< Ishaya 41 >

1 “Ku yi shiru a gabana, ku tsibirai! Bari al’ummai su sabunta ƙarfinsu! Bari su zo gaba su yi magana; bari mu sadu a wurin shari’a.
Waaqayyo akkana jedha; “Yaa biyyoota bishaan gidduu, fuula koo duratti calʼisaa! Saboonni jabina isaanii haa haaromfatan! Isaan fuula duratti baʼanii haa dubbatan; walii wajjin murtiidhaaf haa dhiʼaannu.
2 “Wa ya zuga wannan daga gabas, yana kiransa cikin adalci ga yin hidima? Ya miƙa masa al’ummai ya kuma yi nasara da sarakuna a gabansa. Ya mai da su ƙura da takobinsa, zuwa inda iska ke hurawa ta wurin bugun da ya yi musu.
“Kan baʼa biiftuutii nama tokko kakaasee qajeelummaadhaan tajaajila isaatiif isa waame eenyu? Inni saboota dabarsee harka isaatti kenna; moototas isa jalatti bulcha. Inni goraadee isaatiin daaraa, xiyya isaatiinis habaqii bubbeedhaan bittinnaaʼu isaan godha.
3 Ya fafare su ya kuma yi tafiyarsa lafiya ƙalau, a hanyar da ƙafafunsa ba su taɓa bi ba.
Inni isaan ariʼee, daandii miilli isaa irra deemee hin beekne irra nagaan darba.
4 Wane ne ya taɓa yin haka ya kuma sa ya faru, yana kira ga tsararraki daga farko? Ni, Ubangiji ina can tun farkonsu ni kuma ina can har ƙarshe, Ni ne shi.”
Jalqabaa kaasee dhaloota waamee waan kana kan tolchee fi hojjete eenyu? Ani Waaqayyo isa duraa ti; isa dhumaatiifis ani isuma.”
5 Tsibirai sun gan shi suka kuma ji tsoro; iyakokin duniya sun yi rawar jiki. Suka kusato suka kuma zo gaba;
Biyyoonni bishaan gidduu arganii sodaatu; daariiwwan lafaa ni hollatu. Isaanis ni dhiʼaatu; gara fuula duraattis dhufu;
6 kowa na taimakon wani yana ce wa ɗan’uwansa, “Ka ƙarfafa!”
tokkoon tokkoon namaa wal gargaara; obboleessa isaatiinis, “Jabaadhu!” jedha.
7 Masassaƙi yakan ƙarfafa maƙerin zinariya, kuma shi mai gyara da guduma ya yi sumul yakan ƙarfafa mai harhaɗawa. Ya ce game da haɗin, “Ya yi kyau.” Yakan buga ƙusoshi su riƙe gunkin don kada yă fāɗi.
Tumtuun sibiilaa tumtuu warqee ni jajjabeessa; inni burruusaan wal qixxeessus, isa gemmoo irratti sibiila tumu jajjabeessa. Waaʼee sibiila walitti baqsuu, “Wanni kun gaarii dha” jedha. Akka inni hin sochooneefis Waaqa tolfamaa sana mismaaraan walitti qabsiisa.
8 “Amma kai, ya Isra’ila, bawana, Yaƙub, wanda na zaɓa, zuriyar Ibrahim abokina,
“Ati garuu, yaa garbicha koo Israaʼel, yaa Yaaqoob kan ani filadhe, sanyii Abrahaam michuu kootii,
9 na ɗauke ka daga iyakar duniya, daga kusurwoyi masu nesa na kira ka. Na ce, ‘Kai bawana ne’; na zaɓe ka ban kuwa ƙi ka ba.
ani handaara lafaatii si fudhadhe; golee fagoodhaan si waammadhe. Ani, ‘Ati garbicha koo ti’ siin jedhe; ani si filadheera; si hin gannes,
10 Saboda haka kada ka ji tsoro, gama ina tare da kai; kada ka karai, gama ni ne Allahnka. Zan ƙarfafa ka in kuma taimake ka; zan riƙe ka da hannun damana mai adalci.
Kanaafuu ati hin sodaatin; ani si wajjin jiraatii; hin raafamin; ani Waaqa keetii. Ani sin jabeessa; sin gargaaras; ani harka koo mirgaa qajeelaa sanaan hirkisee ol sin qaba.
