ranar Asabbaci mai tsarki, yadda na umarci kakanni-kakanninku.
Akkuma ani abbootii keessan ajajetti guyyaa Sanbataa kabajaa malee guyyaa Sanbataatiin mana keessanii baʼaa gad hin baasinaa yookaan hojii kam iyyuu hin hojjetinaa.
23 Duk da haka ba su saurara ba, ba su kuwa mai da hankali ba; suka taurare ba su kuwa saurara ko su karɓi horo ba.
Taʼus isaan hin dhaggeeffanne yookaan hin qalbeeffanne; garuu akka hin dhageenyee fi akka qajeelfama hin fudhanneef mataa jabaatan.
24 Amma in kuka yi hankali kuka yi mini biyayya, in ji Ubangiji, ba ku kuwa shigar da kaya ta ƙofofi a ranar Asabbaci ba, amma kuka kiyaye ranar Asabbaci da tsarki ba tare da yin wani aiki a cikinta ba,
Waaqayyo akkana jedha; yoo isin na dhageessanii guyyaa Sanbataatiin baʼaa tokko illee karrawwan magaalaa kanaatiin ol galchuu dhiiftanii qooda kanaa gaafas hojii kam iyyuu hojjechuu dhiisuudhaan guyyaa Sanbataa addaan baaftanii eegdan,
25 sa’an nan sarakuna da suke zama a kursiyin Dawuda za su shiga ta ƙofofin wannan birni tare da fadawansu. Su da fadawansu za su shiga a kan kekunan yaƙi da kuma a kan dawakai, mutanen Yahuda suna musu rakiya tare da waɗanda suke zaune a Urushalima, wannan birni kuwa za tă kasance da mazauna har abada.
mootonni teessoo Daawit irra taaʼan qondaaltota isaanii wajjin karrawwan magaalaa kanaatiin ol seenu. Isaanis qondaaltota isaanii wajjin gaariiwwanii fi fardeen yaabbatanii namoota Yihuudaatii fi warra Yerusaalem keessa jiraatan wajjin ni dhufu; magaalaan kunis magaalaa namni bara baraan keessa jiraatu ni taʼa.
26 Mutane za su zo daga garuruwan Yahuda da ƙauyukan kewaye da Urushalima, daga iyakar Benyamin da gindin tuddan yamma, daga ƙasar tudu da kuma Negeb, suna kawo hadayun ƙonawa da hadayun gari, sadakokin turare da na godiya zuwa gidan Ubangiji.
Namoonnis magaalaawwan Yihuudaatii fi gandoota naannoo Yerusaalemiitii, biyya Beniyaamiitii fi biyya gaara keessaatii, biyya gaaraatii fi Negeebii aarsaa gubamuu fi qalma, aarsaa midhaanii, ixaanaa fi aarsaa galataa fidanii gara mana Waaqayyoo ni dhufu.
27 Amma in ba ku yi mini biyayya ba, ba ku kiyaye ranar Asabbaci da tsarki ba, kuka ɗauki wani kaya yayinda kuke shiga ƙofofin Urushalima a ranar Asabbaci, to, sai in cinna wa ƙofofin Urushalima wutar da ba a iya kashewa, tă cinye kagaranta.’”
Yoo isin guyyaa Sanbataa addaan baaftanii eeguuf jettanii guyyaa Sanbataatiin baʼaa tokko iyyuu baattanii karrawwan Yerusaalemiin ol seenuu dhiisuudhaan anaaf ajajamuu baattan garuu ani ibidda hin dhaamne tokko karrawwan Yerusaalemitti nan qabsiisa; ibiddi sunis daʼannoowwan Yerusaalem gubee barbadeessa.’”

< Irmiya 17 >