< Ishaya 33 >

1 Kaitonka, ya kai mai hallakarwa, kai da ba a hallakar da kai ba! Kaitonka, ya maciya amana, kai da ba a ci amanarka ba! Sa’ad da ka daina hallakarwa, za a hallaka ka; sa’ad da ka daina cin amana, za a ci amanarka.
Yaa barbadeessaa, ati kan hin barbadeeffamin siif wayyoo! Yaa gantuu, ati kan hin ganamin siif wayyoo! Ati yommuu barbadeessuu dhiiftutti ni barbadeeffamta; yommuu ganuu dhiiftuttis ni ganamta.
2 Ya Ubangiji, ka yi mana jinƙai; muna marmarinka. Ka zama ƙarfinmu kowace safiya, cetonmu a lokacin damuwa.
Yaa Waaqayyo, nu maari; nu si eeggannaa. Ati ganama ganama jabina keenya, yeroo dhiphinaatti immoo fayyina keenya nuuf taʼi.
3 Da tsawar muryarka, mutane za su gudu; sa’ad da ka tashi, al’ummai za su watse.
Sagalee kakawwee keetiitiin, namoonni baqatu; yeroo ati ol kaatutti, saboonni ni bittinnaaʼu.
4 Ganimarku, ya al’ummai ƙanana fāri sun girbe; kamar tarin fārin da mutane sun fāɗa wa.
Yaa saboota, akkuma hawwaannisni walitti qabamu sana boojuun keessan walitti qabama; namoonnis akkuma tuuta hawwaannisaa irra uʼutaalu.
5 Ubangiji da girma yake, gama yana zaune a bisa; zai cika Sihiyona cikin gaskiya da adalci.
Waaqayyo ol ol jedha; inni ol gubbaa jiraataatii; inni murtii qajeelaa fi qajeelummaadhaan Xiyoonin guuta.
6 Zai zama tabbataccen harsashi na koyaushe, ma’ajin ceto da hikima da sani a yalwace; tsoron Ubangiji shi ne mabuɗin wannan dukiya.
Inni bara keetiif hundee amansiisaa, kuusaa fayyinaa, kan ogummaatii fi kan beekumsaa taʼa; Waaqayyoon sodaachuun furtuu badhaadhummaa kanaa ti.
7 Duba, jarumawansu suna kuka da ƙarfi a tituna; jakadun salama suna kuka mai zafi.
Kunoo gootonni isaanii sagalee ol fudhatanii daandii irratti iyyu; ergamoonni nagaas hiqqifatanii booʼu.
8 An gudu an bar manyan hanyoyi, babu matafiye a kan hanyoyi. Aka keta yarjejjeniya, an rena shaidunsa ba a kuwa ganin girman kowa.
Karaawwan gurguddaan onaniiru; namni karaa irra deemu hin jiru. Walii galteen diigameera; dhuga baatonni ishee tuffatamaniiru; namni tokko iyyuu hin kabajamu.
9 Ƙasa tana kuka an kuma gudu an bar ta, Lebanon ta sha kunya ta kuma yanƙwane; Sharon ta zama kamar Araba, Bashan da Karmel sun kakkaɓe ganyayensu.
Lafti ni boossi; ni barbadoofti; Libaanoon ni qaanofti; ni coollagdi; Shaaroon akka gammoojjii taati; Baashaanii fi Qarmeloos baala isaanii harcaafatu.
10 “Yanzu zan tashi,” in ji Ubangiji. “Yanzu ne za a ɗaukaka ni; yanzu za a ɗaga ni sama.
Waaqayyo akkana jedha; “Ani amma nan kaʼa; ani amma ol ol nan jedha; ani amma nan kabajama.
11 Kun yi cikin yayi, kuka haifi kara; numfashinku wuta ne da zai cinye ku.
Isin habaqii ulfooftu; cidii deessu; hafuurri isin baafattan ibidda gubee isin fixuu dha.
12 Za a ƙone mutane kamar da ƙuna farar ƙasa; kamar ƙayayyuwan da aka sare aka kuma sa musu wuta.”
Namoonni akkuma nooraa gubamu; akkuma qoraattii cirameettis ibiddi itti qabsiifama.”
13 Ku da kuke da nesa, ku ji abin da na yi; ku da kuke kusa, ku san ikona!
Isin warri fagoo jirtan waan ani hojjedhe dhagaʼaa; warri dhiʼoo jirtanis humna koo beekaa!
14 Masu zunubi a Sihiyona sun firgita; rawar jiki ya kama marasa sanin Allah suna cewa, “Wane ne a cikinmu zai iya zama da wuta mai ci? Wane ne a cikinmu zai iya zama da madawwamiyar ƙonewa?”