11 “Duk wanda ya yi fushi da kai tabbatacce zai sha kunya da ƙasƙanci; waɗanda suka yi hamayya da kai za su zama kamar ba kome ba su kuma hallaka.
“Kunoo, warri sitti aaran hundi, ni qaanaʼu; ni salphatus; warri siin morman akka waan hin jirree taʼu; ni badus.
12 Ko ka nemi abokan gābanka, ba za ka same su ba. Waɗanda suke yaƙi da kai za su zama kamar ba kome ba.
Ati diinota kee barbaadduu iyyuu, isaan hin argattu. Warri waraana sitti banan, guutumaan guutuutti akka waan hin jirree taʼan.
13 Gama ni ne Ubangiji Allahnka, wanda ya riƙe ka da hannun damana ya kuma ce maka, Kada ka ji tsoro; zan taimake ka.
Ani Waaqayyo Waaqni kee harka kee mirgaa nan qabaatii; inni, ‘Hin sodaatin; ani sin gargaaraa’ siin jedhus anuma.
14 Kada ka ji tsoro, ya Yaƙub marar ƙarfi, ya ƙaramin Isra’ila, gama ni kaina zan taimake ka,” in ji Ubangiji, Mai Fansarka, Mai Tsarkin nan na Isra’ila.
Yaa Yaaqoob raammoo nana, Yaa Israaʼel xinnoo nana hin sodaatin; ani mataan koo sin gargaaraatii” jedha Waaqayyo, Furaan kee, Qulqullichi Israaʼel sun.
15 “Duba, zan sa ka cikin abin sussuka, saboda kuma mai kaifi mai haƙora da yawa. Za ka yi sussukar duwatsu ka ragargaza su, ka kuma farfashe tuddai su zama kamar yayi.
“Ani kunoo, meeshaa ittiin midhaan dhaʼan, meeshaa haaraa fi qaramaa kan ilkaan baayʼee qabu sin taasisa. Ati tulluuwwan dhooftee caccabsita; gaarran immoo akka habaqii goota.
16 Za ka tankaɗe su, iska kuma ta kwashe su, guguwa kuma za tă warwatsa su. Amma za ka yi farin ciki a cikin Ubangiji ka kuma ɗaukaka a cikin Mai Tsarkin nan na Isra’ila.
Ati jara ni afarsita; qilleensis ol isaan fudhata; bubbeen jabaan isaan bittinneessa. Ati garuu Waaqayyotti ni gammadda; Qulqullicha Israaʼelinis ulfina argatta.
17 “Matalauta da mabukata suna neman ruwa, amma babu kome; harsunansu sun bushe saboda ƙishi. Amma Ni Ubangiji zan amsa musu; Ni, Allah na Isra’ila, ba zan yashe su ba.
“Hiyyeeyyii fi rakkattoonni bishaan barbaadu; garuu homaa hin argatan; arrabni isaanii dheebuudhaan goggogeera. Ani Waaqayyo garuu deebii nan kennaaf; ani Waaqni Israaʼel jara hin gatu.
18 Zan sa koguna su malalo a ƙeƙasassun tuddai, maɓulɓulan ruwa kuma a kwaruruka. Zan mai da hamada tafkunan ruwa, busasshiyar ƙasa kuma ta zama maɓulɓulan ruwa.
Lafa ol kaʼaa qullaa irra lageen nan yaasa; sululoota keessa immoo burqaa nan burqisiisa. Gammoojjii haroo bishaaniitti, lafa goges burqaa bishaaniitti nan geeddara.
19 Zan sa a hamada ta tsiro da al’ul da itacen ƙirya, da itacen ci-zaƙi, da zaitun. Zan sa itace mai girma a ƙasashe masu sanyi ya tsiro a ƙeƙasasshiyar ƙasa, tare da fir da kuma saifires,
Gammoojjii keessatti gaattiraa, laaftoo, kusaayee fi ejersa nan biqilcha. Lafa onaa keessatti immoo, Birbirsa, qararoo fi hadheessa wal faana nan dhaaba.
20 don mutane su gani su kuma sani, su lura su kuma fahimci, cewa hannun Ubangiji ne ya aikata haka, cewa Mai Tsarkin nan na Isra’ila ya sa abin ya faru.
