< Ishaya 42 >

1 “Ga bawana, wanda na ɗaukaka, zaɓaɓɓen nan nawa wanda nake jin daɗi; Zan sa Ruhuna a cikinsa zai kuwa kawo adalci ga al’ummai.
“Tajaajilaan koo inni ani utubee dhaabu, filatamaan koo kan ani itti gammadu isa kana; ani Hafuura koo isa irra nan kaaʼa; inni sabootaaf murtii qajeelaa ni kenna.
2 Ba zai yi ihu ko ya tā da murya, ko ya daga muryarsa a tituna ba.
Inni hin wacu yookaan hin iyyu; yookaan daandii irratti sagalee isaa hin dhageessisu.
3 Iwan da ta tanƙware ba zai karye ba, ba zai kashe lagwani mai hayaƙi ba. Cikin aminci zai kawo adalci;
Shambaqqoo buruqe hin cabsu; foʼaa ibsaa kan seequs hin dhaamsu. Inni amanamummaadhaan murtii qajeelaa ni fida;
4 ba zai kāsa ko ya karai ba sai ya kafa adalci a duniya. Cikin dokarsa tsibirai za su sa zuciya.”
hamma murtii qajeelaa lafa irratti fidutti, inni hin dadhabu; abdiis hin kutatu. Biyyoonni bishaan gidduu seera isaa ni abdatu.”
5 Ga abin da Allah Ubangiji ya ce, shi da ya halicci sammai ya kuma miƙe su, wanda ya shimfiɗa duniya da dukan abin da ya fito cikinta, wanda ya ba wa mutanenta numfashi, da rai ga waɗanda suke tafiya a kanta.
Waaqayyo Waaqni samiiwwan uumee diriirse, inni lafaa fi wantoota ishee keessa jiran hunda hojjete, inni saba isheetiif hafuura baafatan kennee warra ishee irra jiraataniifis jireenya kenne sun akkana jedha:
6 “Ni Ubangiji, na kira ka cikin adalci; zan riƙe hannunka. Zan kiyaye ka in kuma sa ka zama alkawari ga mutane haske kuma ga Al’ummai,
“Ani Waaqayyo qajeelummaadhaan si waameera; harka kees nan qaba. Ani si eegee sabootaaf kakuu, Namoota Ormaatiif immoo ifa sin taasisa;
7 don ka buɗe idanun makafi ka’yantar da kamammu daga kurkuku kuma kunce ɗaurarrun kurkuku masu zama cikin duhu.
atis ija jaamotaa ni banta; mana hidhaatii boojiʼamtoota ni hiikta; warra dukkana keessa jiraatanis hidhaadhaa ni baafta.
8 “Ni ne Ubangiji; sunana ke nan! Ba zan ba da ɗaukakata ga wani ba ko yabona ga gumaka.
“Ani Waaqayyo; maqaan koos kanaa dha! Ani ulfina koo kan biraatiif, galata koos waaqota tolfamoof dabarsee hin kennu.
9 Duba, abubuwan da sun tabbata, sababbin abubuwa kuwa nake furtawa; kafin ma su soma faruwa na sanar da su gare ku.”
Kunoo wanni duraanii raawwatameera; anis waan haaraa nan dubbadha; utuu isaan hin biqilin, ani waaʼee isaanii sitti nan odeessa.”
10 Ku rera sabuwar waƙa ga Ubangiji, ku yi yabonsa daga iyakar duniya, ku da kuka gangara zuwa teku, da kome da yake cikinsa, ku tsibirai, da waɗanda suke zama a cikinsu.
Isin warri galaana buutanii fi wantoonni achi keessa jiraattan hundi, biyyoonni bishaan gidduu fi warri achi keessa jiraattan hundi, faarfannaa haaraa Waaqayyoof faarfadhaa; handaara lafaatiis galata isaa faarfadhaa.
11 Bari hamada da garuruwanta su tā da muryoyinsu; bari wuraren zaman da Kedar ke zama su yi farin ciki. Bari mutanen Sela su rera don farin ciki; bari su yi sowa daga ƙwanƙolin duwatsu.
Gammoojjii fi magaalaawwan ishee sagalee isaanii ol haa fudhatan; gandoonni Qeedaar keessa jiraatan haa gammadan. Namoonni Seelaa gammachuudhaan haa faarfatan; fiixee tulluuwwanii irraa haa iyyan.
12 Bari su ɗaukaka Ubangiji su kuma yi shelar yabonsa a tsibirai.
Isaan Waaqayyoof ulfina haa kennan; biyyoota bishaan gidduu keessattis galata isaa haa labsan.
13 Ubangiji zai fita ya yi yaƙi kamar mai ƙarfi, kamar jarumi zai yi himma; da ihu zai tā da kirarin yaƙi zai kuma yi nasara a kan abokan gābansa.
Waaqayyo akka nama jabaa tokkootti ni duula; akka goota tokkoottis onnee isaa kakaasa; sagalee ol fudhatees ni dhaadata; diinota isaa irrattis ol aantummaa argata.