Cubbamoonni Xiyoon keessaa ni sodaatu; warri Waaqatti hin bulles hollachaa, “Nu keessaa eenyutu ibidda waa balleessu wajjin jiraachuu dandaʼa? Nu keessaa eenyutu ibidda bara baraan hin dhaamne wajjin jiraachuu dandaʼa?” jedhu.
15 Shi da yake tafiya cikin adalci yana kuma magana abin da yake daidai, wanda yake ƙin riba daga cuta yana kuma kiyaye hannunsa daga karɓan cin hanci, wanda yake hana kunnuwansa daga ƙulla kisa ya kuma rufe idanunsa a kan tunanin aikata mugunta,
Namni qajeelummaan jiraatee dhugaa dubbatu, kan faayidaa karaa dabaatiin argamu lagatee harka isaa mattaʼaa fudhachuu irraa eeggatu, namni marii nama ajjeesuu irraa gurra isaa cuqqaallatee jalʼina ilaaluu irraa ija isaa dunuunfatu,
16 shi ne mutumin da zai zauna a bisa, wanda mafakarsa za tă zama kagarar dutse. Za a tanada abincinsa, kuma ruwa ba zai kāsa masa ba.
iddoo ol kaʼaa irra jiraata; daʼannoon isaas kattaa jabaa taʼa. Buddeenni isaaf ni kennama; bishaanis isatti hin hirʼatu.
17 Idanunku za su ga sarki a cikin kyansa ku kuma hangi ƙasar da take shimfiɗe can da nisa.
Iji kee mooticha miidhagummaa isaatiin arga; biyya fagoo jirtu illee ni ilaala.
18 Cikin tunaninku za ku yi tunani firgitar da ta faru tun dā kuna cewa, “Ina hafsan nan? Ina wannan wanda yake karɓar haraji? Ina hafsan da yake lura da hasumiyoyi?”
Atis akkana jettee garaa keetti raafama durii sana yaadda: “Ajajaan ol aanaan sun eessa jira? Namichi gibira fuudhu sun eessa jira? Ajajaan itti gaafatamaan gamoowwanii eessa jira?”
19 Ba za ku ƙara ganin waɗannan mutane masu girman kai kuma ba, waɗannan mutane masu magana da harshen da ba ku fahimta ba.
Ati siʼachi saba hamaa, kan haasaan isaa namaaf hin galle, kan afaan isaa haaraa taʼee fi hin hubatamne hin argitu.
20 Ku duba Sihiyona, birnin shagulgulanmu; idanunku za su ga Urushalima, mazauni mai lafiya, tentin da ba za a taɓa gusar ba; wanda ba a taɓa tumɓuke turakunsa ba, ko a tsinke igiyoyinta.
Xiyoon, magaalaa ayyaana keenyaa hubadhuu ilaali; iji kee Yerusaalemin, iddoo jireenyaa nagaa qabu, dunkaana hin buqqifamne arga; qofoon ishee hin buqqifamu; yookaan funyoon ishee tokko iyyuu hin citu.
21 A can Ubangiji zai zama Mai Iko Duka namu. Zai zama kamar inda manyan koguna da rafuffuka suke. Matuƙan jirgin ruwa ba za su kai wurinsu ba, manyan jiragen ruwa ba za su yi zirga-zirga a kansu ba.
Waaqayyo achitti Humna keenya taʼa. Iddoon sunis akkuma lageen gurguddaatii fi burqaawwanii taʼa. Dooniin waraanaa kan batoodhaan oofamu tokko iyyuu isaan irra hin deemu; dooniin jabaan tokko iyyuu isaan irra hin qaxxaamuru.
22 Gama Ubangiji ne alƙalinmu, Ubangiji ne mai ba mu dokoki, Ubangiji ne sarkinmu; shi ne wanda zai cece mu.
Waaqayyo abbaa murtii keenyaatii; Waaqayyo seera nuuf kenna; Waaqayyo mootii keenya; inni nu fayyisa.
23 Maɗaurinku sun kunce ƙarfafan itacen jirgin ba su da kāriya, fikafikan jirgin ba su buɗu ba. Ta haka za a raba yalwar ganima har ma guragu za su kwashe ganimar.
Funyoon kee laafeera; utubaan isaa jabaatee hin dhaabamne; sharaanis hin diriirfamne. Ergasii boojuun baayʼeen ni qoodama; okkolaan iyyuu boojuu ni fudhata.
24 Ba wani mazauna a Sihiyona da zai ce, “Ina ciwo”; za a kuma gafarta zunuban waɗanda suke zama a can.
Namni Xiyoon keessa jiraatu kam iyyuu, “Na dhukkuba” hin jedhu; cubbuun warra achi jiraatanis ni dhiifamaaf.

< Ishaya 33 >