Kunis akka namoonni akka harki Waaqayyoo waan kana hojjete, akka Qulqullichi Israaʼel waan kana uume arganii beekaniif, akkasumas akka hundi isaanii waan kana qalbeeffatanii hubataniif.
21 “Ka gabatar da damuwarka,” in ji Ubangiji. “Ka kawo gardandaminka,” in ji Sarki na Yaƙub.
“Dhimma keessan dhiʼeeffadhaa” jedha Waaqayyo; “Ragaa keessan fidadhaa” jedha mootiin Yaaqoob.
22 “Ka shigar da gumakanka don su faɗa mana abin da zai faru. Faɗa mana abubuwan da suka riga suka faru, domin mu lura da su mu kuma san abin da zai faru a ƙarshe. Ko kuwa ku furta mana abubuwan da za su faru,
“Akka isaan waan taʼuuf jiru nutti himaniif, waaqota keessan tolfamoo fidadhaa. Akka nu isaan hubannee waan isaan dhuma irratti taʼan beeknuuf, wantoonni bara dur maal akka turan nutti himaa. Yookaan wantoota dhufuuf jiran nutti odeessaa;
23 faɗa mana abin da nan gaba ta ƙunsa, don mu san cewa ku alloli ne. Ku yi wani abu, mai kyau ko mummuna, don mu ji tsoro da fargaba.
akka nu akka isin waaqota taatan beeknuuf, waan fuul duratti taʼuuf jiru nutti himaa. Akka nu rifannee sodaan guutamnuuf, waan gaarii yookaan waan hamaa hojjedhaa.
24 Amma ku ba kome ba ne kuma ayyukanku banza da wofi ne; duk wanda ya zaɓe ku abin ƙyama ne.
Kunoo isin wayittuu hin hedamtan; hojiin keessanis gonkumaa gatii hin qabu; kan isin filatu kam iyyuu jibbisiisaa dha.
25 “Na zuga wani daga arewa, ya kuwa zo, wani daga inda rana ke fitowa wanda yake kira bisa sunana. Yana takawa a kan masu mulki kamar da taɓarya, sai ka ce maginin tukwane yana taka laka.
“Ani nama tokko kaabaa nan kaase; innis dhufa; inni baʼa biiftuutii dhufus maqaa koo ni waammata. Inni akkuma suphee dhooftuun suphee dhidhiitu sana, bulchitoota akka dhoqqeetti dhidhiita.
26 Wa ya faɗi wannan tun daga farko, don mu sani, ko kafin ya faru, don mu ce, ‘Ya faɗi daidai’? Ba wanda ya faɗa wannan, ba wanda ya riga faɗe shi, ba wanda ya ji wata magana daga gare ku.
Akka nu beekuu dandeenyuuf eenyutu jalqabumaa kaasee waan kana dubbate? Yookaan akka nu, ‘Inni sirrii dha’ jechuu dandeenyuuf eenyutu duraan dursee waan kana dubbate? Eenyu iyyuu waan kana hin himne; namni tokko iyyuu duraan dursee hin himne; namni tokko iyyuu dubbii keessan hin dhageenye.
27 Ni ne na farkon da ya ce wa Sihiyona, ‘Duba, ga su nan!’ Na ba wa Urushalima saƙon labari mai daɗi.
Namni jalqabatti, ‘Kunoo isaan as jiru!’ jedhee Xiyoonitti hime ana ture. Ani nama oduu gaarii himu tokko Yerusaalemiif kenneera.
28 Na duba amma ba kowa ba wani a cikinsu da zai ba da shawara, ba wani da zai ba da amsa sa’ad da na tambaye su.
Ani nan ilaale; garuu homtuu hin turre; isaan keessaa namni gorsa kennu tokko iyyuu hin jiru; yommuu ani isaan gaafadhus namni deebii kennu tokko iyyuu hin jiru.
29 Duba, dukansu masu ƙarya ne! Ayyukansu ba su da riba; siffofinsu iska ne kawai da ruɗami.
Kunoo, hundi isaanii faayidaa hin qaban! Hojiin isaaniis gatii hin qabu; fakkiiwwan isaaniis qilleensuma duwwaa dha.

< Ishaya 41 >