< Ishaya 25 >
1 Ya Ubangiji, kai ne Allahna; zan ɗaukaka ka in kuma yabi sunanka, gama cikin cikakken aminci ka yi abubuwa masu banmamaki, abubuwan da aka shirya tun da.
Yaa Waaqayyo, ati Waaqa koo ti; waan ati amanamummaa kee kan mudaa hin qabneen wantoota dinqisiisoo bara dheeraan dura karoorfame hojjetteef, ani ulfina siif nan kenna; maqaa kees nan leellisa.
2 Ka mai da birnin tsibin tarkace, ka lalatar da gari mai katanga, birnin baƙi mai ƙarfi, ta ɓace; ba za a ƙara gina ta ba.
Ati magaalaa sana tuullaa dhagaa, magaalaa dallaa jajjabaa qabdu immoo diigamaa goote; magaalaan daʼannoo Namoota Ormaa turte sun siʼachi hin jiraattu; isheen gonkumaa deebitee hin ijaaramtu.
3 Saboda haka mutane masu ƙarfi za su girmama ka; biranen mugayen al’ummai za su ji tsoronka.
Kanaafuu namoonni jajjaboon si kabaju; magaalaawwan saboota gara jabeeyyii si sodaatu.
4 Kai ka zama mafakar matalauta, mafaka don mabukata cikin damuwa, wurin ɓuya daga hadari, inuwa kuma daga zafin rana. Gama numfashin mugaye yana kamar da hadari mai bugun bango
Ati hiyyeeyyiif lafa itti baqatan, rakkataaf immoo dhiphina isaa keessatti daʼoo, bubbee hamaa jalaa iddoo itti baqatu, hoʼa jalaa immoo iddoo itti qabbaneeffatu turte. Hafuurri gara jabeeyyiin baafatan, akkuma bubbee hamaa dallaa dhagaa dhaʼuutii fi
5 kuma kamar zafin hamada. Ka kwantar da hayaniyar baƙi; kamar yadda inuwar girgije kan rage zafin rana, haka ake kwantar da waƙar mugaye.
akkuma hoʼa gammoojjii ti. Ati waca alagootaa ni calʼisiifta; akkuma hoʼi gaaddisa duumessaatiin qabbanaaʼu sana, sirbi gara jabeeyyiis ni qabbanaaʼa.
6 A kan wannan dutse Ubangiji Maɗaukaki zai shirya bikin abinci mai kyau don dukan mutane, liyafar ajiyayyen ruwan inabi da nama mafi kyau da ruwan inabi mafi kyau.
Waaqayyoon Waan Hunda Dandaʼu tulluu kana irratti uummata hundaaf cidha nyaata gaarii, affeerraa daadhii wayinii gogee, foon coomaa fi daadhii wayinii filatamaa ni qopheessa.
7 A wannan dutse zai kawar da baƙin cikin da ya lulluɓe dukan mutane, ƙyallen da ya rufe dukan al’ummai;
Inni tulluu kana irratti, haguuggii uummata hundatti haguugame, golgaa saba hundatti golgame ni balleessa;
8 zai haɗiye mutuwa har abada. Ubangiji Mai Iko Duka zai share hawaye daga dukan fuskoki; zai kawar da kunyar mutanensa daga dukan duniya. Ubangiji ne ya faɗa.
inni bara baraan duʼa ni liqimsa. Waaqayyo Gooftaan fuula hunda irraa imimmaan ni haqa; inni lafa hunda irratti salphina saba isaa ni balleessa. Waaqayyo waan kana dubbateeraatii.
9 A wannan rana za su ce, “Tabbatacce wannan shi ne Allah; mun dogara a gare shi, ya kuma cece mu. Wannan shi ne Ubangiji, mun dogara a gare shi; bari mu yi murna mu kuma yi farin ciki a cikin cetonsa.”
Isaan gaafas akkana jedhu; “Dhugumaan kun Waaqa keenya; nu isa amananne; innis nu oolche. Kun Waaqayyoo dha; nu isa amananne; kottaa fayyisuu isaatti gammannaa; ni ililchinas.”
10 Hannun Ubangiji zai zauna a kan wannan dutse; amma za a tattake Mowab a ƙarƙashinsa kamar yadda ake tattaka kara a cikin taki.
Harki Waaqayyoo tulluu kana irra ni boqota; Moʼaab garuu akkuma cidiin dikee keessatti dhidhiitamu sana isa jalatti dhidhiitama.
11 Za su buɗe hannuwansa a cikinsa, yadda mai iyo kan buɗe hannuwansa don yă yi iyo. Allah ya ƙasƙantar da girmankansu duk da wayon hannuwansu.
Innis akkuma namni bishaan daaku tokko daakuuf harka balʼifatu sana, gaara sana irratti harka isaa ni balʼifata. Waaqnis of tuulummaa isaanii, ogummaa harka isaanii wajjin gad deebisa.
12 Zai rurrushe manyan katangar kagaru ya kuma ƙasƙantar da su; zai rushe su har ƙasa, su zama ƙura.
Inni dallaa kee ol dheeraa dhagaan ijaarame sana, akka inni duufu godha; lafatti gad jigsees biyyootti dabala.