14 “Na daɗe ina shiru, na yi shiru na kuma ƙame kaina. Amma yanzu, kamar mace mai naƙuda, na yi ƙara, ina nishi ina kuma haki.
“Ani yeroo dheeraaf calʼiseera; ani afaan qabadhee of dhowweera. Amma garuu akka dubartii ciniinsuun qabeetti nan iyya; nan argana; hafuurris na cita.
15 Zan lalatar da duwatsu da tuddai in busar da dukan itatuwansu; zan mai da koguna su zama tsibirai in kuma busar da tafkuna.
Ani tulluuwwanii fi gaarran nan onsa; biqiltuuwwan isaanii hundas nan gogsa; ani lageen biyyoota bishaan gidduutti nan geeddara; haroowwanis nan gogsa.
16 Zan yi wa makafi jagora a hanyoyin da ba su taɓa sani ba, a hanyoyin da ba a saba ba zan bishe su; zan mai da duhu ya zama haske a gabansu in kuma mai da ƙasa mai kururrumai ta zama sumul. Abubuwan da zan yi ke nan; ba zan yashe su ba.
Ani jaamota karaa isaan hin beekne irra nan qajeelcha; daandii duraan hin beekamin irra nan deemsisa; ani dukkana fuula isaanii dura jiru ifatti nan geeddara; lafa buʼaa bayiis wal nan qixxeessa. Wanni ani hojjedhu kanneenii dha; ani isaan hin dhiisu.
17 Amma waɗanda suka dogara ga gumaka, waɗanda suke ce wa siffofi, ‘Ku ne allolinmu,’ za a mai da su baya da kunya.
Warri waaqota tolfamoo amanatan, kanneen fakkiiwwaniin, ‘Isin waaqota keenya’ jedhan garuu duubatti deebiʼu; ni salphatus.
18 “Ka ji, kai kurma; duba, kai makaho, ka kuma gani!
“Isin duudota nana, dhagaʼaa; jaamota nana, ilaalaa; argaas!
19 Wane ne makaho in ba bawana ba, da kuma kurma in ba ɗan aikan da na aika ba? Wane ne makaho kamar wanda ya miƙa kai gare ni, makaho kamar bawan Ubangiji?
Tajaajilaa koo malee jaamaan eenyu? Duudaan akka ergamaa ani ergu sanaas eenyu? Jaamaan akka nama anaaf of kennee, jaamaan akka Garbicha Waaqayyoo eenyu?
20 Kun ga abubuwa masu yawa, amma ba ku kula ba; kunnuwanku suna a buɗe, amma ba kwa jin wani abu.”
Ati waan baayʼee argite; garuu hin qalbeeffanne; gurri kee banaa dha; garuu ati waan tokko iyyuu hin dhageessu.”
21 Yakan gamsar da Ubangiji saboda adalcinsa ya sa dokarsa ta zama mai girma da kuma mai ɗaukaka.
Waaʼee qajeelummaa isaatiif jedhee seera isaa guddisuu fi ulfina qabeessa gochuun Waaqayyoon gammachiiseera.
22 Amma ga mutanen da aka washe aka kuma kwashe ganima, an yi wa dukansu tarko a cikin rammuka ko kuma an ɓoye su cikin kurkuku. Sun zama ganima, babu wani da zai kuɓutar da su; an mai da su ganima, ba wanda zai ce, “Mayar da su.”
Sabni kun garuu saba saamamee boojiʼamee dha; hundii isaanii boolla keessatti kiyyoodhaan qabamaniiru; mana hidhaa keessas dhokfamaniiru. Isaan fudhatamaniiru; kan isaan baraarus hin jiru; isaan boojiʼamaniiru; namni, “Isaan deebisaa” jedhus hin jiru.
23 Wane ne a cikinku zai saurari wannan ko ya kasa kunne sosai a cikin kwanaki masu zuwa?
Isin keessaa eenyutu waan kana dhaggeeffata? Bara dhufuuf jiru keessas eenyutu qalbeeffatee dhagaʼa?
24 Wa ya ba da Yaƙub don yă zama ganima Isra’ila kuma ga masu kwasar ganima? Ba Ubangiji ba ne, wanda kuka yi wa zunubi? Gama ba su bi hanyoyinsa ba; ba su yi biyayya da dokarsa ba.
Eenyutu Yaaqoobin boojuuf, Israaʼelinis saamtotatti dabarsee kenne? Kan nu cubbuu itti hojjenne, Waaqayyo mitii? Isaan sababii karaa isaa duukaa hin buuneef, seera isaatiif hin ajajamne.
25 Saboda haka ya zuba musu zafin fushinsa, yaƙi mai tsanani. Ya rufe su cikin harsunan wuta, duk da haka ba su gane ba; ya cinye su, amma ba su koyi kome ba.
Kanaafuu inni dheekkamsa isaa bobaʼaa sana, waraana hamaas isaanitti erge. Arraba ibiddaatiin isaan marse; isaan garuu hin hubanne; ibiddi sunis isaan gube; isaan garuu hin qalbeeffanne.

< Ishaya 42 >