< Hosiya 1 >

1 Maganar Ubangiji da ta zo wa Hosiya ɗan Beyeri a zamanin mulkin Uzziya, Yotam, Ahaz da Hezekiya, sarakunan Yahuda, da zamanin mulkin Yerobowam ɗan Yowash sarkin Isra’ila.
Dubbiin Waaqayyoo kan bara Uziyaan, Yootaam, Aahaaziitii fi Hisqiyaas mootota Yihuudaa keessa, akkasumas bara Yerobiʼaam ilma Yooʼaash mooticha Israaʼel keessa gara Hooseʼaa ilma Biʼeer dhufe kanaa dha:
2 Sa’ad da Ubangiji ya fara magana ta wurin Hosiya, Ubangiji ya ce masa, “Ka tafi, ka auro wa kanka mazinaciya da’ya’yan da aka haifa ta hanyar rashin aminci, domin ƙasar tana da laifin mummunan zina ta wurin rabuwa da Ubangiji.”
Yeroo Waaqayyo karaa Hooseʼaatiin dubbachuu jalqabetti Waaqayyo akkana isaan jedhe; “Sababii biyyattiin Waaqayyo irraa gortee yakka sagaagalummaa guddaa isaa hojjetteef ati dhaqiitii niitii sagaagaltuu fi ijoollee hin amanamne ofii keetiif fudhadhu.”
3 Saboda haka sai ya auri Gomer’yar Dibilayim, ta kuwa yi ciki ta haifi ɗa namiji.
Kanaafuu inni dhaqee Goomer intala Diblaayiim fuudhe; isheenis ulfooftee ilma deesseef.
4 Sai Ubangiji ya ce wa Hosiya, “Ka ba shi suna Yezireyel, domin ba da daɗewa ba zan hukunta gidan Yehu saboda kisan da aka yi a Yezireyel, zan kuma kawo ƙarshen mulkin Isra’ila.
Kana irratti Waaqayyo Hooseʼaatiin akkana jedhe; “Ani sababii dhiiga Yizriʼeel keessatti dhangalaʼe sanaatiif dafee mana Yehuu waanan adabuuf Yizriʼeel jedhii isa moggaasi; ani mootummaa Israaʼel nan balleessa.
5 A wannan rana zan karye ƙarfin Isra’ila a Kwarin Yezireyel.”
Gaafas ani Sulula Yizriʼeel keessatti iddaa Israaʼel nan cabsa.”
6 Gomer ta sāke ɗauki ciki ta kuma haifi’ya mace. Sai Ubangiji ya ce wa Hosiya, “Ka ba ta suna, Lo-Ruhama, gama ba zan ƙara nuna wa gidan Isra’ila ƙauna ba, har da zan gafarta musu.
Goomer amma illee ulfooftee intala deesse. Waaqayyo Hooseʼaatiin akkana jedhe; “Sababii ani isaaniif araaramuu fi siʼachis mana Israaʼeliif garaa hin laafneef Loo-Ruhaamaa jedhii ishee moggaasi.
7 Duk da haka zan nuna ƙauna ga gidan Yahuda; zan kuma cece su, ba da baka, takobi ko yaƙi ba, ko ta wurin dawakai, ko masu hawan dawakai ba, sai ko ta wurin Ubangiji Allahnsu.”
Taʼus ani mana Yihuudaatiif garaa nan laafa; ani xiyyaan yookaan goraadeedhaan yookaan waraanaan yookaan fardeeniin yookaan abbootii fardaatiin isaan hin oolchu; garuu ani Waaqayyo Waaqni isaanii isaan nan oolcha.”
8 Bayan ta yaye Lo-Ruhama, sai Gomer ta sāke haifi wani ɗa namiji.
Goomer erga Loo-Ruhaamaa harma guusiftee booddee ulfooftee ilma deesse.
9 Sai Ubangiji ya ce, “Ka ba shi suna Lo-Ammi, gama ku ba mutanena ba ne, ni kuma ba Allahnku ba ne.
Ergasiis Waaqayyo akkana jedhe; “Isin waan saba koo hin taʼinii fi anis Waaqa keessan hin taʼiniif Loo-Amii jedhii isa moggaasi.
10 “Duk da haka Isra’ilawa za su zama kamar yashi a bakin teku, da ba za a iya aunawa ko a ƙirga ba. A inda aka ce musu, ‘Ku ba mutanena ba ne,’ za a kira su ‘’ya’yan Allah mai rai.’
“Taʼus Israaʼel akkuma cirracha qarqara galaanaa kan madaalamuu yookaan hedamuu hin dandaʼamnee taʼa. Isaan iddoodhuma itti, ‘Isin saba koo miti’ isaaniin jedhame sanatti, ‘Ilmaan Waaqa jiraataa’ jedhamanii ni waamamu.
11 Mutanen Yahuda da mutanen Isra’ila za su sāke haɗu su zama ɗaya, za su kuma naɗa shugaba guda su kuma fita daga ƙasar, gama ranar za tă zama mai girma wa Yezireyel.
Guyyaan Yizriʼeel waan guddaa taʼuuf, sabni Yihuudaatii fi sabni Israaʼel deebiʼanii tokko taʼu; isaan hoogganaa tokko muuddatanii biyya sana keessaa ni baʼu.

< Hosiya 1 >